Skip to main content

Leenji kutaa 2ffaa Waa'ee iimaanaa


Leenji kutaa 2ffaa  Waa'ee iimaanaa


Sammubani.com Join us  | Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog


SEENSA İIMAANAA-KUTAA 2


Kutaa darbee keessatti iimaanni maal akka ta’e ilaaluf yaalle turre. Hojiin gaariin kamiyyuu fudhatama argachuu fi mataa isaati gaarii jedhamuuf bu’uura (foundation) irratti gadi dhaabbatu isa barbaachisa. Bu’uurri kuni yoo hin jiraatin, hojiin hanga fedhe gaarii haa fakkaatu Rabbiin biratti fudhatama hin argatu. 


Bu’uurri kuni yoo jiraate immoo hojiin gaariin hanga feete haa xiqqaattu lafa hin buutu, Rabbiin biratti fudhatama ni argatti. Bu’uura kanaan iimaana jennaan. Gara afaan keenyatti yommuu deebisnu, wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa beeksisan dhugoomsu fi dhugaan itti amanuudha. Iimaanni amanti qofa osoo hin ta’in hojiis kan of keessaa qabuudha.


Iimaana qalbii irratti gadi qabsiisun akka muka gaarii lafatti dhaabuti. Akkuma mukni kuni yommuu guddatu firii gaarii kennu, imaannis yommuu qalbii irratti lafa qabatu firiin inni kennu guddaadha. 


Fakkeenyaf, abbichaaf nageenya fi tasgabbii, fuulaf ifa, hojii gaggaarii hojjachuu fi kkf kennaaf. Kanaafi, bu’uura jireenyaa kan ta’e iimaana dabalachuun wanta ilmi namaa kamu hawwuu fi galmaan gahuu qabuudha. Iimaana dabalachuu yommuu jennu shakkii qalbii irraa haaqu fi yaqiina (mirkaneefannaa) dabalachuudha. Iimaana keenya dabalachuuf mee kutaa darbee irraa adeemsa keenya itti haa fuufnu.


Akkuma yeroo darbe jenne iimaanni yeroo baay’ee wanta geeybi waliin kan wal qabateedha. Tolee! Dandeetti qaamolee miiraa irratti hundaa’e addunyaa bakka lamatti qoodu dandeenya. Isaaniis: Aalamul shahaadah fi Aalamul Gheeyb. Kana jechuun maal jechuudhaa?


Aalamul shahaadah (addunyaa mul’ataa)– wantoonni adduunyaa keessatti argaman kanneen qaamoleen miiraa keenya dhaqqabuu danda’an aalamul shahaadah (addunyaa mul’ataa) jennaan. Jiraachu wantoota kanniini eenyullee hin shakku nama qaamolee miira gate malee. Fakkeenyaf, dachii, aduu, ji’a, ilma namaa fi kkf. Qaamolee miira shanan keenyan wantoota kanniin beeku fi hubachuu dandeenya.


Aalamul Gheeyb (addunyaa hin mul’anne)– jechuun immoo wantoota qaamoleen miira keenya dhaqqabuu hin dandeenyadha. Ijaan arguu hin dandeenyu, gurraan dhagahu hin dandeenyu. Wantoonni geeybi (hin mul’anne) kunniin dhugaan kan jiranii fi jiraachu isaanitti haqaan kan amannuudha. Fakkeenyaf, ruuhin (soul) iccitii jireenya ilma namaati.


 Ruuhin yoo baate ilmi namaa ni du’a. Ruuhi tana ijaan arguu dandeenyaa? Maal akka taate fi suuran ishii maal akka fakkaattu sammuu keenyan hubachuu dandeenyaa? Hin dandeenyu. Garuu jiraachu ishiitti ni amanna. Akkamitti? Asaara (mallatoon) beekna. Fakkeenyaf, oli gadi socho’uun ruuhin nu keessa jiraachu argiisisa. Yommuu duunu ruuhin nu keessa akka hin jirre agarsiisa.


Kanaafu, ragaan sammuu ykn miirri uumamaan ilma namaa keessa jiru jiraachu wanta geeybi ni agarsiisa. Namni wanti hin mul’anne kuni ifaan ifatti akka jiru ni amana.Garuu haqiiqan (dhugaan) wanti ijaan hin mul’anne suni maal akka ta’ee fi maal akka fakkaatu sammuun bira gahuu hin danda’u.



Wahyii (Revelation)– Karaa geeybi ittiin beekaniidha


Wahyii jechuun-Jecha ykn ergaa Rabbiin Ergamtoota Isaa irratti buusudha. Fakkeenyaf Qur’aanni wahyiidha (Ergaa Rabbiin Nabii Muhammad (SAW) irratti buusedha).


Sammuun keenya wantoota geeybi bira gahuu akka hin dandeenye amannee jirra. Wantoonni geeybi kunniin karaa biraatin beekuf yoo hin tattaafatin osoo hin beekkamin hafu. Kuni immoo dhimmi namootaa fi addunyaa akka jeeqamu taasisa. Karaan wantoota geeybi ittiin beekan karaa wahyitiin. Sababni isaas, wanta mul’atu fi hin mul’anne hunda kan beeku Rabbiin qofa. Kanaafu, wanta geeybi (hin mul’anne) beekuf Rabbiin irraa odeefannoo muraasa argachuun karaa nama baasudha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) odeefannoo geeybi muraasa isaa ilma namaa hunda irratti hin buusu. Garuu isaan keessaa namoota filatamoo fi qulqulluu ta’an irratti buusa. Namoonni qulqulluun kunniniis Ergamtoota Isaa ta’u. Ergamtoonni kunniin ergaa Rabbiin isaanitti buuse homaa osoo hin hanqisiinii fi itti hin dabalin ilma namaatti geessu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha: 


عَٰلِمُ ٱلۡغَيۡبِ فَلَا يُظۡهِرُ عَلَىٰ غَيۡبِهِۦٓ أَحَدًا


“Rabbiin Beekaa geeybiti; geeybi Isaa eenyuttillee hin beeksisuu.


إِلَّا مَنِ ٱرۡتَضَىٰ مِن رَّسُولٍ فَإِنَّهُۥ يَسۡلُكُ مِنۢ بَيۡنِ يَدَيۡهِ وَمِنۡ خَلۡفِهِۦ رَصَدًا


Ergamaa irraa nama jaallate malee [nama biraatti hin beeksisu]. Inni fuundura isaatii fi duuba isaatiin eegdota (malaaykota) godhaaf.


لِّيَعۡلَمَ أَن قَدۡ أَبۡلَغُوا۟ رِسَٰلَٰتِ رَبِّهِمۡ وَأَحَاطَ بِمَا لَدَيۡهِمۡ وَأَحۡصَىٰ كُلَّ شَىۡءٍ عَدَدًۢا



Ergaawwan Gooftaa isaanii dhugumatti [namootatti] geessu isaanii ifa baasuf [eegdota (malaykota) duraa duuban kaa’e]; Inni (Rabbiin) wanta isaan bira jiru hunda kan marsee fi lakkoofsan wanta hundaa walitti kan qabeedha.” (Suuratu al-Jinn 72:26-28)


Ergamtootatti sheyxaanni akka itti hin dhiyaanne, Rabbiin Malaaykota duraa duuban eegdota gochuun kaa’e. Ergamtoonni Rabbii ergaa Gooftaa isaanii osoo homaa irraa hin hir’isinii fi itti hin dabalin ilma namaatti akka geessan Rabbiin gara hundaan isaan eege. Wanta Ergamtoonni dubbatan, yaadan, hojjatan, ifa baasanii fi dhoksan hunda ni beeka.


Kanaafu, Ergamtoota kanniin dhugummaa, qulqullummaa, amanamummaa fi Rabbiin irraa mu’jizaan (raajiin) gargaaramu isaanii erga beekne booda, wanta isaan fidanitti amanuu fi hordofuu irraa wanti nu dhoowwu tokkollee hin jiru.


Karaa wahyitiin wanta nu bira gaheetti amantii dhugaa erga amanne booda, ergaa Rasuulli (SAW) nutti dabarse irratti dhaabbatu qabna. Daangaa darbuun ragaa malee sammuu keenyan itti taphachuu hin qabnu.



Wanta darbe yommuu guduunfinu:


1.Sammuun keenya haala amma irratti uumame irratti hundaa’un wanta geeybi (hin mul’anne) hubachuu waan hin dandeenyef, kana hubachuuf wahyii isa barbaachisa. Fakkeenyaf sifaata (amaloota) Rabbii beekuf wahyii nu barbaachisa. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) Arshii ol ta’uu karaa wahyiitiin beekna. Jannataa fi Jahannam jiraachu karaa wahyitiin beekna. Guyyaa Qiyaamaa maal akka adeemsifamu Qur’aana Rabbiin buuse keessatti arganna.


2.Qabiyyee wahyii irratti dhaabbachuun nurratti dirqama. Fakkeenyaf, amaloota Rabbii osoo homattu hin fakkeessin, osoo hiika isaa hin micciriin ykn osoo hin mormiin akkuma Qur’aana fi Hadiisa sahiiha keessatti dhufe fudhachuudha.


Qur’aana Keessatti qoodamiinsa addunyaa

Qur’aanni Aalamul Gheyb fi Aalamul shahaada jechuun addunyaa bakka lamatti qooda.

Fakkeenyaf: Rabbiin Qur’aaana keessatti ni jedha,


ٱللَّهُ يَعۡلَمُ مَا تَحۡمِلُ كُلُّ أُنثَىٰ وَمَا تَغِيضُ ٱلۡأَرۡحَامُ وَمَا تَزۡدَادُۖ وَكُلُّ شَىۡءٍ عِندَهُۥ بِمِقۡدَارٍ


“Rabbiin waan dhaltuun hundi baattu, waan gadaamessi hir’isuu fi dabalu ni beeka. Wanti hunduu Isa biratti hanga murtaa’adhaanii.


عَٰلِمُ ٱلۡغَيۡبِ وَٱلشَّهَٰدَةِ ٱلۡكَبِيرُ ٱلۡمُتَعَالِ


[Rabbiin] Beekaa waan geeybi (hin mul’annee) fi mul’atuuti. [Inni] Guddaa, Olta’aadha.


سَوَآءٌ مِّنكُم مَّنۡ أَسَرَّ ٱلۡقَوۡلَ وَمَن جَهَرَ بِهِۦ وَمَنۡ هُوَ مُسۡتَخۡفٍۭ بِٱلَّيۡلِ وَسَارِبٌۢ بِٱلنَّهَارِ 



Isin irraa namni dubbii dhoksee fi ifa baase, ammas namni halkan dhokatee fi guyyaa ifatti bahe [Isa biratti] waluma qixa.” Suuratu ar-Ra’ad 13:8-10


هُوَ ٱللَّهُ ٱلَّذِى لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ عَٰلِمُ ٱلۡغَيۡبِ وَٱلشَّهَٰدَةِۖ هُوَ ٱلرَّحۡمَٰنُ ٱلرَّحِيمُ


“Inni Allah, gabbaramaan dhugaa Isa malee Kan hin jirreedha, Beekaa geeybii fi wanta mul’atuuti. Inni akkaan rahmata godhaa, akkaan mararfataadha.” Suuratu Al-Hashr 59:22


Geeybii Rabbiin qofti beeku 


Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Ergamtoota Isaatti geeybi hunda hin beeksisne. Dhimmoota geeybi (hin mul’anne) irraa muraasa isaanii Ergamtootatti beeksise. Geeybi Rabbiin qofti beeku dachii fi samii keessatti eenyullee beeku hin danda’u. Fakkeenyaf Guyyaan Qiyaamaa yoom akka dhaabbattu Rabbiin malee eenyullee hin beeku. Rabbiin Olta’aan Qulqullaa’e ni jedha:


قُل لَّا يَعۡلَمُ مَن فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ ٱلۡغَيۡبَ إِلَّا ٱللَّهُۚ وَمَا يَشۡعُرُونَ أَيَّانَ يُبۡعَثُونَ


27:65

Jedhi, “Samii fi dachii keessa kan jiru hundi geeybi hin beeku; garuu Rabbiin ni beeka. Yoom akka kaafamaniis hin beekan.” (Suuratu An-Naml 27:65)



Guduunfaa


✔Kanaafu dandeetti qaamolee miiraa irratti hundaa’un addunyaan nu marsee jiruu fi wantoonni sami ol jiran bakka lamatti qoodamu. Isaanis: Addunyaa mul’atu fi addunyaa hin mul’anne (geeybi)dha.


1.Aalamul shahaadah (Addunyaa mul’atu)– wantoota qaamolee miiraa keenyan arguu, beeku fi hubachuu dandeenyudha. Wanti qaamolee miran hubannu kunniin baay’ee xiqqoodha. Akka lafa xiqqoo (odola) galaana jidduu jirtuuti.


2.Aalamul geeyb (addunyaa hin mul’anne)– wanta qaamoleen miira keenya bira gahuu hin dandeenyedhe. Fakkeenyaf, ijaan arguu hin dandeenyu. Wantoonni qaamoleen miiraa keenya hubachuu hin dandeenye akka galaanaa baay’ee guddaadha.


✔ Qaamoleen miiraa keenya addunyaa hin mul’anne (geeybi) akkam akka jiru hubachuu hin danda’an. Garuu jiraachu isaa karaa adda addaatin ni beekna, itti amanna. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jiraachu, ilmi namaa guutun ni amana, namoota muraasa uumamni isaanii bade malee. Rabbiin Guddaan jiraachu kan beeknu, karaa mallattoolee fi wahyitiini. Wantoonni addunyaa keessatti arginu hundi gara Khaaliqa (Uumaa) akeeku. Akkasumas, kitaabban Inni buuse sifaata (amaloota) Isaa nutti himu.

✔ Kanaafu, namni tokko addunyaa mul’atu malee addunyaan biraa hin jiru yoo jedhe, of gowwoomsaa jiraa jechuudha. Fakkeenyaf, “wanta samii ol jiru nutti himi” osoo jenneeni, nutti himuu danda’aa?


✔ Wahyiin ergaa ykn jecha Rabbiin Ergamtoota Isaa irratti buusedha. Fakkeenyaf, Qur’aanni wahyiidha. Wahyiin karaa wantoota geeybi ittiin beekaniidha. Kanaafi akkuma namni Qur’aana qo’atuun imaanni isaa dabala.

✔Iimaanni namaa guutuu kan ta’uu wantoota geeybi Rabbiin karaa wahyitiin beeksisetti shakkii tokko malee yoo amaneedha.


✔Namni wanta geeybi sammuu isaa qofaan “akkana jira, akkana jira” jedhee dubbachuun isarra hin jiru. Yoo akkas godhe, kijiba dubbachuun yakka guddaa hojjataa jira. Wanta karaa wahyitiin nama gahee qofa irratti dhaabbachu qaba.

------------------------------------------------


Alhamdulillaah kutaa kana kanumaan goolbna.


Kutaa 1ffaa dabre argachuuf. 

Comments

Popular posts from this blog

KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...

BOQONNAA SAMMUU (PEACE OF MIND)

Al-risala-tube Sammuun qamoole ilmaa namaa keessaa akka motoraa ta’uun ilma nama sochoossa. Eessaa ka’ee garam akka deemu itti akeeka. Sammuun buqqee cimaan marfamuun miidhaa garagaraa irraa tikfama.  Osoo miidhan qaama kan akka rukutta gonkumaa isa dhaqabuyyu baate miidhaan garagaraa karaa adda addaatin ni dhaqqaba. Kana keessa dhiphinna,yaaddo,aarii,lola fi kkf dha. Miidhaa kanniinif akka hin saaxilamne sammuun kunuunsa addaa isa barbaachisa. Miidhaawwan kanaan takka miidhamnaan dawaa argachuun ni ulfaata. Akkuma qaamonni biroo hojii humnaa hojjatanii dadhaban sammuunis ni dadhaba,boqonna isa barbaachisa. Sammuun karaa adda addaatin boqonnaa ni dhaba,ni hadooda,gammachu dhaba. Namoonni baay’een yeroo ammaa dhukkuba qaamatiin kan miidhaman osoo hin taane dhukkuba sammuutin reebamaa jiru.  Dhiphinna sammuu kanarraa of baraaruuf dhagaan isaan hin fonqolchinee hin jiru. Furmaata yoo dhaban murtoon isaani inni dhumaa fi inni dhumaa of ajjeessudha jedhanii yaadu. Of ajjeessun dhuk...