Skip to main content

Posts

Towbaa k-2

    Toowbaa   Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Toowbaa Kutaa 2ffaa. Sammubani.com irraa Join us| Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog Boqonnaa jalqabaa (1) Tawbah kutaa 2ffaa Jireenya keessatti namni dadhabaa waan ta’eef fedhii isaatiin qoramuun daandii qajeelaa irraa daba. Daandii qajeelaa irraa yommuu dabuu rakkoo baay’een isa  muudata. Rakkoolee kanniin keessaa: jireenya keessatti gammachuu fi kabaja dhabuu, sooranni isaa itti dhiphachuu, sodaa fi gaddaan guuttamuudha. Namni  daandii haqaa irraa erga jallatee adabbiif of saaxilee booda, karaan adabbii kana jalaa itti bahuu danda’u tawbadha. Hiikkaa Tawbah fi istighfaara Jechi Tawbah jedhu jecha taaba jedhu irraa kan horsifameedha. Taaba jechuun “deebi’e”jechuudha. Akka shari’aatti “Tawbah jechuun ajaja Rabbiitti buluu diduu fi badii hojjachuu irraa gara Isaaf ajajamuu fi qajeelcha Isaa qabachuutti deebi’uudha. Jechi Istighfaar jedhu maxxantuu isti- fi xumura “ghafara” jedhu irraa kan  ijaarrame...

Toowbaa

      Toowbaa   Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Toowbaa Kutaa 1ffaa. Sammubani.com irraa Boqonnaa jalqabaa (1) Dhugumatti Faaruun hundi kan Rabbiiti. Isa ni faarsina, ni gargaarsifanna, araarama Isa kadhanna. Sharriwwan nafsee teenyaa fi hamtuwwan hojiiwwan keenyaa irraa Rabbiin eeggamna. Nama Rabbiin qajeelche kan isa jallisu hin jiru. Nama Rabbiin jallise kan isa qajeelchu hin jiru. Rabbii Tokkicha shariika hin qabne malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha. Akkasumas, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan baha. Qulqullinnaa fi Najaasaa, Kabajaa fi Salphinna Jireenya keessatti namoonni sababa adda addaa irraa kan ka’e rakkinnaa fi dhiphinna keessa jiraatu. Namoonni gariin sababa kana beekun furmaata barbaadatu. Gariin immoo akkasumatti haaluma keessa jiran itti fufu. Sababoota rakkinnaa fi dhiphinna namatti fidan keessaa guddaan badii hojjachuudha. Badii kana irraa qulqulla’anii jireenya gammachuu jiraachuuf furmaanni guddaan tawbahdha. I...