Skip to main content

Toowbaa kutaa 5ffaa

 


 

Toowbaa

 Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Toowbaa

Kutaa 5ffaa.

Sammubani.com irraa


Join us| Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog


Tawbachuuf wantoota nama gargaran 


Tarii namni yeroo dheeraaf jireenyaa ofii badii keessatti dabarsuu danda’a. Hadhaa fi gadda badiin namatti fiduu yommuu hubatu, gara Mawlaa Isaa deebi’uun nama qulqulluu fi kabajamaa ta’uuf carraaqa. Carraaqqi kana keessatti gufuuwwan baay’een isa muudatu. Kanaafu, namni tawbachuun jijjirama barbaadu wantoota tawbachuuf isa gargaaran itti akeekuun faaydaa guddaa qaba. 


Wantoota Tawbachuuf nama gargaaraan haala armaan gadiitiin tarreessun ni danda’ama:


1-Qur’aana barachuu fi qo’achuuf tattaafachuu

Dhugumatti gara Qur’aanaa deebi’anii barachuu fi itti xinxalluuf carraaqun tawbachuuf jabeenya fi humna guddaa namaaf ta’a. Sababni isaas, Qur’aanni wantoota sadii gurgudda kan of keessatti qabateedha.


1ffaa – Wantoota gaggaarii namni hojjachuu qabuu fi wantoota badaa dhiisu qabu namaaf ibsuun gara daandii haqaatti nama qajeelcha.

2ffaa -Nama wanta gaarii hojjateef mindaan ykn badhaasni bareedaan akka isa eeggatu ni gammachiisa. Kuni immoo hojii gaggaari irratti akka jabaatan nama taasisa.

3ffaa – Nama hojii badaa hojjatu adabbiin cimaan akka isa eeggatu ni akeekachisa. Kuni immoo hojii badaa irraa akka fagaatan nama taasisa. Haala kanaan Qur’aanni ilma namaa daandii gammachuu fi milkaa’innaatti qajeelchuun sadarkaa 1ffaa irratti argama.


Wantoota sadan armaan olii Suuratu Al-Israa keessatti ni arganna:“Dhugumatti, Qur’aanni kuni wanta hundarra haqaa fi qajeeltu taatetti nama qajeelcha. Warroota amananii hojii gaggaarii hojjatan mindaan guddaan akka isaaniif jiru ni gammachiisa. Isaan Aakhiratti hin amanne immoo adaba laalessaa ta’e isaaniif qopheessinee jirra.” Suuratu Al-Israa 17:9-10


Qur’aanni amantii, hojii, dubbii, yaada fi amala hundarra haqaa fi qajeelo ta’anitti nama qajeelcha. Fakkeenyaf amantii irraa yoo fudhanne, wantoota Rabbii gaditti gabbaraman dhiisuun Rabbiin qofa gabbaraa jechuun namoonni Gooftaa tokko qofaaf akka bitaman isaan qajeelcha. Ammas namni fedhii foonii guuttachuu waan barbaaduuf, akka Kiristaanota Moloksummaatti hin ajajne. Namni molokse yoo ta’e fuudha irraa ni dhoowwama. Faallaa kanaa, warroonni Dhiyaa Freedom (Bilisummaa) jechuun fuudhaa heeruma malee akka fedhanitti zinaa akka raawwatan lallabu. Kuni immoo amalli namaa akka baduu fi dhibee garagaraatiif akka saaxilaman nama taasisa. Qur’aanni daandii haqaa fi walakkaa hordofuun, namoonni karaa seera qabeessatin akka wal-fuudhan ni ajaja. Zinaa irraa ni dhoowwa. Kanaafu, namni Qur’aanan qajeele namoota hundarra nama haqaa, guutuu fi qajeelaa ta’a.


Amalli Qur’aanaa inni biraa, namoota dhugaan amanani fi hojii gaggaarii hojjatan ni gammachiisa. Kana jechuun namoota Rabbiitti, Malaykoota Isaatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Qiyaamatti fi Qadaratti amanan, ergasii immoo hojii gaggaarii hojjachuun amanti isaanii mirkaneessan, Qur’aanni badhaasni guddaan akka isaaniif jiru ni beeksisa.


Faallaa kanaa immoo warroota amanuu didan adabbiin garmalee nama dhukkubsuu fi laalessu akka isaaniif jiru ni beeksiisa.

Namni akkuma Qur’aana baratuu fi qo’atuun hiika jireenya tanaa fi maaliif akka jiraatu hubataa adeema. Wanta hojjachuu fi dhiisu qabu bara. Warroota milkaa’anii fi akkamitti akka milkaa’an Qur’aanni akka fakkeenyaatti dhiyeessa. Ammas, warroota badanii fi sababa maaliif akka badan Qur’aanni namaaf ifa godha. Namni kana hunda yommuu ilaalu, daandii qajeelaa filachuun irra deema. Haala kanaan gammachuu abadii (zalaalamii) argata.


Eeti, Namni tokko, “Ani Arabiffa hin beeku, akkamitti Qur’aana hubadha?” Jechuu danda’a. Rakkoo kana karaa lamaan füruun ni danda’ama. 

1ffaa- Qur’aana aliifa irraa jalqabuun barachuuf carraaqu. Ergasii, suuta suuta hiika isaa aalimman naannoo irraa ykn oodiyoo irraa barachuun ni danda’ama. 

2ffaa-Afaan Ingiliffaa fi Arabiffaa gabbifachuun hiikaa fi tafsiira Qur’aanaa dubbisuu. Yeroo amma Tafsiirri Qur’aanaa haala salphaan Arabiffaan, Ingiliffaan, Afaan Oromoo fi afaan birootiin dhiyaachaa jira. Yeroon yeroo teknolojii waan ta’eef kana argachuun nama hin dhibu.

Namni carraa kana hundaa argachuu hin danda’u kan jedhu yoo jiraate immoo sammubani.com irratti barruulee barraa’an keessatti aayata Qur’aana tafsiira garagaraa irraa walitti fiduun haala salphaan ibsuuf carraaqqi irra jirra. In sha Allah namni kanarra fayyadamuun akka jijjiramu abdii qabna.


2-Salaata irratti gadi dhaabbachuu fi jama’aan salaatuuf carraaqu – salaata sirnaan salaatuuf carraaqu fi Jama’atti maxxanuun, badii irraa buqqa’uun gara Rabbii deebi’uuf (tawbachuuf) humna cimaa namaaf ta’a. Sababni isaas, salaanni shanan kan walitti dhiyaatanii fi Rabbiin akka yaadatan waan nama taasisuuf carraa badii itti raawwatan dhiphisa. Ammas, namni salaata salaatun Rabbii Abbaa Humnaa irraa jabeenyaa fi humna argata. Salaata keessatti araaramaa, gargaarsaa fi qajeelcha kadhata. Garuu kana hunda galmaan gahuuf, namni salaata keessatti niyyaa ofii sassaabuuf carraaqu qaba. Qur’aana keessatti:


حَٰفِظُوا۟ عَلَى ٱلصَّلَوَٰتِ وَٱلصَّلَوٰةِ ٱلۡوُسۡطَىٰ وَقُومُوا۟ لِلَّهِ قَٰنِتِينَ


“ Salaata [shanan] irratti keessattuu salaata giddu-galeessaa irratti tiikfadhaa. Ajajamtoota taatanii Rabbiif dhaabbadhaa. ” Suuratu Al-Baqarah 2:238


Rabbiin Olta’aan salaata shanan sirritti akka tiikfatan ajaja. Salaata shanan keessaa keessumattu salaata giddu-galeessaa akka eegan ajaja. Salaanni jiddu-galeessa salaata Asriiti. Salaata tiikfachuu jechuun: waqtii, sharxiiwwanii fi arkaana salaataa, kushuu’a fi wantoota salaataaf barbaachisan hunda eegun salaatudha. Salaata tiikfachuun ibaada biroo akka tiikfatanii fi wanta dhoowwaman irraa akka eeggaman nama gargara. “ Ajajamtoota taatanii Rabbiif dhaabbadhaa.” Kana jechuun salaata keessatti gadi of qabdanii, sodaattanii, ajajamtanii fi tasgabbooftanii Rabbiif dhaabbadhaa . Kanaafu, namni yommuu salaatu niyyaa ofii sassaabun xiyyeefannoo guutuu salaata irra gochuuf carraaqu qaba. Yoo inni akkana godhe salaanni isaa bu’aa baay’ee isaaf buusa. Bu’aa kanniin keessaa inni guddaan, wanta badaa fi fokkuutti akka hin kufne ykn hin deebine isa gargaara.


3-Nafsee ofii qorachuu fi herreegu-hanqinna ofii qoratanii sirreessuuf carraaqun wanta milkaa’innatti nama baasudha. Wanta badaa hojjatanii dabarsan ilaalu fi adabbii gara fuunduraatti nama eeggatu itti yaadun, dafanii akka of sirreessan nama kakaasa. Kanaafi, Qur’aana keessatti akkana jedha:


يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ ٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَلۡتَنظُرۡ نَفۡسٌ مَّا قَدَّمَتۡ لِغَدٍۖ وَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَۚ إِنَّ ٱللَّهَ خَبِيرٌۢ بِمَا تَعۡمَلُونَ 


وَلَا تَكُونُوا۟ كَٱلَّذِينَ نَسُوا۟ ٱللَّهَ فَأَنسَىٰهُمۡ أَنفُسَهُمۡۚ أُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡفَٰسِقُونَ


“ Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa. Lubbuun kamuu waan boruuf dabarfatte haa ilaaltu. Ammas Rabbiin sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin waan isin hojjattan hundaa keessa beekadha. Akka warra Rabbiin dagannaan lubbuu isaanii isaan dagachiise hin ta’inaa. Isaan warra finciltootadha. ” Suurat Al-Hashr:18-19


“Yaa warra amanta! Rabbiin sodaadha a.” Kana jechuun wanta Inni itti isin ajajee hojjadhaa, wanta Inni irraa dhoowwe irraa fagaadhaa. “ Lubbuun kamuu waan boruuf dabarfatte haa ilaaltu .” Guyyaa Qiyaamaatiif maal akka dabarfattan ilaalaa. Hojii gaarii azaaba (adabbii) jalaa isin baasu dabarfattan moo hojii badaa azaabatti isin kuffisu dabarfattan? Guyyaan Qorannoo osoo hin dhufin dura of qorachuun of sirreessaa. Kana beekaa, “ Dhugumatti, Rabbiin waan isin hojjattan hundaa keessa beekadha. ” Kana jechuun hojii fi haala keessan hundaa, dhimma keessan guddaa fi xiqqaa, dhokataa fi ifaa Rabbiin akka beeku beekaa. Kanaafu, of eeggadhaa.

 “ Akka warra Rabbiin dagannaan lubbuu isaanii isaan dagachiise hin ta’inaa .” Kana jechuun akka namoota Rabbiif ajajamuu fi Isa yaadachuu dagatan hin ta’inaa. Yommuu namoonni kunniin Rabbiin dagatan, Rabbiis akka lubbuu ofii dagatan isaan taasise. Lubbuu ofii dagachuu karaa baay’een ilaalun ni danda’ama.


1ffaa- Qooda Aakhiraa dagachuu fi Hojii Aakhiratti itti badhaafamanii fi azaaba jalaa itti bahan hojjachuu dhiisu. Namoonni kunniin Mindaa Guddaa Aakhiraa waan dagataniif Guyyaa Qiyaamaa hojii gaggaarii lubbuu ofii itti baraaran hojjachuu ni dhiisan. Kanaafu, wanta ittiin milkaa’anii fi azaaba jalaa ittiin bahan hojjachuu waan dhiisaniif nafsee ofii ni dagatan. “Inni of dagataadha” yommuu jennu, “wanta isa fayyadu hin hojjatu” jechuu keenya. Kanaafu, namoonni kunniin wanta Aakhiratti isaan fayyadu hojjachuu waan dhiisaniif of dagatan. Wanti guddaan Aakhiratti nama fayyadu, iimaana sirrii qabaachu fi hojii gaggaarii ikhlaasan hojjachuudha


2ffaa- Nafsee ofii herreegu fi qorachuu dhiisu- dhibee fi hanqinna nafsee ofii qorachuun fayyisuu fi fooyyessuuf hin tattaafatan. Dhibeen nafsee kan akka shirkii, nifaaqa, of tuulu fi badii adda addaatti taruudha. Fedhii lubbuu jala deemun of fooyyessuu ni dagatan.


Kanaafu, namni nafsee ofii yoo qorate, of fooyyessuuf ni carraaqa. Hojii badaa keessa kan jiru yoo ta’e, badii san irraa buqqa’uun istighfaara fi hojii gaggaariin of dhaqqaba. Sababoota hojii badaa sanitti nama geessan irraas ni fagaata. Hojii gaggaarii yommuu hojjatu immoo hanqinnaa fi ceem’u yoo of keessatti arge, hojii gaggaarii guutee hojjachuuf humna ofii ni baasa, gargaarsa Rabbii isaa ni kadhata.


4-Bakka badiin itti hojjatamuu irraa fagaachu fi dheessu– badiitti taruun akka ibiddatti taruuti. Ibiddi qaama gubbaa guba. Badiin immoo keessa namaa guba. Namni erga ibiddatti taree keessaa bahuuf ni tattaafata. Ta’uu baannan isa gubee fixa. Haaluma kanaan badiis keessaa bahuuf yoo hin tattaafatin keessaa nama gubuun qalbii namaa ajjeesa. Ergasii Guyyaa Murtii ibiddaa keessaa fi ala namaa gubuutti nama geessa. Mee amma ibiddaa fi badii wal bira haa qabnu. Ibiddi guddaan manaa fi naannoo barbaadessu yoo ka’e, namoonni dhaamsu yoo dadhaban ni dheessu. Ta’uu baannan isaan guba. Haaluma kanaan, badiin gurguddaan hawaasa keessatti yoo faca’e namoonni badii kana yoo hin hanbisin ykn irraa hin dheessin, badiin kuni isaan balleessa. Dhibee fi rakkoo garagaraatiif saaxilamu. Ibiddi sababa tokko malee lafaa ol ka’e ofumaan hin qabatu. Kan isa qabsiisuu ykn akka qabatuuf sababa kan ta’u jiraachu qaba. İbiddi qabatee akka qabeenya hin barbadeessinee namoonni wantoota ibidda qabsiisan too’achu qabu. Haaluma kanaan, badiinis kan duubaa facaasutu jira. Kanaafu, namni wantoota badiitti nama oofan yoo hin too’atin badiin jireenya isaa guutuu balleessa. Fakkeenyaf, namoonni warshaa (faabrikaa) keessa hojjatan, balaa ibiddaa hanbisuuf elektrikii fi gaazi sirnaan itti fayyadamu qabu. Ta’uu baannan, elektrikii fi gaazin ibidda qabsiisuun qabeenya barbadeessa. Haaluma wal fakkaatun, namoonni interneeti, Tv, gazeexaa fi kkf sirnaan yoo itti hin fayyadamiin, baditti isaan harkisuun rakkoo cimaatti isaan darba. Namoota meeqatu sababa interneetin wal hiikanii maatii ofii bittineessan. Dargaggoota meeqatu sababa interneetiin gammachuu dhabanii gubachaa jiru. Namni badii irraa tawbatu akka nama ibidda keessaa baheeti. Namni ibidda irraa yoo baraaramee, balaan ibiddaa yommuu ka’uu akka du’utti ibidda irraa dheessa. Haaluma kanaan, namni badii irraa erga tawbatee, bakka badiin itti raawwatamuu fi sababoota itti nama geessan irraa dheessuuf carraaqu qaba. Badii irraa erga tawbatanii booda gara badiitti akka deebi’an kan nama taasisuu guddaan hiriyyoota ykn namoota badii raawwataniidha. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa zaalimtoonni yommuu badii raawwatan isaan waliin akka hin teenne ni dhoowwa: “ Yeroo warra keeyyattoota (Aayaata) keenya keessa seenuun [itti qoosan] argite, hanga isaan dubbii saniin ala kan biraa keessa seenanitti isaan irraa garagali. Yoo sheyxaanni si dagachiise, yaadannoo booda ummata miidhaa raawwattoota (zaalimtoota) waliin hin taa’in .” Suuratu Al-An’aam 6:68 Aayaataa Rabbii keessa seenuun itti qoosun wantoota kanniin hammata: Qur’aana kijibsiisuu fi itti baacu, wanta haqa falleessu dubbachuu, dubbii sobaa miidhagsuu, gara sobaa fi badiitti waamu, warra sobaa faarsu, haqa irraa garagaluu fi namoota haqa hordofan arrabsu. Yommuu kaafiroonni ykn namoonni fedhii qullaa hordofan wantoota armaan olii hojjatan, hanga dubbii biraatti darbanitti Rabbiin akka isaan irraa garagalan Muslimoota ajaja. “Yoo sheyxaanni si dagachiise, yaadannoo booda ummata miidhaa raawwattoota (zaalimtoota) waliin hin taa’in ” Kana jechuun sheyxaanni si dagachiisuun warroota aayaata Keenya keessa seenun itti qoosan waliin yoo teette, erga yaadattee booda isaan waliin hin taa’in. Ajajni kuni warroota sobatti taruun oduu oofan, wantoota dhoowwaman dubbatanii fi hojjatan waliin akka hin teenne kan hammatuudha. Yommuu namoonni dubbii sobaa haasawan ykn baditti nama kakaasuuf wanta haraamaa (dhoowwama) dubbatan ykn badii raawwatan, namtichi badii kanarraa isaan dhoowwu kan hin dandeenye yoo ta’e, isaan waliin taa’u hin qabu. Sababni isaas, namni kuni namoota badii raawwatan waliin yommuu taa’u, isaanitti makamuun baditti kufa. Garuu namni kuni namoota badii raawwatan kanniin wanta gaariitti kan ajajuu fi wanta badaa irraa kan dhoowwu yoo ta’e, isarra homaa rakkoon hin jiru [1] . Kanaafu, bakka badiin itti raawwatamu irraa fagaachun daandii sirrii irratti akka jabaatan nama taasisa. Eeti, jireenya keessatti namoota badii raawwataniin wal ni qunnamna. Garuu yommuu hojii badaa isaaniitti seenan, isaan irraa garagaluun wanta nama baasudha. Ibiddi qabatee mana gubu yommuu jalqabu, ibidda dhaamsu yoo kan dandeenye ta’e, biraa dhaabbachuu wayyaa moo irraa dheessu wayyaa? Haaluma kanaan, namoota sharrii (badii) hojjatan, sharrii isaanii dhoowwu yoo kan dandeenye ta’e, isaan waliin taa’uun adabbitti kufuu wayya moo isaan irraa dheessu wayyaa?


5-Tawbah ofii keessatti dhugaa ta’uu fi ikhlaasa qabaachu – namni dhugaan tawbachuun gara Rabbii yoo deebi’e, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa isa gargaara, isa jabeessa. Qur’aana keessatti: “ Warroota Nuuf (karaa Keenya keessatti) qabsaa’an- dhugumatti karaa Keenyatti ni qajeelchina. Dhugumatti, Rabbiin toltuu hojjattoota waliin jira. ” Suuraa Al-Ankabut 29:69 (Asitti “ Nuuf ” yommuu jedhu, Guddinna agarsiisuufi malee baay’inna agarsiisuufi miti.) “Rabbiin qajeelinna qabsoon wal qabsiise. Namni hundarra qajeelaan nama hundarra qabsaa’aa ta’eedha. Qabsoo keessaa isaan gurguddoon, nafsee ofitti qabsaa’u, fedhii qullaatti qabsaa’u, sheyxaanatti qabsaa’u, diinotatti qabsaa’u fi beekumsa barachuuf qabsaa’udha. Namni Rabbiif jedhee kanniinitti qabsaa’e, Rabbiin karaa Jannatatti nama geessutti isa qajeelcha. Namni qabsoo kana dhiise immoo hanga qabsoo dhiisen, qajeelinni isa jala darba.” Aaya tana ilaalchise, Ibn Abbaas ni jedha: “Nuuf ajajamuu keessatti warroota qabsaa’an, karaa mindaa Keenyatti isaan geessutti ni qajeelchina.” Hayyuun Juneeyd jedhamu akkana jedha: “Namni Rabbiif jedhee fedhii qullaa isaa tawbaan itti qabsaa’e, Rabbiin karaa iklaasatti qajeelcha. Namni diina keessaatti yoo hin qabsaa’in, diina alaatti qabsaa’u hin danda’u. Namni diina keessaa irratti injifannoo argatu, diina alaa irratti injifannoo ni argata. Namni diinni keessaa isa irratti injifannoo argate, diinni alaa isa injifata.” (Diinni keessaa- fedhii qullaa fi sheyxaana). “ Dhugumatti, Rabbiin toltuu hojjattoota waliin jira.” Kana jechuun Rabbiin warroota toltuu hojjatan gargaarun, eegu fi qajeelchuun isaan waliin jira [2] . Kanaafu, namni badii irraa of eeguu fi hojii gaggaarii hojjachuu irratti yoo qabsaa’e, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa karaa qajeelatti ni qajeelcha. Isa gargaara, isa jabeessa. Gargaarsa, jabeenyaa fi qajeelinna Rabbiin irraa kan argatu, Rabbiif jedhee badii irraa yoo of tiiksee fi hojii gaggaarii yoo hojjateedha. Namni badii irraa erga tawbatee, nafsee (lubbuu) ofii wanta hawwitu irraa yoo dhoowwe, xumurri isaa waa tole! Qur’aana keessatti: Namni Gooftaa isaa dura dhaabbachuu sodaate fi lubbuu ofii waan ishiin hawwitu irraa dhoorge, dhugumatti Jannanni bakka qubannaa isaati.” (suurat An-Naazi’aat (79):40-41) 6-Rahmata Rabbii abdachuu; akkasumas, rahmata Isaa irratti hirkachuun badii itti fufuu dhiisu – namoonni baay’een Rabbiin ghafuuru rahiim jechuun badii hojjachuu itti fufu. Eeti, Rabbiin nama tawbatee fi araarama Isa kadhateef ghafuuru rahiim. Nama osoo beeku badii hojjachuu itti fufee fi tawbachuu dide immoo adabbii cimaa adaba. Kanaafi, namoonni rahmata Isaa irraa abdii akka hin kunnee fi adabbi Isaas sodaachu akka qaban, akkana jechuun Qur’aana keessatti dubbata: “ Ani Dhugumatti Anatu araaramaa, rahmataa godhaadha.” jechuun gabroota kiyyatti beeksisi. “Adabbiin Kiyyas isatu adaba laaleessadha. ” [jechuunis itti himi]” Suurat al-Hijr 15:49-50 Kana jechuun Ani Abbaa rahmataa guddaa akka ta’ee fi adabbiin (azaabni) kiyya azaaba cimaa akka ta’e namootatti beeksisi. Rahmanni fi araaramni Rabbii guutuu fi guddaa ta’uu namoonni yoo beekan, wantoota rahmata Isaatti nama geessan hojjachuuf ni carraaqu. Araarama Isaa argachuufis badii irraa buqqa’uun ni tawbatu. Kana waliinu rahmata Isaa abdachuun haala nageenyaa fi idlaalatti kan isaan oofu ta’uu hin qabu. Idlaal (ﺇﺩْﻻﻝ ) jechuun eebalu na jaallata jechuun daangaa isarratti darbuudha. Namoota meeqatu Rabbiin naa jaallata, rahmanni Isaa bal’aadha jechuun daangaa Isaa darbu. Rabbiin namoota akkanaatin ni jedha: “Adabbiin Kiyyas isatu adaba laaleessadha” Kana jechuun adabbiin (azaabni) dhugaan hin jiru adabbii Rabbii malee[3] . Adabbiin Isaa adabbii (azaaba) garmalee cimaa fi guddaa ta’eedha. Kanaafu, namni yommuu rahmataa fi araarama Rabbii ilaalu, abdii isaaf kenna. Yommuu badii fi hanqinna ofii ilaalu, sodaan isa keessatti uumama. Kuni immoo badii irraa akka buqqa’u isa taasisa. Garuu abdii kutuu hin qabu.




Guduunfaa

➠ Namni dhiibbaa adda addaa irraa kan ka’e baditti ni kufa. Garuu badii ofii erga beeke nafsee ofii tawbah fi istighfaaran adabbii jalaa baraaruuf carraaqu danda’a.

➠ Nafsee ofii dhaqqabuuf tawbachuu yommuu barbaadu, gufuuwwan adda addaa isa muudachuu danda’u. Karaalee gufuuwwan kanniin itti kaasu fi humna badii irratti injifannoo itti argatu keessaa:

Qur’aana barachuu fi qo’achuuf tattaafachu.

Salaata sirnaan salaatu fi Jama’atti maxxanuu.

Nafsee ofii qorachuu

➠Tooftaa nafsee ofii itti qoratan keessaa: badii hojjatanii dabarsan itti yaadun tawbachuu, istighfaara baay’isuu fi hojii gaggaarii hojjachuu. Hojii gaggaarii keessatti hanqinna fi ceem’u yoo argan sirreessanii fi guutanii hojjachuuf carraqu, Rabbiin irraa gargaarsa kadhachuu.

➠ Namni ajajaa fi yaadannoo (zikrii) Rabbii dagatu, Aakhiraaf hojjachuu waan dhiiseef lubbuu ofii dagatee jira.

⇰ Akkuma ibiddi gogaa namaa gubuu danda’u badiinis keessa nama guba. Balaa ibiddaa hanbisuuf wanta ibidda qabsiisan akkuma sirnaan itti fayyadamu qaban, wanta baditti nama geessanis sirnaan itti fayyadamuun barbaachisaadha.

⇰ Namni osoo ibiddatti taree nagaha bahee, lamuu akka itti hin deebine sirritti of eeggata. Haaluma kanaan, namni badii irraa tawbatees, baditti akka hin deebineef namoota, hiriyyootaa fi wantoota baditti nama geessan irraa ni fagaata.

⇰ Namoota waliin qunnamuun dirqama yoo ta’e, yommuu isaan waan badaa haasawanii fi hojjatan isaan irraa fagaachun adabbii badii jalaa bahuudha.

⇰ Namni dhugaan yoo tawbatee fi Rabbiif jedhee hojii gaggaarii yoo hojjate, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa karaa qajeelatti isa qajeelcha, isa jabeessa.

⇰ Namni rahmata Rabbii irraa abdii kutuu hin qabu. Akkasumas, rahmata Isaa abdachuu fi adabbii Isaa dagachuun badii keessa turuu hin qabu.

⇰ Rahmata Rabbii kajeelu fi adabbii Isaa sodaachun, koola namni dhugaan amane (mu’minni) daandii qajeelaa irra ittiin balali’uudha.


Alhamdulillaah-kutaan kun kanumaan goolabameera.

Comments

Popular posts from this blog

KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Seenaa rasuulaa kutaa 15

  SEENAA RASUULAA KUTAA 15FFAA AMATA HIJRII 9FFAA IRRAA HANGA Duula TABUUK. Amata Hijrii 9ffaa Amatni Hijiraa 9ffaan ni dhufe. Warri Siiraa amata saniin amata Kheeysummaa (Aamu Al-Wufuud) ja’aniin. Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wasallam amata 9ffaa Hijirii guutuu Isaa Madiinaa taa’ee Kheeysummaa itti dhuftu qeebalaati ture. *** Kheeysummulleen –Jiilli Damiinoota Gosa adda addaa- Islaamummaa Isaanii labsuuf Madiinaa dhufan 60 oli, Barri Hijrii 9ffaan Jiila kheeysummaatiin guuttamaa ture. *** Amata 9ffaa hijiraa kheeysa Jiilli Kheeysummoota Madiinaa dhufan kheeysaa: 1- Gosa Baahilaa 2- Gosa Banii Tamiim 3- Gosa Banii Asad 4- Gosa Bajiilaa fii Ah’mas fii gosoota biraa hedduutu dhufe. *** Ji’a Rajab, bara Hijirii 9ffaa kheeysa Najjaashii As’hamaa mootichi Habashaa du’e. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Salaat Al- Ghaa’ib (salaata nama fagootti du’ee) irratti salaate. *** Jaabir bin Abdullaahi akki ja’u: Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam “Arra nama Saaliha (Gaariitu) du’e, ka’a...
KUTAA 13 ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 13 ƒƒαα  Duula Fat’hii Makkaa  Fathii Makkaa. Baatii Ramadaanaa, Amata Hijirii 8ffaa kheeysa Fat’hiin Makkaa, Injifannoon Islaamaa guddoon argamte. Rabbiin Injifannoo saniin Amantii Isaatii fii Rasuula Isaa sallallaahu aleeyhi wasallam ol fuudhe. *** Sababaan duulli “Ghazwatu Fat’hi Makkaa” (Injifannoo Makkaa) argamteef: Banii Bakrii fii Qureeyshiin wal tahanii gosa Khuzaa’aatan Sulhii Hudeeybiyyaa irratti Rasuula sallallaahi wasallam wajjiin tahuuf wa’ada seente gananii nama 20 irraa ajjeesan.69 *** Amr bin Saalim Al-Khuzaa’ii Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam bira Madiinaa dhufe. Rasuula Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Osuma Masjida kheeysa taa’aa jiru itti ol seenee gubbaa dhaabbate. Ajjeechaa dagutti Qureeyshii fii Banii Bakri Isaan irratti raawwatte itti hime. *** Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Yaa Amr bin Saalim Tumsamte (siifin tumsa)” je’een. Eegasi Makkaa irraa gosti Khuzaa’aa Maanguddoo gama Rasuulaa sallallaahu al...