Skip to main content

TAWBAH-KUTAA 3ffaa

 


 




Join us| Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog


Sharxiwwan (Ulaagaalee) Tawbah





Kutaalee darban keessatti waa’ee tawbah fi istighfaara fi faaydaalee isaanii ilaalaa turreera. Namni hiikaa fi faaydaa isaanii erga beeke, jireenya ofii jijjiruu fi sirreessuf tawbah fi istighfaaran tarkaanfi ni jalqaba. “Hanga yoomi dukkanaa fi dhiphinna keessa jiraadhaa? Hanga yoomi ba’aa badii baadha!” jechuun dukkana fi dhiphinna keessa bahuuf, ba’aa badii ofirraa buuse boqonnaa fi tasgabbii argachuuf ni tattaafata. 


Namni erga haala kanaan tarkaanfi jalqabe, firii yaade argachuuf uulaagaleen guuttamuu qaban ni jiru. Ulaagaalee kanniin yoo hin guutin abdii kutuun karatti hafuu danda’a. 


Jalqaba, ulaagaalee ykn sharxiwwan jechuun wanti tokko sirrii ta’uu fi bu’aa buusuf wantoota ykn haala-dureewwan guuttamuu qabaniidha. Tawbaan qulqulluun Rabbiin biratti fudhatamu qabdu fi bu’aa namaaf buustu sharxiiwwan armaan gadii qabdi:


1-Ikhlaasa qabaachu Jechi Iklaasa ( ﺇﺧﻼﺹ ) jedhu, jecha “ Akhlasa( ﺃَﺧْﻠَﺺَ )” jedhu irraa kan fudhatameedha. Akhlasa jechuun qulqulleesse jechuudha. “Akhlasa shey’an” yommuu jedhu “wanta tokko makaa irraa qulqullesse, dhinbiibe” jechuu isaati. Akhlasa lillahi diinahu-Amanti isaa Rabbiif qulqulleesse yommuu jedhu, “Shirkii, na argaa fi na dhagahaa dhiise” jechuu isaati. Kanaafu, Ikhlaasa jechuun Rabbitti dhiyaachuf qofa hojii gaggaarii hojjachuu fi niyyaa ofii na argaa, na dhagaha, dinqisiifannaa fi kkf irraa qulqulleessudha.


Rabbiin biratti hojiin tokko fudhatama argachuuf ikhlaasan kan hojjatamee ta’uu qaba. Kana jechuun gara Rabbii Olta’aatti dhiyaachu fi mindaa Isaa kajeelun kan hojjatamee ta’uu qaba. Akkasumas, makaa akka na argaa, na dhagahaa, fi kkf irraa kan qulqullaa’e ta’uu qaba. Tawbaan hojii gaggaarii gara Rabbii Olta’aa ittiin dhiyaataniidha. Kanaafu, namni tokko yommuu tawbatu na argaaf, na dhagahaaf, ykn qabeenyaa argachuf osoo hin ta’in Rabbiif qofa jedhe tawbatu qaba.


 Yoo inni akkana godhe tawbaan isaa bu’aa guddaa isaaf buufti. Sababni isaas, Rabbiif jedhee yoo tawbate, ifaa fi dhoksaatti Inni na arga jedhee waan yaaduf, gara badii hin deebi’u. Garuu namootaaf jedhee yoo tawbate, namoonni dhoksaatti isa arguu waan hin dandeenyef gara badiitti salphatti deebi’a. Kuni immoo akka nama nafa dhiqate ofumaan dhoqqetti of gatuuti.


2- Badii irraa buqqa’uu fi wanta bade fooyyessu

Akkuma kutaa darbe keessatti jenne tawbah jechuun badii irraa buqqa’uun gara Rabbii (subhaanahu wa ta’aalaa) deebi’uudha. Kanaafu, badii irraa buqqa’uun ulaagaa tawbaati. Rabbiin ni jedha:



{وَٱلَّذِينَ إِذَا فَعَلُوا۟ فَٰحِشَةً أَوۡ ظَلَمُوٓا۟ أَنفُسَهُمۡ ذَكَرُوا۟ ٱللَّهَ فَٱسۡتَغۡفَرُوا۟ لِذُنُوبِهِمۡ وَمَن يَغۡفِرُ ٱلذُّنُوبَ إِلَّا ٱللَّهُ وَلَمۡ يُصِرُّوا۟ عَلَىٰ مَا فَعَلُوا۟ وَهُمۡ يَعۡلَمُونَ}


“Isaan warra yeroo waan fokkataa hojjatan yookiin lubbuu ofii miidhan, Rabbiin yaadatanii badii isaanitiif araarama kadhataniidha. Rabbii malee eenyutu badii araaramaa? Isaan osoo beekanu waan hojjatanirra (badii ofitirra) kan hin turreedha.” Suuratu Aali-Imraan(3):135


Muttaqoonni (warroonni Rabbiin sodaatan) dogongoraan baditti kufuu danda’u. Erga badii xiqqaas ta’i guddatti kufanii booda dafanii Rabbiin yaadachuun gara tawbah fi istighfaara figu. Kana jechuun adabbii Inni warroota badii hojjataniif qopheessee fi waan gaarii warroota Isa sodaataniif waadaa galee yaadachuun dafanii badii irraa buqqa’uun araarama kadhatan. Kanaafi itti aanse ni jedhe:


أُو۟لَٰٓئِكَ جَزَآؤُهُم مَّغۡفِرَةٌ مِّن رَّبِّهِمۡ وَجَنَّٰتٌ تَجۡرِى مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَاۚ وَنِعۡمَ أَجۡرُ ٱلۡعَٰمِلِينَ


“ Isaan osoo beekanu waan hojjatanirra (badii ofitirra) kan hin turreedha.” Namoonni akkanaa mindaan isaanii:

“Isaan sun mindaan isaanii araarama Gooftaa isaanii biraa ta’ee fi Jannata laggeen ishee jala yaatudha. Isaan ishee keessatti hafoodha.Mindaan hojjatootaa [Jannata ta’uun] waa tole. ” Suuratu Aali-Imraan 3:136


Kanaafu, badii erga hojjate booda namni dafee badii sanirraa buqqa’uun tawbate, araarama kadhate fi hojii gaarii hojjate, mindaan isaa guddaadha. Badii irraa buqqa’uu fi wanta darbe fooyyessu karaa sadiin ilaalun ni danda’ama:

1ffaa – Badiin inni hojjataa ture nafsee ofii kan miidhu yoo ta’e, dafee badii san irraa buqqa’u. Fakkeenyaf, badii akka zinaa (sagaagalummaa), ribaa, alkooli, qumaari fi kkf irraa buqqa’u.

2ffaa – Wanta isarratti dirqama ta’e kan dhiisu yoo ta’e, wanta san hojjachuu. Fakkeenyaf, salaata kan dhiisu yoo ta’e, salaata sirnaan salaatu.

3ffaa -Badiin inni hojjataa ture haqa namootaatin kan wal qabatu yoo ta’e, haqa isaanii deebisuufi. Fakkeenyaf, wanta tokko nama jalaa yoo hate, wanta hate nama sanii deebisu qaba. Yoo nama san dhabe firoota isaati deebisuu. Yoo firootas dhabee sadaqaa kennudha. Kanaafu, namni haala kanaan badii irraa yoo buqqa’ee fi hojii gaggaarii hojjachuun wanta bade yoo fooyyesse, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa badii darbeef isa hin adabu.


Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:


وَمَن تَابَ وَعَمِلَ صَٰلِحًا فَإِنَّهُۥ يَتُوبُ إِلَى ٱللَّهِ مَتَابًا


" Namni tawbatee fi hojii gaarii hojjate, inni dhugumatti tawbaa gaariin gara Rabbii deebi’ee jira.” Suura al-Furqaan (25):71


3- Gaabbii Namni badii hojjate gaabbiin itti dhagahamu qaba. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

ﺍﻟﻨﺪﻡ ﺗﻮﺑﺔ- “Gaabbiin tawbaadha.” Sunan Ibn Maajah 4252


“Gaabbii fi of waqqasuun hundee tawbati.” Namtichi wanta hojjataa tureef yoo hin gaabbinii fi of hin ajiifatin, carraan inni hojii badaa sanitti deebi’u baay’ee guddaadha. Sababni isaas, gaabbi fi dhiphinni badii hojjataa turan san akka jibbanii fi irraa fagaatan nama taasisa. “Maal qaba osoo hojjachuu baadhe; kuni hojii badaa akkamiti! Maal ta’ee hojii kana raawwadhe, ammaan booda hojii akkanaatti nan deebi’a? Gonkumaa itti hin deebi’u…” jedhee yommuu of waqqasu, badii san akka hin dharraane fi itti hin deebine isa taasisa.


4- Gara badiitti akka hin deebine ijjannoo qabaachu

Kana jechuun badii irraa erga deebi’e gara fuunduraatti goonkumaa itti hin deebi’u jechuun ofitti haasawa. Kaayyoon kanaa, wanta isa jala darbe dhaqqabuu, wanta dhufu fooyyessu fi hanga du’aatti wanta itti ajajamee hojjachuu fi wanta irraa dhoowwame dhiisu itti fufuudha. Jecha biraatiin hanga du’aatti karaa qajeelaa qabachuudha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:


وَإِنِّى لَغَفَّارٌ لِّمَن تَابَ وَءَامَنَ وَعَمِلَ صَٰلِحًا ثُمَّ ٱهۡتَدَىٰ


“ Dhugumatti nama tawbatee, amanee, hojii gaggaarii hojjatee, sana booda [hanga du’uu] karaa qajeela qabateef Ani akkaan Araaramadha. ” Suuraa Xaahaa 20:82


Kana jechuun dhugumatti nama kufrii, shirkii fi badii adda addaa irraa deebi’e, qalbiin amane, qaamaan hojii gaggaarii hojjate, ergasii hanga du’uu Islaama qabateef, dhugumatti Ani akkaan araaramaadha . Akkaan araaramaa jechuun baay’isee kan araaramuudha.


Namni hojii badaa duraan hojjate “Gonkumaa itti hin deebi’u” jedhee yoo ijjaannoo qabaate fi tasa dogongoree hojii badaa san yoo hojjate, tawbaan isaa jalqabaa jalaa hin badu. Bakka kanaa hojii badaa haarawa hojjateef tawbah haarawa tawbachuun isarra jira.


Namni dogongoraan badii haarawa akkuma hojjatuun yoo dhugaan tawbatee fi araarama kadhate, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akka araaramuuf waadaa galee jira. Hadiisa al-Qudsi keessatti Rasuulli (SAW) akkana jechuun Rabbiin irraa gabaasan: Gabrichi badii hojjatee “Yaa Rabbii badii kiyya naaf araarami” jedhe. Rabbiin Tabaaraka wa ta’aalaa ni jedhe, “Gabrichi kiyya badii hojjate, Gooftaa badii san araaramu fi badii saniif nama qabu (adabuu) akka isaaf jiru ni beeke. 


Ammas itti deebi’uun badii hojjatee, “Yaa Rabbii badii kiyya naaf araarami” jedhe. Rabbiinis tabaaraka wa ta’aalaa ni jedhe, “Gabrichi kiyya badii hojjatee, Gooftaa badii araaramu fi badii saniif nama qabu akka isaaf jiru ni beeke.” Ammas itti deebi’uun badii hojjatee, “Yaa Rabbii badii kiyya naaf araarami” jedhe. Rabbiinis tabaaraka wa ta’aalaa ni jedhe, “Gabrichi kiyya badii hojjatee, Gooftaa badii araaramu fi badii saniif nama qabu akka isaaf jiru beeke. Wanta feete hojjadhu, siif araaraame jira *.” Sahiih Muslim 2758 


“*Wanta feete hojjadhu, siif araaraame jira.” Jechuun dogongoraan badii hojjattee yoo tawbattee fi araarama na kadhatte, siif araarama jechuudha. “Wanta feete hojjadhu” jechuun “badii hojjadhu” jechuu miti. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa badii irraa ni dhoowwa.


5-Duuti ykn Mallattoon Guyyaa Qiyaamaa dhufuun dura ta’uu Tawbaan duuti goroorro gahuun dura ta’uu qaba. Yeroo duuti isatti dhuftee nafseen goroorro geessu, amma tawbadhe yoo jedhe, tawbaan isaa faayda hin qabu. Sababni isaas, filannoon osoo hin ta’in dirqamaan tawbate. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:


وَلَيۡسَتِ ٱلتَّوۡبَةُ لِلَّذِينَ يَعۡمَلُونَ ٱلسَّيِّئَاتِ حَتَّىٰٓ إِذَا حَضَرَ أَحَدَهُمُ ٱلۡمَوۡتُ قَالَ إِنِّى تُبۡتُ ٱلۡئَٰنَ وَلَا ٱلَّذِينَ يَمُوتُونَ وَهُمۡ كُفَّارٌۚ أُو۟لَٰٓئِكَ أَعۡتَدۡنَا لَهُمۡ عَذَابًا أَلِيمًا


“ Tawbaan warra hanga tokkoon isaaniitti duuti dhuftu badii hojjatanii ‘Ani amma tawbadhe.’ Jedhanii fi isaannan kaafirota ta’anii du’aniifis [tan qeebalamtu] hin taane. Warra san Nuti adaba laalleessa isaaniif qopheessine jirra. ” Suura An-Nisaa(4):18


Kana jechuun tawbaan gosoota namoota lamaan kanarraa hin qabeelamtu. 1ffaa-Hanga duuti itti dhuftuu nama badii hojjachuu itti fufee fi yeroo machiin du’aa isa qabdu, ‘Ani amma tawbadhe.” nama jedhuudha. 2ffaa-Nama kaafira ta’ee du’eedha.


Akkasumas tawbaan aduun dhiyaan bahuun dura ta’uu qaba. Aduun dhiyaan bahuun mallattoolee Guyyaa Qiyaamaa gurguddoo keessaa tokko waan taateef, yeroo sanitti tawbaan fudhatama hin argatu.


Sadarkaalee Tawbah*





Tawbaan sababa badiitiin ykn gaflaatin erga Rabbiin irraa fagaatanii booda gara Isaatti deebi’uu waan ta’eef, tawbaan sadarkaalee garagaraa qaba. Sadarkaalee tawbah haala armaan gadiitin tarreessu ni dandeenya:


1-Shirkii fi kufrii irraa tawbachuun gara iimaanatti seenu- Namni Rabbiin waliin waan biraa gabbaru (waaqefatu) ykn guutumaan guututti Rabbitti hin amanne, tawbachuun gara amanti Islaamaa seena. Fakkeenyaf, Namni Kiristaana ta’e, Iyyasuus waaqefachuu dhiise gara Islaamatti seenuun Rabbiin qofa yoo gabbare, shirkii irraa tawbate (deebi’e) jennaan


.

2-Badii gurguddaa irraa tawbachuun sadarkaa taqwaatti ol bahuu- Namni badii gurguddaa akka zinaa, hatu, qumaari fi kkf irraa deebi’uun warroota Rabbiin sodaatan keessa ta’uu danda’a.


3-Badii xixiqaa irraa tawbachuun sadarka taqwaa ol’aanutti ol bahuu- namni badii gurguddaa erga dhiise booda badii xixiqaa irraa akkuma tawbatuun, taqwaan (Rabbiin sodaachuun) isaaf dabalamaa adeema.


4-Wantoota jibbamoo hojjachuu fi wantoota jaallatamoo dhiisu irraa tawbachuun gara sadarkaa al-birr itti olka’uu- kana jechuun wantoota jibbamoo dhiisu fi wanta jaallatamoo hojjachuun, namoota “Abraar” jedhaman keessaa ta’uudha. Abraar jechuun warroota waan itti ajajaman hojjatan, waan irraa dhoowwamaniis dhiisaniidha. Garuu akka dabalataatti hojii gaggaarii jaallatamaa baay’isanii ni hojjatu. Ammas, hojii jibbamaa (makruuh) ni dhiisu.


5- Hanqinna sadarkaa guutuu namummaa akka hin geenye nama taasisan irraa tawbachuun gara ihsaanitti ol siqu.


6-Kanaa oliis Rabbiin irraa yeroo garii gaflaa keessa ta’uu irraa tawbachuun gara Muqarrabiinatti ol bahuu. Muqarrabiina jechuun hunda caalaa warroota Rabbiitti dhiyoo ta’aniidha. Tawbaan nabiyyoota tawbaa sadarkaa ol’aanudha. Kana jechuun sadarkaa ol’aanaa ihsaanaa fi muqarrabiina akka hin geenye hanqinna nama taasisu yoo of keessatti argan, ni tawbatu, araarama kadhatu.

Kanaafi, Ergamaan Rabbii (SAW) guyyaatti si’a 70 ol tawbataa fi istighfaara gochaa akka turan gabaasan mirkanaa’e jira. Nabiyyiin badii hojjatanii osoo hin ta’in sadarkaa ol’aanaa muqarrabiina keessaa ta’uu fi ummataaf fakkeenya ta’uudha. Sahiih Muslim keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhu:


ﻳَﺎ ﺃَﻳُّﻬَﺎ ﺍﻟﻨَّﺎﺱُ ﺗُﻮﺑُﻮﺍ ﺇِﻟَﻰ ﺍﻟﻠَّﻪِ ﻓَﺈِﻧِّﻲ ﺃَﺗُﻮﺏُ ﻓِﻲ ﺍﻟْﻴَﻮْﻡِ ﺇِﻟَﻴْﻪِ ﻣِﺎﺋَﺔَ ﻣَﺮَّﺓٍ ”


Yaa namoota gara Rabbii tawbadhaa! Dhugumatti ani guyyaatti si’a dhibba gara Isaatti tawbadha.” Sahiih Muslim 2702


Abdullah Ibn Umar akkana jedha: taa’umsa tokko keessatti Ergamaan Rabbii si’a dhibba

“ ﺭَﺏِّ ﺍﻏْﻔِﺮْ ﻟِﻲ ﻭَﺗُﺐْ ﻋَﻠَﻰَّ ﺇِﻧَّﻚَ ﺃَﻧْﺖَ ﺍﻟﺘَّﻮَّﺍﺏُ ﺍﻟﺮَّﺣِﻴﻢُ ” (‘Rabbighfirlii wa tub `alayya innaka Antat-Tawwaabur-Rahim)” akka jedhe lakkaa’aa turre.” Suunan Ibn Maajah 3814


Rabbighfirlii-Yaa Rabbii naaf araarami, wa tub alayya-tawbaas narraa qeebali, Innaka-dhugumatti ati, anta-Ati, tawwaabu- baay’isee kan tawbaa namarraa qeebalu, rahiim-garmalee kan namaaf rahmata godhu.

Hiika hima : Yaa Rabbii naaf araarami, tawbaas narraa qeebali, dhugumatti Ati baay’isee tawbah Kan namarraa qeebalu, garmalee Kan namaaf rahmata godhuudha.

Rasuulli kan diliin (cubbuun) isaanii hundi kan araaramameef si’a dhibba yoo tawbatanii fi araarama kadhatan, warroonni badii hojjatan hoo si meeqa tawbachuu fi araarama kadhachuu qabuu?


Tawbah fi Hojii gaggaarii


Namni badii irraa erga deebi’ee fi buqqa’ee (tawbatee) booda, keessa isaatti duwwummaa fi dhiphinni itti dhagahama. Akkasumas, hasaasni sheyxaanaa itti jabaachun baditti deebi’u danda’a. Erga tawbatanii booda karaan of fooyyessanii fi badii guutumaan guututti itti haaqan hojii gaggaarii baay’isanii hojjachuudha.


وَأَقِمِ ٱلصَّلَوٰةَ طَرَفَىِ ٱلنَّهَارِ وَزُلَفًا مِّنَ ٱلَّيۡلِۚ إِنَّ ٱلۡحَسَنَٰتِ يُذۡهِبۡنَ ٱلسَّيِّئَاتِۚ ذَٰلِكَ ذِكۡرَىٰ لِلذَّٰكِرِينَ


“ Qaccee lamaan guyyaatii fi yeroo halkan irraa ta’ee salaata sirreessi salaati. Toltuwwan hamtuu ni deemsisu (ni haaqu). Kuni warra gorfamaniif gorsa. ” Suuratu Huud 11: 114


Qaccee lamaan guyyaa jechuun jalqabaa fi dhuma guyyaati. Jalqabni fi dhumti guyyaa salaata fajrii (subhii), zuhrii fi asrii qabata. Yeroon halkanii immoo salaata maghriibaa, ishaa’i akkasumas, salaata leyli of keessatti hammata.

Toltuwwan hamtu (cubbuu) xixiqqoo haaqu. Namni salaata sirnaan yoo salaatee fi hojii gaggaarii biro yoo hojjate, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa hamtuu xixiqoo inni hojjate irraa haaqa. Hamtuun ykn badiin xixiqoon yoo namarraa haaqaman, badii gurguddaatti akka hin geenye sababa ta’u.

Akkasumas, namni badii gurguddaa irraa erga tawbatee booda hojii gaggaarii qulqullinnaa fi baay’innaan yoo hojjate, Rabbiin badii isaa isaaf haguuga, adabbiis isarraa deebisa. Rabbiin ni jedha:


وَإِذَا جَآءَكَ ٱلَّذِينَ يُؤۡمِنُونَ بِئَايَٰتِنَا فَقُلۡ سَلَٰمٌ عَلَيۡكُمۡۖ كَتَبَ رَبُّكُمۡ عَلَىٰ نَفۡسِهِ ٱلرَّحۡمَةَۖ أَنَّهُۥ مَنۡ عَمِلَ مِنكُمۡ سُوٓءًۢا بِجَهَٰلَةٍ ثُمَّ تَابَ مِنۢ بَعۡدِهِۦ وَأَصۡلَحَ فَأَنَّهُۥ غَفُورٌ رَّحِيمٌ


“Gooftaan keessan of irratti rahmata katabe: Namni isin keessaa wallaalummaan hamtuu hojjatee ergasii san booda tawbatee fi toltuu hojjate, dhugumatti Inni araaramaa rahmata godhaadha .” (suuratu Al-An’aam 6:54)


Gooftaan keessan gabroota Isaa badii hojjataniif rahmata akka godhuuf of irratti dirqama godhee fi Lawhal Mahfuuz keessatti katabee jira. Qabiyyeen rahmata kanaa: “ Namni isin keessaa wallaalummaan hamtuu hojjatee ergasii san booda tawbatee fi toltuu hojjate, dhugumatti Inni araaramaa rahmata godhaadha .”


Kana jechuun namni badii erga hojjatee booda badii san irraa buqqa’ee fi gaabbee gara Rabbii deebi’uun hojii gaggaarii hojjate fi wanta balleesse fooyyesse, Rabbiin isaaf araarama, rahmata godhaaf. Badii isaa ni haguugaaf, isa hin adabu.

Kanaafu, badii erga hojjatanii booda tawbachuu fi hojii gaggaarii baay’ee hojjachuun, dhiibba badiin namarraan gahe akka deemu sababa ta’a. Kanaafi, Sahaabonni badii wayii erga hojjatanii booda ni tawbatu. Ergasii hojii gaggaarii baay’isu. Akka fakkeenyaati, Ka’ab ibn Maalik Duula Taabuk irraa duubatti hafuun dogongora guddaa hojjate. Sababa kanaan namoonni hunduu Ka’ab irraa ni fagaatan ykn ni oodaniin. Ergasii inni ni tawbate. Isaa fi hiriyyoota isaa lamaan irraa Rabbiin tawbah akka qeebale aayah buusun beeksise. (Suuratu Tawbah 9:118).

Ergasi Ka’ab bin Maalik Nabiyyi bira dhufuun akkana jedhe, “Yaa Ergamaa Rabbii! Tawbaan kiyya akka guuttamuuf qabeenya kiyya akka sadaqaatti Rabbii fi Ergamaa Isaatiif gadi dhiisu barbaada.” Ergamaan Rabbiis ni jedhan: “Qabeenya kee muraasa qabadhu, santu irra siif gaariidha.” Anis ni jedhe, “Qooda kiyya kan Khaybar nan qabadha.” Sunan Abu Dawud 3317 , Sunan an-nasaa’i-3824, Hadiisa guutuu Sahiih al-Bukhaari 4418 keessatti argachuun ni danda’ama.

Kunoo haalli namoota badii hojjatanii ergasii tawbatanii akkana ture. Erga tawbatanii booda hojii gaggaarii baay’ee hojjatu.

Garuu namni tawbadhe jedhee hojii gaggaarii yoo hin hojjatin hangas mara jireenya keessatti jijjirama hin argu.

Tolee, namni erga tawbatee hojii kam irraa jalqabu qaba? Jedhee gaafachu danda’a. 


Deebiin isaa kutaa itti aanuun inshaa'alllaah.




Guduunfaa

Namni dukkanaa fi dhiphinnaa keessaa bahuun jireenya gammachuu barbaadu tawbah fi istighfaara isa barbaachisa. Sababni isaas, jireenya keessatti dukkanni, dhiphinnii fi rakkoon kan namatti bu’uuf sababa badii hojjataniitif. Rakkoo fi dhiphinna sababa badiitin nama tuqe kaasu kan danda’u Rabbiin qofa.

Kanaafu,Rabbiin dukkanaa fi dhiphinna namarraa akka kaasu, karaan hundarra gaariin gara Isaatti deebi’uun araarama kadhachuu fi toltuu hojjachuudha.

Bu’aa barbaadame tawbah irraa argachuuf namni ulaagaalee armaan gadi guutuu qaba:

1-Ikhlaasa-Rabbiif qofa jedhe tawbachuu

2-Badii irraa buqqa’uu fi wanta bade fooyyessuu

3-Gaabbuu

4-Gara badiitti akka hin deebine ijjannoo qabaachu

5-Duuti ykn Mallattoon Guyyaa Qiyaamaa dhufuun dura tawbachuu

Badii irraa buqqa’uu fi wanta darbee fooyyessun wantoota sadii of keessaa qaba:

1ffaa –Badiin inni hojjataa ture nafsee ofii kan miidhu yoo ta’e, dafee badii san irraa buqqa’uu fi dhiisu.

2ffaa –Wanta isarratti dirqama ta’e kan dhiisu yoo ta’e, wanta san hojjachuu.

3ffaa -Badiin inni hojjataa ture haqa namootaatin kan wal qabatu yoo ta’e, haqa isaanii deebisuufi.

Arrabaan tawbadhe ykn astaghfirullah jedhanii badii hojjachuu itti fufuun hiika fi sharxii tawbaa kan faallessudha. Tawbaan nama kanaa tawbaa sobaa bu’aa wayitu hin buusne taati. Badii irraa buqqa’uun dhugaan yoo hin tawbatin, wanta hojjateef ni adabama.



Kutaan kun kanumaan goolabame Alhamdulillaah.



Comments

Popular posts from this blog

KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

Seenaa rasuulaa kutaa 15

  SEENAA RASUULAA KUTAA 15FFAA AMATA HIJRII 9FFAA IRRAA HANGA Duula TABUUK. Amata Hijrii 9ffaa Amatni Hijiraa 9ffaan ni dhufe. Warri Siiraa amata saniin amata Kheeysummaa (Aamu Al-Wufuud) ja’aniin. Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wasallam amata 9ffaa Hijirii guutuu Isaa Madiinaa taa’ee Kheeysummaa itti dhuftu qeebalaati ture. *** Kheeysummulleen –Jiilli Damiinoota Gosa adda addaa- Islaamummaa Isaanii labsuuf Madiinaa dhufan 60 oli, Barri Hijrii 9ffaan Jiila kheeysummaatiin guuttamaa ture. *** Amata 9ffaa hijiraa kheeysa Jiilli Kheeysummoota Madiinaa dhufan kheeysaa: 1- Gosa Baahilaa 2- Gosa Banii Tamiim 3- Gosa Banii Asad 4- Gosa Bajiilaa fii Ah’mas fii gosoota biraa hedduutu dhufe. *** Ji’a Rajab, bara Hijirii 9ffaa kheeysa Najjaashii As’hamaa mootichi Habashaa du’e. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Salaat Al- Ghaa’ib (salaata nama fagootti du’ee) irratti salaate. *** Jaabir bin Abdullaahi akki ja’u: Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam “Arra nama Saaliha (Gaariitu) du’e, ka’a...
KUTAA 13 ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 13 ƒƒαα  Duula Fat’hii Makkaa  Fathii Makkaa. Baatii Ramadaanaa, Amata Hijirii 8ffaa kheeysa Fat’hiin Makkaa, Injifannoon Islaamaa guddoon argamte. Rabbiin Injifannoo saniin Amantii Isaatii fii Rasuula Isaa sallallaahu aleeyhi wasallam ol fuudhe. *** Sababaan duulli “Ghazwatu Fat’hi Makkaa” (Injifannoo Makkaa) argamteef: Banii Bakrii fii Qureeyshiin wal tahanii gosa Khuzaa’aatan Sulhii Hudeeybiyyaa irratti Rasuula sallallaahi wasallam wajjiin tahuuf wa’ada seente gananii nama 20 irraa ajjeesan.69 *** Amr bin Saalim Al-Khuzaa’ii Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam bira Madiinaa dhufe. Rasuula Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Osuma Masjida kheeysa taa’aa jiru itti ol seenee gubbaa dhaabbate. Ajjeechaa dagutti Qureeyshii fii Banii Bakri Isaan irratti raawwatte itti hime. *** Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Yaa Amr bin Saalim Tumsamte (siifin tumsa)” je’een. Eegasi Makkaa irraa gosti Khuzaa’aa Maanguddoo gama Rasuulaa sallallaahu al...