Skip to main content

Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Aqiidaa. Kutaa 7ffaa.

 𝕃𝕖𝕖𝕟𝕛𝕚 𝕓𝕒𝕣𝕟𝕠𝕠𝕥𝕒 𝔸𝕢𝕚𝕚𝕕𝕒𝕒 K-7


 Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Aqiidaa.   Kutaa 7ffaa.


 

𝕃𝕖𝕖𝕟𝕛𝕚 𝕓𝕒𝕣𝕟𝕠𝕠𝕥𝕒 𝔸𝕢𝕚𝕚𝕕𝕒𝕒

 Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Aqiidaa.   

Kutaa 7ffaa.

GUYYAA QIYAAMAA WARRI AMANE RABBII ISAANII 

AKKA ARGAN SABACHIISUU 


Ragaan jecha Rabbiiti: 

○وُجُوهٌ يَوۡمَئِذٍ نَّاضِرَةٌ

○إِلَىٰ رَبِّهَا نَاظِرَةٌ

{Fullan gariin guyyaa saniin keessatti (guyyaa qiyaamaa) iftuudha. Gama Rabbii isii laaltuudha [daawwattuudha].} Al-Qiyaamaa: 22-23


عَلَى ٱلۡأَرَآئِكِ يَنظُرُونَ

{Sireewwan irratti tahoodha, kan ilaalan haala tahaniin.} Al-Muxaffifiin: 23


لِّلَّذِينَ أَحۡسَنُواْ ٱلۡحُسۡنَىٰ وَزِيَادَةٌۖ وَلَا يَرۡهَقُ وُجُوهَهُمۡ قَتَرٌ وَلَا ذِلَّةٌۚ أُوْلَٰٓئِكَ أَصۡحَٰبُ ٱلۡجَنَّةِۖ هُمۡ فِيهَا خَٰلِدُونَ

{Warra waan gaarii dalaganiif, waan gaariitu jiraaf (sun jannata) ammas dabalataa jiraaf (sun Rabbii isaanii laaludha).} Yuunus: 26


لَهُم مَّا يَشَآءُونَ فِيهَا وَلَدَيۡنَا مَزِيدٌ

{Isaanif waan fedhantu jiraaf isii (jannata) keessatti ammallee nu biratti idaasaan isaaniif tahaadha [sun Rabbi arguudha].} Qaaf: 35 


IBSA. Aayaatoota dabarsine keessatti wanni hubannu, akka warri amane guyyaa qiyaamaa Rabbii Isaanii argani. Ahlus-Sunnaan akkuma aayaata keessatti dhufe kanatti sabachiisan. Guyyaa qiyaamaa warri jannataa wanni Isaan 

haalaan itti gamadan fuula Rabbii isaanii arguudha. Rabbiin warra fuula Isaa laalu nu haa godhu.Boqonaan kun (wanni sifa Rabbiirraa dubbatu) kitaaba Allaahaa keessa heddu, namni Qur’aana isaan qajeelloo barbaaduuf sirritti gad 

ilaale ykn faana dhahe karaan dhugaa isaaf ifa baha.


RAGAA HADIISA KEESSATTI SIFAA FI MAQAA RABBII SABACHIISUU.

Ammallee sunnaa ergamaa Allaahaa keessatti [hadiisni sifaa fi maqaa Allaahaa sabachiisu ni jira, kan Ahlu-sunnaan itti amantu. Sunnaan (hadiisini) Qur’aana ni hiikti, ni ibsiti, isarratti qajeelchiti (waan Qur’aanni qajeelchurratti qajeelchiti), isarraa ibsa gooti. Wanni Rasuuli Rabbii isaatiin yaame hadiissan fayyaa qabuurraa, kan warri beekkumsa qabu irratti waliigalanii waliif dabarsan, fudhachuu fi itti amanuun diqama.


IBSA.Hadiisa sahiiha itti amanuun dirqam, Qur’aanatti aansuudhaan hadiisni ragaa lammaffaati amntii Islaamaa keessatti. kanaaf Ahlus-Sunnaan Ergamaan Rabbii sifaa fi maqaa Rabbii isaatiin yaame, akkuma Rabbiin ifiin yaametti amanan.


HADIISA GAD BU’U ALLAAHAAF SABACHIISU

[Hadiissan itti amanuun dirqama tahu] sanirraa fakkaataa jecha Rasuulaati  : ((Rabbiin keenya gama samii duniyaatti gad bu’a, halkan hunda gama boodaa, yeroo harki tokko sadaffaan halkanii hafe. Ni ja’a (Allaahaan): “eenyu kan na kadhatu kan isaaf awwaadhu? eenyu kan na gaafata kan isaaf kennu? eenyu kan araarama narra barbaadu kan isaaf araaramu?”)) hadiisni irratti wali galamaadha bukhaarii:1145, muslim:758


IBSA.Hadiisni kuni Rabbiin keenya akka halkan hunda gama boodaa gad bu’u sabachiisa. Ahlus-Sunnaan akkuma hadiisa keessatti sabate kan ja’an.  Rabbiin keenya akka Isaan malutti gad bu’a gama samii adunyaatti, gad bu’insi Rabbii gad-bu’insa uumamaa hin fakkaatu, akkuma ol tahinsi isaa ol tahinsa uumamaa hin fakkaannetti.


HADIISA GAMMACHUU RABBIIF SABACHIISU

Ragaan jecha Rasuulaati  : ((Allaahaatu gammada

[badiirraa] deebi’uu gabricha isaa kan amaneetiin, tokkoo keessan kan yaabbii [jalaa badde] argaturra.)) Hadiisni irratti wali galamaadha Buukhaarii: lakk. Hadiisaa 6308, Muslim: lakk. Hadiisaa 2675 


IBSA.Hadiisa kana keessatti Rabbiin akka gammadu sabachiisuutu jira, kanaaf Ahlus-Sunnaan akkuma sifa Rabbii tan biroo dhugoomsan Rabbiin akka gammadu ni sabachiisan, kan uumaa Isaatti isa hin fakkeesine.


HADIISA KOFLA RABBII SABACHIISU.

Ragaan Jecha Ergamaa Allaahaati  : ((“Allaahaan gama nama lamaa ni kofla, kan tokko kaan ajjeesu, kan lamaan isaanii (ajjeesaa fi ajjeefamaan) jannata seenan.”)) Hadiisni irratti wali galamaadha Buukhaarii: lakk. Hadiisaa 2726, 

Muslim: lakk. Hadiisaa 1898


Ammas[Ragaan] jecha Rasuulaati  : ((“Dinqisiifatee jira Rabbiin keenya garaa muratuu gabarran isaatiirraa, tola olinsi isaa dhihaatuu wajjin, ni laala gama keessan rakkoo fii garaa murachuu keessatti haala taataniin, ni kofla rakkorraa bahuun keessan dhihoo tahuu haala beekuun.”)) hadiisni hasani (gaariidha) Ibnu Maajah: lakk. Hadiisaa 181, Musnad Ahmad: 4/11, Daara Quxni kitaaba Sifaat: lakk. Hadiisaa 30 


IBSA.Hadiisa dabarsine keessatti Rabbiin akka koflu hubanna, Rabbiin ni kofla akka Isaan malutti. Ahlus-Sunnaan akkuma sifa biroo sabachiisan kofla Rabbii ni sabachiisan, kan uumam Isaatti isa hin fakkeesine. Wanni haalataa Rabbiirraa hadiisa sahiiha keessatti dhufe akkuma waan Qur’aana keessatti dhufeeti, itti amanuun dirqama.


HADIISA MIILAA FI HIRPHA RABBIIF SABACHIISU

Ragaan] jecha Ergamaa Allaahaati  : ((“jahannam Isii keessatti darbamurraa hin deemtu [guyyaa qiyaamaa], ‘sa dabalanni (idaasaan) ni jiraa?’ haala isiin jettun, hanga Rabbiin guddaan miila isaa keessa kaayutti.”)) 


Hadiisa biro keesatti: ((“hirpha isaa isiirra kaaya, ni maxxantti gariin isii gariitti, sababaa saniin ni jetti [jahannam]: qax qax.” Hadiisnii irratti walii galamaadha Buukhaarii: lakk. Hadiisaa 4848, Muslim: lakk. Hadiisaa 2848 


IBSA.Hadiisa kana keessatti Rabbiin akka miilaa fi hirpa isaan maltu qabu sabachiisuutu jira. 

Ahlus-Sunnaan Rabbiin miila ni qaba kan isaan malu, hirpa ni qaba kan isaan malu ja’anii amanan.


HADIISA SAGALEE FI DUBBACHUU RABBIIF SABACHIISU.

Ragaan jecha Rasuulaati  : ((“Rabbiin ol tahe ni ja’a: yaa Aadam!. [Aadam] ni ja’a: labeeyka yeroo hedduu siif awwaadhe. Duuba [Rabbiin] Ni lallaba [Aadamitti] sagaleen: Allaahaan ilmaan keetirraa ergamtoota (warra ibbida seenu) gama ibidaatti akka baaftu si ajaja.” )) jechuudhaan. Hadiisni irratti wali galamaadha Buukhaarii: lakk. Hadiisaa 3348, Muslim: lakk. Hadiisaa 222. 


Ammas Ragaan biroo jecha Rasuulaati : ((“[namni] tokkolleen Isiniirraa hin argamu, Rabbiin isaa isa dubbisu malee [guyyaa qiyaamaa], kan jidduu Rabbii fi jidduu isaa dubbii [namni] hiiku hin jirre.”))Irratti waliigalamaadha Buukhaarii: lakk. Hadiisaa 6539, Muslim: lakk. Hadiisaa 1016 


IBSA.Hadiisa dabarsine keessatti Rabbiin akka sagaleen lallabee dubbatu sabachiisuutu jira. Ahlus-Sunnaan akki ja’an: Rabbiin ni dubbata yeroo fedhe, abbaa fedhetti, dubbii fii sagalee Isaan maltuun dubbata, namni Rabbiin itti dubbatu dubbi isaa ni dhagaha akkuma Nabi Muusaan gurraan dhagahetti. 


HADIISA OL TAHINSA RABBII SABACHIISU

[Ragaan] jecha Rasuulaatti : wallansa dhukkubsataa keessatti akki ja’e: ((“Rabbiin keenya Allaaha, isa samiirra jiru, maqaan kee qulqullaawe, murtiin kee samii fii dachii keessatti tahaadha, akkuma Rahmaani kee samii keessatti taate, Rahmaata kee dachii keessatti godhi, cubbuu teenyaa fi dogongora keenya irra nuuf dabri, ati Rabbii warra dalagaa gaarii dalaguuti, Rahmata buusi, Rahmata keettirraa, dawaa (qoricha) buusi, qoricha keettirraa, dukkuba kanarratti. Sababa saniin ni fayyaa.”)) Abuu daawud: lakk. Hadiisaa 3892, hadiisni (Hasani) gaariidha Sheek Albaaniin da’iifa ykn laafaa tahuu ibsa kitaaba da’iiful-jaami’i: 5422 keessatti. 


Ammas Ragaan jecha Rasuulaati  - :((“Isin na hin dhugomsitanii, haala ani isa samiirra jiru biratti dhugomfamaa taheen?”)) Hadiisni sahiha (fayyaa) bukhaarii:4351, Muslim:1063Ammas ragaan jecha Rasuulaati  - : ((“Arshiin bishaan gubbaa jira [samii fi dachiin uumuun duratti], Allaahaan Arshii gubbaa jira, inni waan isin irra jirtan ni beeka.”)) Hadiisni hasani (gaariidha ykn bareedaadha) Abuu daawud: 4723, Tirmiizii: 3320, Ibnu Maajaah: 193


Sheek Albaaniin sahiiha (fayyaadha) ja’en: Mukhtasarul-uluw:hadiisa 48, fuula 103Ammallee [ragaan] jecha rasuulaati  - gabrittiidhaan [kan ja’e]: “Allaahaan eessa jira?” ni jatte [gabrittiin]: “samiirra jira.” Ni ja’en :“ani enyu?”. Ni jatte: “ati ergamaa Allaahaati.” [Rasuulli] “bilisoomsi (furi) isiin amantuudhaa.” Ja’een.)) Muslim: lakk.Hadiisa 537 


IBSA.Hadiissan dabarsine keessatti ol tahuu Rabbiif sabachiisuutu jira akkuma Qur’aana keessatti sabate. Ragaan akkuma hadiisa keessatti bira dabare, Ergamaan Allaaha Rabbiin eessa jira jedhee gaafatee jira, duuba gabrittiin Samiirra jira jettee deebisuu Isiitiif jecha Ergamaan Allaahaa Muslima je’ee isiif ragaa bahe. Rabbiin eessa jira yoo siin ja’an, Samii gubaa jira je’e deebisi, akkuma hadiisa keessatti sabate kanatti.Tuutti Ahbaashaa fokkottuun Rabbiin ol hin taane ja’an, akka waan isaan Rabbii fi Ergamaa Rabbiirra beekanii tahuu isaaniti.


HADIISA RABBIIN UUMAA ISAA WAJJIIN JIRAACHUU SABACHIISU

[Ragaan] jecha Rasuulaati  : ((“Irra caalaan Iimaanaa: Allaahaan bakka hundatti sii waliin jiraachuu beekuudha.”)) Hadiisni gaariidha xabraniin Owsax keessatti lakk. Hadiisaa 8796 gabaase jira. Sheek Albaanin da’iifa ja’een: Da’iiful-jaami’i:1002


Ammas [ragaan biroo] jecha Rasuulaati    : ((“Tokkoon keessan yeroo salaataaf dhaabbate, gama ful durasaattii fi mirgasaatti hin tufin. Allaahaan gama ful dura isaa jira, garuu gama bitaatti ykn hirpha isaa jalatti [haa tufu].”)) Irratti wali galamaadha. Bukhaarii: lakk. hadiisaa 409 fi 416, Muslim:547Ammas ragaan jecha Rasuulaati  -

   : 

((Yaa Allaah! Rabbii samiiwwan torbaa fi dachii, Rabbii Arshii guddoo, Rabbii keenyaa fi Rabbii waan hundaa, dhoosaa firii fi killee, buusaa Towraat, Injiilii fi Qur’aanaa. Siinin tiyfama hamtuu lubbuu tiyyaa fi hamtuu waan lafarra deemuu handarraa, Ati sammuu isii niqabda. Ati kan duraati (dursaadha) wanni takka si dura hin jirtu. Ati kan boodaati (booda hafaadha) wanni takka sii booda hin haftu. Ati ol tahaadha wanni takka sii ol hin jirtu. Ati dhiyoodha (dhihaataadha) wanni takka sii asitti hin jirtu beekaa waan keessaa fi gubbaati. Liqii narraa kafali, hiyyummaarraa na duromsi.”)) Muslim: 2713Muslim: 2713


Ammas ragaan jecha Rasuulaati    : yeroo sahaabaan zikriidhaan sagalee ol fuudhan [ni ja’e]: ((“ Yaa ilmaan namaa lubbuu teessan irratti laaffissaa, isin duudaa fi fagaataa (kan fagoo jiru) hin kadhattan. Garuu kan isin kadhattan dhagayaa fi argaadha. Bar inni isin kadhattan (yaammattan) gama tokkoo keessanitti morma yaabbii (yaabbatamtuu) isaatirra itti dhihaataadha”)) Irratti wali galamaadha Bukhaarii: 2992, Muslim: 2704


IBSA.Hadiissan dabarsine keessatti Rabbiin gabarran Isaatti dhihoo akka tahe sabchiisuutu keessa jira. Ahlus-Sunnaan akkuma hadiisaa fi Qur’aanni je’e jedhan, Rabbiin dhihaataadha gabarran Isaatti, akka isaan malutti.


HADIISA WARRI AMANE RABBII AKKA ARGAN SABACHIISU

Ragaan jecha Rasuulaati   : ((“Isin Rabbii keessan arguuf teessan akka ji’a goobane (ji’a guttame kan guyyaa 14ffaa) argitanitti. Isa laaluu (daawwachuu) keessatti kan walitti hin rakkifne,injifatamuu dhabuu yoo dandeessan salaata bahinsa aduu duraa (salaata subii) ammas salaata seensa aduu duraa (salaata Asrii) irratti, tiyfadhaa (salaata san lamaan jabeessaa).”)) Irratti wali galamaadha Bukhaari: 554, Muslim: 633


IBSA.Hadiisa keessatti Rabbiin akka guyyaa qiyaamaa ijaan argamu hubanna. Ahlus-Sunnaan akkuma hadiisa keessatti dhufe kanatti amanan, guyyaa qiyaama Rabbiin ijaan akka argamu hadiisa fi Qur’aanni irrati wali galee jira. Ahlus-Sunnaan argaa Rabbii ni dhugoomsan shakkii osoo hin goone.


BOQONNAA AHLUS-SUNNAA WAL JAMAA’AAN TUUTTAN 

BIROORRAA JIDDUU JIREEYSA TAHUIBSU

Hadiissan kana fakkaatan kan Rasuull isa keessatti Rabbii isaatirraa odeesse,Tuutti nagaya baatu taate Ahlus-Sunnaa wal-jamaa’aan ni dhugoomsan, Akkuma waan Rabbiin Qur’aana isaa keessatti odeesse dhugoomsanitti, jijiruu fi lakkisuu, akkaataa itti godhuu fi fakkeesuun maleetti. 


Tuuta ummata [Muhammad ] keessaa Ahlus-Sunnaan Filamtuudha (jidduu jireeysa), akkuma ummanni [Muhammad ] ummata dabre hundarraa jidduu jireeysa taatetti.Ahlu-Sunnaan jiddu jireesa waa’ee sifa Allaahaa keessatti, inni qulqullaawee, ol tahee. [sifa Allaahaa keessatti] tuuta Jaahmiyyaa [sifa Rabbii] didduu fi tuuta Mushabbihaa [sifa Rabbii uumamatti] fakkeesitu Jiddutti taatuudha. 


IBSA.Jaahmiyyaan:- tuuta namticha Jaahm Ibni Safawaan ja’amu jala deemtu, tan Rabbii qulqulleessina jettee maqaa fi sifa Rabbii guututti lakkiftu. Akka yaada Isaaniitti Rabbiin maqaa fi sifa qaba yoo jenne, uumamatti isa fakkeesine jechuudhaan, waan Rabbiin ifiin yaamee fi Ergamaan Isaa Isaan yaame hunda warra didu. 

Mushabbihaan:- tuuta Rabbiif sifa sabachiisuu keessa daangaa dabarte. Akka yaada isaanitti Rabbiin uumamaan wal fakkaata, fakkeenyaaf: Rabbiin fuula ni qaba, garuu fuula akka namaati, harki Rabbiitis tan akka uumamaati jechuun daangaa dabran. Ahlus-Sunnaan akka jaahmiyyaatti sifa Rabbii hin dhabasiisan akkasumas akka Mushabbihaatti sifa Rabbii tan uumamaatti hin fakkeessan, garuu akki ja’an: Rabbiin sifa Isaan malte qaba, uumaa ifiif uume hin fakkaatu akkuma Qur’aanaa fi Hadiisa keessatti dhufe. Kanaaf Ahlus-Sunnaan waa’ee maqaa fi Sifa Rabbii keessatti jidduu Jaahmiyyaa fi Mushabbihaati jiran. Ammallee Isaan jiddu jireessa waa’ee dalagaa Allaahaa keessatti, jidduu Jabriyyaa fi Qadariyyaatti. 


IBSA.Jabriyyaan: tuuta dalagaa Rabbiif sabachiiftu, garuu daangaa dabartee gabarran waan dalagan hunda Rabbii dalage jetti, namni waan hojjatu hunda waan Rabbiin itti dirqeef malee namni filannoo isaatiin hin hojjanne ja’an. Akka isaan ja’an kanatti namni tokko yoo hate, Rabbiitu hate jechudha, Rabbiin waan isaan jedhanirraa qulqullaawee jira.Ahbaashni tuuta jabriyyaati waliin akka tokkootti amanan. Sheekul-fitinaan “Rabbin kaafira dirqamaan akka kaafira tahu isa godhe” ja’a. daliilul-qawiim: 94 , sariihul-bayaan: 43 


Qadariyyaan: tuuta dalagaa gabarranii sabachiisuu keessatti honga dabartu, akki isaan ja’an: gabarran dalagaa isaanii ifiif uuman, fedhiin Rabbii waan isaan dalagan keessa hin jirtu ja’anii daangaa dabran. Rabbiin waan isaan dalagan hin beeku hanga isaan dalaganitti ja’an. 


Ahlus-sunnaan akki ja’an: Rabbiin gabarranii fi dalagaa isaanii Isaatu uume, gabarran waan dalagan hunda fedhii fi beekkumsa Rabbiitiin dalagan, garuu gabarran waan dalagan fedhii fi filannoo isaaniitin dalagan. Fedhii isaanii sanii fi dalagaa isaanii Rabbiitu uume.


Ammas waa’ee akkekachisa (Azaabaan sodaachiisuu ykn baallama qixaaxaa) Allaahaa keessatti Murji’aa fi Wa’iidiyyaa Qadariyyaarraa taatee fi tuuttan biroo jidduutti [taatuudha Ahlus-Sunnaan]. 


IBSA. Murji’aan akki jettu: namni amane cubbuu gurguddoo yoo dalage ajaja Rabbiirraa hin bahu Iimaanni Isaa guutuudha ammas cubbuu dalagu hundaaf Rabbiin Isa hin adabu (hin qixaaxu) ja’anii nama cubbuu dalaguuf daangaa bahanii laaffissan. Ahbaashni amantiin isaani akka tuuta Murji’aa tana. Abdallahi harari “namni tokko Islaama tahuuf, qalbiin dhugoomsinaan gahadha. Afaaniin dubbachuu fi Hojjiin dirqamaa miti” ja’a. daliilul-qawiim, fuula 7 


Wa’iidiyyaan akki jettu: namni amane cubbuu hojjatee osoo hin towbatin yoo du’e, Azaaba keessaa hin bahu, akkuma nama kaafiraati ja’anii nama cubbuu dalagurraa Iimaana guututti fudhan. Garuu Ahlus-Sunnaan jidduu tuuta lamaan daangaa dabartuu taatee keessatti tahan, namni cubbuu dalage cubbaawaadha, ajaja Rabbiirraa 

bahaadha, akkasumas Rabbiin yoo fedhe cubbuu inni dalageef Isa adaba, yoo fedhe Isaaf dhiifama godha, murtiin isaa fedhii Rabbii keessajira. Ammallee Ahlus-Sunnaan nama cubbuu dalagu Iimaana guututti Isarraa hin fuudhan, garuu akki ja’an: Iimaana ni qaba garuu Iimaanni Isaa dadhabaadha, irrataadha.


Waa’ee maqoolee Iimaanaa fi diinaa (Amantii) keessatti Haruuriyyaa fi Mu’tazilaa ammas murji’aa fi Jahmiyyaa jiddutti taatuudha.


IBSA.Sheekul Islaam Ibnu Teymiyyaan bakka tanatti wanni ja’uu fedhe, namaaf Iimaana akka qabu murteessuuf ammas maqaa Islaama ja’u kana namaaf murteessuuf akkasumas Kaafirummaa namarratti murteessuu fi ajaja Allaaharraa bahaa nama godhuuf Ahlus-Sunnaan jiddu-gala jechuu itti fedhe. Haruuriyyaan Khawaarijaadha, wanni maqaa Haruuriyyaatiin yaamaniif bakki dura itti argaman ganda Haruurii ja’amu waan taheef. Khawaarijaan: nama cubbuu gurguddoo dalagu hundaan, Kaafiraa Azaaba keessaa hin bahu ja’an. Kanaaf nama Islaama hedduu Kaafira jechuun ajjeesan.


Mu’tazilaan: namni cubbuu dalagu Kaafirallee miti, Islaamallee miti garuu jidduu kaafirummaa fi jidduu Islaamummaa keessa jira ja’an. Ammoo yoo du’e Azaaba seene hin bahu akkuma kaafiratti Azaaba keessa tura ja’anii Khawaarijaa wajjiin irratti wali galan. Murji’aa fi Jaahmiyyaan: namni amane cubbuu dalaguun humaa isa hin gootu ja’anii laaffisan. Isaan biratti Iimaana jechuun qalbiin dhugoomsu qofa, dalagaan Iimaana keessa hin seentu.  kanaaf Iimaanaa waliin cubbuu fedhe yoo dalage hin adabamu ja’anii 

amanan. Ahbaashni akka jara Murji’aa fi Jaahmiyyaa kana amanan, Abdallahi harari namtichi ja’amu kan amantii haarawa tana uume akkana ja’a: “namni tokko umrii isaa keessatti yeroo takka laa illaah ilallaah jedhee, san booda cubbuu hunda yoo dalage, ammallee waan Rabbiin dirqama irratti godhe takkallee yoo hojjatuu baate, inni sun Islaama ja’ama. Kanaaf isaa biratti salaata,


  • 𝑎𝑙ℎ𝑎𝑚𝑑𝑢𝑙𝑖𝑙𝑙𝑎𝑎ℎ. 𝐾𝑢𝑡𝑎𝑎 𝑘𝑎𝑛𝑎, 𝑘𝑎𝑛𝑢𝑚𝑎𝑎𝑛 𝑔𝑜𝑜𝑙𝑏𝑛𝑎



Comments

Popular posts from this blog

KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...

BOQONNAA SAMMUU (PEACE OF MIND)

Al-risala-tube Sammuun qamoole ilmaa namaa keessaa akka motoraa ta’uun ilma nama sochoossa. Eessaa ka’ee garam akka deemu itti akeeka. Sammuun buqqee cimaan marfamuun miidhaa garagaraa irraa tikfama.  Osoo miidhan qaama kan akka rukutta gonkumaa isa dhaqabuyyu baate miidhaan garagaraa karaa adda addaatin ni dhaqqaba. Kana keessa dhiphinna,yaaddo,aarii,lola fi kkf dha. Miidhaa kanniinif akka hin saaxilamne sammuun kunuunsa addaa isa barbaachisa. Miidhaawwan kanaan takka miidhamnaan dawaa argachuun ni ulfaata. Akkuma qaamonni biroo hojii humnaa hojjatanii dadhaban sammuunis ni dadhaba,boqonna isa barbaachisa. Sammuun karaa adda addaatin boqonnaa ni dhaba,ni hadooda,gammachu dhaba. Namoonni baay’een yeroo ammaa dhukkuba qaamatiin kan miidhaman osoo hin taane dhukkuba sammuutin reebamaa jiru.  Dhiphinna sammuu kanarraa of baraaruuf dhagaan isaan hin fonqolchinee hin jiru. Furmaata yoo dhaban murtoon isaani inni dhumaa fi inni dhumaa of ajjeessudha jedhanii yaadu. Of ajjeessun dhuk...