Alhamdulillah, amaloota gaggaarii Gabroota
Ar-Rahmaan osoo ilaallu kunoo dhumarra
geenye jirra. Har’a kutaa dhumaati fi
mindaa isaanii ilaalun amaloota isaanii ni
guduunfina. Dhugumatti namoonni amaloota
gaggaarii qabanii fi hojii gaggaarii iimaana
irratti hundeessun hojjatan, mindaan isaanii
Rabbii olta’aa biratti garmalee guddaadha.
Yaa obboleessa/ yaa obboleetti koo! Nu
keessaa eenyutu amaloota gaggaarii kanaan
of faayun ganda lamaanitti sadarkaa fi
kabaja ol’aanaa irra gahuu barbaadaa? In
sha Allah amaloota kanniin gara
dhumaarratti ni guduunfina. Amma
amaloota hafan haa ilaallu:
“ Isaan “Gooftaa keenya! Niitolii keenya fi sanyii
keenya irraa gammachuu ijaa kan ta’an nuuf
kenni. Warra Rabbiin sodaataniifis imaama
(fakkeenya fi hogganaa) nu taasisi.” warra
jedhaniidha.” Suuratu Al-Furqaan 25:74
Mufassiroonni (hayyoonni Qur’aana ibsan)
“ gammachuu ijaa kan ta’an ” jedhu, “ [Yaa
Rabbii] niitolii fi sanyii Siif ajajamanii ijji teenya
itti gammaddu nuuf kenni. ” jechuun hiikan.
[1] Gabroonni Ar-Rahmaan ijji isaanii tan
gammadduu fi qalbiin isaanii tasgabbooftu
yommuu niitii fi sanyiin isaanii Rabbiin qofa
gabbaranii fi Isaaf ajajaman arganiidha.
Niitolii fi ijoolleen isaanii warra iimaanaa,
taqwaa fi hojii gaggaarii hojjatu ta’uun
namoota biroof fakkeenya akka ta’an
hawwu. Niiti fi sanyiin tee namoota
amaloota baay’ee gaarii (excellent qualities)
qabaatan yoo ta’an, hangam si
gammachiisuu?
Namni niiti fi sanyiin isaa gaarii akka ta’an
barbaadu, jalqaba mataan isaa gaarii ta’uu
qaba. Kanaafi, gabroonni Ar-Rahmaan niiti fi
sanyiin isaanii gaarii akka ta’an kadhachuu
waliin mataa isaaniitiifis namoota gaarii
akka ta’an kadhatu. “ Warra Rabbiin
sodaataniifis imaama (fakkeenya fi hogganaa) nu
taasisi.” jechuun Rabbiin kadhatan.
Amaloota gabroota Ar-Rahmaan keessaa,
isaan yeroo hundaa hanga warra sadarkaa
muttaqootaa irra jiraniif fakkeenya ta’anitti
gara sadarkaa abraarotaa fi muhsintootatti
akka olkaafaman hawwuu.
Muttaqoota jechuun warra amanee wanta
Rabbiin itti ajaje hojjatanii fi wanta Inni
dhoowwe dhiisaniidha. Abraaronnis warra
amanee wanta Rabbiin itti ajaje hojjatanii fi
wanta Inni dhoowwe dhiisaniidha. Garuu
hojii gaggaarii baay’ee hojjachuu fi wantoota
makruh (jibbamaa) dhiisun sadarkaan
isaanii muttaqoota ol ta’a. Muhsinoonnis
warra amanee wanta Rabbiin itti ajaje
hojjatanii fi wanta Inni dhoowwe
dhiisaniidha. Garuu Rabbiin osoo arguu
baataniyyu akka waan Isa arganiitti
gabbaruun sadarkaan isaanii sadarkaa
abraarotaa fi muttaqootaa ol ta’a.
Muhsinoonni sadarkaa ol’aanaa irratti
argamu.
Gabroonni ar-Rahmaan muhsintootaa fi
abraarota keessaa ta’uun muttaqootaaf akka
fakkeenya isaan godhu Rabbii olta’aa
kadhatu. Dhugumatti, namni nama biraatiif
fakkeenya gaarii ta’uuf nama isa hordofuu fi
isatti hidhatu caalaa sadarkaan kan ol ka’ee
fi amaloota gaggaarii baay’ee kan qabu
ta’uu qaba.
“Warra Rabbiin sodaataniifis imaama (fakkeenya
fi hogganaa) nu taasisi. ” Kana jechuun yaa
Rabbii keenya! Sadarkaa ol’aanaa kana irra
nu geessi. Sadarkaan ol’aanaan kunis
amanti keessatti fakkeenyaa fi hogganaa
ta’uudha. Dubbii fi hojii isaanii keessatti
muttaqootaaf fakkeenya gaarii ta’uudha.
Hojii isaanii namoonni itti hidhatu, dubbii
isaanititti ni tasgabbaa’u. Warri kheeyri
isaan duuka bu’u. Mataa ofiiti qajeelanii
namoota biroos qajeelchu. Amanti keessatti
fakkeenya gaarii fi hogganaa ta’uun obsaa fi
yaqinaan (shakkii tokko malee dhugaan
amanuun) malee hin guuttamu. Akkuma
Rabbiin olta’aan jedhe:
“Yeroma isaan obsanii aayaata (mallattolee,
ragaalee, keeyyattota) Keenyatti dhugaan
amanan, isaan keessaa hoggantoota ajaja
Keenyaan [namoota] qajeelchan taasifne.”
Suuratu As-Sajdah 32:24
Fakkeenya gaarii fi hoggantoota ta’uuf
kadhachuun hojii akka hojjatan, Rabbiif
ajajamu irratti akka obsan, Isa faallessu
irraas akka obsan, rakkoolee cimoo irrattis
akka obsanii fi beekumsa yaqiinatti nama
geessu argachuu barbaachisa. Hojii, obsaa fi
beekumsa malee sadarkaa ol’aanaa irra
gahuun ni danda’amaa? (Hubachiisa: Isaan
fakkeenyaa fi hogganaa ta’uuf kan dharra’an
namoota irratti ol’aantummaa argachuu fi
beekkamaa ta’uuf osoo hin ta’in, Jaalala
Rabbii barbaadun namoota dukkana keessaa
gara ifaatti baasufi. Nama Rabbiif jedhe
namootaaf fakkeenya ta’uu barbaadu fi
nama addunyaaf jedhee hoggantummaa
barbaadu wal bira qabi.)
Jazaan gosa hojiitin waan ta’eef, gabroonni
Ar-Rahmaan yommuu yaannii fi kaayyoon
isaanii garmalee ol fagoo ta’uu, Rabbiin
manneen garmalee ol fagoo ta’aniin isaan
mindeesse. [2] Ni jedha:
“Isaan sun waan obsaniif jecha [Jannata keessatti]
Iddoo Ol’aanaa ta’e badhaafamu. Ishee keessattis
nagahaa fi salaama qunnamu. Achi keessa yeroo
hundaa jiraatu. Ishiin iddoo qubannaa fi iddoo
turtii ta’uun garmalee miidhagde.” Suuratu Al-
Furqaan 25:75-76
Aayata lamaan kanniin keessatti mindaa
gabroonni Ar-Rahmaan Guyyaa Murtii
Gooftaa isaanii biratti argatan ibsa. “Isaan
sun” kana jechuun gabroonni Ar-Rahmaan
amaloota babbareedo kanaan ibsaman,
“waan obsaniif ” kana jechuun hojii gaggaarii
hojjachuu irratti, wanta Rabbiin dhoowwe
irraa fi balaa isaan muudateef sababa
obsaniif, “ [Jannata keessatti] Iddoo Ol’aanaa
ta’e badhaafamu ” kana jechuun akkuma isaan
addunyaa keessatti sadarkaan isaanii
iimaanan, hojii fi amaloota gaggaariin
olka’e, Guyyaa Qiyaamaas Rabbiin azza wa
jalla Jannata qananii keessatti iddoo
ol’aanaan isaan badhaasa. Iddoon ol’aanaan
kuni gamoowwan (manneen) ol fagoo
qananii barbaadamu hunda of keessatti
qabataniidha.
“Ishee keessattis nagahaa fi salaama qunnamu.”
Akka lugaatti jechi “tahiyyata” jedhu hiika
“nagaha guutuu” qaba. Salaamnis hiika
nagaha jedhu qaba. Garuu, tahiyyata
salaama caalaa wali gala (a’amm) kan
ta’eedha. Salaamni hundi tahiyyata [3]
Jannata keessatti malaykoonni nagaha fi
baga dhuftaniin isaan qunnamu. Salaama
jechuun wanta jibbamaa fi hanqinna
hundarraa nagaha ta’uu waan ta’eef, nafsee
isaaniitii fi iddoo jireenyaa isaanii keessatti
wanta isaan jeequ fi rakkisu hundarraa
nagaha ta’u. Rabbii olta’aa irraa nagaha
argatu. Malaykoonnis balbala hundaan
isaanitti seenun “Waan obsitaniif nageenyi isin
irratti haa jiraatu; gandi boodaa waa tole! ”jedhu
(Suuratu ar-Ra’ad 13:23-24) Isaanis wal
jidduutti nagaha walirratti qara’u. Dubbiin,
adeemsi fi jireenyi isaanii guutuun hundi
wanta badaa fi fokkuu hundarraa nagaha
kan ta’eedha.
“ Achi keessa yeroo hundaa jiraatu .” Hafiinsa
xumura hin qabne achi keessatti kan hafan
ta’anii Jannata irraa Firdaws keessatti iddoo
ol’aanaa badhaafamu. “ Ishiin iddoo qubannaa
fi iddoo turtii ta’uun garmalee miidhagde. ”
Jannanii warra manneen ishii keessatti
qubataniif iddoo qubannaa garmalee
miidhagdeedha. Akkasumas, warroota wal
ziyaaraniif (wal daaw’ataniif) iddoo turtii
garmalee miidhagdeedha. [4]
Guduunfaa
Alhamdulillah gargaarsa Rabbii olta’aatin
amaloota garboota Isaa gaggaarii ta’an
ilaalle jirra. Sababa isaan hojii babbadaa fi
amaloota fokkuu irraa fagaachuun hojii
gaggaarii fi amaloota miidhagoon of
faayaniif, mindaan isaanii Jannata keessatti
iddoo ol’aanaa ta’e. Akkuma beekkamu,
Jannata kan seenu warra xurii hojii fi amala
badaa irraa qulqullaa’aniidha. Qur’aana
keessatti ni jedha:
“Warri Rabbii isaanii sodaatan gareedhaan gara
Jannataa oofamu. Yeroma isaan ishiitti dhufanii
balboonni ishii banaman, Waardiyoonni ishii,
“Nageenyi isin irra haa jiraatu, qulqulluu taatanii
jirtu. Keessatti hafoo ta’aatii ishii (Jannata)
seenaa.” Isaaniin jedhu.” Suuratu Az-Zumar
39:73
Asitti “qulqulluu taatanii jirtu.” jecha jedhu itti
haa xinxallinu. Jannanii iddoo qulqulluu fi
nagahaa waan taatef, ganda warri
qulqulluun seenudha. Warra qulqulluu
jechuun warra qalbiin isaanii xurii akka
shirkii, badii gurguddaa fi wantoota fokkuu
biroo irraa qulqullooftedha. Kanaafi,
gabroonni Ar-Rahmaan wantoota fokkuu
irraa qulqullaa’un hojii fi amaloota gaariin
waan of faayaniif jazaan (mindaan) isaanii
Jannata ta’e. Mee amma amaloota gaggaarii
isaan ittiin of faayanii fi amaloota badoo isaan
irraa fagaatan haa guduunfinu:
1- Dachii irra haala salphaan adeemu. Rabbii
olta’aaf of gadi qabu. Gabroota Isaa irratti of
hin tuulan. Akkasumas, na argaaf hin
rincican. Adeemsi isaanii madaallamaa of
tuuluu fi rincicuu irraa bilisa ta’eedha.
2- Yommuu namni gowwaa fi wallaalan
dubbii badaa isaanitti dubbate, dubbii gaarii
fi nagaha ta’een isatti deebisu. Gowwaa fi
wallaalatti dubbii gaarii kan deebisan yoo
ta’e, namoota biroottis dubbii irra gaarii
deebisu jechuudha.
3- Gooftaa isaanitiif halkan ni salaatu
4- Akka Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa
adabbii Jahannam isaan irraa deebisu
garmalee kadhatu.
5- Yommuu baasi baasan garmalee hin
qusatan, hin qisaasessanis. Baasin isaanii
madaallamaadha.
6- Rabbiin waliin waan biraa hin kadhatan
ykn hin gabbaran
7- Nafsee Rabbiin ajjeesu haraama godhe
haqa malee hin ajjeesan
8- Zinaa (sagaagalummaa) hin raawwatan.
9- Yoo badii armaan olitti ykn kan biraatti
kufan, tawbaa dhugaa tawbatu, hojii
gaggaarii baay’isanii fi qulqullinnaan
hojjatu.
10- Hojii fi dubbii sobaa fi fokkuu irratti hin
argaman ykn hin hirmaatan. Ragaa sobaa
hin bahan.
11- Yommuu hojii fi dubbii faaydi hin
qabnetti dhufan, kabajaan bira darbu.
12- Yommuu Qur’aanni isaan irratti
dubbifamu, jaamaa fi duudaa ta’uun irraa
hin garagalan. Kana irra, itti xinxalluun ni
fudhatu, ni hordofu.
13- Niitiwwan isaanii, sanyii isaanitii fi mataa
ofiitiif akka amaloota gaggaariin faayamanii
fi sadarkaa ol’aanaa irra gahan Rabbii olta’a
kadhatu.
Mee amma irra deebine lakk.4 fi 13 haa
ilaallu. Lakk.4 keessatti Rabbiin subhaanahu
wa ta’aalaa akka adabbii Jahannam isaan
irraa deebisu kadhatu. Adabbi Jahannam
isaan irraa akka deebisu kadhachuun, badii
irraa isaan eegu fi badii darbee isaaniif
araaramu of keessatti qabata. Kanaafu, Yaa
Rabbii adabbii Jahannam nurraa deebisi
jedhanii kadhachuun isaanii adabbii, hojii fi
amaloota fokkuu hunda akka isaan irraa
deebisu kadhachaa jiru. Lakk.13 keessatti
immoo muttaqootaf imaama nu godhi
jedhanii yommuu kadhatan, hojii fi amaloota
gaggaariin akka isaan faayu kadhataa jiru.
Kanaafu, gabroonni Ar-Rahmaan adabbii,
hojii badaa fi amaloota fokkuu ofirraa
deebisuuf akkasumas, hojii fi amaloota
gaggaariin of faayuf Rabbii olta’aa kadhatu.
Sababa kanaan iddoo ol’aanaa
badhaafaman. Osoo gargaarsa Isaa argachuu
baatanii silaa bakka ol’aanaa kana ni gahuu?
Kuni kan agarsiisu hanga danda’an carraaqu
waliin yeroo hundaa Rabbii olta’aa
kadhachuudha. Mata-duree kana du’aayi
Ergamaa Rabbii (SAW) irraa gabaafame
kanaan haa xumurru:
ﺍﻟﻠَّﻬُﻢَّ ﺍﻫْﺪِﻧِﻲ ﻷَﺣْﺴَﻦِ ﺍﻷَﻋْﻤَﺎﻝِ ﻭَﺃَﺣْﺴَﻦِ ﺍﻷَﺧْﻼَﻕِ ﻻَ ﻳَﻬْﺪِﻱ ﻷَﺣْﺴَﻨِﻬَﺎ ﺇِﻻَّ ﺃَﻧْﺖَ
ﻭَﻗِﻨِﻲ ﺳَﻴِّﺊَ ﺍﻷَﻋْﻤَﺎﻝِ ﻭَﺳَﻴِّﺊَ ﺍﻷَﺧْﻼَﻕِ ﻻَ ﻳَﻘِﻲ ﺳَﻴِّﺌَﻬَﺎ ﺇِﻻَّ ﺃَﻧْﺖَ
Allaahumma-hdinii li ahsanil a’amaali wa ahsanil
akhlaaqi, laa yahdi li ahsanihaa illaa anta. Waqinii
sayyi’al a’amaali wa sayyi’al akhlaaqi, laa yaqii
sayyi’ahaa illaa anta.
“Yaa Rabbii! Hoji hundarra gaarii ta’ee fi amala
hundarra gaarii ta’etti na qajeelchi, [hojii fi
amala] hundarra gaarii ta’etti kan qajeelchu si
malee hin jiru. Hojii badaa fi amala badaa irraa
na eegi. [Hojii fi amala] badaa irraa kan nama
eegu si malee hin jiru.” An-Nisaa’i 896
wa aakhiru daw’aanaa anilhamdulillah
Rabbiil aalamiin.
Kitaabban wabii:
[1] Tafsiira Ibn Kasiir 6/132, Tafsiir Qurxubii
15/488
[2] Tafsiiru Sa’dii-fuula 688
[3] Tafsiiru Qur’aanil Kariim, Suuratu
Furqaan, fuula 340, Muhammad bin Saalih
Useymiin
[4] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu
tadabburi -6/669, sifaatu Ibaadu Rahmaan
fuula 31
Comments
Post a Comment
Jazaakumullaahu keeyran