Skip to main content

Toowbaa

 


 
 

Toowbaa

 Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Toowbaa

Kutaa 1ffaa.

Sammubani.com irraa



Boqonnaa jalqabaa (1)


Dhugumatti Faaruun hundi kan Rabbiiti. Isa ni faarsina, ni gargaarsifanna, araarama Isa kadhanna. Sharriwwan nafsee teenyaa fi hamtuwwan hojiiwwan keenyaa irraa Rabbiin eeggamna. Nama Rabbiin qajeelche kan isa jallisu hin jiru. Nama Rabbiin jallise kan isa qajeelchu hin jiru. Rabbii Tokkicha shariika hin qabne malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha. Akkasumas, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan baha.


Qulqullinnaa fi Najaasaa, Kabajaa fi Salphinna

Jireenya keessatti namoonni sababa adda addaa irraa kan ka’e rakkinnaa fi dhiphinna keessa jiraatu. Namoonni gariin sababa kana beekun furmaata barbaadatu. Gariin immoo akkasumatti haaluma keessa jiran itti fufu. Sababoota rakkinnaa fi dhiphinna namatti fidan keessaa guddaan badii hojjachuudha. Badii kana irraa qulqulla’anii jireenya gammachuu jiraachuuf furmaanni guddaan tawbahdha. In sha Allah torbiiwwan muraasaaf waa’ee tawbah ni ilaalla. Mee har’a osoo tawbatti hin seenin, Qulqullinnaa fi najaasan, kabajaa fi salphinni maal akka ta’an haa ilaallu.


Qulqullinna (Xahaarah), najaasaa, najisa

Akkuma bishaan najaasa ijaan mul’atu qulqulleessu, tawbahnis najaasa ijaan hin mul’anne kan qulqulleessudha. Qulqulinnaa (xahaaraa) fi najaasaa maal akka ta’e beekun, salphatti akka tawbatan nama gargaara. Namni najaasaa akka qulqullinnaatti yoo ilaale tawbachuun itti ulfaata. Kanaafu, mee hiika fi maalummaa jechoota kanniin haa qo’annu.


Qulqullinna (Xahaaraa) jechuun- wanta xurii ta’ee, jibbisisaa fi nama miidhu ofirraa oofu ykn deemsisuudha. Ishiin qulqullinna eeggatti yommuu jennu xurii fi wanta jibbisisaa ofirraa kaasti jechuu keenya. Qulqullinni bakka lamatti qoodama.

 1ffaa- Qulqulinna wanta ijaan mul’atu- kuni xahaaraa ifaa ijaan mul'atu fi qaamolee miiratin hubachuu danda'aniidha. Fakkeenyaf, bishaan yoo homaa itti hin makamiin qulqullinna qaba jenna.

2ffaa- Qulqullinna Keessaa- kuni keessa namaati fi qalbiin kan wal 

qabatuudha. Yoo namni waan badaa yaadu fi hojjachuu dhiise, "qalbiin isaa qulqulluudha" jedhama.

Najaasaa yommuu jennu immoo mataa isaatiin wanta qulqulluu hin taane, badaa fi nama miidhu danda’uudha. Najaasanis bakka lamatti qoodama. Isaaniis, najaasaa ijaan mul’atu kan qaama fi uffata namaa tuqu. Fakkeenyaf, fincaan, sagaraa fi kkf najaasadha. 

2ffaa- najaasaa keessaa ijaan hin mul’anne kan qalbii 

fi sammuu namaa tuquudha. Fakkeenyaf, shirkii, yaada badaa, dilii (cubbuu) garagaraati.

Najisa jechuun immoo wanta najaasaadhaan faalameedha.

Mee wantoota armaan olii sadan fakkeenyaan haa ilaallu.

Bishaan uumamaan qulqulluu (xahaara)dha. Yommuu fincaaniin walitti makamu najisa ta’a. Asitti fincaan najaasadha. Bishaan erga fincaaniin walitti makame booda najisa jedhama.

Haaluma kanaan, namni yommuu dhalatu qalbii fi sammuun isaa qulqulluu ta’ee dhalata. Yommuu amantii fi yaanni badaan sammuu fi qalbii isaa keessa seenu najisa ta’a. Haalli, amallii fi adeemsi isaa kan bade ta’a. Kanaafi, kaafirri nafseen isaa kufriin waan xurooftef najisa taati. Garuu qaamni isaa yoo najaasan ijaan mul'atu isa hin tuqin qulqulluudha.

Mu’mini immoo hojii badaa yoo hojjate, mutanajjis (nama qulqullu najaasan tuqe) ta’aa malee, akka kaafiraa guutumaan guututti najisa hin ta’u. Fakkeenyaf mu’minni zinaa yoo raawwate, najaasan isa tuqee jechuudha. Kanaafu, najaasa kana tawbah, istighfaara fi hojii gaggaariin ofirraa qulqulleessuf tattaafachu qaba. Yoo akkana godhe, gara qulqullumaatti ni deebi’a.Jechi biraa hiika najaasatti dhiyaatu jecha “rijs” jedhuudha. Jechi Rijs jedhu Qur’aana keessatti irra deddeebi’ame ni dubbatama. Rijs jechuun wanta 

fokkuu, shirkii, taabota gabbaruu, adabbii, kufrii fi kkf. Yommuu namni wanta fokkuu hojjatu, rajis (gadhee) jedhama.

Namni yommuu najaasan ijaan mul’atu isa tuqu bishaan qulqulluun of dhiqa. San booda nama qulqulluu ta’a. Haaluma kanaan qalbii namaa yommuu najaasan cubbuu/badii tuqu, tawbah, istighfaara fi hojii gaggaariin qulqulleessan. Ta’uu baannan, badiin qalbii isaa haguugun jireenya keessatti dukkanni fi adabbiin akka isatti bu'u sababa ta'a. Seenaa keessatti ummanni Luux badii guddaa hojjachuun beekkamu. Nabii Luux (AS) fi maatiin isaa namoota badii irraa of qulqulleessaniidha. Qur'aanni seenaa isaanii akkana jechuun nutti hima: 

"إِنَّكُمۡ لَتَأۡتُونَ ٱلرِّجَالَ شَهۡوَةً مِّن دُونِ ٱلنِّسَآءِۚ بَلۡ أَنتُمۡ قَوۡمٌ مُّسۡرِفُونَ"

"وَمَا كَانَ جَوَابَ قَوۡمِهِۦٓ إِلَّآ أَن قَالُوٓا۟ أَخۡرِجُوهُم مِّن قَرۡيَتِكُمۡۖ إِنَّهُمۡ أُنَاسٌ يَتَطَهَّرُونَ"

"فَأَنجَيۡنَٰهُ وَأَهۡلَهُۥٓ إِلَّا ٱمۡرَأَتَهُۥ كَانَتۡ مِنَ ٱلۡغَٰبِرِينَ "

"Luuxinis yommuu ummata isaatiin jedhe [yaadadhu]: "Sila isin badii fokkataa addunyaa irraa eenyullee isin hin dursin raawwattuu? .Dhugumatti isin fedhii saalaatiif jecha dubartii dhiistanii dhiiratti dhuftuu! Dhugumatti isin ummata daangaa darboodha. Deebiin ummata isaas, "Magaalaa keessan keessaa isaan baasaa; dhugumatti isaan namoota of-qulqulleessaniidha." jechuu malee homaa hin turre. Isaa fi maatii isaa [adabbii jalaa] ni baraarre. Garuu niitin isaa warra [adabbii keessatti 

hafan] keessaa taate." Suuratu Al-A'raaf 7:81-83

Ummanni Luuxi badii eenyullee isaan hin dursin hojjataa waan turaniif addunyaa irraa dugugamanii badan. Niitin Nabii Luux ummatatti wanta badaa akka hojjatan waan akeeka turteef ishiinis isaan waliin badde. Garuu Luuxi fi maatiin isaa hafan, namoota badii irraa of-qulqulleessan waan turaniif adabbii cimaa jalaa ni baraaraman. Haaluma kanaan, seerri Rabbii kan hin jijjiramne 

waan ta'ef, Rabbiin Olta'aan namoota badii irraa of qulqulleessan addunyaa fi Aakhiratti azaaba (adabbii cimaa) irraa ni baraara ykn nagaha baasa

"فَهَلۡ يَنتَظِرُونَ إِلَّا مِثۡلَ أَيَّامِ ٱلَّذِينَ خَلَوۡا۟ مِن قَبۡلِهِمۡۚ قُلۡ فَٱنتَظِرُوٓا۟ إِنِّى مَعَكُم مِّنَ ٱلۡمُنتَظِرِينَ"

."Ergasii, Ergamtootaa Keenyaa fi kanneen amanan nagaha baafna (ni baraarra). Akka kanatti mu'mintoota (warroota amanan) nagaha baasun Nu irratti haqa." Suuratu Yuunus 10:103

Najaasan gurguddaan namni irraa fagaachu qabuu fi yoo najaasan kuni isa tuqe dafee kan ofirraa qulqulleessu qabu, kanneen armaan gadiiti. Najaasan kanniini kabaa’ira zunuub (Badii gurguddaa) jennaan.Najaasaan kunniin sadarkaadhaan wal caalu. Najaasaan hundarra badaan shirkii, kufrii fi nifaaqa. Shirkii jechuun Rabbiin waliin waan biraa gabbaruudha. Fkn, Nabiyyoota, Malaykota fi kkf gabbaru (waaqefachuu). Kufrii jechuun haqa mormuu, itti amanuu diduu fi irratti of tooludha. Nifaaqa jechuun waan badaa ykn kufrii of keessatti dhoksuun waan gaarii ykn Islaama mul'isuudha.

Kabaa'ira Zunuub (Badii Gurguddaa)

1-Rabbitti kafaruu fi Isatti waa qindeessu-kufrii fi shirkii

2-Lubbuu namaa haqa malee ajjeesu

3-Sihrii (falfala)

4-Salaata dhiisu

5-Zakaa dhoowwachuu

6- Osoo danda’uu hajjii dhiisu

7-Uquuqul waalidayn (haadha abbaaf tola oolu diduu fi isaan miidhu)

8-Ribaa (dhala) nyaachu

9- Qabeenya yatiima haqa malee nyaachu

10-Rabbii fi Ergamaa Isaa (SAW) irratti kijiba dubbachuu

11- Ramadaana uzrii ykn hayyama tokko malee hiiku

12-Dirree waraanatti yommuu diinatti dhiyaatan waraana irraa dheessu

13-Zinaa (Sagaagalummaa) raawwachuu

14-Hogganaan namoota isa jalatti bulan gowwoomsu, cunqursuu, isaan miidhu

15-Khamrii (alkooli) dhuguu, osoo nama macheessu baateyyu. Fkn, biiraa dhuguun badii guddaadha.

16-Boonu, of-dhaadachuu, Of tuuluu fi of dinqisiifachuu

17- Ragaa sobaa bahuu

18- Saalli wal fakkaatu lama wal-qunnamti saalaa raawwachu (homosexuality). Fkn, dhiiraa fi dhiira

19-Dubartoota qulqulluu zinaan maqaa xureessu

20- Qabeenya booji’ame, Baytul Maali fi zakaa irraa dhoksaan hatu- Baytul maal-Mana qabeenyi hawaasaa itti kuufamu

21- Qabeenya namootaa kijibaan fudhachuun zulmii (miidhaa) hojjachuu

22- Hanna

23- Karaa muruu- kana jechuun shiftaa ta’uun namoota karaa deeman irraa qabeenya isaanii saamu ykn isaan ajjeesu

24- Sobaan kakachuu

25- Dubbii isaa caalaa keessatti kijiba baay’isuu

26- Nafsee ofii galaafachuu (ajjeesu)- Badii hundarra gurguddaa keessaa tokko

27- Abbaa murtii badaa

28-Haadha warraa irratti kan hin hinaafne- badii akka zinaa haati manaa yommuu raawwattu akka gaaritti ilaalun cal’isuu

29- Dubartiin dhiira of fakkeessu, dhiirri dubartii of fakkeessu

30- Muhallil wa muhallil lahu

31-Rakkoo ykn uzrii tokko malee baktii, dhiigaa fi foon booyye nyaachu

32-Fincaan irraa of qulqulleessu dhiisu

33-Gibira sassabuu

34-Ar-Riyaa (na argaa)

35- Khiyaanah (ganuu)

36- Addunyaa argachuuf qofa jedhanii beekumsa amantii barachuu fi beekumsa dhoksuu

37-Mannaan (tola namaaf oolan namatti lakkaa’un of dhaadachuu)

38- Qadara kijibsiisuu

39- Wanta namoonni dhoksaan haasawanii fi namni biraa akka beeku hin 

barbaanne, osoo isaan hin beekin suuta dhageefachu. Fkn, mana isaanii jala taa'un wanta isaan dubbatan gurratti guuru.

40- Abaarsa baay’isuu

41-Amiira (hogganaa) ofii ganuu

42- Raagdu fi urjii ilaalun nama wanta fagootti adeemsifamu dubbatu dhugoomsu

43- Dubartiin abbaa manaa ishii irratti finciluu (nushuuz)

44- Rahimummaa kutuu

45- Uffataa, dhaaba manaa fi kkf irratti suuraa ruuhii (lubbuu) qabu kaasu

46- Namoota wal lolchisiisuuf dubbii oli gadii oofu (namiimah)

47- Yeroo firri du’u dubartiin mardoo buusun garmalee iyyitee booyu fi boqoo ofii rukutu

48-Sanyii namaa maqaa badaan tuquu

49- Baghiy (daangaa darbuu)

50-Seeyfin bahuu fi namoota shirkii fi kufrii gaditti badii gurguddaa hojjatan kaafira jechuun labsuu-Kana jechuun Muslimootatti duulu fi kaafira isaaniin jechuu

51-Muslimoota rakkisuu fi isaan arrabsuu

52- Awliyaa’ota Rabbii rakkisuu fi isaanitti diina ta’uu- Awliyaa’ota jechuun warroota dhugaan amananii, wanta Rabbiin itti ajaje hojjatanii fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiisaniidha.

53-Surree lafarra harkisuu

54- Dhiirri hariira fi warqii uffachuu fi dirachuu

55-Gabrichi bulchaa isaa jalaa sokkuu, ilmii abbaa isaa jalaa sokkuu fi kkf

56- Rabbiin ala wanta biraatif qaluu

57- Mallattoo ykn daangaa lafaa jijjiruu- daangaa lafaa dhiibuu

58- Sahaabota arrabsuu

60- Gara jallinna namoota waamu ykn karaa (sunnaah) badaa namootaf baasu

61- Rifeensa mataatti rifeensa artifishaali qabsiisu, ilkaan jidduu babal’isuu fi niqisaata hojjachuu fi hojjachifachuu

62- Sibilaan obboleessa isaatti aggaamachuu

63-Abbaa isaa malee nama biraa akka abbaatti waamachuu

64-Waa alaamefachuun milkii ilaallachuu- Fkn, sinbiroon gara mirgaatin yoo dabarte, waan gaaritu na qunnama; gara bitaatiin yoo dabarte immoo waan badaatu na qunnama jedhanii yaadu.

65-Meeshaa warqii fi meetii irraa hojjatamee keessatti dhuguu

66- Mormii baay’isuu- sobaan mormuu, nama yakka hojjate “Inni kana hinhojjanne” jedhanii mormuufi, amantii keessatti beekumsa malee falmuu

67- Safaraa fi madaala keessatti hanga hir’isuu

68-Tooftaa Rabbii irraa nageenyi namatti dhagahamuu

69- Rahmata Rabbii irraa abdii kutuu fi garaa murachuu

70- Kan tola namatti oole tola isaa waakkachuu- homaa naaf hin goone jechuun tola isaa waakkachuu

71-Qumaari taphachuu

72- Al-Masjidul Haraam keessatti jallinna fi badii hojjachuu

73- Uzrii tokko malee jum'aa dhiisun adda salaatu

74- Muslimoota basaasuu fi hanqinna dhoksaa isaanii ifatti baasu Badiwwan gurguddaan lakkoofsan hangana jedhanii murteessun ni ulfaata. 

Kanneen armaan olii badii gurguddaa hangafoota ta'an hayyoonni Islaamaa Qur'aanaa fi hadiisa keessaa walitti qabaniidha. Garuu hiika badii gurguddaa beekun salphatti badii gurguddaa fi xixiqaa akka addaan baafatan nama taasisa. 

Badii gurguddaa yommuu jennu badii addunyaa tana keessatti adabbii seera Islaamaa (haddii) nama adabsiisu, fakkeenyaf, kan akka zinaa, ajjeechaa fi kkf. 

Yookiin Aakhiratti adabbii fi dallansuun kan waadaa galame ykn iimaana namaa kan diigu. Yookiin nama badii san hojjatu Ergamaan Rabbii (SAW) kan abaaran. 

Najaasa gurguddaa kanaa gaditti badiin xixiqooleen ni jiru. Garuu badii xixiqoolee kanniin irra deddeebi'anii yoo hojjatanii fi yoo irraa tawbatu dhiisan, gara badii guddaatti nama geessa. Rabbiin (subhaanahu wa ta'aalaa) nama badii gurguddaa irraa fagaate, badii xixiqoolee akka araaramuuf waadaa galee jira:

إِن تَجۡتَنِبُوا۟ كَبَآئِرَ مَا تُنۡهَوۡنَ عَنۡهُ نُكَفِّرۡ عَنكُمۡ سَيِّئَاتِكُمۡ وَنُدۡخِلۡكُم مُّدۡخَلًا كَرِيمًا

﴿"Badii Gurguddaa irraa dhoowwamtan yoo irraa fagaattan, badiwwan [xixiqoo] keessan isin irraa haaqnee seensa kabajaa (Jannata) isin seensifna." Suuratu An-Nisaa 4:31

Namni badii gurguddaa armaan olii keessatti yoo kufe, adabbii cimaaf saaxilamu danda'a. Kanaafu, karaan hundarra gaariin adabbi cimaa jalaa itti bahan tawbahdha. In sha Allah, kutaa itti aanu keessatti waa'ee tawbah ni ilaalla.

Guduunfaa

➥Namni jireenya keessatti gammachuu barbaadu akkuma qaamaa fi uffata ofii najaasaa irraa eegu qalbii fi sammuu ofii najaasa irraa eegu qaba.

➥Najaasan bakka lamatti qoodama.Isaaniis:1ffaa-Najaasaa ijaan mul'atu.Fkn, fincaan, sagaraa fi kkf. 2ffaa-Nijaasaa keessaa (spiritual impurity) ykn najaasaa ijaan hin mul'anne. Fkn, shirkii, kufrii, nifaaqa, badii gurguddaa fi xixiqaa kanaa gadi jiran. Najaasan kunniin qalbii fi sammuu namaa faalun nafsee 

namaa najisa taasisu.

➥Najaasan kunniin qalbii irra yoo bu'ee fi dafanii yoo hin qulqulleessin, qalbii haguugun haqa akka hin argine nama taasisa.

Abu Hureyraan akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: Yommuu namni dhugaan amane badii hojjatu, tuqaan gurraattin qalbii isaa irratti ni mul’atti. Yoo tawbatee badii san dhiisee fi Rabbiin irraa araarama kadhate, qalbiin isaa ni qulqulloofti. Garuu badii hojjachuu yoo itti fufe, tuqaan gurraattin ni dabalti. Suni "Raana" Rabbiin Kitaaba Isaa keessatti dubbateedha:

"كَلَّاۖ بَلۡۜ رَانَ عَلَىٰ قُلُوبِهِم مَّا كَانُوا۟ يَكۡسِبُونَ “Haa dhorgaman! Dhugumatti Wanti hojjataa turan qalbii isaanii haguuge.” Suuratu Muxafifin 83:14 (Sunan Ibn Maajah 4244)

Raana jechuun badiin badii irratti dabalamuun qalbii namaa haguugu fi gurraachessudha.

➥ Namni badii irraa yoo qulqullaa'e kabajaa argata. Yoo badii irraa of qulqulleessu dhiise immoo ni salphata. Qur'aana 

"قَدۡ أَفۡلَحَ مَن زَكَّىٰهَا"

"وَقَدْ خَابَ مَن دَسَّاهَا"

“Namni ishii(nafsee ofii badii irraa) qulqulleesse dhugumatti milkaa’e.Kan ishii (nafsee ofii badiin) xureesse dhugumatti hoonga’e.” Suura AshShams 91:9-10

Namni baditti erga taree booda hojii gaggaarii hojjachuu fi tawbahn of qulqulleessee nama milkaa'u fi gammadu ta'uu danda'a. In sha Allaah akkaataa itti tawbatanii fi wantoota tawbah irratti nama gargaaran walumaan ilaalla.


Kitaabban Wabii 

Ibtilaa'ul Iraadati bil Iimaani wal-Islaami wal-Ibaadati- Fuula 121-144, Abdurahman Hanbakah

Kabaa'ir- Imaamu Zahabi

***************


Al-hamdulillaah kutaan kun goolabame.

Comments

Popular posts from this blog

KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Seenaa rasuulaa kutaa 15

  SEENAA RASUULAA KUTAA 15FFAA AMATA HIJRII 9FFAA IRRAA HANGA Duula TABUUK. Amata Hijrii 9ffaa Amatni Hijiraa 9ffaan ni dhufe. Warri Siiraa amata saniin amata Kheeysummaa (Aamu Al-Wufuud) ja’aniin. Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wasallam amata 9ffaa Hijirii guutuu Isaa Madiinaa taa’ee Kheeysummaa itti dhuftu qeebalaati ture. *** Kheeysummulleen –Jiilli Damiinoota Gosa adda addaa- Islaamummaa Isaanii labsuuf Madiinaa dhufan 60 oli, Barri Hijrii 9ffaan Jiila kheeysummaatiin guuttamaa ture. *** Amata 9ffaa hijiraa kheeysa Jiilli Kheeysummoota Madiinaa dhufan kheeysaa: 1- Gosa Baahilaa 2- Gosa Banii Tamiim 3- Gosa Banii Asad 4- Gosa Bajiilaa fii Ah’mas fii gosoota biraa hedduutu dhufe. *** Ji’a Rajab, bara Hijirii 9ffaa kheeysa Najjaashii As’hamaa mootichi Habashaa du’e. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Salaat Al- Ghaa’ib (salaata nama fagootti du’ee) irratti salaate. *** Jaabir bin Abdullaahi akki ja’u: Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam “Arra nama Saaliha (Gaariitu) du’e, ka’a...
KUTAA 13 ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 13 ƒƒαα  Duula Fat’hii Makkaa  Fathii Makkaa. Baatii Ramadaanaa, Amata Hijirii 8ffaa kheeysa Fat’hiin Makkaa, Injifannoon Islaamaa guddoon argamte. Rabbiin Injifannoo saniin Amantii Isaatii fii Rasuula Isaa sallallaahu aleeyhi wasallam ol fuudhe. *** Sababaan duulli “Ghazwatu Fat’hi Makkaa” (Injifannoo Makkaa) argamteef: Banii Bakrii fii Qureeyshiin wal tahanii gosa Khuzaa’aatan Sulhii Hudeeybiyyaa irratti Rasuula sallallaahi wasallam wajjiin tahuuf wa’ada seente gananii nama 20 irraa ajjeesan.69 *** Amr bin Saalim Al-Khuzaa’ii Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam bira Madiinaa dhufe. Rasuula Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Osuma Masjida kheeysa taa’aa jiru itti ol seenee gubbaa dhaabbate. Ajjeechaa dagutti Qureeyshii fii Banii Bakri Isaan irratti raawwatte itti hime. *** Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Yaa Amr bin Saalim Tumsamte (siifin tumsa)” je’een. Eegasi Makkaa irraa gosti Khuzaa’aa Maanguddoo gama Rasuulaa sallallaahu al...