𝕃𝕖𝕖𝕟𝕛𝕚 𝕓𝕒𝕣𝕟𝕠𝕠𝕥𝕒 𝔸𝕢𝕚𝕚𝕕𝕒𝕒 K-4
Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Aqiidaa. Kutaa 4ffaa.
HARKA LAMEEN RABBIIF SABACHIISUU.
Ragaan jecha Rabbiiti:{Maaltu isa ani harka kiyya lameeniin uumeef, sagaduurraa si dhoorge?} Saad:75
قَالَ يَٰٓإِبۡلِيسُ مَا مَنَعَكَ أَن تَسۡجُدَ لِمَا خَلَقۡتُ بِيَدَىَّۖ أَسۡتَكۡبَرۡتَ أَمۡ كُنتَ مِنَ ٱلۡعَالِينَ
Dr. Muhammad Rashaad aayaata tana akki itti hike {Maaltu waanin an harka kiyyaan uumef sujuuduu si dhoowwe?}
{Yahuudaan ni jatte “harki Allaahaa [kennaarraa] hidhamtuu”. Harki isaanii haa hidhamtu! Abaaramaan (Rahmata Rabbiirraa fageeffaman) sababaa waan ja’aniitiif. Lakkii! harki Isaa lameen ballifamtuudha, ni kenna akka fedhetti.} Al-Maa’idaa: 64
وَقَالَتِ ٱلۡيَهُودُ يَدُ ٱللَّهِ مَغۡلُولَةٌۚ غُلَّتۡ أَيۡدِيهِمۡ وَلُعِنُواْ بِمَا قَالُواۘ بَلۡ يَدَاهُ مَبۡسُوطَتَانِ يُنفِقُ كَيۡفَ يَشَآءُۚ
IBSA. Aayaata lamaan dabarsine keessatti Rabbiin akka Harka lama tan Isaan maltu qabu hubanna.
Kanaaf Ahlus-sunnaan Rabbiif harka lameen ni sabachiisan akkuma aayaanni Qur’aanaa jettu ja’an. Garuu warri jallate kan akka Ahbaashaa, mu’tazilaa fi Jahmiyyaa Rabbiin harka hin qabu ja’an. Warra Ahlus-Sunnaa kan harka lameen Rabbiif sabachiisuun Kaafira ja’an.Aayaata Harka lameen tiyya jattu, dandeetti tiyya ykn qananii tiyya jechuun hiikan. Kunis jallina guddaadha, waan Rabbiin ofiin yaame diduudha.
Duuba Rabbiin Harka lameen tiyyaan Aadam uumee yeroo ja’u, yoo dandeetti ja’anii hiikan Rabbiin waan hunda dandeettii Isaatiin hin uumnee? sheeyxaanallee dandeetuma Isaatiin uumee maaliif Aadama qofa akka harkaan uume dubbata yoo harka isaan maltu hin qabaatin?
Kanaaf gaafiin warra harka lameen diduuf dhihaatu: maaliif Rabbiin Aadam harka kiyya lameeniin uume ja’a? eega harka kiyya lameen jechuun dandeettii ykn qananii taatee? Rabbiin harka lameen tiyya ja’ee, isiniis dandeetti tiyya lameen ykn qananii tiyya lameen jattanii maaliif aayaata hin hiikne? Akkamitti dandeettin lama taati? Yoo jetteen Deebisaa hin qaban.
Garuu Warri Ahlus-Sunnaa Harka lameen Rabbiif Sabachiisuu irraatti walii galanii jiran kan akkaata harka lameen Rabbii hin dubbanne ammallee kan harka uumaa isaatti hin fakkeesine.
Sheek Muhammad Rashaad akkana jedhan: “Wanni jannu: Rabbiin harka ni qaba. Haa tayuu akka harka keenyaatii miti. Rabbiin Ija ni qaba haa tayuu akka Ija waan uumameetii miti, maalif? Rabbiin waa takka hin fakkaatu, wanni takkalleen Isa hin fakkaattu.” Kitaaba Aaqiidaa xahawiyyaa, fuula: 34
Imaam Abu Haniifaan akki ja’an: “Rabbiin harka ni qaba, fuula ni qaba, lubbuu ni qaba, akkuma Rabbiin Qur’aana keessatti dubbate, suni hundi sifa isaati akkamitti jechuun hin taatu” kitaaba isaa fiqhul-Akbar, fuula: 4
IJA RABBIIF SABACHIISUU.
[Ragaan] jecha isaati: {Obsi murtii Rabbii keetiitiif, Ati argaa keenya kessatti tahaadha. [ija teenyaan si agarra, si tiiysana].} Ax-Xuur: 48
وَٱصۡبِرۡ لِحُكۡمِ رَبِّكَ فَإِنَّكَ بِأَعۡيُنِنَاۖ وَسَبِّحۡ بِحَمۡدِ رَبِّكَ حِينَ تَقُومُ
{Doonii mukaa fi bismaararraa tolfaterratti Isa ba’anne (fuune). Argaa keenyaan kan deemtu, [nabi Nuuh] itti kaframeef galata haala taheen.} Al-qamar: 13-14
وَحَمَلۡنَٰهُ عَلَىٰ ذَاتِ أَلۡوَٰحٍ وَدُسُرٍ ○تَجۡرِى بِأَعۡيُنِنَا جَزَآءً لِّمَن كَانَ كُفِرَ
{Jaalala narraa taateen sirratti darbe, argaa (laalcha) kiyyaan akka guddatuuf.} Xahaa: 39
وَأَلۡقَيۡتُ عَلَيۡكَ مَحَبَّةً مِّنِّى وَلِتُصۡنَعَ عَلَىٰ عَيۡنِىٓ
IBSA. Aayaata sadeen tana keessatti Rabbiin ija isaan maltu akka qabu hubanna. Kanaaf Rabbiin Ija qaba, ballaa miti waan hunda ni arga, Ijaa Isaa tan isaan malteen akkuma Qur’aanaa fi Hadiisa keessatti sabatetti. Sheek Muhammad Rashaad akkana jedhan: “Rabbiin humna qaamaa, tan foonifii dhiigarraa walitti qabamte, qabaatuurraa ol tahe. sun nama walitti isii qabutti haajamti.
Rabbiin waan wahirraa walitti qabamee miti.
Ammoo waan maqaa humna qaamaa tahe, kan Shari’atti dhufe, akkuma inni dhufetti qeeballa. Wanni jannu: Rabbiin harka ni qaba. Haa tayuu akka harka keenyaatii miti. Rabbiin Ija ni qaba haa taa tayuu akka Ija waan uumameetii miti, maalif? Rabbiin waa takka hin fakkaatu, wanni takkalleen Isa hin fakkaatu.”
Kitaaba Aaqiidaa xahawiyyaa, fuula: 33-34
Tuutti Abdallahi hararii Ahbaash waan maqaa humna qaamaa qabu hunda kan Rabbiin ifiin yaamee, ummanni Islaamaa irratti waliigalee Rabbiif sabachiise, kan akka ijaa fi harkaa hiikkaa isii jijjiiruun dirqama jedhan. Yoo akka Sheek Muhammad Rashaad kanatti waan Rabbiin ifiin yaame nutis ni yaamnaan jette Kaafira, wahbiyyaa sin ja’an.
Mee yaa ummata Islaamaa Sheek Muhammad Rashaad Kaafiraa? Wahbiyyaadhaa? Ummanni haqa jala deemu kan asiin dura dabree fi kan amma jiru hundi Kaafira turee? Amantiin Haarawni
tam? Ahbaasha moo Amantii Islaamaati?
DHAGAYUU FI ARGUU RABBIIF SABACHIISUU
[Ragaan] jecha Rabbiiti: {[Yaa ergamaa kiyya Muhammad ] Allaahaan, jecha isii [Khowlaa bintu Sa’alabaa] jaarsa isii [Ows binu As-Saamit] keessatti siin falamtuu dhugumatti dhagayee jira, gama Allaahaa kan himattu, Allaahaan ni dhagaya dubbii walitti daddeebisuu keessan. Allaahaan dhagayaadha, argaadha.} Al-mujaadalaa: 1
قَدۡ سَمِعَ ٱللَّهُ قَوۡلَ ٱلَّتِى تُجَٰدِلُكَ فِى زَوۡجِهَا وَتَشۡتَكِىٓ إِلَى ٱللَّهِ وَٱللَّهُ يَسۡمَعُ تَحَاوُرَكُمَآۚ إِنَّ ٱللَّهَ سَمِيعٌۢ بَصِيرٌ
{Allaahaan dhugumatti dhagayee jira jecha warra “Allaahaan hiyyeessaa nuti ammo dureeyyii” je’uu.}
Al-Imraan: 181
لَّقَدۡ سَمِعَ ٱللَّهُ قَوۡلَ ٱلَّذِينَ قَالُوٓاْ إِنَّ ٱللَّهَ فَقِيرٌ وَنَحۡنُ أَغۡنِيَآءُۘ سَنَكۡتُبُ مَا قَالُواْ وَقَتۡلَهُمُ ٱلۡأَنۢبِيَآءَ بِغَيۡرِ حَقٍّ وَنَقُولُ ذُوقُواْ عَذَابَ ٱلۡحَرِيقِ
{Sa nuti dhoksaa (iccitii) fi maqoo bahuu isaan hin dhageenyu sayanii? Lakkii! [ni dhageenya] Ergooleen teenyalleen (malaaykaan) isaan bira jiranii ni barreessan.} Az-Zukhruf: 80
أَمۡ يَحۡسَبُونَ أَنَّا لَا نَسۡمَعُ سِرَّهُمۡ وَنَجۡوَىٰهُمۚ بَلَىٰ وَرُسُلُنَا لَدَيۡهِمۡ يَكۡتُبُونَ
{Ani isin lameen wajjin jira, nin dhagaya ammallee nin arga.} Xaaha: 46
قَالَ لَا تَخَافَآۖ إِنَّنِى مَعَكُمَآ أَسۡمَعُ وَأَرَىٰ
{Sa inni hin beeynee Allaahaan ni argaa [waan inni dalagu]?} Al-Alaq: 14
أَلَمۡ يَعۡلَم بِأَنَّ ٱللَّهَ يَرَىٰ
{Inni si arga yeroo ati dhaabbattu. Ammallee garagaggaluu kee [ni arga] warra sujuuda bu’uu (warra salaatuu) wajjiin. Inni dhagayaadha, beekaadha.} Ash-Shu’araa:218-220
○ٱلَّذِى يَرَىٰكَ حِينَ تَقُومُ ○وَتَقَلُّبَكَ فِى ٱلسَّٰجِدِينَ ○إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ
{“[waan fetan] dalagaa! Allaahaan hojii teessan ni argaa, Ergamaan isaatii fi warri amanes arguuf taa’an” Ja’iin.} At-Towbaa: 105
وَقُلِ ٱعۡمَلُواْ فَسَيَرَى ٱللَّهُ عَمَلَكُمۡ وَرَسُولُهُۥ وَٱلۡمُؤۡمِنُونَۖ وَسَتُرَدُّونَ إِلَىٰ عَٰلِمِ ٱلۡغَيۡبِ وَٱلشَّهَٰدَةِ فَيُنَبِّئُكُم بِمَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ
IBSA. Aayaattan dabarsine kessatti dhageeytii fi argaa Rabbiif sabachiisuutu keessa jira. Rabbiin sagalee xiqqoo fi guddoos ni dhagaha, akkasuma waan hunda ni arga. Mixii xiqqoo halkan dukkana dhagaa guraacharra deemtu ni arga.
Dhageeytii fi argaa isaan maltu, kan uumaa isaa hin fakkaanne. Rabbiin akka dhagayu ofiin dubbatte jira, akkasumas akka argaa tahe ofiin akeeke jira, kanaaf haalataa Rabbii dhugoomsuun dirqama. Warri Rabbiin hin dhagahu, hin argu ja’an, warra karaa qajeelaarra jallatan. Rabbiin nu haa eegu sifa isaa keessatti jallaturraa.
MALA, HEELAA FII QABBINSAA RABBIIF SABACHIISUU.
[Ragaan] jecha Isaati: {Inni jabaataa malaati.}
Ar-Ra’ad:13
وَهُوَ شَدِيدُ ٱلۡمِحَالِ
{Mala baasan(mala dhawan),Allaahaanis mala baase, Allaahaan irra caalaa warra mala baasuuti.}Al-Imraan: 54
وَمَكَرُواْ وَمَكَرَ ٱللَّهُۖ وَٱللَّهُ خَيۡرُ ٱلۡمَٰكِرِينَ
{Isaan hedduu mala dhawan, nutilleen mala jabaa baafne, haala isaan hin beeyneen.} An-Naml: 50
وَمَكَرُواْ مَكۡرًا وَمَكَرۡنَا مَكۡرًا وَهُمۡ لَا يَشۡعُرُونَ
Dr. Muhammad Rashaad aayaata tan akkanatti hiikan: {Jarri sun hamtuu nabi Saalihitti yaade, nutis akka hamtuu isaanii Saalihirraa itti deebifnu mala dhooyne. Isaanii ifirraa quba hin qabne malaaykaa itti erginee isaan finnee.} An-Naml: 50
{Isaan mala jabaa baasan, Anilleen malan baasa mala baasiinsa.} Ax-Xaariq: 15-16
○إِنَّهُمۡ يَكِيدُونَ كَيۡدًا ○وَأَكِيدُ كَيۡدًا
Dr. Muhammad Rashaad aayaata tan akkanatti hiikan: {Ormi kuffaaraa (Qur’aana qeebaluu dideeti, warra Qur’aana qeebalee amane, miidhuu jecha), mala dhawan. Anis isaan balleesuudhaaf mala itti dhawa. (yaa ergamaa kiyya Muhammad mala kuffaaraatii fii kiyya kan irra caalu ni agarta)}
IBSA. Aayaattan dabarsine keessatti Rabbiin warra mala dhowutti, mala isaanirra jabaa akka itti baasu sabachisuutu keessa jira. Rabbiin mala ni baasa, warra Amantii Isaa balleesuuf mala dhawanirratti. Duuba Rabbiin mala baasa yeroo ofiin ja’u, warra Amantii Isaa balleesuuf mala baasanitti mala baasa jechuudha malee nama hundatti mala baasa jechuu miti. Kanaaf yoo Rabbiin mala ni dhawaa sin ja’an? ee hin ja’in, lakkiis hin ja’an, garuu warra mala baasutti mala baasa hamtuu isaani kan caaluun galata isaani galcha ja’iin.
Ahlus-Sunnaan Rabbiin akka warra Amantii Isaa balleesuuf mala baasutti mala isaanii kan caalu akka itti baasu ni dhugoomsan. Garuu Rabbiin mala baasaadha ja’ani maqaa kanaan Isa hin yaaman.
IRRA DABRUU, ARAARAMUU, RAHMATA GODHUU, JABEENYAA FI
DANDEETTI RABBIIF SABACHIISUU.
[Ragaan] jecha isaati: {Dalagaa gaarii yoo mulliftanii [dalaydan], takkaa yoo dhoysitanii [hojjattan], ykn yoo hamtuu irra namaaf dabartan (dhiifama namaaf gootan), Allaahaan irra dabraa fi dandahaadha [irra isniif dabra].} An-Nisa: 149
إِن تُبۡدُواْ خَيۡرًا أَوۡ تُخۡفُوهُ أَوۡ تَعۡفُواْ عَن سُوٓءٍ فَإِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَفُوًّا قَدِيرًا
{Dhiifama haa godhan ammallee gara haa galan, sa Allaahaan isiniif araaramuu hin jaalattanii? Allaahaan araaramaadha, warra amaneef Rifataadha.} An-Nuur: 22
وَلۡيَعۡفُواْ وَلۡيَصۡفَحُوٓاْۗ أَلَا تُحِبُّونَ أَن يَغۡفِرَ ٱللَّهُ لَكُمۡۗ وَٱللَّهُ غَفُورٌ رَّحِيمٌ
{Jabeenyi Allaahaa fi Rasuula isaa, ammas warra amaneef tahaadha.} Al-Munaafiquun: 8
وَلِلَّهِ ٱلۡعِزَّةُ وَلِرَسُولِهِۦ وَلِلۡمُؤۡمِنِينَ وَلَٰكِنَّ ٱلۡمُنَٰفِقِينَ لَا يَعۡلَمُونَ
Ammas [ragaan] jecha Allaahaati Ibliis [abbaa sheeyxaanaa] irraa yeroo dubbattu: {Jabeenya keetiin kakadhe, wallaahi isaan (ilmaan Aadam) hunda isaanii nin jallisa.} Saad: 82
قَالَ فَبِعِزَّتِكَ لَأُغۡوِيَنَّهُمۡ أَجۡمَعِينَ
IBSA: Ragaan aayaatoota dabarsine keessatti Rabbiin dhifama akka namaaf godhu, danda’aa akka tahe, araaramaa tahu isaa, jabaa tahuu isaa fi Rifataa Rahmata namaaf godhu tahu isaa hubanna.
Kanaaf akkuma aayaata keessatti sabate Ahlus-Sunnaan ni sabachiifna.
MAQAA ALLAAHAAF SABACHIISUU FI FAKKAATAA ISAA DHABASIISUU.
[Ragaan] jecha Rabbiiti: { Toltuun maqaa Rabbii keetii heddummaatte, Abbaa guddinaa fi Abbaa kabajaa kan tahe.} Ar-Rahmaan: 78
تَبَٰرَكَ ٱسۡمُ رَبِّكَ ذِى ٱلۡجَلَٰلِ وَٱلۡإِكۡرَامِ
{Isuma gabbari, ammallee gabbartti isaatirratti Obsi. Sa Isaaf fakkaataa (yaamamaaa akka isaa) ni beeytaa?} Maryam: 65
رَّبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَا فَٱعۡبُدۡهُ وَٱصۡطَبِرۡ لِعِبَٰدَتِهِۦۚ هَلۡ تَعۡلَمُ لَهُۥ سَمِيًّا
{Fakkaataan tokkolleen isaaf hin taane.}Al-Ikhlaas: 4
○قُلۡ هُوَ ٱللَّهُ أَحَدٌ○ٱللَّهُ ٱلصَّمَدُ○لَمۡ يَلِدۡ وَلَمۡ يُولَدۡ ○وَلَمۡ يَكُن لَّهُۥ كُفُوًا أَحَدٌۢ
{Hiriyaa (waahila) Allaahaaf hin godhinaa, [akka hiriyaa hin qabne] ni beeytanii.} Al-Baqaraa: 22
فَلَا تَجۡعَلُواْ لِلَّهِ أَندَادًا وَأَنتُمۡ تَعۡلَمُونَ
{Ilmaan namaarraa nama, Allaahaa achitti fakkoolee (waan Rabbii achitti gabbaramu) godhatuutu jira, kan isaan san jaalatan akka warri [amane] Allaaha jaalatutti.} Al-Baqaraa: 165
وَمِنَ ٱلنَّاسِ مَن يَتَّخِذُ مِن دُونِ ٱللَّهِ أَندَادًا يُحِبُّونَهُمۡ كَحُبِّ ٱللَّهِۖ وَٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ أَشَدُّ حُبًّا لِّلَّهِۗ وَلَوۡ يَرَى ٱلَّذِينَ ظَلَمُوٓاْ إِذۡ يَرَوۡنَ ٱلۡعَذَابَ أَنَّ ٱلۡقُوَّةَ لِلَّهِ جَمِيعًا وَأَنَّ ٱللَّهَ شَدِيدُ ٱلۡعَذَابِ
IBSA: Aayaattan dabarsine keessatti Rabbiin akka maqaa qabu sabachiisuutu keessa jira. Maqaa Rabbiin ittin yaamamu kan inni ifiin yaamee fi ergamaan Isaa Isaan yaame qofa.
Nuti Rabbiif maqaa haarawa baasu hin dandeenyu waan Qur’aanaa fi Hadiisa Sahiihaa keessatti dhufe malee. Maqaa Rabbiin ifiin yaames diduun hin tahu.
𝑎𝑙ℎ𝑎𝑚𝑑𝑢𝑙𝑖𝑙𝑙𝑎𝑎ℎ. 𝐾𝑢𝑡𝑎𝑎 𝑘𝑎𝑛𝑎, 𝑘𝑎𝑛𝑢𝑚𝑎𝑎𝑛 𝑔𝑜𝑜𝑙𝑏𝑛𝑎
Comments
Post a Comment
Jazaakumullaahu keeyran