Skip to main content

Bulii jahan shawwaa

🔘 Gaafiif deebii waa'ee soomana bulii 6(jahan), kan ji'a shawwaal.
――――――――――――――――――
① Hukmiin isaa maali?  sunnaa jaalatamaadha.

② buliin jahan kun murtaa'aadhaa? Lakkii buliin kunniin baati shawwaal 29/30 keessaa kan inni hin soomanamne gaafa tokko jedhu sana qofa jechuunis gaafa guyyaa iidaa sana qofa malee buliiwwan hafan kaanniin keessaa jechuunis shawwaal gaafa bulii lamaffa irraa kaasee guyyaa jaha walitti aansees addaan babaasees soomuu ni danda'a. Ammoo osoo booduma iidaatii bulii jahan walitti aanan osoo somane gaariidha.

③ Namni qadaan soomana waajibaa irra jiru ajrii kana saamachuuf yoo dursa buliwwan shawwaal tana soome ni tahaa? Hin ta'u maaf jennaan jechuma rasuulaa (s.a.w) irraayyu hogga kaanu" Namni ramadana soomee ergasii shawwaal hordofsiise..." jedhan. Lammaffaa deeynii kaffaluun dirqama soomanni ramadaan deeynii rabbiiti dursa deeynii kaffalaniit sunnaa itti aansan.

④ Qadaa Soomana dirqamaatiifi soomana shawwaal guyyama tokkotti walitti qabee yoo niyyate ni ta'aa? Hin ta'u niyyaa qadaa'aa fi niyyaa sunnaa walitti qabuun.

⑤ Namni tokko erga fajriin bahee soomana shawwaal kana nan soomana jedhee yoo niyyatte akkami? Soomana sunnaa keessatti yoo namni sun waa hin nyaatin takkaa waan soomana jalaa balleessu hin raawwatin erga biiftuun baate boodas nan soomana jedhee yoo niyyatee soome rakkoo hin qabu. soomana waajibaaf ammoo niyyaan fajrii dura.

⑥Ajriin soomana bulii jahan baatii shawwaala maali? Ajrii gurguddaa qaba, isaan keessaa kan rasuulli s.a.w hadiisaan nuuf ibsan, 
~kan abbaan ayyuub al ansaariin nuuf dabarseen"Ergamaan Rabbii (s.a.w) ni jedhan: "Namni Ramadaana soomee ergasii Shawwaal irraa guyyaa jaha  isa hordofsiise akka waan waggaa guutuu soomee ta'a. Muslimtu gabaase.
~bakka hanqinni waajibaa keessatti  jiru siif guutti: guyyaa qiyaamaa  rabbiin (s.w) wanti jalqaba gabarroottan isaa hisaabuu salaata yoo salaanni wajibaa miizaana hin guutiniif malaa'ikaa isaa ajaja akka sunnaawwan isaa ilaalani bakka hanqina waajibaa sana guuttuuf.

※ mallattoo keeyriin kan kee itti fufiinsa qabaachuu fi soomanni kan kee darbees Yoo rabbiin fedhe sirraa jaalatamuu siif taati.

"Walumaa galatti soomanni bulii jahan ji'a shawwaal kan sadarkaa hedduu fi ajrii guddaa qabu waan ta'eef dhiiras ta'e dubartii namni soomanuu dandenyu haa soomannun dhaamsa keenya".

※Yaa rabbi soomanuu nuuf laaffisi, kan soomnes nurraa qeebali. Aamiin.

∴maddoota website islama kanniin daawwadha: ¹ https://mawdoo3.com/فضل_صيام_6_أيام_من_شوال
² https://binbaz.org.sa/fatwas/12637/لا-يشترط-التتابع-في-صيام-ست-شوال
________
ြၜAl-risala-tube
ြၜGaarommina qalbii.


Comments

Popular posts from this blog

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...
KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Carraa barnoota Amantii (scholarship)

  Koottaa carraa barumsaa (scholarship) yaalla dhaa... Maddi Odeeffannoo ; Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Barattoonni barumsa amantaa barachuu barbaaddan carraa jaami'aa islaamiyyaa ( Islamic University of madinah) kan Madiinaa Al-munawwaraatti argamu ulaagaalee asiin gaditti tarreeffaman yoo kan guuttattan ta'e iyyannoo keessan hidhaa/liinkii asii gaditti maxxanfame seenuun boca(foormii)guutamuu qabu guutuun carraa keessan yaaluu dandeessu. Ulaagaaleen guuttachuu qabdan: 1-paaspoortii(umriin 18 irraa haga 25) 2-woraqaa dhalootaa(odeeffnnoon asirratti guutamu kan paaspoortiitiin wol simachuu qaba) 3-intaraaansii kutaa 12 4-traanskiriiptii (walii gala qabxiilee kutaa 9 irraa hanga 12 tti fiddanii kan ibsu) 5-woraqaa deeggarsaa (Recommendation تزكية) sadii (dhaabbata islaamaa yookaan madrasaa islaamaa yookaan immoo sheekolii bebbeekamo irraa) 6-suuraa gabaabaa tokko (4×6) Jalqaba dookmantiiwwan kanneen iskaan gochuun gara mobaayla yookaan koompiitara keessaniit...