Skip to main content

Posts

Towbaa kutaa 6ffaa

    Toowbaa   Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Toowbaa Kutaa 6ffaa. Sammubani.com irraa Join us| Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog Mallattoolee Nama Dhugaan Tawbatee  Namni jireenya ofii tawbaan jijjiruuf erga murteessee fi hojitti seenee booda mallattooleen jijjiramaa isarraa mul’ataa adeemu. Ji’oota muraasa keessatti mallatooleen armaan gadii irraa mul’atu.  Garuu namni, “Tawbadhee jira” jedhee mallattoleen kunniin yoo isarraa hin mul’atin, tawbah isaa keessa rakkotu jiraa jechuudha. Kanaafu, tawbah ofii qulqulleessuuf tattaafachu qaba.  Arraba qofaan “Tawbadhe” jechuun mallattoo tawbaa hin ta’u. Wanta tokko hojiin yoo hin mirkaneessin arraba qofaan dubbachuun gahaa ni ta’aa? Nama dhugaan tawbate irraa mallatooleen armaan gadi ni mul’atu: 1-Zanbii (badii) irraa buqqa’uu-namni dhugaan tawbate, akka nama uffatarraa xurii qulqulleesseti. Uffata bishaan keessatti cuubee yoo xurii irraa hin baasin, uffata qulqulleesse ni jedhama? Haaluma kanaan, na...

Toowbaa kutaa 5ffaa

    Toowbaa   Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Toowbaa Kutaa 5ffaa. Sammubani.com irraa Join us| Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog Tawbachuuf wantoota nama gargaran   Tarii namni yeroo dheeraaf jireenyaa ofii badii keessatti dabarsuu danda’a. Hadhaa fi gadda badiin namatti fiduu yommuu hubatu, gara Mawlaa Isaa deebi’uun nama qulqulluu fi kabajamaa ta’uuf carraaqa. Carraaqqi kana keessatti gufuuwwan baay’een isa muudatu. Kanaafu, namni tawbachuun jijjirama barbaadu wantoota tawbachuuf isa gargaaran itti akeekuun faaydaa guddaa qaba.  Wantoota Tawbachuuf nama gargaaraan haala armaan gadiitiin tarreessun ni danda’ama: 1-Qur’aana barachuu fi qo’achuuf tattaafachuu Dhugumatti gara Qur’aanaa deebi’anii barachuu fi itti xinxalluuf carraaqun tawbachuuf jabeenya fi humna guddaa namaaf ta’a. Sababni isaas, Qur’aanni wantoota sadii gurgudda kan of keessatti qabateedha. 1ffaa – Wantoota gaggaarii namni hojjachuu qabuu fi wantoota badaa dhiisu qabu namaaf ibsuun ...

Toowbaa kutaa 4ffaa

Join us| Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog Namni erga tawbatee hojii kam irraa jalqabu qaba?  Deebiin isaa haala armaan gadiitiin ta’a:   1-Salaata Namni shirkii, kufrii fi badii biroo irraa tawbachuun gara Rabbii erga deebi’ee, hojiin jalqabaa inni hojjatu salaata. Sababni isaas, salaanni karaa hundarra gaarii gabrichi Gooftaa isaa itti qunnamuudha. Akkasumas, salaanni faaru Rabbii, gargaarsa kadhachuu, istighfaara, qajeelinna kadhachuu fi du’aayi biroo kan of keessatti qabateedha. Namni erga tawbatee booda salaata shanan dirqama (waajiba) ta’an salaatuf ni carraaqa.  Kuni karaa qajeelaa irratti akka jabaatu fi badiitti akka hin deebine isa taasisa. Namni salaata dirqamaa erga salaatee booda salaata sunnaah ykn nawaafila salaatun tawbaa ofii guutuu danda’a. Salaata nawaafila (dabalataa) keessaa salaanni gaariin salaata halkaniiti. Salaata halkanii yommuu salaatu istighfaara haa baay’isuu. 2-Zikrii fi Du’aayi Baay’isuu Yeroo hundaa Rabbiin yaadachuun baditti...