Skip to main content

Posts

Leenji kutaa 2ffaa Waa'ee iimaanaa

Leenji kutaa 2ffaa  Waa'ee iimaanaa Sammubani.com Join us  | Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog SEENSA İIMAANAA-KUTAA 2 Kutaa darbee keessatti iimaanni maal akka ta’e ilaaluf yaalle turre. Hojiin gaariin kamiyyuu fudhatama argachuu fi mataa isaati gaarii jedhamuuf bu’uura (foundation) irratti gadi dhaabbatu isa barbaachisa. Bu’uurri kuni yoo hin jiraatin, hojiin hanga fedhe gaarii haa fakkaatu Rabbiin biratti fudhatama hin argatu.  Bu’uurri kuni yoo jiraate immoo hojiin gaariin hanga feete haa xiqqaattu lafa hin buutu, Rabbiin biratti fudhatama ni argatti. Bu’uura kanaan iimaana jennaan. Gara afaan keenyatti yommuu deebisnu, wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa beeksisan dhugoomsu fi dhugaan itti amanuudha. Iimaanni amanti qofa osoo hin ta’in hojiis kan of keessaa qabuudha. Iimaana qalbii irratti gadi qabsiisun akka muka gaarii lafatti dhaabuti. Akkuma mukni kuni yommuu guddatu firii gaarii kennu, imaannis yommuu qalbii irratti lafa qabatu firiin inni kennu guddaadh...

Seensa waa'ee iimaanaa

  Leenji kutaa 1ffaa  Sammubani.com Join us  | Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog Seensa Imaana "yaada qalbii fi hojii qaamaa" Akka lugaa Arabiffaatti iimaana jechuun tasdiiq (dhugoomsu) fi dhugaan amanuudha.  Akka shari’aatti immoo imaanni dubbii qalbii fi arrabaa, hojii qalbii fi qaamaa kan of keessatti hammateedha. Dubbii qalbii yommuu jennu wanta Rabbiin beeksise dhugoomsu fi dhugaan itti amanuudha.  Fakkeenyaf, Jireenya fi tokkichummaa Rabbitti amanuu, Qiyaamatti amanuu fi kkf. Hojii qalbii yommuu jennu immoo kanneen akka jaallachuu, iklaasa qabaachu (niyyaan Rabbiif ta’uu), obsuu, Rabbiin irratti hirkachuu, galata galchuu, sodaachu fi kkf.  Dubbii arrabaa jechuun immoo wanta qalbiin amanan labsuu, dubbachuu, itti waamu fi eegudha. Fakkeenyaf, ash’hadu an laa ilaah ila Allah wa ash’hadu anna Muhammadan rasuulullah jedhanii ragaa bahuu fi namoota itti waamu, zikrii gochuu fi kkf. Hojii qaamaa  yommuu jennu immoo kanneen akka salaataa, ...

Gufuwwan Istiqaama

  Leenji kutaa 2ffaa Sammubani.com Join us  | Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog Gufuwwan Istiqaama Istiqaaman dhaabbannaa lama qaba. Dhaabbannaan tokkoffaan As-sadaad (karaa qajeela irratti qajeela ta’uu, gadi dhaabbachuu).  Dhaabbannaan lamaffaan immoo al-muqaaraba (karaa qajeelatti dhiyaachu). Namtichi dhaabbannaa lamaan kanniin irraa gorraan ykn jallanaan, ni hoonga’a. Dhaabbanna kanniin lamaan ibsuuf fakkeenya kana fudhachuu dandeenya.  Akkuma fakkii armaan olii irratti mul’atu, namni yommuu tuqaa barbaade waraanuf xiyya itti alaameefatu (darbatu) takkaa tuqaa boora barbaade san waraanu qaba (as-sadaad) takkaa immoo tuqaa sanatti dhiyaachu qaba (al-muqaaraba). Kana jechuun takkaa hojii hojjatu, dubbii dubbatu keessatti sirrii ta’uu (Tuqaa alaamaa rukutu).  Takkaa immoo hojii hojjatu fi dubbii dubbatu keessatti sirrii (correct) ta’uuf tattaafachu ( tuqatti dhiyaachu ). Kanniin lamaan keessaa yoo baye daangaa darbee ykn kaayyoo ofitirraa gore jed...

Istiqaamaa

Maalummaa istiqaamaa  Leenji kutaa 1ffaa Sammubani.com Join us  | Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog ISTIQAAMA “Istiqaama jechuun namni tokko haala Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ajajetti shari’aa Rabbii irratti gadi dhaabbachuu f ihordofuudha  Kuni immoo iklaasan (Rabbiif qulqulleessun) kan durfame ta’uu qaba.” Ibn Rajab waa’ee Istiqaama ilaalchisee akkana jedha: Istiqaama jechuun karaa qajeelaa fi sirrii amantii Islaamaa osoo bitaa mirga hin gorin hordofuudha. Gochoota Rabbiif ajajamuu keessaa fi alaa kan of keessatti hammateedha. Haaluma wal-fakkaatun gochoota dhowwaman hunda dhiisu ykn irraa fagaachu kan of keessatti qabateedha.” Gabaabumatti Istiqaama jechuun karaa qajeelaa fi haqaa Islaamaa irratti gadi dhaabbachuu fi itti fufuudha. Gadi dhaabbannaan kuni immoo kan ta’uu yoo wantoota itti ajajaman hojjatanii fi wantoota irraa dhowwaman dhiisanii fi irraa fagaatan qofaadha. Karaa biraatin namni tokko Islaama irratti gadi dhaabbate (Istiqaama qaba) yommu...