Skip to main content

Ramadaana 17 fi Injifannoo lola Badri.

Ramadaana 17 fi Injifannoo lola Badri.


 Qophii : Abbaas Ibnul IslamI

slaamummaa keessatti baatiin Ramadaana baatiiwwan biroo caalaa Muslimoota biratti baatii jabaadha. Baatii kana keessa dalagaawwan gaggaariin Rabbiin biratti dachaa dachaan hisaabamu, baatii araramaa, kan araarama itti argatan, kan ibidda jala bilisa itti bahaniidha. Akkasumas baatii injifannooti. Baatii kana keessa seenaa Islaamaa keessatti Injifannoowwan gurguddoon addunyaa kana jijjiiran hedduun galama’aanii jiru.

Injifannoowwan gurguddoo Baatii Ramadaanaa keessa argaman kan Addunyaa jijjiiran keessaa muraasni Lola Badr Bara Hijraa 2, FATH MAKKAA( Banamuu Makkaa) Bara Hijraa 8, Injifannoo Andaluus Bara Hijraa 91 lola Muslimoota fi Ispeen, Lola Ayin Jaluut Bara Hijraa 658 geggeeffamee fi injifannoowwaan gurguddoon hedduun ji’a Kabajama kana keessatti galmaa’nii jiru.

Lola Badri Bara Hijraa 2

Mushrikoonni Makkaa guyyaa Ergamaan Rabbii ﷺ ifatti bahee waamicha Islaamummaa godhuu jalqabe booda, Isaaf hordoftoota isaa (Sahaabota) “amantaa nuti isiniif fille malee hordofuu hin qabdan” jechuun dhiibbaa gara garaa godhu eegalan. Mu’mintoota tokko tokkoon adamsanii gocha gara jabeenyaa irratti raawwachuu fi akka isaa jireenya hawaasummaa irraa fagaatan uggura irra kahuu jalqaban. Ergamaan Rabbii ﷺ fi hordoftoonni isaa (Sahaabonni) roorroo fi gocha gara jabeenyaa Qureeyshotaa kana dadhabnaan, amantaa isaanii walabaan geggeeffachuuf qe’ee fi qabeenya isaanii, akkasumas maatii isaanii kan akkan jaalatan dhiisanii goodanuuf dirqaman. Godaansa Kabajamaa Rabbii jecha godhamu godaanan. Isaan qe’ee fi qabeenya isaanii lakkisanii godaananis roorroon Qureeyshotaa isaan irraa hin dhaabbanne. Iddoo Isaan itti baqatan dhaquun Shira xaxuu eegalan. Muslimoonnis roorroo isaan irra gahu dhaabsisuuf kutatanii ka’an.

Bara Hijraa 2 ji’a Kabajama Ramadaanaa keessa gaafa guyyaa 17 ykn immoo akka Miilaadiyaatti March 13, bara 624tti iddoo Badr jedhamutti Lolli guddaan Muslimootaa fi Mushrikoota Makkaa jiddutti geggeeffame.

Iddoon lolli kun itti geggeeffame Makkaa fi Madiinaa jidduu yoo tahu, iddoo kanatti eela Bishaanii Badri jedhamutu argama. Iddoon kunis Badri jedhamee waamama. Moggaasni lola kanaatis iddoo kana irratti hundaa’uun Badr jechuun mooggaafame.

Sababaan Lola Badri
1. Muslimoonni Makkaa jiraatan qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqifamuu
2. Mushrikoonni hanga Madiinaa deemuun Muslimoota rakkisuu itti fufuu
3. Mushrikoota Adaba qabsiisuu fi qabeenya Muslimootaa saamame deebisiisuuf ture.

Haaluma kanaan saamicha Qureeyshoonni Muslimoota irraan gahaniif Ergamaan Rabbii (ﷺ) akka haloo bahan, Daldala Qureeyshotaa Shaam irraa deebi’u kan Abuu Sufiyaaniin hogganamu qabeenya harkaa qabu akka irraa fuudhan ajajan. Abuu Sufiyaan immoo odeeyfannoo kana dhagayee Qureeyshoonni akka birmataniif iyyatuu isa hordofuun lolli Badri ka’e.

Waraanni Muslimaa Ergama Rabbiitiin ﷺ hogganamaa ture. Kan Qureeyshoota immoo Amri Bin Hishaam Al Makzuumiin hogganame. Lakkoofsi loltoota Muslimaa 313 yoo tahu, kan Mushrikoota Makkaa ammoo 1000 kunis waraana Muslimootaa dachaa 3’n caala ture.

Loltoonni gama lamaanii walitti dhufan. Loltoota bebeekkamoo Mushrikoota Makkaa jidduu namoonni 3 akkasumas Ansaarota jidduu namoonni 3 wal falmuuf bahan. Mushrikoonni Makkaa diduun Muhaajiroota jidduu namni sadi akka bahuuf gaafatan. Hamzaa, Aliyyii fi Ubeydaan bahan. Kuffaartonni Makkaa 3’n ajjeeffaman. Muslimoota irraa Ubeeydaan midhaame. Amma lolli jalqabame. Waraanni Mushrikootaa hedduumatuun Ergamaa Rabbii ﷺ Yaaddessee, akka Rabbiin deeggarsa godhuuf Rabbi kadhatan. Rabbiin lola kana irratti Malaaykoonni akka birmatan erge. Lola kana irratti hoggantoonni Mushrikoota Makkaa bebeekkamoon hedduun ajjeeffaman. Loltoonni Mushrikoota ofduuba baqatan. Hedduu midhamanii hedduun ammoo ajjeeffaman. Akkasumas hedduun Muslimootaan booji’aman. Lolli Badri haala kanaan Injifannoo Muslimootatiin goolabame.

Kanaaf Baatiin Ramadaanaa Baatii Injifannootis jedhama.

Maddi : Nuuralhudaa

Comments

Popular posts from this blog

KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Seenaa rasuulaa kutaa 15

  SEENAA RASUULAA KUTAA 15FFAA AMATA HIJRII 9FFAA IRRAA HANGA Duula TABUUK. Amata Hijrii 9ffaa Amatni Hijiraa 9ffaan ni dhufe. Warri Siiraa amata saniin amata Kheeysummaa (Aamu Al-Wufuud) ja’aniin. Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wasallam amata 9ffaa Hijirii guutuu Isaa Madiinaa taa’ee Kheeysummaa itti dhuftu qeebalaati ture. *** Kheeysummulleen –Jiilli Damiinoota Gosa adda addaa- Islaamummaa Isaanii labsuuf Madiinaa dhufan 60 oli, Barri Hijrii 9ffaan Jiila kheeysummaatiin guuttamaa ture. *** Amata 9ffaa hijiraa kheeysa Jiilli Kheeysummoota Madiinaa dhufan kheeysaa: 1- Gosa Baahilaa 2- Gosa Banii Tamiim 3- Gosa Banii Asad 4- Gosa Bajiilaa fii Ah’mas fii gosoota biraa hedduutu dhufe. *** Ji’a Rajab, bara Hijirii 9ffaa kheeysa Najjaashii As’hamaa mootichi Habashaa du’e. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Salaat Al- Ghaa’ib (salaata nama fagootti du’ee) irratti salaate. *** Jaabir bin Abdullaahi akki ja’u: Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam “Arra nama Saaliha (Gaariitu) du’e, ka’a...
KUTAA 13 ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 13 ƒƒαα  Duula Fat’hii Makkaa  Fathii Makkaa. Baatii Ramadaanaa, Amata Hijirii 8ffaa kheeysa Fat’hiin Makkaa, Injifannoon Islaamaa guddoon argamte. Rabbiin Injifannoo saniin Amantii Isaatii fii Rasuula Isaa sallallaahu aleeyhi wasallam ol fuudhe. *** Sababaan duulli “Ghazwatu Fat’hi Makkaa” (Injifannoo Makkaa) argamteef: Banii Bakrii fii Qureeyshiin wal tahanii gosa Khuzaa’aatan Sulhii Hudeeybiyyaa irratti Rasuula sallallaahi wasallam wajjiin tahuuf wa’ada seente gananii nama 20 irraa ajjeesan.69 *** Amr bin Saalim Al-Khuzaa’ii Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam bira Madiinaa dhufe. Rasuula Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Osuma Masjida kheeysa taa’aa jiru itti ol seenee gubbaa dhaabbate. Ajjeechaa dagutti Qureeyshii fii Banii Bakri Isaan irratti raawwatte itti hime. *** Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Yaa Amr bin Saalim Tumsamte (siifin tumsa)” je’een. Eegasi Makkaa irraa gosti Khuzaa’aa Maanguddoo gama Rasuulaa sallallaahu al...