Buufamiinsaa fi walitti qabamiinsa Qur'aanaa
Leenji kutaa 1ffaa
Sammubani.com Join us | Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog
QUR’AANNI AKKAMITTI BUUFAME?
Qur’aanni Jecha Rabbii olta’aati. Dhala namaa dukkana keessaa gara ifaatti baasuf Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) jecha Isaa kan ta’e Qur’aana jaarraa 14 dura Nabii Muhammad (SAW) irratti buuse.
Namoonni kana ajaa’ibsifachuun Rabbiin akkamitti Nabiyyi irratti kitaaba kana buusee? Sila akka amma arginu kanatti waraqaa irratti barreesse buuse moo akkamitti buufamee? In sha Allah har’a akkaata buufama Qur’aanaa gabaabbinnaan ni ilaalla.
Asii gaditti waa’ee wahyii fi buufama isaa ilaalla. Qur’aanni wahyii keessaa tokko waan ta’eef akkataa buufama isa hubachuun nama hin dhibu. Barreefama keessatti “Ergamaa Rabbii (SAW)” yommuu jedhu Nabi Muhammad (SAW) akka ta’e haa hubatamu. SAW jechuun Salallahu Aleyh Wassalam (nageenyi fi rahmanni Rabbii isarratti haa jiraatu) jechuudha.
Qur’aanni Rabbiin irraa buufamu shakkii wayitu hin qabu. Rabbiin ni jedha:
تَنزِيلُ ٱلۡكِتَٰبِ مِنَ ٱللَّهِ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡحَكِيمِ
“Buufamuun Kitaabichaa (Qur’aanaa) Rabbii Injifataa, Ogeessa ta’e irraayyi.” Suuratu Az-Zumar 39:1
wahyiin karaa wantoota geeybi ittiin beekaniidha.
Wahyii jechuun maal jechuudhaa?
Akka lugaa Arabiffaatti wahyiin hiika baay’ee qaba. Isaan keessaa, wahyii jechuun odeefannoo wayii dhoksaa fi ariitin (daddaffiin) namni tokko akka beekuf sammuu ykn qalbii isaatti darbuudha. Fakkeenyaf sheyxaanni ilma namaa jallisuuf oduu qalbii namaatti darba ykn itti hasaasa. Bifa dhokataa fi aritiin, “Kuni gaariidha akkana godhi.” jechuun wanta badatti nama kakaasa.
Karaa biraatin wahyii jechuun beeksisa, odeefannoo fi ergaa Rabbiin Ergamtoota Isaa keessaa qalbii Ergamaa tokkootti darbuudha. Beeksisni, odefannoo fi ergaan kunniin murtii shari’aa, seenaa ummata darbee, wanta gara fuunduraatti dhufu, amala gaarii, amala jibbamaa dhiisu qaban, haala jireenya ilma namaa fi kan kana fakkaatan ta’uu danda’a. Qur’aanni kana hunda waan qabateef wahyiidha. Wahyiin Qur’aana qofatti kan daangefamu osoo hin ta’in hadiisota sahiihis kan of keessatti qabatuudha. Hadisoonni sahiihin Ergamaa Rabbii (SAW) irraa gabaafaman wahyiidha.
Garuu Rabbiin akkamitti ilma namaa keessaa nama fedhe dubbisaa?
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala bifa sadiin ilma namaa keessaa nama fedhe ykn filate akka dubbisu Qur’aana keessatti akkana jechuun nuuf hima:
وَمَا كَانَ لِبَشَرٍ أَن يُكَلِّمَهُ ٱللَّهُ إِلَّا وَحۡيًا أَوۡ مِن وَرَآئِ حِجَابٍ أَوۡ يُرۡسِلَ رَسُولًا فَيُوحِىَ بِإِذۡنِهِۦ مَا يَشَآءُۚ إِنَّهُۥ عَلِىٌّ حَكِيمٌ
“Wahyiin yookiin girdoo duubaan yookiin ergamaa ergee hayyama Isaatiin waan fedhe itti buusun yoo ta’e malee Rabbiin isa dubbisuun namaaf kan ta’uu miti. Dhugumatti, Inni Ol’aanaa Ogeessa .” Suuratu Ash-Shuuraa 42:51
Kana jechuun bifa (karaa) sadiin malee bifa biraatin Rabbiin ilma namaa hin dubbisu. Isaanis:
Karaa 1ffaa : Wahyiin- Rabbiin olta’aan wanta fedhe qalbii Ergamaa irratti darbuun nama filate ykn Ergamaa Isaa dubbisa.
Karaa 2ffaa : Girdoo duuban Ergamaa Isaa dubbisuudha. Fakkeenyaf, Rabbiin Nabii Muusatti dubbatee fi waame jira. Garuu Nabii Muusan Rabbiin arguu hin dandeenye. Sababni isaa, ilmi namaa Rabbiin arguu hin danda’u. Ogummaa fi rahmata Rabbitiin ilmaan namaa addunyaa tana keessatti Isa arguu hin danda’an. Osoo Isa arganii, silaa garmalee Isa sodaachu irraa kan ka’e hojiif, nyaata fi dhimmoota birootiif socho’u hin danda’an. Rabbiin ni jedha:
لَّا تُدۡرِكُهُ ٱلۡأَبۡصَٰرُ وَهُوَ يُدۡرِكُ ٱلۡأَبۡصَٰرَۖ وَهُوَ ٱللَّطِيفُ ٱلۡخَبِيرُ
Agartuun (Ijji) Isa hin dhaqqabdu (hin hubattu). Inni immoo agartuu hunda ni arga. Inni Mararfataa, Beekaadha.” (Suuratu Al-An’aam 6:103)
Wantoota dandeetti Rabbii mul’isanii fi mallatoolee Tokkichummaa Isaa agarsiisan ilaalun ilma namaatiif ni gaha.
Karaa 3ffaa : Rabbiin Ergamaa Isaatti ykn nama filatetti Malaaykaa erguudha. Kana jechuun Malaaykan Rabbiin irraa ergaa fuudhun Ergamaa Rabbiitti geessa. Fakkeenyaf, Malaaykan Jibriil (Gabra’eel) ergaa Rabbiin irraa fuudhun Nabii Muhammad (SAW) itti geessa. Malaaykan kuni abbaa iccitiiti; humna cimaa kan qabuu fi amanamaa kan ta’eedha. Amaloonni lamaan kunniin (humni cimaa fi amanamummaan) ergaa geessuf amaloota garmalee barbaachisoo ta’aniidha.
Ergamaan Rabbii (SAW) Malaaykaa Jibriil yeroo garii suuraa inni irratti uumameen isa argu. Yeroo garii Malaaykan Jibriil suuraa namtichaatin gara Ergamaa Rabbiiti dhufa. Yeroo kanatti namoonni Ergamaa Rabbii (SAW) marsanii jiran Jibriilin ni argu, dubbii isaa ni dhagahu. Yeroo garii immoo Jibriil dhoksaan Ergamaa Rabbii irratti bu’a, namoonni achi jiran isa hin argan. Garuu mallattoo wahyii (ergaa inni bu’eenii) ni argu.
Kunniin karaalee sadan Rabbiin namoota keessaa nama filate itti dubbisuudha.
Sadarkaalee Wahyii Ergamaa Rabbitiif (SAW) ta’an
Ergamaa Rabbitiif bifoonni fi sadarkaaleen adda addaa wahyiin (ergaan, beeksisni, odeefannoon dhugaa Rabbiin irraa ittiin bu’uu) isaaf ta’ee jira. Isaanis:
1ffaa-Abjuu dhugaa hirriba keessatti argu– kuni sadarkaa jalqabaa wahyiin gara Ergamaa Rabbiitti (SAW) bu’uu jalqabeedha. Abjuun Nabiyyiin argu hundii dhugaadha. Namoonni abjuu arguu danda’u. Tarii abjuun isaanii dhugaa ta’u danda’a dhugaa ta’uu dhiisus danda’a. Garuu abjuun Nabiyyoota dhugaadha. Sababni isaas, sheyxaanni qalbii nabiyyootatti taphachu hin danda’u. Ijji Nabiyyoota ni rafti, garuu qalbiin isaanii hin raftu. Wanti abjuun argan wanta dhugaan Rabbiin isaanitti buusu fi borumta ykn gara fuunduratti ta’uudha. Fakkeenyaf, Qur’aanni wanta Nabii Ibraahimi fi ilma isaa Ismaa’il jiddutti adeemsifame haala kanaan nuuf hima:
فَلَمَّا بَلَغَ مَعَهُ ٱلسَّعۡىَ قَالَ يَٰبُنَىَّ إِنِّىٓ أَرَىٰ فِى ٱلۡمَنَامِ أَنِّىٓ أَذۡبَحُكَ فَٱنظُرۡ مَاذَا تَرَىٰۚ قَالَ يَٰٓأَبَتِ ٱفۡعَلۡ مَا تُؤۡمَرُۖ سَتَجِدُنِىٓ إِن شَآءَ ٱللَّهُ مِنَ ٱلصَّٰبِرِينَ
“[Mucaan] yeroma isa waliin deemuu irra gahu [Nabi Ibraahim] ni jedhe, “Yaa ilma kiyya! Ani abjuu keessatti kan si gurra’un arge. Waan sitti mul’atu ilaali.” Ilmis ni jedhe:”Yaa abbaa kiyya! Waan itti ajajamte dalagi. Yoo Rabbiin fedhe obsitoota irraa ta’uu na argita. ” Suuratu As-Saaffaat 37:102
Ismaa’il yommuu abbaa isaa Ibraahim waliin deemu ykn fiigu irra gahe, abbaan “Yaa ilma kiyya! Ani abjuu keessatti kan si gurra’un arge. Yaanni kee maali?” jedhee gaafate. Abjuun Nabiyyoota wahyii Rabbiin irraa bu’e waan ta’eef, hojii irra oolchun barbaachisaadha. Ismaa’el, “Wanta itti ajajamte hojjadhu.” jechuun abbaaf yaada kenne.
Gara Nabi Muhammad (SAW) yommuu dhufnu immoo, banamiinsi Makkaa abjuu Ergamaan Rabbii (SAW) argeen bakka gahe. Rabbiin abjuu isaa dhugaa taasiseef. Rabbiin ni jedha
لَّقَدۡ صَدَقَ ٱللَّهُ رَسُولَهُ ٱلرُّءۡيَا بِٱلۡحَقِّۖ لَتَدۡخُلُنَّ ٱلۡمَسۡجِدَ ٱلۡحَرَامَ إِن شَآءَ ٱللَّهُ ءَامِنِينَ مُحَلِّقِينَ رُءُوسَكُمۡ وَمُقَصِّرِينَ لَا تَخَافُونَۖ فَعَلِمَ مَا لَمۡ تَعۡلَمُوا۟ فَجَعَلَ مِن دُونِ ذَٰلِكَ فَتۡحًا قَرِيبًا
“ Rabbiin Ergamaa Isaatiif abjuu haqaan dhugaa taasisee jira. Yoo Rabbiin fedhe nagayaan mataa keessan haadachaa, [gariinis] gabaabsachaa, osoo hin sodaanne Masjiida kabajamaa [Makkaa] ni seentu.” Suuratu Al-Fat’hi 48:27
Abjuun Ergamaan Rabbii (SAW) mataa haadachuun, akkasumas, namoonni gariin rifeensa gabaabsunii fi osoo hin sodaanne Masjiida Kabajamaa Makkaa seenu arge wahyii haqaa Rabbiin itti buuse fi ergasii dhugaa taasisedha. Kuni sadarkaalee wahyii keessaa sadarkaa jalqabaa wahyiin Ergamaa Rabbitiif dhugaa taasifameedha.
2ffaa- Ergamaan Rabbii (SAW) Malaayka suuraa irratti uumamen argu– Kuni sadarkaa lamaffaa karaa wahyiin ittiin dhufuudha. Qur’aanni si’a lama Ergamaan Rabbii (SAW) suuraa Malaaykan Jibriil irratti uumame akka arge nuuf hima. 1ffaa Suuratu Najm Ayaata 1-11, 2ffaa suuratu Najm armaan olii Aaayat 12-18
Ergamaan Rabbii (SAW) suuraa Jibriil irratti uumame kan argan yeroo wahyiin (Qur’aanni) bu’uu jalqabe irratti. Haati mu’mintoota tan taate Aa’ishaan (Radiyyallahu anhaa) haala kanaan ibsiti:“Wahyiin gara Ergamaa Rabbiitti bu’uu kan jalqabe abjuu gaarii hirriba keessatti arguuni. Abjuu homaatu hin argu akka guyyaa adii dhugaa yoo taate malee. Ergasii kophatti bahuun isaaf jaallatamaa ta’e. Goda Hiraatti kophaa bahuun gara maatii isaa deebi’uun dura halkan baay’eef achitti Rabbiin gabbaraa ture. Kanaaf galaa (siinqi) fudhataa ture. Ergasii gara Khadiijaa deebi’uun akkuma duraa siinqi fudhata. Hanga guyyaa tokko osoo inni goda Hiraa keessa jiru Haqni tasa isatti dhufuu [haala kanaan itti fufe]. Malaaykan dhufee akkana jedheen, “Iqra’a (dubbisi) ” Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhe,
“Akkamitti akka dubbisan hin beeku. ” Ergamaan Rabbii itti fufuun ni jedhe, “ Ergasii Malaaykan sirritti na qabuun hanga dhiphachuu gahuutti na ukkaamse. Ergasi gadi na fure. ” Ammas Malaaykan ni jedhe, “ Dubbisi! ” Ani nan jedhe, “ Akkamitti akka dubbisan hin beeku.” Ergasii Malaaykan yeroo lammataaf sirritti na qabuun hanga dhiphachuu gahuutti na ukkaamse. Ergasi gadi na fure, “Dubbisi! ” naan jedhe. Anis nan jedhe, “ Akkamitti akka dubbisan hin beeku. ” Ammas yeroo sadaffaaf sirritti na qabuun hanga dhiphachuu gahuutti na ukkaamse. Ergasi gadi na furee akkana jedhe, “ Maqaa Rabbii keeti Kan [waan hunda] uumen dubbisi. Ilma namaa dhiiga ititaa irraa uume. Dubbisi! Gooftaan kee arjaadha. Kan qalamaan [barreessu] barsiise. Nama waan inni hin beekne barsiise. ” (Suuratu Al-Alaq 96:1-5)
□ٱقۡرَأۡ بِٱسۡمِ رَبِّكَ ٱلَّذِى خَلَقَ
□خَلَقَ ٱلۡإِنسَٰنَ مِنۡ عَلَقٍ
□ٱقۡرَأۡ وَرَبُّكَ ٱلۡأَكۡرَمُ
□ٱلَّذِى عَلَّمَ بِٱلۡقَلَمِ
□عَلَّمَ الاِْنسَانَ مَا لَمْ يَعْلَمْ
San booda Ergamaan Rabbii Aayata armaan olii kana fudhachuun osoo qalbiin dhikkistuu fi hollatanuu gara haadha manaa isaanii Khadiijaa deebi’an. Ergasii ni jedhan, “Na haguuga, na haguugaa!” Hanga sodaan irraa deemu ni haguugan. Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) Khadijaan ni jedhe, “Yaa Khadiijaa! Rakkoon kiyya maalii? Lubbuu tiyya irratti sodaadhe.” Wanta malaayka waliin ta’e ishitti hime. Khadijaanis ni jette, “Dhoorgami! Abshir (gammadi), Rabbiin kakadhe! Rabbiin si hin salphisu. Rabbiin kakadhe! Ati dhugumatti, hariiro firummaa sufta (eegda), dhugaa dubbatta, hiyyeessaa fi rakkataa gargaarta, keessumma kabajaa fi arjaan keessumeessita, warra balaan itti bu’e gargaarta.” Ergasi Khadijaan ilma abbeeraa ishii kan ta’e Waraqaa bin Nawfal bira Ergamaa Rabbii fidde. Waraqaa bin Nawfal Ergamaan Rabbii (SAW) ergamuun dura Kiristaana ture. Kitaaba Arabiffaa fi wanta Rabbiin fedhe Injiila Arabiffaan barreessaa ture. Jaarsa dulloomee fi ijji isaa tan badde ture. Khadijaan “Yaa ilma abbeeraa kiyyaa! wanta ilmi obboleessa keeti jedhu dhagahi mee.” jetteen. Waraqaan ni jedhe, “Yaa ilma obboleessa kiyyaa! Maal argite?” Ergamaan Rabbii (SAW) wanta arge isatti hime. Waraqaan ni jedhe, “Kuni [Malaayka Jibriil] kan iccitii eegu Nabii Muusa irratti bu’etu sirrattis bu’e. Maal qaba ani osoo dargageessa ta’ee jiraadhe! Osoo hanga ummanni kee biyyaa si baasanii lubbuun jiraadhe maal qabaa!” Ergamaan Rabbiis ni jedhan, “ Isaan biyyaa na baasu? ” Innis ni jedhe, “Eeyyen! Namni fakkaataa wanta ati fidde fide namoonni diina isatti ta’u. Osoo hanga guyyaa sani lubbuun jiraadhe silaa deeggarsa cimaan si deeggaraa ture. ” Garuu Waraqaan yeroo muraasan booda ni du’e. Wahyiniis yeroo muraasaf Nabiyyii irratti bu’uu dhiise.” Sahih al-Bukhari 3 Kuni yeroo jalqabaatif Ergamaan Rabbii (SAW) Malaaykaa Jibriil suuraa irratti uumame argan. Malaaykan Jibriil Qur’aana irraa aayata (keeyyata) muraasa yeroo jalqabaatif Rabbiin irraa fuudhe gara Nabi Muhammad (SAW) geesse.
Yeroo lammataa Nabiyyiin suuraa Malaaykan Jibriil irratti uumame halkan Mi’raaja samii ol’aantu Sidratal Muntahaa biratti isa argan. Kuni sadarkaa fi bifa 2ffaa wahyiin Rabbiin irra gara Nabiyyi bu’uudha. Innis Malaayka Jibriil suuraa irratti uumameen arguuni.
3ffaa- Suuraa Namaatin Malaaykaa arguu – Malaaykan Jibriil nama fakkaachun gara Ergamaa Rabbii (SAW) wahyii fide dhufa. Namoonni naannawa san jiran Jibriilin ni argu, wanta inni jedhu ni dhagahu. Ragaan kanaa hadiisa Umar bin al-Khaxxaab dabarseedha. Osoo sahaabonni (hiriyoonni) Nabiyyi fi Nabiyyiin bakka tokko walitti qabamanii taa’anuu, Jibriil suuraa nama hin beekkamneetin dhufe. Ergamaa Rabbii (SAW) fuundura taa’un waa’ee Islaamaa, iimaanaa, ihsaanaa fi Guyyaa Qiyaamaa gaafate. Ergamaan Rabbiis gaafiwwan Jibriil ni deebisaniif. Jibriilis dhugaa dubbatte jechuun mirkaneesse. ( Sahiih Musliim-8 )
Malaaykan Jibriil akkuma suuraa namaatin gara Ergamaa Rabbii dhufu, osoo nama hin fakkaatinii fi ijaan hin mul’atin gara Nabiyyitti dhufuun wanta “itti geessi” jedhame itti geessa.
Wahyiin Qur’aanaa fi hadiisota sirrii Ergamaa Rabbii irraa gabaafaman akka of keessatti qabatu kaasne turre. Ergamaan Rabbii (SAW) ofirraa kaasanii waan hin dubbaneef waa’ee amanti ilaalchise wanti dubbatan, hojjatanii fi mirkaneessan wahyii Rabbiin irraa isaanitti bu’eedha. Ragaan kanaa:
□وَمَا يَنطِقُ عَنِ الْهَوَى
□إِنْ هُوَ إِلاَّ وَحْيٌ يُوحَى
□عَلَّمَهُ شَدِيدُ الْقُوَى
“ [Nabii Muhammad (SAW)] Fedha lubbuu irraa hin haasawu.
[Wanti inni dubbatu] wahyi buufamu qofa. ” (Suuratu Najm 53:3-4)
Akkuma keeyyata (aayata) lamaan armaan olii irraa hubannu Qur’aanni jecha ykn dubbii Nabiyyiin ofirraa kaasanii dubbatan osoo hin ta’in wahyii (ergaa) Rabbiin irraa bu’eedha. Kutaa darbee keessatti sadarkaalee fi karaalee wahyiin itti bu’u ilaalle turre. Ammas dabalataan akkaata wahyiin gara Ergamaa Rabbitti bu’u ni ilaalla.
Haati mu’mintoota tan taate Aa’ishaan (Radiyallahu anhaa) akka gabaastetti, Haaris ibn Hishaam akkana jechuun Ergamaa Rabbii (SAW) gaafate, “Yaa Ergamaa Rabbii! Wahyiin akkamitti sitti dhufaa?” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan: “Yeroo tokko tokko akka qillisa bilbilaa natti dhufa. Kuni hunda caalaa narratti ulfaatadha. Ergasii narraa cita; wanta inni (malaykaan) jedhe nan qabadha. Yeroo garii immoo Malaykaan namticha fakkaatee na dubbisa. Ergasii wanta inni jedhu nan qabadha.” Aa’ishaan (radiyallahu anhaa) ni jetti, dhugumatti wahyiin guyyaa garmalee qorraa osoo isarratti bu’uu argee jira. Wahyiin erga dhumate booda dafqii kallacha isaa irraa coccoba.” Sahih al-Bukhari 2, Sahih al-Bukhari 3215
Asitti bilbila yommuu jedhu telefoona yeroo ammaa harkaa qabnu osoo hin ta’in bilbila sibilaa qillisuudha. Fakkeenyaf, fardoota irraa bilbila qillisu ykn bilbila yeroo durii mana barnootatti itti fayyadaman. Afaan Amaariffaatin isa “dawul” jennuudha.
Hadiisa armaan olii Aaayatni Qur’aanaa ni deeggaru. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:
□وَإِنَّهُۥ لَتَنزِيلُ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
□نَزَلَ بِهِ ٱلرُّوحُ ٱلۡأَمِينُ
□عَلَى قَلْبِكَ لِتَكُونَ مِنَ الْمُنذِرِينَ
“ Dhugumatti, Qur’aanni buufama Gooftaa addunyaa hundaati.
Ruuhi amanamaa ta’e (Jibriiltu) isaan bu’e (Qur’aana Rabbiin irraa fide). Akka ati Akeekachisaa irraa taatuf qalbii kee irratti [fide]. Lugaa (qooqa) Arabiffaa ifa ta’een. ” Suuratu Ash-Shu’araa 26:192-195
Kana jechuun Qur’aanni Rabbii waan hundaa uumee fi sooru irraa bu’e. Rabbiin akkuma bishaan samii irraa buusun qaama namaatiif jabeenya taasise, Qur’aanas of biraa buusun namootaf qajeelcha fi ifa taasise. Qur’aana Rabbiin irraa gara Nabii Muhammad (SAW) itti kan fide (geesse) Malaayka Jibriili. Yeroo darbe Malaaykan Jibriil bifa sadiin gara Ergamaa Rabbii dhufuun ergaa akka itti geessu ilaalle turre.
1ffaa : Ergamaan Rabbii suuraa dhugaa Jibriil irratti uumame ni argu.
2ffaa: Suuraa namaa fakkaachun itti dhufuun ergaa itti geessa. Yeroo kanatti Ergamaan Rabbii fi namoonni naannawa san jiran Jibriilin ni argu, dubbii isaa ni dhagahu.
3ffaa : Malaaykan Jibriil osoo ijaan hin mul’atin Ergamaa Rabbitti wahyii (erga) Rabbiin irraa fida. Yeroo kanatti, Ergamaan Rabbii yommuu wahyiin isatti bu’u akka sagalee qillisa bilbilaa isatti dhagahama. Haalota wahyiin itti bu’u biroo caalaa haalli kuni isarratti ulfaatadha.
Akka yaadannotti osoo Ergamaan Rabbii (SAW) rafan Qur’aanni abjuudhaan isaanitti hin buune. Wanti abjuun isaanitti bu’e Qur’aanan ala wahyii (ergaa) biraati. Fakkeenyaf, banamiinsa Makkaa fi wantoota gara fuunduraatti dhugaan uumaman biroo abjuun argu. Garuu Qur’aanni osoo isaan of beekanii fi hirraba irraa dammaqanii jiranuu isaan irratti bu’a ture.
Qur’aanni waggaa 23f dhawaata dhawaatan, aayaa aayan (keeyyata keeyyataan), boqonna boqonnaan bu’aa ture. Bu’iinsi kuni faaydaa baay’ee qaba. Isaan keessaa: suuta suutan namoota barsiisuuf, karaa salphaan namoonni sammuu keessatti akka qabatan (haffazaniif), qalbii Ergamaa Rabbii fi sahaabota isaa tasgabbeessuf, warroota gaafi gaafataniif deebii hatamtamaa kennuu fi kkf.
Haala fi akkaata bu’iinsa Qur’aana hubanne jirraa jechuudha. Amma gaafin ka’u kana fakkaata.
(1)-Malaaykan Jibriil Qur’aana Rabbiin irraa gara Nabi Muhammad (SAW) erga fide booda Nabiyyiin hin dagatanii? Aayata fi jechoota wal keessa hin dhayanii?
(2)- Ergamaan Rabbii (SAW) barreessuu fi dubbisuu hin danda’an. Kanaafu Qur’aanni akkamitti barreefaman hanga ammaa as gahee? Gaafiwwan kanniin mata-duree armaan gadii keessatti ni deebisna.
Guduunfaa:
Qur’aanni suuta suutan waggaa 23f Rabbiin irraa gara Nabii Muhammad (SAW) itti bu’aa tureera.
Malaaykan Jibriil (nageenyi isarratti haa jiraatu) Qur’aana Rabbiin irraa fiduun gara Nabiyyitti geessa. Nabiyyiniis gara namootaatti geessu. Namoonnis Qur’aana isarra barachuun addunyaa guututti geessu. Haala kanaan Qur’aanni addunyaa keessa faca’e.
Rabbiin Qur’aana guutuu qalbii Nabiyyii keessatti walitti qabuu itti gaafatamummaa fudhatee jira. Akkasumas, nama Qur’aana qoma keessatti qabachuu fi barachuuf carraaqu Rabbiin akka isa gargaaru fi laaffisuuf waadaa galee jira. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:
“ Dhugumatti, Qur’aana hubachuu fi yaadachuuf laaffifne jirra. Namni ittiin gorfamu jiraa? ” Suuratu al-Qamar 54:17
Kanaafu, Qur’aanni Rabbiin irraa bu’uu keessa shakkiin wayitu hin jiru.
“ Addunyaa hundaaf akeekachiisaa akka ta’uuf gabricha Isaa irratti furqaana (Qur’aana) Kan buuse toltuun Isaa baay’atte .” (Suuratu Al-Furqaan 25:1)
Kana jechuun Rabbiin gabricha Isaa Muhammad (SAW) irratti Qur’aana buusun karaa qajeelaa fi jallinnaa, karaa Jannataa fi ibiddatti nama geessu ifa taasise. Dhugumatti toltuun Rabbii baay’atte.
Alhamdulillaah kutaa kana kanumaan goolbna.

Comments
Post a Comment
Jazaakumullaahu keeyran