Toowbaa
Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Toowbaa
Kutaa 2ffaa.
Join us| Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog
Boqonnaa jalqabaa (1) Tawbah kutaa 2ffaa
Jireenya keessatti namni dadhabaa waan ta’eef fedhii isaatiin qoramuun daandii qajeelaa irraa daba. Daandii qajeelaa irraa yommuu dabuu rakkoo baay’een isa
muudata. Rakkoolee kanniin keessaa: jireenya keessatti gammachuu fi kabaja dhabuu, sooranni isaa itti dhiphachuu, sodaa fi gaddaan guuttamuudha. Namni
daandii haqaa irraa erga jallatee adabbiif of saaxilee booda, karaan adabbii kana jalaa itti bahuu danda’u tawbadha.
Hiikkaa Tawbah fi istighfaara
Jechi Tawbah jedhu jecha taaba jedhu irraa kan horsifameedha. Taaba jechuun “deebi’e”jechuudha.
Akka shari’aatti “Tawbah jechuun ajaja Rabbiitti buluu diduu fi badii hojjachuu irraa gara Isaaf ajajamuu fi qajeelcha Isaa qabachuutti deebi’uudha. Jechi Istighfaar jedhu maxxantuu isti- fi xumura “ghafara” jedhu irraa kan
ijaarrameedha. Maxxantuun “ist-“ jettu hiika “barbaadu, gaafachu, kadhachuu” qabdi. Ghafara jechuun “araarame” jechuudha. Kanaafu, ist- fi ghafar yommuu walitti dhufan hiika “araarama barbaadu” qaba. Kanaafu, Istighfaara jechuun araarama barbaadu ykn kadhachuudha.
Araarama jechuun Rabbiin dogongora namaaf dhoksuu, badii namarraa haaqu fi gara fuunduraatti nama adabu dhiisudha.” Nama du’een “Rabbiin isaaf haa araaramu” yommuu jennu, Rabbiin badii isa irraa haa haaqu, adabbii irraa isa haa baraaru jechaa jirra. Rabbiin rahmata isaaf haa godhu yommuu jennu immoo “Rabbiin adabbii irraa isa baraarun Jannata isa haa qubsiisu” jechuu keenya.
Kanaafu, namni Rabbiin irraa araarama barbaadu wantoota sadii barbaadaa jiraa jechuudha.Isaaniis:
Rabbiin badii isaaf dhoksuu, wanta badaa badii san irraa dhalatu isarraa haaqun nama qulqulluu isa taasisu fi Aakhiratti adabbii jalaa isa baraarun Jannata seensisuudha.
Gabaabumatti tawbah jechuun badii irraa buqqa’un gara Rabbii olta’aaf ajajamuutti deebi’uudha. Istighfaara jechuun araarama kadhachuudha.
Namnitokko “Ani tawbadhe” yommuu jedhu hojii fokkuu san dhiisun hojii gaggaarii hojjachuutti qajeele jechuu isaati. Istigfaarri immoo hojii badaa hojjataa turan san Rabbiin akka namaaf dhoksu, qalbii namaatirraa haaqu fi akka nama hin adabne itti warwaachu (garmalee kadhachuu) dha. Allaahumma-ghfirlii (Yaa Rabbii naaf araarami) yommuu jennu “Yaa Rabbii! Badii ykn hanqinna kiyya naaf dhoksi, badii san narraa haaqi, badii saniif na hin adabin” jechaa jirra. Kanaafu, tawbah fi istighfaarri badii namarraa qulqulleessu. Rabbiin Subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
وَمَن يَعۡمَلۡ سُوٓءًا أَوۡ يَظۡلِمۡ نَفۡسَهُۥ ثُمَّ يَسۡتَغۡفِرِ ٱللَّهَ يَجِدِ ٱللَّهَ غَفُورًا رَّحِيمًا
“Namni hamtu hojjate yookiin lubbuu ofii miidhee ergasii Rabbiin araarama kadhate, Rabbiin araaramaa, Rahmata godhaa ta’uu arga.” Suura An-Nisaa 4:110
Namni hamtuu namoonni biroo ittiin rakkatan hojjatee yookiin wanta badaa hojjachuun lubbuu ofii miidhee ergasii gara Rabbii isaa deebi’un araarama yoo kadhate, Rabbiin isaaf araarama, rahmata isaaf godha. Kana jechuun hanqinnaa fi wanta fokku badii isaatirraa dhalate ni haaqa, isa hin adabu, gara fuunduraatti wanta gaarii akka qunnamu (milkaa’u) isa taasisa.Wal fakeenyaa nama tawbatuu fi fakkiiwwan armaan olii jidduu jiru mee haa
ilaallu.
Fakkii armaan olii keessatti namni jalqabaa xuriidhaan kan faalameedha.
Xurii kana ofirraa qulqulleessuf bishaanii fi saamunaa ykn hoomo fayyadamu qaba. Haaluma kanaan, namni badii hojjatus qalbiin isaa xurii badiitin ni faalamti. Kanaafu, badii qalbii isaa xureesse ofirraa qulqulleessuf tawbah fi
istighfaara fayyadamu qaba.
Ammas, fakkii armaan olii keessatti xuriin kuni
uffataa fi qaama isaatirra yoo ture, isa miidha. Dhibeewwanii fi miidhaa garagaraatiif isa saaxila. Kanaafu, namni kuni dhibee fi miidhaaf saaxilamuun dura bishaaniin of qulqulleessu qabaa miti ree? Haaluma kanaan, badii hojjachuuyoo itti fufan, dhibeewwanii fi adabbii garagaraatiif saaxilaman. Kanaafu, dhibee fi adabbii garagaraatiif akka hin saaxilamne, tawbah fi istighfaaran of
qulqulleessu qabanii miti ree? Akkasumas, nama xurii ofirraa qabu kanatti namoonni itti dhiyaachu ni jibbu. Garuu yoo of qulqulleesse fi of urgeesse namoonni itti dhiyaatani waliin deemu. Haaluma kanaan, nama badii adda addaa hojjatu namoonni itti dhiyaachu ni jibbu. Garuu yoo tawbah fi istighfaaran of qulqulleesse fi hojii gaggaariin of urgeesse, namoonni ni jaallatu. Fakkii armaan olii keessatti nama lammataa yommuu ilaallu, uffanni isaa qulqulluu adiidha. Haaluma kanaan, namni badii irraa yoo qulqullaa’e, qalbiin isaa ni qulqulloofti. Uffanni kuni akkanumatti adii fi qulqulluu ta’ee hin turu.
Guyyaa tokko xuriin ni tuqa. Kanaafu, namni qulqullinna uffata kanaa eeguf bishaaniin miicu qabaa miti ree? Haaluma kanaan, qalbiin namaas qulqulluu taate yeroo hundaa hin turtu. Sababa adda addaa irraa kan ka’e, namni badii ni hojjata. Kanaafu, qalbii xuriin badii irra bu’e karaan itti qulqulleessan tawbah fi istighfaara. Ammas, wanti fakkii lammataa armaan olii irraa hubannu, namni kuni akkuma uffanni isaa xuraa’un irra deddeebi’e bishaaniin miica. Tarii
guyyaa sadii sadiin ykn torbaan torbaaniin miicu danda’a. Haaluma kanaan, yommuu qalbiin xurii badiitiin faalamtu, irra deddeebi’anii tawbah fi istighfaaran qulqulleessan.
Ammas, wanti guddaan hubannu tokko ni jira. Uffanni yommuu oomishamu qulqulluu ta’ee oomishama. Adeemsa keessa xuriin tuquun xuraa’a. Ergasii bishaaniin miicun qulqullinnatti deebisan. Haaluma kanaan namni yommuu
dhalatu “Fixrah” (uumama qulqulluu) irratti dhalata.
Uumamni qulqulluun kunis Rabbitti amanuu fi Isaaf ajajamuudha. Qur’aana keessatti:
فَأَقِمۡ وَجۡهَكَ لِلدِّينِ حَنِيفًاۚ فِطۡرَتَ ٱللَّهِ ٱلَّتِى فَطَرَ ٱلنَّاسَ عَلَيۡهَاۚ لَا تَبۡدِيلَ لِخَلۡقِ ٱللَّهِۚ ذَٰلِكَ ٱلدِّينُ ٱلۡقَيِّمُ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعۡلَمُونَ
“Karaa haqaatti dabuun fuula kee amantiif sirreessi. Fixrah Rabbii kan namoota hundaa irratti uume [qabaadhaa]. Uumama Rabbii jijjiruun hinjiru. Santu amanti qajeeladha. Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.” Suuratu Ruum 30:30
Adeemsa keessa namni badii hojjachuun qulqullummaa isaa keessaa baha. Kanaafu, gara qulqullummaa isaatti karaan itti deebi’u tawbaah fi istighfaarani. Namni akkuma gara uumama qulqulluutti deebi’uun sadarkaa fi kabajni isaa
olka’aa adeema. Faallaa kanaa, akkuma inni uumama qulqulluu irraa dabaa fi fagaataa adeemun, adabbii fi sadarkaa salphinnaatti dhiyaataa adeema.
Faaydaalee Tawbah fi Istighfaara
1-Tasgabbii fi Milkaa’inna argachuuAkkuma fakkeenya armaan olii keessatti hubachuuf yaalle tawbah fi
istighfaarri faaydaa baay’ee qaba. Wanti guddaan ilmi namaa jireenya keessatti barbaadu tasgabbii fi milkaa’inna. Wanta tasgabbii fi milkaa’inna naaf fida jedhe yaadu hunda ni hojjata. Wanta isa dhiphisu irraa immoo ni dheessa. Tarii
namni gammachuu yeroo gabaabaa argachuuf baditti kufuu danda’a. Ergasii sababa hojii isaatiin tasgabbii dhaba, halkan hirriba malee bula. Jireenyi isatti hadhoofti. Kanaafu, karaan adabbii kana keessaa bahuun tasgabbii fi
milkaa’inna itti argatu tawbah fi istighfaara. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
وَتُوبُوٓا۟ إِلَى ٱللَّهِ جَمِيعًا أَيُّهَ ٱلۡمُؤۡمِنُونَ لَعَلَّكُمۡ تُفۡلِحُونَ
“Yaa mu’imintoota! Akka milkooftaniif hundii keessanu gara Rabbii tawbadhaa.” Suuratu an-Nuur 24:31
Yaa warra amantan! Adabbii jalaa bahuu fi wanta gaarii argachuun akka milkooftaniif hundi keessanu tawbadhaa. Kana jechuun dhugaadhaan gara Rabbii deebi’uun araarama kadhaa. Namni hanga fedhe hojii gaarii haa hojjatu
hanqinni isa keessatti ni mul’ata. Ammas hanga fedhe hojii badaa irraa haa fagaatu, xiqqaatus guddattus badii ni hojjata. Kanaafu, hojii isaa qofaan milkaa’u waan hin dandeenyef yeroo hundaa tawbah fi istighfaara isa barbaachisa.Yommuu gara Rabbii deebi’uun araarama kadhatu, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala wanta hanqate itti guutaaf, dogongora fi hanqinna isaa ni dhoksaaf,
adabbii isarraa deebisa, waan gaarii kennaaf. Haala kanaan, gabrichi ni milkaa’a. Namni gara Rabbii hin deebinee fi araarama hin kadhanne immoo kana hunda dhaba. Adabbii cimaaf of saaxila.
2-Tawbah fi Istighfaarri karaa humna, qabeenya fi ijoollee itti dabalataniidha Namni hunda jireenya keessatti humna, qabeenyaa fi ijoolle barbaada. Qaamaa fi sammuun cimaa ta’ee argamuu fedha. Akkasumas, qabeenya baay’ee fi ijoolle
gaarii ni hawwa. Ummanni Aad ummata badii akka shirkii hojjachuun beekkamaniidha. Nabiyyiin isaanitti ergamee Huud jedhama. Nabii Huud (AS) badii isaanii kanarraa deebi’un Rabbii Olta’aa araarama akka kadhatan isaan
gorse. Yoo isaan kana godhan, humni akka isaaniif dabaluu fi roobni roobuf isaan gammachiise. Qur’aanni akkana jechuun gorsa isaa nuuf hima:
وَيَٰقَوۡمِ ٱسۡتَغۡفِرُوا۟ رَبَّكُمۡ ثُمَّ تُوبُوٓا۟ إِلَيۡهِ يُرۡسِلِ ٱلسَّمَآءَ عَلَيۡكُم مِّدۡرَارًا وَيَزِدۡكُمۡ قُوَّةً إِلَىٰ قُوَّتِكُمۡ وَلَا تَتَوَلَّوۡا۟ مُجۡرِمِينَ
“Yaa Ummata kiyya Gooftaa keessan araarama kadhaa, ergasii gara Isaatti tawbadhaa. Bokkaa walitti dhaabbataa godhee isiniif ergaa. Humna keessan irrattis humna isiniif dabalaa. Yakkamtoota taatanii irraa hin garagalinaa.” (Suuratu Huud 11:52)
Ammas, Nabii Nuuh (AS) ummata isaa akka tawbatanii fi araarama kadhatan gorse. Bu’aa kanarraa argataniis ni himeef. Barnootaa fi gorsa akka nuuf ta’uu Qur’aanni akkana jechuun seenaa isaa nuuf hima:“Gooftaa keessan araarama kadhaa; dhugumatti Inni Akkaan Araaramaadhaa” jedheen. Rooba baay’ee deddebi’aa isin irratti erga.
Qabeenyaa fi ilmaanis isiniif dabala. Ashaakiltii isiniif godha; laggeenis isiniif taasisa. Maaltu isiniif jiraayyi Guddinna Rabbii hin sodaannee?
Dhugumatti marsaa marsaan isin uumee jira.” Suuratu Nuuh 71:10-14
Ummanni Nuuh ummata Rabbii Guddaa isaan uumee dhiisanii taabota gabbaraniidha. Rabbii guddaa dhiisanii dhagaa gabbaruun immoo uumama qulqulluu (fixrah) keessaa nama baasun salphattoota keessaa akka ta’an nama
taasisa. Nabii Nuuh isaaniif mararfachuu fi adabbii jalaa akka bahaniif “Badii hojjattan irraa buqqa’atii gara Gooftaa keessanii deebi’uun araarama kadhaa,
dhugumatti Gooftaan keessan nama gara Isaatti deebi’ee fi araarama kadhateef baay’isee fi yeroo hundaa Kan araaramuudha.” jedheen. Tawbachuu fi araarama
kadhachuun adabbiin akka namarraa deebi’uu fi waan gaariin akka namaaf dhufu sababa waan ta’eef, Nabii Nuuh waan gaariin isaan gammachiise. "Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa rooba baay’ee wal duraa duuban isiniif roobsa.
Qabeenyaa fi ilmaanis isiniif dabala. Ashaakilti kuduraa fi muduraa qabuu isiniif godha. Laggeenis isiniif taasisa." jedheenDhugumatti kuni seera Rabbii hin jijjiramneedha. Namoonni yommuu badii hojjatan karaa adda addaatin isaan adaba. Fakkeenyaaf, hoongee itti buusa.
Yeroo hoonge namoonni gara Rabbii deebi’uun Isa kadhatu. Ergasii rahmata Isaatiin isaaniif ni roobsa.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Nabiyyiin namoota hundatti akkana jechuun akka labsuu ajaja
أَلَّا تَعۡبُدُوٓا۟ إِلَّا ٱللَّهَۚ إِنَّنِى لَكُم مِّنۡهُ نَذِيرٌ وَبَشِيرٌ
وَأَنِ ٱسۡتَغۡفِرُوا۟ رَبَّكُمۡ ثُمَّ تُوبُوٓا۟ إِلَيۡهِ يُمَتِّعۡكُم مَّتَٰعًا حَسَنًا إِلَىٰٓ أَجَلٍ مُّسَمًّى وَيُؤۡتِ كُلَّ ذِى فَضۡلٍ فَضۡلَهُۥۖ وَإِن تَوَلَّوۡا۟ فَإِنِّىٓ أَخَافُ عَلَيۡكُمۡ عَذَابَ يَوۡمٍ كَبِيرٍ
:“Rabbiin malee waan biraa hin gabbarinaa. Dhugumatti ani Isa irraa akeekachiisaa fi gammachiisaadha. Gooftaa keessanis araarama kadhaa, ergasii gara Isaatti tawbadhaa. Inni hanga beellama beekkameetti qananii bareedaa isin qananiisa. Abbootaa tolaa hundaaf tola (mindaa) isaa ni kennaaf. Yoo garagalan, ani adabbii Guyyaa Guddaa isin irratti sodaadha.” Suuratu Huud 11:2-3
Amantii guutuu Rabbiif qulqulleessaa, wanta biraa Isa waliin hin gabbarinaa. Ani (Nabii Muhammad (SAW)) Rabbiin irraa akeekachiisaadha. Kana jechuun
nama badii hojjatuuf adabbii cimaa irraa isa akeekachisa. Akkasumas, ani “gammachiisaadha” Kana jechuun namoota Rabbiif ajajaman addunyaa fi aakhiratti mindaan gaariin akka isaaniif jiru nan gammachiisa. Badii hojjattaniif
Rabbiin araarama kadhaa, umrii hafe keessan keessattis wanta Inni jibbuu irraa gara wanta Inni jaallatutti deebi’aa. Hanga beellama beekkamaatti (du’aatti) qananii bareedaa isin qananiisa. “Abbootaa tolaa hundaaf tola (mindaa) isaa
ni kennaaf.” Kana jechuun namoota tola hojjataniif tola Isaa irraa akka mindaatti wanta isaan jaallatan ni kennaaf, wanta isaan jibban isaan irraa deebisa. Yoo wanta ani itti isin waamu fudhachuu diddanii irraa garagaltan adabbii Guyyaa Guddaa isiniif sodaadha. Guyyaan Guddaan kunis guyyaa
Qiyaamaa ilmaan namaa guutuun walitti qabamaniidha. Guyyaa san adabbii jalaa kan bahuu nama Rabbiif ajajamaa fi araaramaa Isa kadhataa tureedha. Sababni isaas, tawbachuu fi araarama kadhachuun adabbii gara fuunduraatti nama qunnamu jalaa akka bahan nama taasisa. Faaydaleen tawbah fi istighfaara itti fufa
3-Aayata irraa kanneen fayyadaman namoota tawbataniidha Jechi Aayata jedhu hiika baay’ee qaba. Garuu bakka lama gurguddootti qoodun ni danda’ama.
1ffaa- Aayata Kitaaba Rabbiin irraa bu’e. Afaan Oromootin keeyyata (verse) jechuuni dandeenya. Aayata (keeyyata) kana keessa barnoota, gorsa, qajeelcha,
ragaalee fi odeefannootu jira.
2ffaa- Aayata Kawniyyah- Asitti hiikni aayata “mallattoo” ta’a, kawniyyah yommuu jennu wantoota uumamaniidha. Wantoonni uumaman kunniin Khaaliqa isaan uumeetti waan akeekaniif mallattoodha. Namni Baadiya tokko
akkana jedhamuun gaafatame, “Rabbii kee akkamitti beekte?” Innis akkana jechuun deebise, “Biyyee gammoojji keessatti faanaa beelladaa yommuu argu, beellanni karaa kanaan akka darbe nan beeka. Kanaafu, Yuniversin (wantoonni uumaman) kuni hundi gara Khaaliqa akeeku. Beelladni yoo hin darbin akkuma faanni ofiin argamu hin dandeenye, wantoonni uumaman kunninis ofiin of
argamsiisu hin danda’an.” Kanaafu, wantoonni uumaman kunniin hundi mallattoolee Tokkichummaa, Guddinnaa fi Dandeetti Rabbii olta’aa agarsiisaniidha.
Garuu gosoota aayata lamaan kanarraa kan fayyadamu, namoota xinxallanii fi uumamni isaanii sirrii ta’eedha. Wanta tokkotti xinxallanii barnoota irraa
fudhachuuf, xinxallii irraa wanti nama dhoowwu ka’uu qaba. Yeroo baay’ee keeyyata Qur’aanaa fi wantoota uumamaniitti akka hin xinxalline kan nama
taasisu gaflaa, fedhii lubbuu hordofuu fi badii keessatti taruudha. Kunniin qalbii irratti haguuggi ta’u. Karaan haguuggi kana itti kaasan immoo tawbah fi istighfaara. Kanaafi, Qur’aana keessatti akkana jedha:
أَفَلَمۡ يَنظُرُوٓا۟ إِلَى ٱلسَّمَآءِ فَوۡقَهُمۡ كَيۡفَ بَنَيۡنَٰهَا وَزَيَّنَّٰهَا وَمَا لَهَا مِن فُرُوجٍ
وَٱلۡأَرۡضَ مَدَدۡنَٰهَا وَأَلۡقَيۡنَا فِيهَا رَوَٰسِىَ وَأَنۢبَتۡنَا فِيهَا مِن كُلِّ زَوۡجٍۭ بَهِيجٍ
تَبۡصِرَةً وَذِكۡرَىٰ لِكُلِّ عَبۡدٍ مُّنِيبٍ
“Sila gara samii gubbaa isaanii jirtu, kan uraa (qaawwa) homaatuu hin qabne akkamitti akka ijaarree fi miidhagsine hin ilaallee? Dachii diriirsinee gaarreen gadi dhaabbatoo ishii keessatti gadi suuqne; akaaku [biqiltootaa]
babbareedoo hunda irraa ishii keessatti magarsine. Gabricha tawbatu hundaaf hubannaa fi yaadachiisa” Suuratu Qaaf 50:6-8
Sila samii gubbaa isaanii jirtu itti hin xinxallanii? Utubaa malee akkamitti akka olkaasnee fi urjiileen akkamitti akka miidhagsinee hin ilaalanii? Kana keessa mallattoolee sadii dandeetti fi Guddinna Rabbii agarsiisantu jiru. 1ffaa- Samii
hangana bal’attu utubaa malee ijaaru fi olkaasu. 2ffaa- samiin gara hundaan qaawwi fi uraan homaatu kan keessatti hin argamne ta’u. 3ffaa- Urjiileedhaan
samii miidhagsuudha. Namni kana irratti yommuu xinxalluu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta hundaa irratti danda’aa akka ta’ee fi namoota du’an akka kaasu ni hubata. Dachii keessas mallatoolee sadii dubbate: 1ffaa- jireenya lubbu-qabeeyyitiif akka toltu dachii diriirsu. 2ffaa-Dachiin akka hin sochoone gaarreen keessatti
gadi suuqu, 3ffaa- gosoota biqiltootaa garagaraa nama hawwatan dachii keessatti magarsu. Mallatooleen kunniin nama itti xinxalluuf jalqaba irratti barnootaa fi
hubannaa ta’uuf. Ergasii yaadannoo ta’uuf. Mallattooleen samii fi dachii keessa jiran sifaata (amaloota) Khaaliqa isaan uumee fi sirreesse nama barsiisu. Namni kana erga baratee booda akkuma irra deddeebi’e uumamtoota kanniin arguun
yaadachisa isaaf ta’a. Wanta mallattolee kanniin irraa barate ni yaadata. Garuu kana hunda kan hubatuu fi yaadatu nama yeroo hundaa gara Rabbii deebi’uudha (tawbatuudha) Namni sirritti xinxallu, mallattoolee armaan olii irraa wanti baratuu fi hubatu:
Uumamni samii fi dachii nama ajaa’ibsisuu, jabeenyi fi ciminni isaanii kuni Dandeettin Rabbii guutuu ta’uu argisiisu. Wanti Isa dhibu tokkollee akka hin jirre-akeeku.
Miidhaginni fi tartiibni isaan keessa jiru Rabbiin ogeessota hunda caalaa Ogeessa akka ta’ee fi wanta hundaa akka beeku agarsiisu. Wantoonni nama fayyadanii fi fooyya’insa fidan samii fi dachii keessatti uumuun rahmata Rabbii
agarsiisu.Guddinni fi tartiibni isaanii Rabbiin Tokkicha wantoonni hundi irratti hirkatan akka ta’ee, shariika fi ilmoo kan hin qabne ta’uu agarsiisu. Samiin akka gonbisaa
tan olkaatedha. Dachiin immoo lubbu-qabeeyyiif tan diriirtedha. Aduu fi jiiyni tartiiba kan qabataniidha. Walitti hin bu’an. Kan akkanatti tartiiba qabsiisu Rabbii Tokkicha. Kanaafu, Ibaadan (gabbarriin) guutuun Isa qofaaf ta’a.[4]
Namni kana hundatti yommuu itti xinxalluu yeroo hundaa gara Rabbii isaa deebi’uun Isa gabbara. Wanta Isaaf hin mallee irraa ni qulqulleessa.
4-Hidaaya (qajeelcha) argachuu Namoonni hunduu jireenya keessatti dukkana keessaa bahuun ifa qajeelinnaa
argachuu barbaadu. Badii hojjachuun dukkana namatti ta’a. Dukkana kana keessaa karaan itti bahan tawbaa fi istighfaara. Sababni isaas, namni yommuu
gara Rabbii isaa deebi’u fi badii hojjateef araarama kadhatu, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala gara daandii qajeelaatti isa qajeelcha. Qur’aana keessatti ni jedha:Jedhi
وَيَقُولُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لَوۡلَآ أُنزِلَ عَلَيۡهِ ءَايَةٌ مِّن رَّبِّهِۦۗ قُلۡ إِنَّ ٱللَّهَ يُضِلُّ مَن يَشَآءُ وَيَهۡدِىٓ إِلَيۡهِ مَنۡ أَنَابَ
“Dhugumatti, Rabbiin nama fedhe ni jallisa, nama [tawbaan gara Isaatti] deebi’e immoo gara Isaatti qajeelcha.” Suuratu ar-Ra’ad 13:27
Namoonni Rabbiin jallise, sababa isaan waan badaa hojjatanii fi gara Isaatti deebi’u didaniifi. Yommuu isaan baditti lixanii fi gara Isaa deebi’uu didan jallinna isaanii keessatti isaan dhiisa. San booda sheyxaanni jallinna guddatti isaan dabarsa. Kana ilaalchise Qur'aana keessatti ni jedha
وَإِخۡوَٰنُهُمۡ يَمُدُّونَهُمۡ فِى ٱلۡغَىِّ ثُمَّ لَا يُقۡصِرُونَ
:“Obboleeyyan isaaniis jallinna isaaniif dabalu. Ergasii [jallisuu irraa] hin gabaabbatan.” Suuratu Al-A'araaf 7:202
Kana jechuun obboleeyyan namoota jallatanii fi badii baay'ee hojjatanii sheyxaanota. Sheyxaanonni awliyaa (hiriyyoota dhiyoo) isaaniti. Sheyxaanonnii kunniin jallinnatti isaan dabarsu. Wanta badaa isaan hojjatan
sheyxaanonni isaaniif miidhagsuun jallinna ni dabaluuf. Ergasii sheyxaanonnii isaan jallisuu irraa hin gabaabbatan (hin dhaabbatan). Garuu namoonni tawbatan, dhara sheyxaanaa jalaa ni bahu
وَإِذَا لَمۡ تَأۡتِهِم بِئَايَةٍ قَالُوا۟ لَوۡلَا ٱجۡتَبَيۡتَهَاۚ قُلۡ إِنَّمَآ أَتَّبِعُ مَا يُوحَىٰٓ إِلَىَّ مِن رَّبِّىۚ هَٰذَا بَصَآئِرُ مِن رَّبِّكُمۡ وَهُدًى وَرَحۡمَةٌ لِّقَوۡمٍ يُؤۡمِنُونَ
:“Dhugumatti, isaan Rabbiin sodaatan yeroo naanna’aan (waswasaan) sheyxaana irraa ta’e isaan tuqe, [Rabbiin] yaadatu. Isaanis achumaan argaa ta’u.” Suuratu Al-A’araaf 7:201
Namoonni hojii itti ajajaman hojjatanii fi hojii irraa dhoowwaman dhiisan (muttaqoonni), sheyxaana irraa hasaasni badaan yommuu isaan tuqu, Rabbiin
yaadatu. Namni yommuu badii hojjatu ykn wanta isarratti dirqama ta’e dhiisu, sheyxaanni wanta badaa isatti hasaasa (wasawasa). Wanti badaan sheyxaanni namatti hasaasu: badiitti nama kakaasu, dallansuu, shakkii fi kkf. Muttaqoonni sheyxaanni eessan isaanitti akka seene qorachuun dafanii tawbatu. Ergasii dhugaa arguun badii irraa ni deebi’u, karaa qajeelaa irratti gadi dhaabbatu. Hojii
gaggaarii hojjachuu fi istighfaara baay’isuun dhara sheyxaanaa ofirraa deebisu.
Kanaafu, namni sababa tawbaa fi istighfaaratiin karaa lamaan qajeela.
1ffaa- Kaafira yoo ta’e ykn nama badii baay’ee hojjatu yoo ta’e, ergasii tawbatee
Rabbiin yoo araarama kadhate, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala isa qajeelcha. Yuusuf Estes seenaa isaa yommuu himu akkana jedha: “'Guyyaa tokko xawlaa
irratti sujuuda bu’uun yaa Rabbii kiyya hoo na qajeelchi.' jedhe." Yuusuf Estes duraan peenxe ture. Amma kunoo Ameerikaa keessatti sheeyka beekkamadha.
2ffaa- Namni erga qajeele booda sababa adda addaatin badii ni hojjata. Yeroo kanatti sheyxaanni carraa kanatti fayyadamuun isa jallisuuf tattaafata. Namni
kuni dafee yoo tawbatee fi istighfaara baay’isee, jallinna irraa ni baraarama.
Inuma qajeelinni isaaf dabalamu danda’a. Akka fakkeenyaatti, Nabii Aadamiin(AS) ilaalun ni danda’ama. Nabii Aadam badii erga hojjate booda dafee
tawbatee araarama kadhate. Haadha warraa isaa waliin akkana jechuun araarama akka kadhatan Qur’aanni nuuf hima:
“Gooftaa keenya! Lubbuu teenya miine jirra. Yoo Ati nuuf hin araaraminii fi rahmata nuuf hin godhin, dhugumatti nuti warra hoonga’an irraa taana.” Suuratu Al-A’araaf 7:23
Ergasii, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jechuun deebiseef:“Ergasii Gooftaan isaa isa ni filate, isarraa tawbaa qeebalee isa qajeelche.” Suuratu
Xaahaa 20:122
Kanaafu, namni abdii kutuu hin qabu.
5-Jannata seenu
Faaydaan tawbah fi istighfaara inni guddaa fi xumuraa Jannata seenu fi Jaalala
Rabbal aalaminaa argachuudha.“Ergasii Gooftaan isaa isa ni filate, isarraa tawbaa qeebalee isa qajeelche.” Suuratu
Xaahaa 20:122
Kanaafu, namni abdii kutuu hin qabu.
5-Jannata seenu
Faaydaan tawbah fi istighfaara inni guddaa fi xumuraa Jannata seenu fi Jaalala
Rabbal aalaminaa argachuudha."Yaa warra amantan tawbaa qulqulluun gara Rabbii deebi’aa. Guyyaa
Rabbiin Nabiyyii fi warra isa wajjiin amanan hin hoongessine san
Gooftaan keessan diliiwwan keessan isin irraa haxaawee Jannata laggeenjala yaa’an isin seensisuun ni kajeellama. Ifti isaanii fuundura isaaniitii fi
mirga isaanii deema; “Yaa Gooftaa keenya! Ifa keenya nuuf guuti, nuufis
araarami; Ati waan hundaa irratti danda’aadha.” Jedhu.” Suuratu At-
Tahriim 66:8
Akkuma Umar bin Al-Khaxxaab fi kan biroo jedhan tawbaa qulqulluu jechuun
badii irraa buqqa’uu fi gonkumaa itti deebi’u dhiisudha. Akkuma aannan gur’uu
sa’aatti hin deebine, namni dhugaan tawbatus badiitti gonkumaa deebi’u
dhiisudha. Ammas, Hasan ni jedha: tawbaa qulqulluu jechuun qalbiin gaabbu,
arrabaan araarama kadhachuu, qaaman badii irraa buqqa’u fi gara fuunduratti itti
deebi’u dhiisudha.
Namoota tawbaa qulqulluu tawbatan, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Guyyaa
Qiyaamaa badii akka irraa haxaawu, Jannata laggeen jala yaa’an akka seensisuu,
ibidda irraa isaan baraarun akka milkeessu waadaa galee jira. Guyyaan
Qiyaamaa Guyyaa Rabbiin Nabiyyii fi warroota amanan hin hoongessineedha.
Kanaafu, namni har’a amanee Nabiyyii hordofe, Guyyaa san hin hoonga’u.
Yommuu munaafiqonni ifni isaanii jalaa dhaamu, warroonni amanan ifti iimaana
isaanii fuundura fi mirga isaaniitiin isaaniif ifa. Hanga Jannata gahanii nuura
(ifa) kanaan deemu. Ifa kana akka isaaniif guutuu fi isaaniif araaramu Rabbiin
kadhatu.
Kuni bu’aa tawbaa qulqulluuti. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warra yeroo
hundaa tawbaa qulqulluu tawbatuu fi araarama kadhatu nu haa taasisu.
Guduunfaa
➦Tawbah jechuun badii irraa buqqa'uu fi gaabbuun gara Rabbiif ajajamuutti
deebi'uudha.
➦Istighfaara jechuun Rabbiin araarama kadhachuudha.
➦Araarama jechuun Rabbiin dogongora namaaf dhoksuu, badii namarraa
haaqu fi gara fuunduraatti nama adabu dhiisudha.
➦ Namni Rabbiin irraa araarama kadhatu, Rabbiin badii isaa akka haguuguuf,
wanta badaa badii san irraa dhalatu akka isarraa haaqu fi gara fuunduraatti akka
isa hin adabne Isatti warwaata➦ Badii hojjachuun keessa namaa jeeqa, jireenya namatti dhiphisa, salphinnii
fi gaddi akka namatti dhagahamu nama taasisa. Yoo badii hojjachuu itti fufan,
gara fuunduraatti adabbii cimaaf nama saaxila.
➦ Kanaafu, kana hunda ofirraa kaasu fi adabbii ofirraa deebisuuf karaan
tokkichi tawbaah fi istighfaara. Kana jechuun badii irraa buqqa'uun gara Rabbii
deebi'anii araarama kadhachuudha.
➦ Jireenya tana keessatti qananiin guddaan namni yeroo hundaa tawbatuu fi
araarama kadhatu argatuu, qalbii isaa keessatti tasgabbii argachuu, wanta
darbeef gadduu fi wanta dhufuuf sodaachun isarraa ka'uudha.
➠Namni yommuu baditti taruu qalbiin isaa haguuggin ni haguugamti. Ergasii
haqa aayataa arguun itti ulfaata. Karaan haguuggi kana itti kaasu, tawbah fi
istighfaara.
➠Aayaata yommuu jennu aayata Qur'aanaa fi aayata kawniyyah of keessatti
qabata. Aayanni (keeyyanni) Qur'aanaa ragaalee ifaa, qajeelcha, gorsaa fi
odeefannoo gara fuunduraatti taasifamu of keessatti qabata. Aayanni
kawniyyah immoo mallattoolee wantoota uumamaniidha. Wantoonni
uumaman hundi gara Uumaa isaanii akeeku. Kanaafu, sifaata (amaloota) Isaa
waan agarsiisaniif mallatooleedha.
➠Namni yeroo hundaa tawbatu fi istighfaara baay'isu keeyyattoota fi
mallatoolee kanniinitti xinxalluun barnoota fi gorsa argata. Yommuu irra
deddeebi'e mallatoolee kanniin ilaalu isaaf yaadachiisa ta'a.
➠Badii hojjachuu itti fufuun dukkana namatti ta'uun ifa qajeelinnaa akka hin
argine nama taasisa.
➠Namni yommuu badii irraa tawbatuu fi araarama kadhatu, Rabbiin
subhaanahu wa ta'aalaa isa qajeelcha.
➠Karaan guddaan dhara sheyxaanaa jalaa itti bahan tawbaa fi istighfaara.
➠Hasaasni badaan sheyxaanaa namoota jaamsun wanta tokko sirriitti akka hin
ilaalle taasisu danda'a. Rabbiin yaadachuun immoo ijaa fi qalbii bana. Yaanni
sheyxaanaa namoota dukkanatti darba. Gara Rabbii deebi'uun immoo ifa
isaaniif kenna*.
➠Tawbaa fi istighfaarri ka'uumsa namoota qajeelinna fi jijjirama
barbaadaniiti. Akkasumas, gahuumsa fi xumura namoota milkaa'aniti.Kitaabban Wabii
[1] Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal
jama’a.” (Fuula 600, Abdullahi ibn AbdulHamid Al-Asariyyi,)
[2] Commentary on the Forty Hadith of An-Nawawi jildii 2 fuula 1312
[3] Ma’aariju at-tafakkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/39-40, Abdurahman
Hanbakah
[4] Tafsiir Sa’diyyi fuula 949, 356 fi 1030
Al-Akhlaaqu Islaamiyyat wa ususuhaa– Jiildi 1 fuula 681-… Abdurahman
Hanbakah
Kitaabban Tafsiiraa biroo
*In The Shade of The Qur'aan 6/263
Tafsiir Qurxubuu, Tafsiir Sa'diyy fi kanneen biroo.
Alhamdulillaah Kutaan kun kanumaan goolbama
Comments
Post a Comment
Jazaakumullaahu keeyran