Ramadaana 17 fi Injifannoo lola Badri. Qophii : Abbaas Ibnul Islam I slaamummaa keessatti baatiin Ramadaana baatiiwwan biroo caalaa Muslimoota biratti baatii jabaadha. Baatii kana keessa dalagaawwan gaggaariin Rabbiin biratti dachaa dachaan hisaabamu, baatii araramaa, kan araarama itti argatan, kan ibidda jala bilisa itti bahaniidha. Akkasumas baatii injifannooti. Baatii kana keessa seenaa Islaamaa keessatti Injifannoowwan gurguddoon addunyaa kana jijjiiran hedduun galama’aanii jiru. Injifannoowwan gurguddoo Baatii Ramadaanaa keessa argaman kan Addunyaa jijjiiran keessaa muraasni Lola Badr Bara Hijraa 2, FATH MAKKAA( Banamuu Makkaa) Bara Hijraa 8, Injifannoo Andaluus Bara Hijraa 91 lola Muslimoota fi Ispeen, Lola Ayin Jaluut Bara Hijraa 658 geggeeffamee fi injifannoowwaan gurguddoon hedduun ji’a Kabajama kana keessatti galmaa’nii jiru. Lola Badri Bara Hijraa 2 Mushrikoonni Makkaa guyyaa Ergamaan Rabbii ﷺ ifatti bahee waamicha Islaamummaa godhuu jalqabe booda, Isaaf hordoftoota is...
بسم الله ﻭﺍﻟﺼﻼﺓ ﻭﺍﻟﺴﻼﻡ ﻋﻠﻰ ﺭﺳﻮﻝ ﺍﻟﻠﻪ ﷺ ............. ......................... Al-risala-tube ............................... Gaarommina Qalbii. . . 🎙 Gorsaalee fi ergaawwan miidiyaalee islaamaa argattu. Inshaa'allaah