Skip to main content

Leenjii kutaa 3ffaa "Buufamiinsaa fi walitti qabamiinsa Qur'aanaa"




Buufamiinsaa fi walitti qabamiinsa Qur'aanaa

 Leenji kutaa 3ffaa


Sammubani.com irraa Join us  | Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog

SHAKKII QUR’AANAA QULQULLEESSUF-KUTAA 1FFAA



Qur’aanni kalaama (haasawa) Rabbal aalaminaa akka ta’ee fi qulqullummaan isaa hanga ammaatti akka tiikfame yeroo darbee ilaalle jira. Namoonni namoota daandii haqaa irraa jallisuuf halkanii guyyaa carraaqan, Qur’aana jijjiruu akka hin dandeenye yommuu beekan, namootatti shakkii naquu hojii ofii godhatan. 


Namoota qofa osoo hin ta’in sheyxaanni keessaas shakkii namatti naquuf halkanii guyyaa namatti hasaasa. Kanaafu, Qur’aanni jecha ykn haasawa Rabbii ta’uu isaa akkamitti beeknaa? Karaa baay’een beekna. Mee isaan keessa muraasa isaanii haala armaan gaditiin haa guduunfinu.


1.Shari’iyyi (karaa shari’aatin)- kuni keeyyanni (aayanni) Qur’aana keessa jiran Qur’aanni guutun jecha Rabbii ta’uu kan agarsiisaniidha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:


أَفَلَا يَتَدَبَّرُونَ ٱلۡقُرۡءَانَۚ وَلَوۡ كَانَ مِنۡ عِندِ غَيۡرِ ٱللَّهِ لَوَجَدُوا۟ فِيهِ ٱخۡتِلَٰفًا كَثِيرًا


“Sila isaan Qur’aana itti hin xinxalanii? Osoo [Qur’aanni] Rabbiin ala kan biraa irraa ta’ee, silaa isa keessatti wal dhabbii baay’ee arguu turan.” Suuratu An-Nisaa 4:82


Sheykh Abdurahman Sa’diyyi aayaa tana ilaalchisee akkana jedha: “Rabbiin kitaaba Isaa akka itti xinxallan ajaja. Kunis kan ta’u hiika isaa hubachuun, jalqaba fi dhumaa isaatti yaadan itti lixuuni. Dhugumatti Qur’aana irratti xinxalluun furtuu beekumsaa fi barnootati. Keeyrin hundi isarraa burqa, beekumsi hundi isarraa baafama. 


Qur’aanan imaanni dabala, mukni imaana qalbi keessatti lafa qabata.

Gooftaa haqaan gabbaramaa fi sifaata (amaloota) guutuu Isaa Qur’aanaan beekan. Amaloota hanquu fi wanta Rabbiif hin malle Qur’aanni namatti beeksisa. Karaa Rabbitti nama geessu, amaloota warroota karaa kana hordofanii fi yommuu Isa qunnaman wanta isaaniif qophaa’e Qur’aanni ni beeksisa. 


Diina dhugaa kan ta’ee sheyxaana, karaa azaaba (jahannamitti) nama geessu fi amaloota warroota azaabaa namaaf ifa godha.

Akkuma gabrichi Qur’aana irratti xinxalluu itti fufuun, beekumsa fi hojii hojjachuun isaaf ni dabalama. Kanaafi, Rabbiin Qur’aana xinxallutti ajaje, itti kakaase. Xinxalliif akka buuse akkana jechuun beeksiisa.


كِتَٰبٌ أَنزَلۡنَٰهُ إِلَيۡكَ مُبَٰرَكٌ لِّيَدَّبَّرُوٓا۟ ءَايَٰتِهِۦ وَلِيَتَذَكَّرَ أُو۟لُوا۟ ٱلۡأَلۡبَٰبِ


“[Yaa Muhammad] [Kuni] Kitaaba barakaa, akka isaan keeyyattoota isaa itti xinxallanii fi akka warri sammuu qaban ittiin gorfamaniif jecha gara keetti buufnedha.” Suuratu Saad 38:29


Faayda kitaaba Rabbii irratti xinxallu keessaa tokko: namtichi kanaan sadarkaa yaqiina (mirkaneefannaa guutuu) gaha. Akkasumas, jecha Rabbii ta’uu beeka. Sababni isaas, gariin garii dhugoomsu isaa ni arga. (Kana jechuun aayan tokko aaya biraa dhugoomsa ykn wal jabeessa). 


Murtiwwan, seenaalee fi odeefannowwan dhugaan Qur’aana keessatti bakka adda addaatti irra deddebi’anii dhufanii jiru. Hundi isaanitu walitti galoo fi kan wal simataniidha. Gariin garii hin faalleessan. Haala kanaan Qur’aanni guutuu ta’uu fi Rabbiin irraa akka ta’e ni beekkama. Kanaafi, itti aanse akkana jedhe, “Osoo [Qur’aanni] Rabbiin ala kan biraa irraa ta’ee, silaa isa keessatti wal dhabbii baay’ee arguu turan.”

Kana jechuun Rabbiin biraa [kan buufame] waan ta’eef aslimaa wal-dhabbiin (wal faallessun) keessa hin jiru.” 


2.Aqliyyi (sammuun) – Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ilmaan namaa erga uume booda akkanumatti qajeelcha malee isaan hin dhiisne. Nabiyyoota erguu fi kitaabban buusun namoonni karaa qajeelatti akka qajeelan taasise. Seenaa dhala namaa keessatti nabiyyoonni hedduun ergamanii jiru. Garuu Nabiyyiin dhumaa addunyaa guutuuf ergamuun ergaan (risaalan) Rabbiin irraa dhufu xumuramee jira. 


Nabiyyiin dhumaa kuni Nabi Muhammad (SAW), kitaabni dhumaa isatti buufames Qur’aana. Amma gaafin namni tokko of gaafatu qabu kana ta’a. “Nabiyyin dhumaa erga ergamee fi kitaabni dhumaa erga buufame booda kitaabni kuni jijjiramu irraa yoo hin tiikfamin, namoonni akkamitti karaa qajeela Rabbitti nama geessu argachuu danda’uu?” 


Guyyaa Murtii Nabiyyiin nutti hin ergamne ykn Kitaabni qulqulluun nu bira hin geenye jechuun Rabbiin irratti mormii dhiyeessu danda’u? Kuni waan hin taanedha. Takkaa Nabiyyiin ergamuu qaba, takkaa immoo kitaabni nabiyyitti buufame qulqullummaa isaa eeggatee turuu qaba . Filannoon 3ffaan hin jiru. Kanaafu, Qur’aanni jechaa Rabbiitii fi osoo hin jijjiramin hanga Guyyaa Qiyaama qulqullummaa isaa eeggatee kan turuu jechuudha.


لَّا يَأۡتِيهِ ٱلۡبَٰطِلُ مِنۢ بَيۡنِ يَدَيۡهِ وَلَا مِنۡ خَلۡفِهِۦۖ تَنزِيلٌ مِّنۡ حَكِيمٍ حَمِيدٍ


“Sobni fuundura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu. Rabbii Ogeessa Faarfamaa ta’e irraa buufame.” Suuratu Fussilat 41:42


Qur’aanatti duraa duuban sobni wanti jedhamu itti hin dhufu. Kana jechuun beekumsa namaaf dhiyeessu keessatti sobni itti hin dhufu. Seerotaa fi murtoowwan kaa’e keessatti sobni itti hin dhufu. Seenaa durii irraa wanta beeksisu keessatti sobni wanti jedhamu itti hin dhufu. Seenan ummata durii Qur’aanni beeksisu hundi dhugaadha. Wanta gara fuunduraatti uumamu irraa odeefannoon Qur’aanni beeksisu hundii dhugaadha. Sobni wanta jedhamu itti hin dhufu. 


Sababni isaas Qur’aanni Rabbii waan hundaa beeku irraa waan bu’eefi. 


تَنزِيلُ ٱلۡكِتَٰبِ مِنَ ٱللَّهِ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡعَلِيمِ


“Buufamuun Kitaabichaa (Qur’aanaa) Rabbii Injifataa, Beekaa ta’e irraayyi.” Suuratu Ghaafir 40:2


Akkasumas, sheyxaanni namaa fi jinni Qur’aanatti hin dhiyaatan. Hatuu, wanta isa keessa hin jirre itti seensisuu, irraa hir’isuu fi itti dabaluu hin danda’an. Buufama isaa keessatti jechaa fi hiikan kan eeggame waan ta’eef.   Rabbiin ni jedha:


إِنَّا نَحۡنُ نَزَّلۡنَا ٱلذِّكۡرَ وَإِنَّا لَهُۥ لَحَٰفِظُونَ


“Dhugumatti, Numatu Qur’aana buuse, dhugumatti Numatu isa tiiksas.” Suuratu Al-Hijr 15:9


3.Hanga ammaatti fakkaataan Qur’aanaa dhabamuu fi ilmi namaa fidu dadhabuu. Qur’aanni mu’ijizaan (raajiin) kan guuttameedha. Jechoota muraasa fayyadamuun hiika bal’aa dabarsa. Kanaafi, seenaa keessatti tafsiirri (ibsi) Qur’aanaa kitaabban dhibbaatamatti lakkaawaman barraa’anii jiru. Barreessan hunduu ajaa’iba Qur’aana keessa jiru ajaa’ibsifate hin xumuru. Kanaafi, namoonni fi jinnooni fakkaataa akka Qur’aanaa fidu akka hin dandeenye Rabbiin jala muree dubbata. 


قُل لَّئِنِ ٱجۡتَمَعَتِ ٱلۡإِنسُ وَٱلۡجِنُّ عَلَىٰٓ أَن يَأۡتُوا۟ بِمِثۡلِ هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانِ لَا يَأۡتُونَ بِمِثۡلِهِۦ وَلَوۡ كَانَ بَعۡضُهُمۡ لِبَعۡضٍ ظَهِيرًا


Jedhi, “Osoo ilmi namaatii fi Jinnooni fakkaataa Qur’aanaa fiduu irratti walitti qabamanii, osoo gariin isaanii gariif gargaaraa ta’aniyyuu, fakkaataa isaa fidu hin danda’an. ” Suuratu Al-Isra 17:88


Kana jechuun ilmaan namaa fi jinnooni osoo wal gargaaranii fakkaataa akka Qur’aanaa fiduuf walitti qabamanii, gonkumaa wanta Qur’aana fakkaatu fidu hin danda’an.


وَإِن كُنتُمۡ فِى رَيۡبٍ مِّمَّا نَزَّلۡنَا عَلَىٰ عَبۡدِنَا فَأۡتُوا۟ بِسُورَةٍ مِّن مِّثۡلِهِۦ وَٱدۡعُوا۟ شُهَدَآءَكُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ


فَإِن لَّمۡ تَفۡعَلُوا۟ وَلَن تَفۡعَلُوا۟ فَٱتَّقُوا۟ ٱلنَّارَ ٱلَّتِى وَقُودُهَا ٱلنَّاسُ وَٱلۡحِجَارَةُۖ أُعِدَّتۡ لِلۡكَٰفِرِينَ


“Waan Nuti gabricha keenya irratti buufne irraa shakkii keessa yoo taatan, suurah akka isaa tokko fidaa. Dhugaa kan dubbattan yoo taatan, Rabbiin ala ragoota (deeggartootaa fi gargaartota) keessan waamadhaa. ”


“Yoo hin hojjatin, gonkumaa hin hojjattan. Kanaafu, ibidda bobo’aan isaa ilma namaati fi dhagaa ta’e kan kaafirotaaf qophaa’e sodaadhaa.” Suuratu Al-Baqarah 2:23-24


Yeroo Qur’aanni bu’u Araboonni ogummaa hog-barruutin garmalee beekkamoodha. Walaloo irratti wal dorgomuu fi walitti dhaadachaa turan. Garuu yommuu Qur’aanni bu’u wanti isa dorgomu hin argamne. Qur’aanni walaloo akka isaanitis miti barreefama birootinis kan wal fakkaatu miti. Bifa (styel) addaa kan qabuudha. Qureeshonni “Kuni kitaaba akkami! wanta takkuu hin dhageenyedha.” jechuun ajaa’ibsifachu turan.


Urga buufame kaase namoonni suurah (boqonnaa) akka Qur’aanaa fidu hin dandeenye. Mee akka fakkeenyatti kana haa ilaallu. Namni salaatu guyyaatti suurah Qur’aanaa keessaa Suuratul Faatiha xiqqaate xiqqaatu si’a 17 dubbisa. Seenaa keessatti, “Yeroo 17 dubbisuun nu hifachiise. Suuratul faatihan haa jijjiramtu.” namni jedhe tokkollee hin jiru. Amma gaafin dhiyaatu kana. Seenaa keessatti kitaaba ykn barreefama kamtu osoo hin hifatamiin guyyatti boqonnaan (suurahn) isaa yeroo 17 dubbifamaa? Gonkuma Qur’aana malee hin jiru. Namni barreefama tokko si’a 2,3,4 irra deddeebi’e dubbisuu danda’a. Garuu sani oli itti deddeebi’e dubbisuu ni hifata. Haa ta’uu malee Qur’aanni osoo yeroo kuma irra deddeebi’anii nama hin hifachiisu.


 Ji’a Ramadaanaa keessa namoonni si meeqa dubbisu? Akka seenatti si’a 30 guutuu isaa namoonni dubbisan jiru. Qur’aanni osoo jecha namaa ta’ee, namoonni hifannaa malee akkanatti irra deddeebi’anii ni dubbisuu? Gonkumaa hin dubbisan. Kanaafu, Qur’aanni jecha Rabbii olta’eeti.


Jecha Rabbiiti miti jedhee namni mormu yoo jiraate, “wanta suurah (boqonnaa) Qur’aanaa fakkaatu fidi.” jennaan. Kana yoo hin hojjatin, gonkuma gara fuunduraattis hin hojjattu. Kanaafu, ibidda bobo’aan isaa ilma namaati fi dhagaa ta’e kan kaafirotaaf qophaa’e sodaadhu.


4.Wantoonni Qur’aana keessatti dubbataman wanta jiruun wal qunnamu.

Wantoonni Qur’aana keessatti dubbataman haala nama ajaa’ibsiisuun saayinsii ammayyaati fi muxannoo namaa waliin kan wal simatanii fi walitti galaniidha. Saayintistoonni yeroo ammaa wanta Qur’aana keessa jiru yommuu argan, Qur’aanni kitaaba Rabbiin irraa bu’e malee kitaaba namni barreesse akka hin taane mirkaneessanii jiru.  


Mee amma Qur’aana irraa Aayaata (keeyyattoota) muraasa saayinsi ammayyaatin wal qabatan haa ilaallu.



1.Guddinna Miciree ilma namaa ilaalchise Qur’aanni maal jedhaa?

Miciree (embryo) jechuun dhalachuun dura marsaa guddina ilma namaa fi beeladootati. Qur’aana keessatti Rabbiin Olta’aan marsaa guddinna miciree ilma namaa ni dubbata.


وَلَقَدۡ خَلَقۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ مِن سُلَٰلَةٍ مِّن طِينٍ



“Dhugumatti, Nuti ilma namaa cuunfaa dhoqqee irraa ta’e irraa uumne.


ثُمَّ جَعَلۡنَٰهُ نُطۡفَةً فِى قَرَارٍ مَّكِينٍ


Sana booda iddoo tasgabbaa’aa fi eeggamaa (gadaamessa) keessatti coba bishaan saalaa isa taasifne.


ثُمَّ خَلَقۡنَا ٱلنُّطۡفَةَ عَلَقَةً فَخَلَقۡنَا ٱلۡعَلَقَةَ مُضۡغَةً فَخَلَقۡنَا ٱلۡمُضۡغَةَ عِظَٰمًا فَكَسَوۡنَا ٱلۡعِظَٰمَ لَحۡمًا ثُمَّ أَنشَأۡنَٰهُ خَلۡقًا ءَاخَرَۚ فَتَبَارَكَ ٱللَّهُ أَحۡسَنُ ٱلۡخَٰلِقِينَ 


Sana booda bishaan saalaa alaqah (dhiiga ititaa) taasifne; ergasii dhiiga ititaa mudghah (wanta alanfame yookiin muraa foonii) taasifne; ergasii mudghah lafee taasifne; ergasii lafees foon itti uwwisne. Sana booda uumama biraa [daa’ima] isa goone. Rabbii uumtota hunda caale tolti Isaa baay’atte. ” Suuratu Al-Mu’iminuun 23:12-14


Rabbiin abbaa ilma namaa kan ta’e Aadamin biyyee irraa uume. Achin booda sanyii isa coba bishaanii irraa uume.

Jechi Arabiffaa “Alaqah ” jedhu hiika sadii qaba. Isaanis: (1) ulaan’ula, (2) wanta rarra’e fi (3) dhiiga ititaa.


Marsaa alaqah irratti ulaan’ula miciree namaa waliin yommuu wali bira qabnu,akkuma fakkii 1 irraa mul’atutti isaan lamaan jidduu wal fakkeenya ni argina. Marsaa kanatti micireen soorata isaa dhiiga haadhaa irraa argata akkuma ulaan’ulli, dhiiga wanta biraa soorattu.



Fakkii 1 : Marsa alaqatti fakkii wal-fakkeenya ulaan’ula (leech) fi miciree ilma namaa jidduu jiru agarsiisu.

Hiikni lammataa alaqah “wanta rarra’eedha “. Kuni wanta yeroo marsaa alaqah gadaamessa haadhaa keessatti rarra’iinsa miciree Fakkii 2 fi 3 irraa arginuudha.




Fakkii 2 : Fakkii jalqabaa irraa rarra’iinsa miciree gadaamessa haadhaa keessatti ni argina.

Fakkii 3 : suuraa maaykiroskooppin kaafame irraa yeroo marsaa alaqah gadaamessa haadhaa keessatti rarra’insa miciree (Bakka B) ni argina.


Hiikni sadaffaan alaqah dhiiga ititeedha . Marsaa alaqaa irratti bifni alaa miciree fi qaraxiixiin isaa dhiiga ititeen wal fakkaata. Sababni isaa, marsaa kana irratti dhiigni baay’een miciree keessatti ni argama. (Ilaali fakki 4) Akkasumas, yeroo marsaa kanaa, hanga dhuma torbaan sadaffaatti dhiigni miciree keessa hin naanna’u. Kanaaf, marsaa kana irratti micireen dhiigaa ititaa fakkaata.




Fakkii 4 :Marsaa alaqah irratti fakkii sirna onnee fi hidda dhiigaa miciree agarsiisu.Marsaa kanatti dhiigni baay’een miciree keessatti waan argamuuf bifni alaa miciree fi qaraxiixiin isaa dhiiga ititeen wal fakkaata.

Kanaafu,yeroo marsaa alaqah hiikni alaqah sadan ibsa micireetin sirritti walitti gala ykn wal simata.


Marsaan itti aanu aaya keessatti dubbatame marsaa mudghah jedhuudha. Jechi Arabiffaa mudghah jedhu hiika “wanta alanfame” qaba. Osoo namni tokko maastikaa afaan keessa kaa’ate alanshee, ergasii marsaa mudghah irratti maastikaa alanshe san micireen wal bira qabee, micireen wanta alanfame saniin wal fakkaata jenne goloobu (guduunfu) dandeenya. Sababni kanaa somaayitiin dugda miciree irratti argamu “wanta alanfame san bakka ilkaan cinineen” wal fakkaata. (Ilaali fakkii 5 fi 6)






Fakkii 5 (jalqaba irratti kan argamu)- Marsaa mudghah irratti suuraa miciree umriin isaa guyyaa 28 gahe agarsiisu.

Fakkii 6 (kan itti aanu):Marsaa mudghah irratti gubbaan ijaarsa miciree maastikaa alanfameen yommuu wal-bira qabamu, isaan lamaan jidduu wal fakkeenya argina. A) Fakkii miciree (Embryo) kaafame agarsiisa. B) Suuraa maastikaa (gum) alanfamee agarsiisa. (Iddoo gadi baqaqaa dugda miciree A irratti argamu mee ilaalaa. Akka waan ilkaan cininee fakkaata. Haala kanaan maastikaa alanfameen bakka ilkaan cinineen wal fakkaata. Ammas guutuu miciree kanaa yommuu ilaallu muraa foonitiin kan wal-fakkaatudha. Sababni isaas, harka, luka fi qaamole biroo guutuu hin baafanne.)


Amma of haa gaafannu, Nabii Muhammad (SAW) bara 1400 dura akkamitti kana hunda beeku danda’e, osoo saayintistoonni dhiyooma kana meeshaa ammayyaa fi maaykirooskoppi baay’ee cimaa yeroo san hin jirretti fayyadamuun wanta kana (marsaa miciree) argatan?


Pirofessar Emeritas Kiiz L.Muur fiildi anatomi fi micireetin saayintisti addunyaa irratti beekkame fi kitaaba gara afaan sadeetitti hiikame “The Developing Human” jedhu kan barreessedha… Piroofesarri kuni bara 1984 tti badhaasa addaa J.C.B Grant Award jedhamu fiildi anaatomitiin Waldaa Anaatomota Kanaadaa irraa argate.



Bara 1981 tti Koonfiransi Meedikalaa 7ffaa Sa’uudi Arabiya magaalaa Dammaam keessatti adeemsifame irratti Piroofessarri Emeritas Kiiz L.Muur akkana jedhe, “Qur’aana keessatti waa’ee guddinna ilma namaa ilaalchise himoota jiran akka ifa ta’uuf gargaaru kootif gammachuun natti dhagahama. Himoonni kunniin Rabbiin irraa gara Muhammad kan dhufan ta’uu ifa naaf ta’ee jira. Sababni isaas, beekumsi kuni hundi jaarraa baay’een booda malee hin argamne. Kuni Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu akka qabu naaf mirkaneessa.”



Itti aanse, Piroofesarri kuni gaafi kana gaafatame, “Kana jechuun Qur’aanni jecha Rabbii ta’utti ni amanta jechuudhaa?” Innis akkana jechuun deebise, “Kana fudhachu keessatti ulfaatinna homaatu hin argu.” (Kana jechuun, Qur’aanni jecha Rabbii ta’utti amanuu wanti natti ulfaatu hin jiru. Jecha Rabbii ta’utti nan amana.)


Guduunfaa


🪐Qur’aanni Rabbiin irraa buufamu fi tiikfamuu isaa karaa adda addaatin mirkanessun ni danda’ama.



🪐Karaan jalqaba itti mirkaneessan Qur’aana qo’achuu fi irratti xinxalluuni.



🪐Qur’aanni osoo Rabbiin irraa ta’uu baate silaa jijjiramni fi wal faalleessun baay’een keessatti argamaa ture.



🪐Namoonni fi Jinniin fakkaata akka Qur’aana fiduuf osoo walitti qabamanii fakkaata isaa fidu hin danda’an. Sababni isaas, barnoonni fi beekumsi Qur’aana keessatti cuunfame wanta ilmi namaa walitti fidu miti. Seenaa darbee, wanta ammatti namaaf toluu fi wanta gara fuunduraatti dhufu hunda Rabbiin malee eenyutu beekaa? Kanaafu, Qur’aanni kalaama (haasawa) Rabbii ol’aanati.



🪐Guddinni teknolojii fi beekumsaa Qur’aana jijjiruu fi fakkaataa akka isaa fidu hin dandeenye.



🪐Qur’aana keessatti wanti nama ajaa’ibsisuu biraa, seenan isa keessa jiru qulqullinna kan eeggate fi gabaabinnaan kan dhiyaatedha. Maqaa namoota hundaa waamu fi wanta faaydi hin qabne odeessun seenaa hin dheeressu. Barnootaf wanta ta’u qofa seenaa keessaa baasa.



🪐Qur’aanni haala nama ajaa’ibsisuun marsa uumama ilma namaa ni hima. Jalqaba Rabbiin Aadamiin biyyee irraa uume. Ergasii sanyiin isaa marsaa uumama kanaa qabu:

1.Nuxfa (coba bishaan saalaa) —

2.Alaqah (dhiiga ititaa) — 

3.Mudghah (wanta alanfame ykn muraa foonii) —

4.Mudghah irraa lafee uume — 

5.Lafee foon uwwise…ergasii nama godhee uume.

Rabbii akkanitti ilma namaa uume qulqullaa’e, toltuun Isaa baay’atte. Eenyutu waggaa 1400 dura yeroo meeshaan ammayyaa hin jirretti kana qorate, marsaalee kanniin himu danda’aa? Kanaafu, Qur’aanni jecha Rabbii akka ta’e shakkii wayitu hin qabu.




Fakkiin armaan olii embryology.med.unsw.edu.au irraa fudhatame.


Alhamdulillaah kutaa kana kanumaan goolbna, maddoota keenya linki kanaan ni argattu.



Kutaalee dabran kutaa 1ffaa, kutaa 2ffaa,


Comments

Popular posts from this blog

KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Seenaa rasuulaa kutaa 15

  SEENAA RASUULAA KUTAA 15FFAA AMATA HIJRII 9FFAA IRRAA HANGA Duula TABUUK. Amata Hijrii 9ffaa Amatni Hijiraa 9ffaan ni dhufe. Warri Siiraa amata saniin amata Kheeysummaa (Aamu Al-Wufuud) ja’aniin. Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wasallam amata 9ffaa Hijirii guutuu Isaa Madiinaa taa’ee Kheeysummaa itti dhuftu qeebalaati ture. *** Kheeysummulleen –Jiilli Damiinoota Gosa adda addaa- Islaamummaa Isaanii labsuuf Madiinaa dhufan 60 oli, Barri Hijrii 9ffaan Jiila kheeysummaatiin guuttamaa ture. *** Amata 9ffaa hijiraa kheeysa Jiilli Kheeysummoota Madiinaa dhufan kheeysaa: 1- Gosa Baahilaa 2- Gosa Banii Tamiim 3- Gosa Banii Asad 4- Gosa Bajiilaa fii Ah’mas fii gosoota biraa hedduutu dhufe. *** Ji’a Rajab, bara Hijirii 9ffaa kheeysa Najjaashii As’hamaa mootichi Habashaa du’e. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Salaat Al- Ghaa’ib (salaata nama fagootti du’ee) irratti salaate. *** Jaabir bin Abdullaahi akki ja’u: Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam “Arra nama Saaliha (Gaariitu) du’e, ka’a...
KUTAA 13 ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 13 ƒƒαα  Duula Fat’hii Makkaa  Fathii Makkaa. Baatii Ramadaanaa, Amata Hijirii 8ffaa kheeysa Fat’hiin Makkaa, Injifannoon Islaamaa guddoon argamte. Rabbiin Injifannoo saniin Amantii Isaatii fii Rasuula Isaa sallallaahu aleeyhi wasallam ol fuudhe. *** Sababaan duulli “Ghazwatu Fat’hi Makkaa” (Injifannoo Makkaa) argamteef: Banii Bakrii fii Qureeyshiin wal tahanii gosa Khuzaa’aatan Sulhii Hudeeybiyyaa irratti Rasuula sallallaahi wasallam wajjiin tahuuf wa’ada seente gananii nama 20 irraa ajjeesan.69 *** Amr bin Saalim Al-Khuzaa’ii Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam bira Madiinaa dhufe. Rasuula Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Osuma Masjida kheeysa taa’aa jiru itti ol seenee gubbaa dhaabbate. Ajjeechaa dagutti Qureeyshii fii Banii Bakri Isaan irratti raawwatte itti hime. *** Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Yaa Amr bin Saalim Tumsamte (siifin tumsa)” je’een. Eegasi Makkaa irraa gosti Khuzaa’aa Maanguddoo gama Rasuulaa sallallaahu al...