Skip to main content

Ramadaana 17 fi Injifannoo lola Badri.

Ramadaana 17 fi Injifannoo lola Badri.


 Qophii : Abbaas Ibnul IslamI

slaamummaa keessatti baatiin Ramadaana baatiiwwan biroo caalaa Muslimoota biratti baatii jabaadha. Baatii kana keessa dalagaawwan gaggaariin Rabbiin biratti dachaa dachaan hisaabamu, baatii araramaa, kan araarama itti argatan, kan ibidda jala bilisa itti bahaniidha. Akkasumas baatii injifannooti. Baatii kana keessa seenaa Islaamaa keessatti Injifannoowwan gurguddoon addunyaa kana jijjiiran hedduun galama’aanii jiru.

Injifannoowwan gurguddoo Baatii Ramadaanaa keessa argaman kan Addunyaa jijjiiran keessaa muraasni Lola Badr Bara Hijraa 2, FATH MAKKAA( Banamuu Makkaa) Bara Hijraa 8, Injifannoo Andaluus Bara Hijraa 91 lola Muslimoota fi Ispeen, Lola Ayin Jaluut Bara Hijraa 658 geggeeffamee fi injifannoowwaan gurguddoon hedduun ji’a Kabajama kana keessatti galmaa’nii jiru.

Lola Badri Bara Hijraa 2

Mushrikoonni Makkaa guyyaa Ergamaan Rabbii ﷺ ifatti bahee waamicha Islaamummaa godhuu jalqabe booda, Isaaf hordoftoota isaa (Sahaabota) “amantaa nuti isiniif fille malee hordofuu hin qabdan” jechuun dhiibbaa gara garaa godhu eegalan. Mu’mintoota tokko tokkoon adamsanii gocha gara jabeenyaa irratti raawwachuu fi akka isaa jireenya hawaasummaa irraa fagaatan uggura irra kahuu jalqaban. Ergamaan Rabbii ﷺ fi hordoftoonni isaa (Sahaabonni) roorroo fi gocha gara jabeenyaa Qureeyshotaa kana dadhabnaan, amantaa isaanii walabaan geggeeffachuuf qe’ee fi qabeenya isaanii, akkasumas maatii isaanii kan akkan jaalatan dhiisanii goodanuuf dirqaman. Godaansa Kabajamaa Rabbii jecha godhamu godaanan. Isaan qe’ee fi qabeenya isaanii lakkisanii godaananis roorroon Qureeyshotaa isaan irraa hin dhaabbanne. Iddoo Isaan itti baqatan dhaquun Shira xaxuu eegalan. Muslimoonnis roorroo isaan irra gahu dhaabsisuuf kutatanii ka’an.

Bara Hijraa 2 ji’a Kabajama Ramadaanaa keessa gaafa guyyaa 17 ykn immoo akka Miilaadiyaatti March 13, bara 624tti iddoo Badr jedhamutti Lolli guddaan Muslimootaa fi Mushrikoota Makkaa jiddutti geggeeffame.

Iddoon lolli kun itti geggeeffame Makkaa fi Madiinaa jidduu yoo tahu, iddoo kanatti eela Bishaanii Badri jedhamutu argama. Iddoon kunis Badri jedhamee waamama. Moggaasni lola kanaatis iddoo kana irratti hundaa’uun Badr jechuun mooggaafame.

Sababaan Lola Badri
1. Muslimoonni Makkaa jiraatan qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqifamuu
2. Mushrikoonni hanga Madiinaa deemuun Muslimoota rakkisuu itti fufuu
3. Mushrikoota Adaba qabsiisuu fi qabeenya Muslimootaa saamame deebisiisuuf ture.

Haaluma kanaan saamicha Qureeyshoonni Muslimoota irraan gahaniif Ergamaan Rabbii (ﷺ) akka haloo bahan, Daldala Qureeyshotaa Shaam irraa deebi’u kan Abuu Sufiyaaniin hogganamu qabeenya harkaa qabu akka irraa fuudhan ajajan. Abuu Sufiyaan immoo odeeyfannoo kana dhagayee Qureeyshoonni akka birmataniif iyyatuu isa hordofuun lolli Badri ka’e.

Waraanni Muslimaa Ergama Rabbiitiin ﷺ hogganamaa ture. Kan Qureeyshoota immoo Amri Bin Hishaam Al Makzuumiin hogganame. Lakkoofsi loltoota Muslimaa 313 yoo tahu, kan Mushrikoota Makkaa ammoo 1000 kunis waraana Muslimootaa dachaa 3’n caala ture.

Loltoonni gama lamaanii walitti dhufan. Loltoota bebeekkamoo Mushrikoota Makkaa jidduu namoonni 3 akkasumas Ansaarota jidduu namoonni 3 wal falmuuf bahan. Mushrikoonni Makkaa diduun Muhaajiroota jidduu namni sadi akka bahuuf gaafatan. Hamzaa, Aliyyii fi Ubeydaan bahan. Kuffaartonni Makkaa 3’n ajjeeffaman. Muslimoota irraa Ubeeydaan midhaame. Amma lolli jalqabame. Waraanni Mushrikootaa hedduumatuun Ergamaa Rabbii ﷺ Yaaddessee, akka Rabbiin deeggarsa godhuuf Rabbi kadhatan. Rabbiin lola kana irratti Malaaykoonni akka birmatan erge. Lola kana irratti hoggantoonni Mushrikoota Makkaa bebeekkamoon hedduun ajjeeffaman. Loltoonni Mushrikoota ofduuba baqatan. Hedduu midhamanii hedduun ammoo ajjeeffaman. Akkasumas hedduun Muslimootaan booji’aman. Lolli Badri haala kanaan Injifannoo Muslimootatiin goolabame.

Kanaaf Baatiin Ramadaanaa Baatii Injifannootis jedhama.

Maddi : Nuuralhudaa

Comments

Popular posts from this blog

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...
KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Carraa barnoota Amantii (scholarship)

  Koottaa carraa barumsaa (scholarship) yaalla dhaa... Maddi Odeeffannoo ; Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Ammaar sh/Amiin Ibroo fb Barattoonni barumsa amantaa barachuu barbaaddan carraa jaami'aa islaamiyyaa ( Islamic University of madinah) kan Madiinaa Al-munawwaraatti argamu ulaagaalee asiin gaditti tarreeffaman yoo kan guuttattan ta'e iyyannoo keessan hidhaa/liinkii asii gaditti maxxanfame seenuun boca(foormii)guutamuu qabu guutuun carraa keessan yaaluu dandeessu. Ulaagaaleen guuttachuu qabdan: 1-paaspoortii(umriin 18 irraa haga 25) 2-woraqaa dhalootaa(odeeffnnoon asirratti guutamu kan paaspoortiitiin wol simachuu qaba) 3-intaraaansii kutaa 12 4-traanskiriiptii (walii gala qabxiilee kutaa 9 irraa hanga 12 tti fiddanii kan ibsu) 5-woraqaa deeggarsaa (Recommendation تزكية) sadii (dhaabbata islaamaa yookaan madrasaa islaamaa yookaan immoo sheekolii bebbeekamo irraa) 6-suuraa gabaabaa tokko (4×6) Jalqaba dookmantiiwwan kanneen iskaan gochuun gara mobaayla yookaan koompiitara keessaniit...