Skip to main content

Towbaa kutaa 6ffaa


 


 

Toowbaa

 Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Toowbaa

Kutaa 6ffaa.

Sammubani.com irraa


Join us| Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog


Mallattoolee Nama Dhugaan Tawbatee 


Namni jireenya ofii tawbaan jijjiruuf erga murteessee fi hojitti seenee booda mallattooleen jijjiramaa isarraa mul’ataa adeemu. Ji’oota muraasa keessatti mallatooleen armaan gadii irraa mul’atu. 


Garuu namni, “Tawbadhee jira” jedhee mallattoleen kunniin yoo isarraa hin mul’atin, tawbah isaa keessa rakkotu jiraa jechuudha. Kanaafu, tawbah ofii qulqulleessuuf tattaafachu qaba.


 Arraba qofaan “Tawbadhe” jechuun mallattoo tawbaa hin ta’u. Wanta tokko hojiin yoo hin mirkaneessin arraba qofaan dubbachuun gahaa ni ta’aa? Nama dhugaan tawbate irraa mallatooleen armaan gadi ni mul’atu:


1-Zanbii (badii) irraa buqqa’uu-namni dhugaan tawbate, akka nama uffatarraa xurii qulqulleesseti. Uffata bishaan keessatti cuubee yoo xurii irraa hin baasin, uffata qulqulleesse ni jedhama? Haaluma kanaan, namni tawbadhe jedhu, badii hojjatu yoo hin dhiisin, namni kuni tawbate ni jedhamaa?  Namni uffata ofii bishaanii fi saamunaan miicee yoo xurii irraa baase, uffata isaa dhugaan qulqulleesse jedhama. Uffata irraa xurii baasun mallattoo miicamuu uffatichaa agarsiisa. Haaluma kanaan, namni qalbii ofii badii irraa tawbaan erga qulqulleessee booda badii sanitti yoo hin deebi’in, kuni mallattoo dhugaan tawbachuu agarsiisudha. 


Fakkeenyaaf, namni fiilmi saalaa interneetin ykn Tv’in ilaalu, kuni haraamaa fi wanta badaa akka ta’e ni hubata. Ergasii, irraa tawbachuu barbaada. Kanaafu, yoo dhugaan tawbate, fiilmi kana guutumaan guututti ilaalu ni dhiisa. Qalbiin isaa akka qulqullooftuuf Rabbiin irraa araarama kadhata. Wanta badaa ilaalaa ture san ni jibba. Lamuu akka itti hin deebine ijjannoo qabaata. Haala kanaan xurii cubbuu (dilii) ofirraa qulqulleessa.


2-Wanta balleesse fooyyessuu -tawbachuun of fooyyessuu waan ta’eef namni tawbadhe jedhu wanta balleesse ni fooyyeessa. Balleessaan inni hojjate isaa fi Rabbii isaa jidduu yoo ta’e, wanta Rabbiin itti ajajee hojjachuu fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiisun, hojii ofii fooyyeessa. Gara biraatiin balleessaan inni hojjate, isaa fi namoota jidduu yoo ta’e, haqa isaanii deebisuun ykn dhiifama isaan gaafachuun ni fooyyessa. Haala kanaan, jireenya isaa jijjira. 

Rabbiin ni jedha: 


فَمَن تَابَ مِنۢ بَعۡدِ ظُلۡمِهِۦ وَأَصۡلَحَ فَإِنَّ ٱللَّهَ يَتُوبُ عَلَيۡهِۗ إِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٌ رَّحِيمٌ


“Namni miidhaa raawwachuu isaa booda tawbatee fi [hojii isaa] fooyyesse, dhugumatti Rabbiin tawbaa isaa irraa qeebala. Rabbiin akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaadha.” Suura Al-Maa’ida 5:39 


Kana jechuun namni miidhaa (zulmii) erga hojjate booda tawbatee (badii irraa buqqa’uun gara Rabbii deebi’e) fi hojii isaa fooyyesse, Rabbiin ni araaramaaf. Hojii fooyyessuu jechuun hojii gaggaarii hojjachuu fi haqa namootaa deebisuufi ykn dhiifama isaan gaafachudha. Fakkeenyaaf, namni hate, wanta hate san abbaaf deebisuu qaba. Yoo abbaa dhabe, fira namtichaatiif deebisuu. Yoo abbaas firas dhabe, sadaqaa kennuudha.


Gaafa tokko namtichi tokko gara dubartii ibaadaan beekkamte Raabi’a bint Ismaa’il Al-Adawiyyah dhufuun akkana jedheen, “Ani badii baay’ee hojjadhee jira. Yoo tawbadhe, Rabbiin tawbaa kiyya narraa qeebala jettee ni yaaddaa?” Ishiinis ni jetteen, “Ee badii kee! Namoota Isarraa garagalan akkamitti gara ofiitti akka waamu sila hin agartuu? Namoota gara Isaatti deebi’an akkamitti tawbaa isaanii irraa hin qeeballee?"

Kanaafu, namni hanga fedhe badii yoo hojjate, dhugaan yoo tawbate, Rabbiin tawbaa isaa irraa qeebala, isaaf ni araarama. Dhugaan tawbachuu isaa mallattoolee agarsiisan keessaa tokko, wanta balleesse fooyyessuudha.


3-Tawbaan booda haalli isaa haala duraa caalaa gaarii ta’uu– kuni mallattoo guddaa mallattoo tawbaa agarsiisuudha. Tarii namni badii baay’ee hojjachaa ture erga tawbate booda kabajaa fi sadarkaa ol’aanaa irra gahuu danda’a. Kuni galma kan gahuu akkuma badii ofii beeken yoo dafee tawbateedha. Namni erga tawbatee booda, amalli, hojii fi haalli isaa kan duraa caalaa yoo tole, dhugaan tawbate jedhama. Fakkeenyaf, namni hin salaanne fi badii adda addaa hojjatu yoo tawbate, dhugaan tawbachuu isaa kan beekan: salaata sirnaan yoo salaate, hojii badaa yoo dhiise, hojii gaggaarii yoo hojjate, amalaa fi adeemsa isaa yoo miidhagseedha. Tawbadhe jedhee wantoonni armaan olii yoo irraa hin mul’atin tawbaan isaa tawbaa sobaa ta’aa jechuudha. Eeti, halkan tokkoon haala fi amala ofii sirreessun ni ulfaata. Garuu tarkaanfi tarkaanfin yoo itti deeme, haalli fi amalli isaa ni tola.


4- Wanta badaa hojjatee fi wanta gaarii dhiiseef gaabbu, khaatimaa (xumura) badaa sodaachuu– namni akkuma badii ofii yaadatuun, “Maal ta’ee hojjadhe? Yaa Rabbii naaf araarami” jedhee akkuma gaabbuun, tawbaan isaa tawba dhugaa ta’a. 

Namoota gaggaarii darban keessaa namni Shaqiiq jedhamu akkana jedha, “Hoji badaa darbeef booyun, badiitti lamuu deebi’u sodaachuun, warroota badii hojjatan irraa baqachuu fi warroota hojii gaggaarii hojjatanitti maxxanuun mallattoolee tawbaa dhugaati.”


5-Yeroo hundaa du’a yaadachuu- namni dhugaan tawbatu, duuti yoom akka itti dhuftu waan hin beeknef dafee hojii gaggaarii hojjata. Du’a ofirratti eegaa wanta duraan balleesse foyyeessuuf yeroo isaa saamata. 

6-Rabbii fi Ergamaa Isaa jaallachuu, akkasumas warroota amanan jaallachuu fi hojii gaggaarii hojjachuu- 

Namni haqa irraa yoo garagalee fi baditti lixe, haqa ni jibba. Garuu erga tawbatee booda haqa jaallachuu eegala. Kanaafu, mallattoolee tawban isaa dhugaa ta’uu agarsiisan keessaa tokko haqaa fi warroota haqa irra jiran jaallachuudha.


Sadarkaalee Namoota Tawbatanii


Namoonni badii irraa erga tawbatanii jireenyaa ofii jijjiruuf ni carraaqu. Gariin isaanii tawbachuun hanga du’aa karaa qajeelaa qabatu. Gariin isaanii badii fi tawbaa jidduu deddeebi’u. Gariin immoo guutumaan guututti baditti deebi’u danda’u. Mee sadarkaalee namoota tawbatanii haala armaan gadiitiin haa ilaallu: 


Sadarkaa 1ffaa: namoonni sadarkaa kanaa namoota hanga du’aa tawbaa irraa turanii fi gara badii deebi’uuf nafsee ofitti kanneen hin hasaasnedha. Erga badii irraa buqqa’anii fi gara Rabbii deebi’anii booda hanga du’aa karaa qajeelaa qabachuun du’u. Warroonni kunniin warroota nafseen isaanii tasgabbooftu (muxma’inna) taatedha. Sadarkaa tawbaa ol’aanun warra ibsamaniidha. Sababni isaas, karaa qajeelaa irra deeman, wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiisun ajaja Isaatti ni bulan. Badii fi amala Rabbiin isaanirraa hin jaalanne irraa of qulqulleessan. Kuni sadarka ol’aanaa warroota tawbataniiti.


Sadarkaa 2ffaa: Warroonni kunniin warroota karaa qajeelaa irra deemanii fi jireenya isaanii guutuu tawbaa qabataniidha. Garuu hamtuu nafseen isaanii isaaniif miidhagsitu irraa addaan bahuun itti ulfaata. Niyyatanii fi xiyyeefanoon osoo hin ta’in, dhiibbaa nafsee ofii jalatti kufaniiti. Akkuma badii hojjataniin, nafsee ofii ni ajiifatu (ni waqqasu), ijjannoo isaanii ni haaromsuu. “Maaliif hojjadhe?” jechuun sharrii irratti ni gaabbu. “Maaliif hojii gaggaarii hin baay’isne?” jechuun wanta gaarii isaan jala darbeef ni gaabbu. Kuni sadarka warra tawbatanii ol’aanaadha, garuu sadarkaa 1ffaadhaa gadi. Haalli warroota tawbatanii baay’een kana.


Sadarkaa 3ffaa: warroonni kunniin warroota yeroo muraasaaf tawbaa irra turanii fi ergasii gara badii deebi’aniidha. Fedhiin lubbuu isaanii isaan injifachuun hojii gaarii fi hojii badaa walitti maku. Garuu kana waliinu hojii gaarii dhiisaniif of waqqasu, hojii badaa hojjataniif ni gaabbu. Injifannoo nafsee ofii jalatti kufu. Haa ta’u malee, tawbah gara fuunduraatti dabarsuu fi hawwii dheeressuun isaan gowwoomsa. “Gara fuunduraatti ni tawbadha, umriin kiyya dheeraadha.” Jechuun of gowwoomsu. Warri kunniin qarree (qarqara) balaa guddaa qabu irra jiru. Sababni isaas, osoo hin tawbatin duuti isaanitti dhufuun yeroon umrii isaanii dhumachu danda’a. Ergasii gaabbi faaydi hin qabne gaabbu.


Sadarkaa 4ffaa: Warroonni kunniin warroota yeroo muraasaaf tawbaa irra turanii ergasii nafseen isaanii gara baditti ajajju dabuun fedhii lubbuu miirawaatiin isaan jallisteedha. Osoo tawbaa of hin yaadachisiin badii keessatti taran. Warroota akkanaatiif khaatimaan (xumurri) badaan ni sodaatamaaf. Sababni isaas, gahuumsa badaa dagachuun fedhii qullaaf ni masakaman. Badii hojjachuu malee gahuumsa badaa hin yaadatan.  

Namni gamni qooda gaarii qabu nama nafsee ofii jallinna ishii irraa gadi qabee fi gara Rabbiif ajajamuutti deebiseedha. Gara daandii qajeelatti deebi’uun nama Qur’aanaa fi qajeelcha Nabiyyitiin qajeeledha.


Du’aayii Xumuraa


اللَّهُمَّ آتِ نَفْسِي تَقْوَاهَا وَزَكِّهَا أَنْتَ خَيْرُ مَنْ زَكَّاهَا أَنْتَ وَلِيُّهَا وَمَوْلاَهَا 

Allaahumma aati nafsii taqwaahaa wa zakkihaa, Anta kheyru man zakkaahaa, Anta waliyyuhaa wa mawlaahaa. 

“Yaa Rabbii nafsee kootiif taqwaa ishii kenniif, ishiis qulqulleessi, Ati hunda caalaa Kan ishii qulqulleessudha. Ati waliyyi ishiitii fi Kan ishii Tiiksudha.” Sahiih Muslim 2722

Waliyyi jechuun garmalee dhiyoo kan itti ta’e.



Rabbanaa zalamnaa anfusanaa wa in–llam taghfir lanaa watarhamnaa lanakunanna minal-khaasiriin. 

“Gooftaa keenya! Lubbuu teenya miine jirra. Yoo [Ati] nuuf hin araaraminii fi rahmata nuuf hin godhin, dhugumatti nuti warroota hoonga’an (kasaaran) irraa taana.” Suuratu Al-A’araaf 7:23


Hiika jechootaa: Rabbanaa-Gooftaa keenya, zalamnaa-miine jirra, anfusanaa-lubbuu teenya, wa in-llam taghfir lanaa watarhamnaa- yoo nuuf hin araaraminii fi rahmata nuuf hin godhin, lanakunanna-dhugumatti ni taana, min-irraa, al-khaasiriin-warroota hoonga’an (kasaaran)


Tawbah fedhii guddaan jalqabanii ergasii laaffisuu


Namni jireenya dogongoraa jiraacha erga turee yommuu ifti beekumsaa isaaf ifu tawbachuun jireenya gammachuu jiraachu barbaada. Akkuma ifti beekumsaa isaaf ifuun hojiin isaa badaan garmalee isatti fokkataa adeema. Tawbachuun wanta isa darbe bakka buusuf carraaqa. Ibaada adda addaatin of ko’oomsun garmalee hojjata. Garuu, yeroo tawbatuu fedhiin cimaan inni argate akkanatti itti hin fufu. Fedhii cimaa booda laafinni ni dhufa. Kanaafu, namni yeroo kanatti maal gochuu qabaa? Gaafii fi deebiin armaan gadii kanaaf furmaata ni ta’a jedheen abdadha.


Tawbah fedhii guddaan jalqabanii ergasii laaffisuu Gaafii: Namni yommuu tawbatu humna guddaan jalqaba. Akkana jedha: “Dhugumatti, sheyxaanni akka laaffisu na ajaja.” Kanaafu, gochoota ibaada baay’ee hojjata. Ergasii fedhiin cimaan isaa ni qabbanaa’a. Akkanas jedha, “Rabbiin nafsee takka humna ishiiti ol hin dirqisiisu.” Ergasii hanga bakka duraatti deebi’u gahuutti gochoonni ibaadaa ni laafu.

Gaafin kiyya: kanaaf gorsa akkamii kennuu dandeessuu? Humna cimaan jalqabuu qaba moo hanga achirratti gadi dhaabbatu sadarkaa sadarkaan jalqabuun yeroo muraasaan booda itti dabalaa adeemu qabaa? Yookiin immoo jecha, “Yommuu bubbeen tee bubbistu, saamudha.” jedhu hordofuu qabaa? Deebii Alhamdulillah

Qananiin qajeelinnaa fi tawbah qananiiwwan gurguddaa Rabbiin olta’aan Muslima irratti ooludha. 


Muslimni qajeelinnaa fi tawbaa kanaan haala ofii jijjiruun gara Rabbii Olta’aa ittiin dhiyaatudha. Akka aadaatti, namni tawbate wanta yeroo badii fi jallinnaa keessatti isa jala darbe bakka buusuf gara Rabbiif ajajamuutti fedhii fi humna cimaan garagala. Kuni wanta uumamaa nama dhugaan tawbate hunda qunnamuudha. Nabiyyiin keenya (SAW) haala kanaa fi fedhii cimaa booda qorriinsaa fi hir’inna dhufuu dubbatanii jiru. Kunis wanta uumamaati. Garuu balaan guddaan nama tawbate irratti bu’uu danda’u: Fedhii cimaa booda qorriinsii fi hir’inni kuni itti fufuuun haala duraan tureetti deebi’uudha. Kanaafu, dhimma kanatti xiyyeefannoo kennuun barbaachisaadha. Namni tawbate fedhiin cimaan isaa kan laafu ta’uu yoo arge, tarkaanfi jidduu galeessaa fudhachuu fi sunnaah qabachuun isarra jira. Ergasii humnaa fi nashaaxaan itti fufuu danda’a. Sababni isaas, zeeroo irraa jalqabuu irra jidduu irraa itti fufutu caala.

Abdullah ibn Amr (radiyallahu anhumaa) akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “ Hojii hundaafu fedhii cimaatu jira. Fedhii cimaa hundaafu laafinnatu jira. Nama fedhiin cimaan isaa gara sunnaah kiyyaa ta’e, dhugumatti inni milkaa’e. Garuu namni yommuu laafu, kanaan ala wanta biraa filate dhugumatti inni bade. ” Ibn Hibbaan sahiiha isaa (1/187) keessatti gabaase.

Abu Hureeyraan akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Dhugumatti wanta hundaafu fedhii cimaatu jira. Fedhii cimaa hundaafu laafinnatu jira. Yoo namtichi sirrii hojjatee fi madaallamaa ta’e, isa abdadhaa. Garuu yoo [namoonni] gara isaatti quba akeekan, isa hin lakkaa’inaa.”

Jaami’a At-Tirmizii 2453

Mubaarakfuuri (Rabbiin rahmata isaaf haa godhuu) akkana jedha:

Jechi Nabiyyi, “H o jii hundaafu fedhii cimaatu jira. .” kana jechuun Kheyriis ta’ii sharrii, nashaaxaa fi dharra’uun wanta tokkotti futuu (fedhii guddaan hojjachuutu) jira.

“ Fedhii cimaa hundaafu laafinnatu jira.” Kana jechuun, namni tokko [fedhii cimaa booda] dadhabaa, laafaa fi kan ceem’u ta’uudha.

“ Yoo namtichi sirrii hojjatee fi madaalamaa ta’e. ” kana jechuun namni fedhii cimaa qabu, haala madaallamaan yoo hojjate, fedhii cimaa keessatti daangaa darbuu fi fedhiin yommuu laafu [wantoota isarratti dirqama ta’an] hanqisuu irraa kan fagaatu yoo ta’e, “i sa abdadhaa. ” Kana jechuun akka milkaa’u isarraa eegaa. Sababni isaas, wanta madaallamaa qabatee itti fufuu ni danda’a. Hojiin hundarra Rabbiin biratti jaallatamaa ta’e, itti fufaa kan ta’eedha.

“ Garuu yoo [namoonni] gara isaatti quba akeekan” kana jechuun ibaadaa fi zuhdii isaatiin beekkamaa ta’uuf yoo carraaqee fi ergasii beekkamaa ta’uun kan namoonni quba itti akeekan yoo ta’ee, “i sa hin lakkaa’inaa.”

“ isa hin lakkaa’inaa ” jechuun, inni agarsiifataa waan ta’eef, nama addaa akka ta’etti hin lakkaa’inaa, namoota gaggaarii irraa akka ta’e gootanii hin yaadinaa…” Tuhfat al-Ahwazi, 7/126

Muslimni daangaa darbuu fi hanqisuu irraa fagaachuuf madaallamaa ta’uu qaba. Innis, karaa jiddu-galeessaa irra deemudha. Boodarra hifatee akka hin dhiisneef, ibaadaa fi Rabbiif ajajamuu keessatti garmalee daangaa darbuu hin qabu. Akkasumas, ceem’uu fi haala salphaan ilaalun dhiisu hin qabu. Ibaadaa dhiisuu kan itti fufu yoo ta’e, boodarra gonkumaa kan itti hin deebine ta’uu danda’a. Daangaa darbuu fi wanta tokko guutumatti dhiisun/hanqisuun amala badaadha. Namni dhimma tokko keessatti madaallamaa ta’e, daandii qajeelaa hordofa. Namni daandii qajeelaa hordofe, wanta Rabbiin jaallatuu fi itti gammadu ni gaha.

Abu Hureeyraan (radiyallahu anhuu) akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “I sin keessaa eenyullee hojiin isaa isa hin baraaru.”

Isaanis ni jedhan, “Atillee moo sila, yaa Ergamaa Rabbii?” Ni jedhe, “ Rabbiin rahmataan yoo na haguuge malee anallee [hojiin koo na hin baraaru]. Kanaafu hojii gaarii sirnaan hojjadhaa, madaallamaa ta’aa. Waaree duraa fi waaree booda, akkasumas, halkan irraa kutaa ta’e Rabbiin gabbaraa. Yeroo hundaa karaa madaallamaa hordofaa kaayyoo keessan ni geessaniiti. ”

Sahiih Al-Bukhaari 6463

Haafiz ibn Hajar (Rabbiin rahmata isaaf haa godhuu) ni jedha: Jechi isaa, “ Saddiduu ” kana jechuun wanta sirrii ta’etti xiyyeefadhaa. (Wanta sirrii ta’ee hojjadhaa).

Jechi isaa “ qaaribuu (madaallamaa ta’aa )” jedhu hiikni isaa: ibaadaa keessatti daangaa darbuun ofitti hin jabeessinaa. Gochi kuni gara hifannaatti isin geessun hojii akka hin dhiisne.

Hadiisni kuni ibaadaa keessatti madaallama ta’utti nu kakaasa. Jechoota yeroo imalaa garagaraa agarsiisan fayyadamuun haala nama ibaada godhu ibse. Sababni isaas, gabrichi bakka gahuumsa isaa gahuuf akka nama karaa deemuti. Gahuumsi isaas Jannata.

“ Yeroo hundaa karaa madaallamaa hordofaa ” kana jechuun karaa jiddu-galeessaa qabadhaa.” Gabaabbinnaan

Fath al-Baari, 11/297 irraa

Gabaabumatti, hadiisota darbanitti akka xinxallituu fi hiika isaa akka hubattu si affeerra. Namni tawbate shukrii gochuu (galata galchuu) akka qabu yaadadhu. Galanni guddaan tawbaa irra yeroo hundaa turuudha. Kunis kan ta’u, ibaada hojjachuu itti fufuuni. Kana beeki: Rabbiin biratti hojiin hundarra jaallatamaan, osoo xiqqaa ta’eeyyu, kan yeroo hundaa hojjataniidha. ” Al-Bukhaari fi Muslimtu gabaase. Humna cimaan jalqabuun takkamaan hin dhaabin. Kana irra, Rabbiif ajajamuu keessatti madaallamaa ta’i. Kuni dandeetti kee irratti hundaa’a. Akkuma nafsee tee keessatti nashaaxaa (fedhii cimaa) argituun Rabbiif ajajamuuf itti fayyadami. Akkuma laafinnaa fi hifannaa argituun gara jiddu galummaatti (madaallamaatti) deebi’i. Rabbiin dhimma kee akka siif laaffisu fi dubbii, hojii fi amala hundarra gaarii ta’etti akka si qajeelchu ni kadhanna. Rabbiin hundarra beeka.


Guduunfaa

Namni dhugaan yoo tawbate, mallatooleen tawbaan isaa dhugaa ta’uu agarsiisan isarraa mul’atu. Isaan keessaa:

➻Badii irraa buqqa’uu,

➻ balleesse darbee fooyyessuu. Balleesse ofii fooyyessu jechuun wanta bade tolchuudha.

➻ Tawbaa booda haalli isaa haala duraa caalaa gaarii ta’uu

➻ Wanta gaarii dhiisee fi wanta badaa hojjateef gaabbu

➻ Du’a yaadachuun yeroo ofii saamachuu

➻ Haqaa fi warra haqa irra jiru jaallachu

Namoonni erga tawbatanii booda sadarkaalee adda addaa qabu. Sadarkaalee kanniin bakka afuritti qoodun ni danda’ama:

1ffaa- warroota erga tawbatanii booda hanga du’aa karaa qajeelaa irratti gadi dhaabbataniidha. Nafseen isaanii haqa irratti tan tasgabbooftedha (muxma’inna)

2 ffaa -Warroota erga tawbatanii booda karaa qajeela qabataniidha. Garuu dhiibbaa nafsee isaanii jalatti kufuun yeroo garii baditti ni taru. Warroonni kunniin warroota hojii gaarii dhiisanii fi hojii badaa hojjataniif of ajiifataniidha. Of ajiifachuun (waqqasuun) tawbaa fi ijjannoo ofii ni haaromsu. Nafseen isaanii nafsee lawwaamah (of ajiifattuu) taateedha.

3ffaa -warroonni kunniin warroota yeroo muraasaaf tawbaa irra turanii fi ergasii gara badii deebi’aniidha. Hojii badaa fi gaarii walitti maku. Tawbaa gara fuunduraatti dabarsu.

4ffaa -waroota yeroo muraasaf erga tawbatanii booda guutumaan guututti baditti deebi’aniidha. Tawbaa quba hin qaban. Fedhii ofii hordofuu malee xumura hojii badaa isaanii itti hin yaadan. Tawbaan yoo of hin dhaqqabin xumurri (khaatimaan) isaanii nama sodaachisa.

➦ Namni fedhiin isaa cimaa yommuu ta’u, Qur’aanaa fi sunnaatti qajeele, inni ni milkaa’a. Fedhiin isaa yommuu laafu immoo Qur’aanaa fi sunnaan ala wanta badaatti kan qajeelu yoo ta’e, ni bada.

➦Ibaadaa keessatti fedhiin isaa yommuu laafu, tooftaalee lamaan armaan gadii fayyadamu danda’a:

1ffaa -Gara Qur’aana fi sunnaah qajeelu

2ffaa- Wanta badaa hojjachuu fi yaadu irraa of qusachuu.

Yommuu fedhiin isaa gadi bu’u, sheyxaanni wanta badaatti isa kakaasa. Yeroo kanatti takkaa jabeenyaa qaama hojjachuu, takkaa immoo hojii gaggaarii addunyaa keessatti nama fayyadu hojjachuudha. Yommuu sheyxaanni wanta badaatti si kakaasu fi hojii gaarii dirqamaa akka dhiistu sitti hasaasu, gonkumaa tole isa hin jedhin. Keessumattu, salaata akka dhiistu yommuu sitti hasaasu, gonkuma tole hin jedhin.

➦ Fedhiin yommuu laafu dogongorri guddaan namni erga tawbatee booda hojjatu, hojii gaggaari akka salaataa dhiisu fi hojii badaatti deebi’uudha. Kuni immoo tawbaan erga of qulqulleessanii booda xuriitti deebi’uudha. Kanaafu, akka kuni hundi hin uumamneef madaallamaa ta’uuf carraaqu qaba.

➦ Madaallamaa jechuun wanta tokko humna ol hojjachuun daangaa darbuu dhiisu fi wanta itti ajajaman hanqisuu dhiisudha.

➦ Fakkeenyaf, Namni salaata shanan sirnaa fi yeroo isaa eegee yoo salaatee fi salaata dabalataa hanga humna isaa yoo salaate, inni nama karaa madaallamaa hordofuudha. Garuu namni sirnaan kan hin salaanne fi yeroo isaa kan hin eegne yoo ta’e, haqa salaataa waan hanqiseef karaa madaallamaa hordofaa hin jiru. Faallaa kanaa, namni salaata dabalataa humna isaa ol salaatu, osoo hirribni isatti jiruu salaata leyli nafsee ofii dirqisiisuun salaatu, daangaa kan darbe ta’a.

➦ Osoo akka gaaraatti ol hin bahin, osoo akka sululaatti gadi hin bu’in daandii jidduu galeessaa (madaallamaa) hordofuun milkaa’innatti nama geessa.



Al-hadulillaahi kutaan kun kanumaan goolabama.

Comments

Popular posts from this blog

KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...

BOQONNAA SAMMUU (PEACE OF MIND)

Al-risala-tube Sammuun qamoole ilmaa namaa keessaa akka motoraa ta’uun ilma nama sochoossa. Eessaa ka’ee garam akka deemu itti akeeka. Sammuun buqqee cimaan marfamuun miidhaa garagaraa irraa tikfama.  Osoo miidhan qaama kan akka rukutta gonkumaa isa dhaqabuyyu baate miidhaan garagaraa karaa adda addaatin ni dhaqqaba. Kana keessa dhiphinna,yaaddo,aarii,lola fi kkf dha. Miidhaa kanniinif akka hin saaxilamne sammuun kunuunsa addaa isa barbaachisa. Miidhaawwan kanaan takka miidhamnaan dawaa argachuun ni ulfaata. Akkuma qaamonni biroo hojii humnaa hojjatanii dadhaban sammuunis ni dadhaba,boqonna isa barbaachisa. Sammuun karaa adda addaatin boqonnaa ni dhaba,ni hadooda,gammachu dhaba. Namoonni baay’een yeroo ammaa dhukkuba qaamatiin kan miidhaman osoo hin taane dhukkuba sammuutin reebamaa jiru.  Dhiphinna sammuu kanarraa of baraaruuf dhagaan isaan hin fonqolchinee hin jiru. Furmaata yoo dhaban murtoon isaani inni dhumaa fi inni dhumaa of ajjeessudha jedhanii yaadu. Of ajjeessun dhuk...