Skip to main content

GUDUUNFAA IIMAANAA



Alhamdulillah Rabbil Aalamiina! Torbee hedduu ol waa’ee iimaanaa ilaalle turre. Barnoota guddaas akka irraa argattan abdii qabna. Ji’oota kana keessa iimaanni maal jechuudha? Garaagarummaan Islaamaa fi iimaaanaa maal akka ta’e, arkaana Iimaanaa jahan ilaalle turre. Tarii dubbistoonni hundi kanniin hunda hin dhaqqabne ta’a. Amma haala wali galaa ta’een waa’ee iimaanaa ni guduunfina.


Akka lugaatti iimaana jechuun dhugoomsu fi mirkanessuudha. Jecha biraatin, wanta tokkotti dhugaan itti amanuu fi mirkaneessudha.



Akka shari’aatti iimaanaa jechuun qalbiin dhugaan amanuu, arrabaan labsuu fi qaaman hojii hojjachuudha. Iimaanni hojii namni hojjatu irratti hundaa’e ni dabala yookiin ni hir’ata. Namtichi hojii gaggaarii yoo hojjatee fi hojii badaa irraa yoo fagaate, iimaanni isaa ni dabala. Faallaa kanaa, hojii gaarii yoo dhiisee fi hojii badaa yoo hojjate, iimaanni isaa ni hir’ata.


Iimaanni Arkaana ykn utubaalee jaha qaba. Isaanis: Rabbitti amanuu, Malaykotatti amanuu, Kitaabbanitti amanuu, Ergamtootatti amanuu, Guyyaa Aakhiraatti (Dhumaatti) amanuu fi Qadaratti amanuudha.



1-Rabbii olta’aatti amanuu


Rabbiin (Allaah) Gooftaa olta’aa wantoota hundaa uumee fi too’atu, yeroo hundaa jiraataa fi tokkichumaan gabbaramuudha. Isaan ala kan haqaan gadi jedhaniif, sodaa fi kajeellaan kadhatanii fi qalbii guutun jaallatan hin jiru. Wanti Isaan alatti gabbaramu (waaqefatamu) hundii kijibaa fi baaxila.

Rabbii olta’aatti amanuun wantoota afur of keessaa qaba:



(1) Rabbiin Qulqullaa’an olta’e jiraachutti shakkii tokko malee amanuu

(2) Gooftummaa Isaatti dhugaan amanuu. Kana jechuun Uuman, Mootiin, Qindeessan, nyaachisaa fi obaasan wanta hundaa Rabbii ol’aanaa qofa akka ta’e amanu.

(3) Tokkichummaa fi haqaan gabbaramuu kan qabu Rabbiin qofa akka ta’e amanu.

(4) Asmaa’a wa sifaat (Maqaalee fi amaloota) gaggaarii Rabbiitti amanuu-kana jechuun Rabbiin qulqullaa’an olta’e amaloota gugguutuu fi maqaalee gaggaarin Kan ibsamu akka ta’e amanu. Amaloota hanquu fi hir’uu irraa qulqullu akka ta’e amanu.



2-Malaykotatti amanuu


Malaykoonni uumamtoota ija keenyatti hin mul’annee fi kan Rabbiin nuura (ifa) irraa isaan uumedha. Malaaykonni gabroottan Rabbii kabajamoo fi badii irraa qulqulluu kannneen ta’aniidha. Yeroo hundaa Rabbiin gabbaruu fi Isa faarsu. Malaaykonni amala gooftummaas ta’i amala gabbarummaa hin qaban. Kana jechuun isaan gooftaa waa hundaa uumee fi kanneen gabbaraman ta’uu hin danda’an. Hundema wanti uumame Gooftaa gabbaramuu ta’uu danda’aa?


Malaaykootatti amanuun wantoota afur of keessaa qaba:

1ffaa: Malaaykonni jiraachutti amanuu

2ffaa: Maqaa isaanii kan beeknu kan akka Jibriili fi maqaa isaanii kan hin beekne dimshaashan itti amanuu.

3ffaa: Sifaata (amaloota) isaanii irraa waan beeknutti amanuu. Amala akka Jibriil. Jibriil koola 600 akka qabu nutti beeksifamee jira.

4ffaa: Hojiwwan isaanii keessaa hojiiwwan nuti beeknu kan ajaja Rabbiitin malaykoonni hojjatanitti amanuu. Kan akka halkanii guyyaa Rabbiin faarsu, hifannaa fi boqonnaa malee Isa gabbaruu fi kan biroo. Isaan keessaa malaykoonni gariin hojii addaa qabaachu danda’u.



3.Kitaabbanitti amanuu


Kitaabban Rabbiin irraa bu’an ilma namaa gara gammachuu, nageenyaa fi milkaa’innaatti qajeelchu. Kitaabban Rabbiin buusetti amanuun wantoota afur of keessaa qaba.

1ffaa: Kitaabban kunniin dhugaan ykn haqaan Rabbiin irraa buufamu isaaniitti amanuu

2ffaa: Kitaabban maqaalee isaanii beeknutti amanuu. Isaan keessaa Qur’aana, kan Nabii Muhammad (SAW) irratti buufame, Tawraat kan Nabii Muusaa (AS) irratti buufame, Injiil kan Nabi Iisaa (AS) irratti buufame, fi Zabuur kan Nabii Dawuudif kennametti amanu. Kanneen maqaa isaanii hin beekne immoo walumaagalatti itti amanna. Kana jechuun Rabbiin irraa kan bu’an ta’uu fi ilma namaatiif qajeelchaa fi ifa akka ta’an ni amanna.



3ffaa: Odeefannoo osoo hin jijjiraminii fi hin micciramiin haqaan kitaabban kanniin keessatti dhufan dhugoomsu ykn dhugaan itti amanu.

4ffaa: Seera ykn murtiwwan kitaabban of keessaa qaban kan hin shaaramne irratti hojjachuu, hikmaa (ogummaa) isaa hubannee dhiisne murtiwwan kaniinitti gammaduu fi guutumatti harka kennu.


Kitaabni xumuraa ilma namaatiif qajeelfamaa fi rahmata akka ta’uuf buufame Qur’aana. Qur’aanaan booda kitaabni biraa hin buufamu. Qur’aanni hanga Guyyaa Qiyaamatti jijjiramuu fi micciramuu irraa ni tiikfama. Kitaabni amantiin akka hin jijjiramne eega. Ergamaa boodaa kitaabni ummata isaa keessa jiraachuun akka Ergamaan suni isaan keessa jiraachuti. Sababa kanaaf, Qur’aanni namoota yeroo Nabii Muhammad (SAW) fi isa booda dhufan irratti hujjah (ragaa) ta’a. Yoo isaan ajajoota Qur’aana keessa jiru hordofan, adabbii Rabbii (subhaanaha wa ta’aalaa) irraa nagaha bahu. Yoo hordofuu didan immoo adabbii cimaaf of saaxilu.




4.Ergamtootatti Amanuu


Ergamtoonni namoota filatamoo Rabbiin olta’aan isaan ergeedha. Ergamtoonni gabroottan Rabbiiti malee Gooftaa fi gabbaramoo ta’uu hin danda’an. Ergamtoonni ilmaan namaa dukkana keessaa gara ifaatti, dhiphinna keessaa gara bal’innaatti, kufaati keessaa gara milkaa’innaatti baasu. Sababni isaas, Ergamtoonni qajeelcha guutuu Rabbii waa hundaa uumee fi beeku irraa waan argataniif. Ergamtootatti amanuun wantoota afur of keessatti qabata. Isaaniis:


1ffaa- Ergamtoonni dhugaan (haqaan) Rabbiidhaan kanneen ergaman ta’uu amanuu–

2ffaa- Ergamtoota keessaa maqaalee isaanii kan beeknu itti amanuu- Kanneen akka Muhammad, Ibraahim, Muusaa, Iisaa, Nuuh fi kan biroo (hunda isaanii irrattu nageenyi fi rahmanni Rabbii haa jiraatu).

3ffaa-Oduu isaan irraa dhufuun isaa mirkanaa’e dhugoomsu– kana jechuun odeefanno Ergamtoota irraa nama gahe fi odeefannoon kuni dhugaadhaan isaan irraa ta’u yoo mirkanaa’e itti amanuudha. Sababni isaas, wanti Ergamtoonni dubbatan hundi dhugaadha.

4ffaa- Ergamtoota keessaa seera (shari’aa) Ergamaa gara keenyaatti ergamee hojii irra oolchu fi itti buluu. Nabiyyiin xumurraa ilmaan namaa guutuuf ergamee Nabii Muhammad (salallahu aleyh wa sallam).


Nabii Muhammaditti amanuu jechuun Nabii Muhammad (SAW) ilma namaa guutuuf Rabbiin kan erge ta’uu dhugaan itti amanuu, odeefannoo isarra mirkanaa’e dhugoomsu, wanta inni itti ajaje hojjachuu fi wanta inni irraa dhoowwe dhiisudha.


Kaayyoon guddaan Ergamtoonni itti ergamaniif ilmi namaa dhagaa, urjiilee, aduu, namoota, sheyxaana, fedhii ofii fi kkf gabbaruu (waaqefachuu) dhiisanii Rabbii isaan uume qofa akka gabbaran gorsuu fi barsiisufi.



5.Guyyaa Aakhiraatti Amanuu


Guyyaa Aakhiraa-jechuun Guyyaa Qiyaamaa namoonni du’an qorannoo fi mindaaf itti kaafamaniidha. Aakhirah jechuun dhuma ykn xumura wanta tokkoo jechuudha.Guyyaan Qiyaamaa Guyyaa Aakhirah jedhamee kan waamameef yommuu warri Jannataa Jannata keessa qubatan, warri ibiddaa ibidda keessa seenan isa booda guyyaan biraa waan hin jirreefi.


Aakhiratti amanuun wantoota sadii of keessaa qaba.

1ffaa-Namoonni erga du’aani booda akka kaafaman amanuu

2ffaa- Namoonni wanta hojjataa turaniif akka qoratamanii fi jazaa argatan amanuu. Jazaan kuni takkaa mindaa gaarii takkaa immoo adabbii badaa ta’uu danda’a.

3ffaa- Jannataa fi Ibiddatti amanuu- Kana jechuun Jannani warroota amananii fi hojii gaggaari hojjataniif akka qophoofte amanu. Ammas, ibiddi Jahannam warroota kafaranii fi badii hojjataniif akka qophoofte amanuudha.




6.Qadaratti Amanuu


Qadara jechuun wanti hundi raawwatamuun ykn uumamuun dura murtii Rabbiin murteesse fi katabeedha.

Qadaa jechuun immoo wanta murtaa’e hojii irra oolchu, raawwachuu fi xumuruudha.



Qadaratti amanuun wantoota afur of keessaa qaba:

1.Rabbiin wanta hundaa akka beeku amanuu

2.Wantoota kanniin hundaa Lawhal Mahfuuz (Galmee Eeggamaa) keessatti Rabbiin akka katabee amanuu

3.Wantoonni hundii fedhii Isaatiin qofa akka raawwataman amanuu

4.Wantoota hundaa kan Uumuu fi argamsiisu Rabbiin akka ta’e amanuudha.




Cuunfaa


➥Rabbitti amanuu jechuun shakkii tokko malee Jiraachu Isaatti, Gooftummaa Isaatti, Tokkichummaa fi haqaan kan gabbaramu Isa ta’uu Isaatti fi maqaalee gaggaarii fi amaloota gugguutun kan ibsamu (wassafamu) akka ta’e amanuudha.

➥Malaaykotatti amanuu jechuun jiraachuu isaanitti, hojii isaaniitti fi amaloota isaanitti amanuudha.

➥Kitaabbanitti amanuu jechuun haqaan Rabbiin irraa kan bu’an ta’uu amanuu, ergaaleen isaan keessa jiran haqa ta’uu dhugaan itti amanuu fi ergaalee achi keessa jiran kanneen hin shaaramne (hin jijjiramne) hojii irra oolchudha. 

➥Ergamtootatti amanuu jechuun Rabbiin haqaan kan isaan erge ta’uu amanuu, odeefannoo isaan irraa mirkanaa’e dhugoomsu fi isaan hordofuudha.

➥Aakhiratti amanuu jechuun ilmaan namaa erga du’anii booda lamuu kaafamanii akka qoratamanii fi mindeefaman amanuu fi Jannataa fi Jahannam jiraachu shakkii tokko malee amanuudha.

➥Qadaratti amanuu jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota umama keessatti adeemsifaman hunda beekumsaa Isaa turaa fi ogummaa Isaatiin murteessee akka kaa’e amanuudha.

▶Namni hundeewwan iimaanaa jahan armaan olitti amanee fi hojii isarraa eegamu sirnaan hojjate, “iimaana qaba ykn mu’mina” jedhama.

▶Hundeewwan armaan olitti yoo amanuu dide immoo “iimaana hin qabu ykn kaafira” jedhama. Hojii gaarii hanga fedhe yoo hojjate, hojiin gaariin isaa hundee waan hin qabneef Rabbiin biratti mindaa hin argatu.



Waa Aakhiru daaw’aanaa anilhamdulillah Rabbil aalamiin.  

Kutaa dabran argachuuf.  Kutaa 1ffaa    kutaa 2ffaa kutaa 3ffaa, kutaa 4ffaa, kutaa 5ffaa, kutaa 6ffaa fi 7 

Comments

Popular posts from this blog

KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...

BOQONNAA SAMMUU (PEACE OF MIND)

Al-risala-tube Sammuun qamoole ilmaa namaa keessaa akka motoraa ta’uun ilma nama sochoossa. Eessaa ka’ee garam akka deemu itti akeeka. Sammuun buqqee cimaan marfamuun miidhaa garagaraa irraa tikfama.  Osoo miidhan qaama kan akka rukutta gonkumaa isa dhaqabuyyu baate miidhaan garagaraa karaa adda addaatin ni dhaqqaba. Kana keessa dhiphinna,yaaddo,aarii,lola fi kkf dha. Miidhaa kanniinif akka hin saaxilamne sammuun kunuunsa addaa isa barbaachisa. Miidhaawwan kanaan takka miidhamnaan dawaa argachuun ni ulfaata. Akkuma qaamonni biroo hojii humnaa hojjatanii dadhaban sammuunis ni dadhaba,boqonna isa barbaachisa. Sammuun karaa adda addaatin boqonnaa ni dhaba,ni hadooda,gammachu dhaba. Namoonni baay’een yeroo ammaa dhukkuba qaamatiin kan miidhaman osoo hin taane dhukkuba sammuutin reebamaa jiru.  Dhiphinna sammuu kanarraa of baraaruuf dhagaan isaan hin fonqolchinee hin jiru. Furmaata yoo dhaban murtoon isaani inni dhumaa fi inni dhumaa of ajjeessudha jedhanii yaadu. Of ajjeessun dhuk...