Skip to main content

 𝕃𝕖𝕖𝕟𝕛𝕚 𝕓𝕒𝕣𝕟𝕠𝕠𝕥𝕒 𝔸𝕢𝕚𝕚𝕕𝕒𝕒 K-3


 Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Aqiidaa.   Kutaa 3ffaa.


BEEKKUMSA RABBIIF SABACHIISUU.


[Ragaan] jecha isaati                                               : وَهُوَ ٱلۡعَلِيمُ ٱلۡحَكِيمُ 

{Inni beekaadha, Ogeysa [waan hunda bakka isiin maltu kaayu].} 

At-Tahrim: 2


|وَهُوَ ٱلۡحَكِيمُ ٱلۡخَبِيرُ|

|يَعۡلَمُ مَا يَلِجُ فِى ٱلۡأَرۡضِ وَمَا يَخۡرُجُ مِنۡهَا وَمَا يَنزِلُ مِنَ ٱلسَّمَآءِ وَمَا يَعۡرُجُ فِيهَاۚ |


{Inni Ogeysa [waan hunda bakka isiin maltu kaayu], Beekaa 

keessaa fi gubbaati. [Rabbiin] waan dachii keessa seenuu fi waan 

isirraa bahu, waan sammirraa gadi bu’uu fi isii keessa ol korus ni 

beeka.} Saba:1- 2


{Isa [qofa] biratti tahaadha furtooleen waan fagoo (wanni ija 

namaarraa dhokate). Isa malee [tokkoolleen] isii hin beeku. waan 

Dachii fi Garba (bahara) keessa jiru ni beeka. Baalli takkalleen 

[lafa] hin buutu, inni isii beeku malee. Firiin takkalleen dukkana 

dachii keessatti hin argamtu, jiidhaa fi wanni goggogaan tokkolleen hin argamu, kitaaba ifa bahaa tahe (Lowhal-Mahfuuz) keessatti [galmaawu malee].} Al-An’am:59




وَمَا تَسۡقُطُ مِن وَرَقَةٍ إِلَّا يَعۡلَمُهَا وَلَا حَبَّةٍ فِى ظُلُمَٰتِ ٱلۡأَرۡضِ وَلَا رَطۡبٍ وَلَا يَابِسٍ إِلَّا فِى كِتَٰبٍ مُّبِينٍ


Furtooleen waan fagoo (wanni ija namaarraa dhokate) kan Rabbi 

malee namni biraa hin beyne jechuudha.


{Dubartiin takkalleen hin ulfoytu, Ilmoos hin deessu (hin dhaltu) 

beekkumsa Isaatiin malee.} Faaxir: 11


وَمَا تَحۡمِلُ مِنۡ أُنثَىٰ وَلَا تَضَعُ إِلَّا بِعِلۡمِهِۦۚ


{Akka beytaniif jecha Allaahaan waan hundarratti danda’aa tahuu 

fi Allaahaan beekkumsa Isaatiin waa hundaan kan marse tahuu.} 

Ax-Xalaaq: 12


لِتَعۡلَمُوٓاْ أَنَّ ٱللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَىۡءٍ قَدِيرٌ وَأَنَّ ٱللَّهَ قَدۡ أَحَاطَ بِكُلِّ شَىۡءٍ عِلۡمًۢا


IBSA waliigalaa

Aayaatoonni dabarsine tun: beekkumsi Rabbii waan hundan akka 

marsitee fi ogeeyummaa Rabbiif sabachiifti ammallee Rabbiin 

waan hundarratti danda’aa tahuu isaa sabachifti. 

Rabbiin beekaadha, ogeeysa waan hunda bakka isaan maltu kaayu akkasumas Rabbiin waan hundarratti danda’aadha. 

Al-Aliimi fi Al-Hakiim maqaa Rabbiiti. Al-Aliim: beekaa 

jechuudha. Al-Hakiim: ogeeysa waan hunda bakka isiin maltu 

kaayu jechuudha. Abdallahi Harariin (sheekul-fitinaan) abbaan tuuta Ahbaashaa Rabbiin waan hunda hin danda’u garii ni danda’aa garii hin danda’u jedha.  kitaaba isaa Izhaaru Al-Aaqiidatu-Sunniyyaa:40.


MAQAAN AR-RAZZAAQ JE’U RABBIIF SABATAA TAHUU IBSUU.

Ragaan jecha isaa: {Dhugumatti Allaahaan, hedduu Hiraadha, Abbaa dandeettii jabduuti (guutuuti).}Az-zaariyaat: 58 


إِنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلرَّزَّاقُ ذُو ٱلۡقُوَّةِ ٱلۡمَتِينُ



IBSA.

Aayaanni tun: Ar-Razzaaq maqaa Rabbii tahu sabachifti 

akkasumas jabeenyi ykn dandeettiin Rabbii akkaan jabduu fi 

guutuu tahuu sabachifti.


AAYAATOOTA DHAGEETTII FI ARGAA RABBIIF SABACHIIFTU.


Ragaan jecha Rabbiiti: {Fakkaataa Isaa hin taane wanni takkalleen. Inni dhagayaadha, argaadha. } Shuura: 11


لَيۡسَ كَمِثۡلِهِۦ شَىۡءٌۖ وَهُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡبَصِيرُ


{Allaahaan wanni itti isin gorsu sun way waa tole! dhugumatti 

Allaahaan dhagayaa, argaadha.} Nisaa: 58


إِنَّ ٱللَّهَ نِعِمَّا يَعِظُكُم بِهِۦٓۗ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ سَمِيعًۢا بَصِيرًا


IBSA.Aayaanni dabarsine: dhageettii fi argaa Rabbiif sabachiifti 

fakkeesuun maleetti. Fakkaataa isaa hin taane wanni takkalleen 

arguu fi dhagahuu keessatti akkuma kana haala isaa hunda 

keessatti uumaa isaa hin fakkaatu.Kuni karaa qajeelaa Ergamaa fi Sahaaboonni isaa irra turani, sifa 

Rabbii fakkeesuun malee fi diduun malee akkuma dhuftetti 

sabachiisan. 


FEDHIIN RABBIIF SABACHUU IBSUU. 

[Ragaan] jecha Rabbiiti: {Maaliif yeroo eeyruu tee seentu, waan Allaahaan fedheetu taha, dandeettiin Allaahaan maleetti hin jirtu, jechuu dhabde?} Al-kahf: 39 


وَلَوۡلَآ إِذۡ دَخَلۡتَ جَنَّتَكَ قُلۡتَ مَا شَآءَ ٱللَّهُ لَا قُوَّةَ إِلَّا بِٱللَّهِۚ


Ammallee[ragaan] jecha isaati: {Osoo Allaahaan fedhe wal hin lolan. Garuu Allaahaan waan fedhe dalaga.} Al-Baqaraa: 253 


وَلَوۡ شَآءَ ٱللَّهُ مَا ٱقۡتَتَلُواْ وَلَٰكِنَّ ٱللَّهَ يَفۡعَلُ مَا يُرِيدُ


Ammas jecha isaa: {Hayyama (halaal) isiniif godhame jira [akka nyaattan], beeyladaan miila afurii hundi, waan isinirratti qara’amu malee [dhowwaa tahuun isaa], [ammas bineensa] dhandhoolattanii [nyaattan] malee Ihraamarra (Hajjii fi umraarraa) haala jirtaniin. Allaahaan waan fedhe murteesa. } 

Suraa Al-Maa’idaa: 1


أُحِلَّتۡ لَكُم بَهِيمَةُ ٱلۡأَنۡعَٰمِ إِلَّا مَا يُتۡلَىٰ عَلَيۡكُمۡ غَيۡرَ مُحِلِّى ٱلصَّيۡدِ وَأَنتُمۡ حُرُمٌۗ إِنَّ ٱللَّهَ يَحۡكُمُ مَا يُرِيدُ


{Allaahaan nama qajeelchuu fedhe, qooma isaa Islaamumaaf 

ballisa, ammoo nama jallisuu fedhe, qooma isaa dhiphisa,haalaan 

dhiphoo (rakkattuu) godha, akka waan [dirqamaan] samii keessa ol koruu [Islaamummaa seenuun itti ulfaata].} Al-An’am: 125 


فَمَن يُرِدِ ٱللَّهُ أَن يَهۡدِيَهُۥ يَشۡرَحۡ صَدۡرَهُۥ لِلۡإِسۡلَٰمِۖ وَمَن يُرِدۡ أَن يُضِلَّهُۥ يَجۡعَلۡ صَدۡرَهُۥ ضَيِّقًا حَرَجًا كَأَنَّمَا يَصَّعَّدُ فِى ٱلسَّمَآءِۚ كَذَٰلِكَ يَجۡعَلُ ٱللَّهُ ٱلرِّجۡسَ عَلَى ٱلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ


IBSA.Aayaatoota dabarsine keessatti fedhii, dandeettii fi murtiin 

Allaahaaf sabachuu hubanna kan fakkeesuun keessa hin jirre. 

Rabbiin wanni fedhe ni argamti, wanni Allaahaan hin fedhin hin 

argamtu. 


SIFA JAALALAA ALLAAHAAF SABACHIISUU 


[Ragaan] jecha Rabbiiti {Toltuu dalagaa. Allaahaan warra toltuu dalagu ni jaalata.} Al-baqaraa: 195


وَأَحۡسِنُوٓاْۛ إِنَّ ٱللَّهَ يُحِبُّ ٱلۡمُحۡسِنِينَ


{Haqa dalagaa, Allaahaan warra haqa dalagu ni jaalata.} Al-Hujuraat: 9 


وَأَقۡسِطُوٓاْۖ إِنَّ ٱللَّهَ يُحِبُّ ٱلۡمُقۡسِطِينَ


{Waan [bellama] Isiniif guutaniin [warri bellama wajji qabdan], 

Isinis isaaniif guutaa. Allaahaan warra isa sodaatu ni jaalata.} 

At-Towbaa: 7 


فَمَا ٱسۡتَقَٰمُواْ لَكُمۡ فَٱسۡتَقِيمُواْ لَهُمۡۚ إِنَّ ٱللَّهَ يُحِبُّ ٱلۡمُتَّقِينَ


{Allaahaan warra cubburraa gama Isaa deebi’uu fi warra [xuurii 

keessaa fi gubbaa irra] qulqulleefatu ni jaalata.} Al-Baqaraa: 222


إِنَّ ٱللَّهَ يُحِبُّ ٱلتَّوَّٰبِينَ وَيُحِبُّ ٱلۡمُتَطَهِّرِينَ



Ammallee [ragaan] jecha isaati:{[yaa Ergamaa kiyya Muhammad]: “yoo Allaahaa jaalatan na jala deemaa, Allaahaan isin jaalataa.” Ja’in } Al-Imraan: 31 


قُلۡ إِن كُنتُمۡ تُحِبُّونَ ٱللَّهَ فَٱتَّبِعُونِى يُحۡبِبۡكُمُ ٱللَّهُ


IBSA. Aayaata tana Ulamaa’iin Aayaata qormaataa ja’aniin. Nama Rabbiin jaaladha ja’u dhugaa fi kijiba isaa wanni beekaniin 

aayaata tanaani. Abbaan fedhe afaaniin Rabbiin jaaladha ja’us, Ergamaa Rabbii jala waan hin deeminiin dubbiin isaa kijiba fudhatama hin qabdu. Kanaaf namni hundi aayaata tana bira of dhaabe, of laaluu qaba, Rabbi ni jaalata moo hin jaalatuu.


Ammallee [ragaan] jecha isaati:{Allaahaan fiduuf taa’a Orma [Inni] isaan jaalatuu fi kan isaanis Isa jaalatan.} Al-maa’idaa: 54 


فَسَوۡفَ يَأۡتِى ٱللَّهُ بِقَوۡمٍ يُحِبُّهُمۡ وَيُحِبُّونَهُۥٓ


{Allaahaan warra karaa Isaa kessatti lolu ni jaalata, tarree haala 

tahaniin, Isaan akka Jaarmaya (dallaya) walitti maxxanfamee 

fakkaatan.} As-Saff: 4 


إِنَّ ٱللَّهَ يُحِبُّ ٱلَّذِينَ يُقَٰتِلُونَ فِى سَبِيلِهِۦ صَفًّا كَأَنَّهُم بُنۡيَٰنٌ مَّرۡصُوصٌ


IBSA waliigalaa. Aayaatoota dabarsine keessatti: Allaahaan akka jaalatu hubannee jirra. Warri Allaahaan jaalatuu fi wantoonni Inni jaalatu: toltu dalaguu, haqa dalaguu, bellama guutuu, warra Isa sodaatu (warra Isa eeggate cubbuu dhiisu), warra gama Isaa deebi’u, warra qulqulleefatu, warra Ergamaa Isaa jala deemuu fi warra karaa Isaa keessatti lolan jaalata. Isaanis Rabbii ni jaalatan. 

Kanaaf Rabbiin keenya ni jaalata, gabarran Isaarraa warra 

Aayaata keessatti dubbatame. Gabarran Isaatis Isa ni jaalatan 

akkuma Aayaata keessatti dabarsine. 


AL-GHAFUUR FI AL-WADUUD MAQAA RABBII TAHUU SABACHIISUU 

{Inni heddu Araaramaadha, heddu jaalataadha.}Al-Buruuj: 14 


وَهُوَ ٱلۡغَفُورُ ٱلۡوَدُودُ


IBSA. Aayaanni tun maqaa Rabbii babbareedaa lama sabachifti: 

Al-Ghafuuri fi Al-Waduud. Duuba warri Ahlus-Sunnaa Rabbiin 

akka jaalatuu fi akka jaalatamu ni dhugomsan akkuma Qur’aanaa 

fi Hadiisni ja’u, ja’an. 


SIFA RAHMATAA (RIFATUU YKN NAHUU) ALLAAHAAF 

SABACHIISUU. 

 

Ragaan jecha isaati: {Maqaa Allaahaatin eegala akkaan nahaa kan tahe, [muslima qofaaf] Rifataa kan tahe.} An-Naml: 30


بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ


{Yaa Rabbii keenya! waan hundaaf ballate, Rahmataa fi beekkumsi kee.} Ghaafir: 7


رَبَّنَا وَسِعۡتَ كُلَّ شَىۡءٍ رَّحۡمَةً وَعِلۡمًا


{Rabbiin Warra amaneef kan akkaan rifatu tahee jira [guyyaa qiyaamaa].} Al-Ahzaab: 43


وَكَانَ بِٱلۡمُؤۡمِنِينَ رَحِيمًا


{Rahmanni tiyya waan hundaaf ballattee jirti.} Al-A’raaf: 156


وَرَحۡمَتِى وَسِعَتۡ كُلَّ شَىۡءٍۚ


{Rabbiin keessan Rahmata isinii godhuu ofirra kaaye (ofirratti 

dirqama godhe).} Al-An’am: 54


كَتَبَ رَبُّكُمۡ عَلَىٰ نَفۡسِهِ ٱلرَّحۡمَةَۖ


{Inni hedduu Araaramaadha, (warra amaneef) hedduu 

Rifataadha.} Yuunus: 107


وَهُوَ ٱلۡغَفُورُ ٱلرَّحِيمُ


{Allaahaatu tiksutti irra caala, Inni warra namaaf Rifatu hunda 

caalaa Rifataadha.} Yuusuf: 64 


فَٱللَّهُ خَيۡرٌ حَٰفِظًاۖ


IBSA. Aayaatoonni kutaa kana keessatti dhufan hundi Rabbiin akka hedduu namaaf rifataa tahe ibsitti. Kanaaf Ahlus-Sunnaan akkuma aayaanni itti dhufte kanatti amanan, kan uumaa Isaatti Rabbi hin fakkeesine. Rifannaan Rabbii namaaf rifatu tan akka uumaa Isaatii mit. Rabbiin haadhaa fi abbaa caalaa namaaf rifata.


SIFA JAALATUU, DALLANUU FI JIBBUU AAYATOOTA RABBIIF

SABACHIISAN

Ragaan jecha isaati: {Allaahaan isaanirraa jaalatee jira, isaanis Isarraa jaalatanii jiran.} Al-Maa’idaa:119 


رَّضِىَ ٱللَّهُ عَنۡهُمۡ وَرَضُواْ عَنۡهُۚ



{Inni nama amanee beekaa Ajjeesu, galanni isaa ibidda jahannami, isii keessatti hafaa (turaa) haala taheen. Allaahaan itti dallanee jira ammallee Isa abaaree jira.} An-Nisaa: 93


وَمَن يَقۡتُلۡ مُؤۡمِنًا مُّتَعَمِّدًا فَجَزَآؤُهُۥ جَهَنَّمُ خَٰلِدًا فِيهَا وَغَضِبَ ٱللَّهُ عَلَيۡهِ وَلَعَنَهُۥ


{Suni sababaa isaan waan Allaahaa jibbisiisu jala deemaniif jecha, ammallee sababaa waan Rabbi jaalachiisu jibbaniif jecha.} 

Muhammad: 28 


ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمُ ٱتَّبَعُواْ مَآ أَسۡخَطَ ٱللَّهَ وَكَرِهُواْ رِضۡوَٰنَهُۥ


{Duuba hoggaa isaan nu dallansiisan, isaanirraa haluu bahanne.} 

Az-zukhruf: 55


فَلَمَّآ ءَاسَفُونَا ٱنتَقَمۡنَا مِنۡهُمۡ


{Garuu Allaahaan bahuu isaanii jibbee isaan rincisiise (bahuurraa hamilee isaan cabse).} At-Towbaa: 46


وَلَٰكِن كَرِهَ ٱللَّهُ ٱنۢبِعَاثَهُمۡ فَثَبَّطَهُمۡ


{Allaaha biratti guddatee jira gama jibbeensaatii, waan hin 

hojjanne jechuun keessan.} As-saff: 3 


كَبُرَ مَقۡتًا عِندَ ٱللَّهِ أَن تَقُولُواْ مَا لَا تَفۡعَلُونَ


IBSA.Aayaatoota dabarsine keessatti Rabbiif: jaalachuun, dallanuun, jibbuu fi biiluu (haluu) bahachuun ifa bahe sabatee jira. Akkuma Rabbiin ofiin yaame itti amanuun dirqama kan uumaa isatti isa hin fakkeesinee fi kan hin lakkifne. Ahlus-Sunnaan akkuma Rabbiin ofiif sabachiise isaaf sabachiisan akka Rabbiin maltutti ja’anii bira dabaran.


SIFA DHUFINSAA RABBIIF SABACHIISUU. 

Ragaan jecha isaati: {Allaahaan [guyyaa qiyaamaa] dhufuu malee Waa hin eegan, gaaddisoolee duumeessarraa taate waliin, Malaaykoonnis dhufuu malee Ammallee murtiin godhamu malee [waa hin eegan].} Al-baqaraa: 210 


هَلۡ يَنظُرُونَ إِلَّآ أَن يَأۡتِيَهُمُ ٱللَّهُ فِى ظُلَلٍ مِّنَ ٱلۡغَمَامِ وَٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ وَقُضِىَ ٱلۡأَمۡرُۚ


{Waa hin eegan Maalykoonni dhufuu malee ykn Rabbiin kee dhufuu malee ykn gariin Mallattoolee Rabbii keetii dhufuu malee! 

Guyyaa gariin mallattoo Rabbii keeti dhuftu.}  Al-An’aam:158


هَلۡ يَنظُرُونَ إِلَّآ أَن تَأۡتِيَهُمُ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ أَوۡ يَأۡتِىَ رَبُّكَ أَوۡ يَأۡتِىَ بَعۡضُ ءَايَٰتِ رَبِّكَۗ


{Lakkii [akkas hin dalaginaa]! Yeroo dachiin caccabsamtee akkaan dhukkoyte. yeroo Rabbiin kee dhufe ammallee yeroo Malaaykanis tarree hedduu haala tahaniin [dhufan].} Al-Fajr: 21-22 


كَلَّآ إِذَا دُكَّتِ ٱلۡأَرۡضُ دَكًّا دَكًّا

وَجَآءَ رَبُّكَ وَٱلۡمَلَكُ صَفًّا صَفًّا


Dr. Muhammad Rashaad aayaata tana akki itti hike: 

{ Gaafa Rabbiin kee amrii isaatin dhufe dhufiinsa isaan malu, 

Ammas malaaykaan salfii hedduun dhuftee, dhaabbatte, (sun guyyaa qiyaamaatii)} {[Yaadadhu] Guyyaa samiin duumeessa waliin dhodhootu, Ammallee guyyaa Malaaykoonni gad-buufaman [gad buufaminsa zaahiraa]} Al-Furqaan: 25 


وَيَوۡمَ تَشَقَّقُ ٱلسَّمَآءُ بِٱلۡغَمَٰمِ وَنُزِّلَ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ تَنزِيلًا


IBSA.Aayaatoota dabarsine keessatti Rabbiin akka guyyaa Qiyaamaa murtii godhuuf dhufu hubanna. Rabbiin guyyaa Qiyaamaa ni dhufa, dhufinsa isaan malu, akkuma sheek Muhammad Rashaad Abdullee tafsiira suuraa Al-fajri, lakkoofsa 22 keessatti sabachiise sani dubbiin: “Gaafa Rabbiin kee amrii isaatin dhufe dhufiinsa isaan malu.” Amrii isaatiin jechuun isaa, Murtii Isaatiin Rabbiin dhufinsa isaan malu guyyaa qiyaamaa dhufee murtii godhaa jechuu isaati. 


Ahlus-Sunnaan Aayaatoota waan Rabbiin ofiin dubbatte 

sabachiiftu, akkuma dhuftetti sabachiisanii itti amanan kan Rabbi 

uumaan wal hin fakkeesine. Rabbiin ni dhufa guyyaa qiyaamaa akka isaan malutti, kuni waan Rabbiin ifiin yaame ilmi namaa 

tokkolleen didu hin danda’u. 


Ahbaashni nama akka sheek Muhammad Rashaad kanatti Rabbiin dhufinsa isaan malu dhufa je’ee aayaata Rabbii hiiku hunda ni balaaleefattan, wahbiyyaadha ja’an ammallee Rabbii uumamatti fakkeesite ja’an.


Duuba sheek Muhammad Rashaad wahbiyaadha? Tafsiiri sheek 

Muhammad Rashaad Afaan oromootiin nuuf hiike kijiba

jechuudhaa? Eenyutu kijiba? Ahbaasha moo sheek Muhammad 

Rashaadi?


FUULA ALLAAHAF SABACHISUU.

Ragaan jecha isaati:{Fuulli Rabbii keetii ni hafa, Abbaa guddinaa fi Abbaa kabajaa kan tahe.} Ar-Rahmaan: 27


وَيَبۡقَىٰ وَجۡهُ رَبِّكَ ذُو ٱلۡجَلَٰلِ وَٱلۡإِكۡرَامِ


{Wanni hundi dhumaadha, fuula isaa malee.} Al-qasas: 88 


كُلُّ شَىۡءٍ هَالِكٌ إِلَّا وَجۡهَهُ


IBSA.Aayaattan dabarsine kessatti Rabbiin fuula isaan malu akka ofiif sabachiise hubana. kanaaf Ahlus-Sunnaan Rabbiin fuula isaan malu qaba jechuun Isaaf sabachisan, kan akkaataa fuula Rabbii hin dubbanne. Warri fuula Rabbii tan aayaata keessatti Ibsamte didan warra waan Rabbiin ofiin je’e didu, kan akka tuuta Ahbaashaa, Mu’taziilaa fi Jahmiyyaa. Imaam Abu Haniifaan akki ja’an: “Rabbiin harka ni qaba, fuula ni qaba, lubbuu ni qaba akkuma Rabbiin Qur’aana keessatti dubbate, suni hundi sifa isaati akkamitti jechuun hin taatu” kitaaba isaa fiqhul-Akbar, fuula:4


𝑎𝑙ℎ𝑎𝑚𝑑𝑢𝑙𝑖𝑙𝑙𝑎𝑎ℎ. 𝐾𝑢𝑡𝑎𝑎 𝑘𝑎𝑛𝑎, 𝑘𝑎𝑛𝑢𝑚𝑎𝑎𝑛 𝑔𝑜𝑜𝑙𝑏𝑛𝑎


Comments

Popular posts from this blog

Seena mooticha ka'abaa jigsuuf kakatee, Rabbiin simbira Ababiil itti kaase dhageessee?

  Rabbiin ashkara habasha'aa kan {arba} fe'atee ka'aba jiysuuf makkatti duule waan taasise dhageessee? Si Rabbiin kee mala isaanii hamaa san harkatti hin balleessinee? bakka gayuu hin hanqifnee ? malli badaan isaan deemaniin ka'abaa jiysuudhaa. Ashkara habasha'aa san shinbirroo tuuta tuutan itti ergee hoggaa isaan makkatti dhiyaatan. Tuuta shinbirro'oo tan dhagaa { si jiülin} Isaan darbattu itti ergmee {sıjl} bordoda ibidda jahannamin gubame yookaa bilcheeffame, dhagaa firii shumbura'arra xixiqqa' aa ,kan firii missirarra gurguda, kan maqaan nama itti darbamu hundaa irratti katabamee jiru, shinbirroon sun bahara keessaa duula dhufte, isii dhagaa sadii sadii, miila lamaanifii afaanittin deemtu, dhagaa yoo mataa ashkararra bu'e, sibiila inni matarraa qabu keessaan mataa seenee, jalaan bayu, kan {arba} isaan deemaniin hunda, keessan fufulla'u. Akkasitti Rabbiin duula habasha'aa, kan ka'abaa jiysuu deemu hunda fixe, kan nama oduu isaanii himu

Seenaa rasuulaa kutaa 15

  SEENAA RASUULAA KUTAA 15FFAA AMATA HIJRII 9FFAA IRRAA HANGA Duula TABUUK. Amata Hijrii 9ffaa Amatni Hijiraa 9ffaan ni dhufe. Warri Siiraa amata saniin amata Kheeysummaa (Aamu Al-Wufuud) ja’aniin. Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wasallam amata 9ffaa Hijirii guutuu Isaa Madiinaa taa’ee Kheeysummaa itti dhuftu qeebalaati ture. *** Kheeysummulleen –Jiilli Damiinoota Gosa adda addaa- Islaamummaa Isaanii labsuuf Madiinaa dhufan 60 oli, Barri Hijrii 9ffaan Jiila kheeysummaatiin guuttamaa ture. *** Amata 9ffaa hijiraa kheeysa Jiilli Kheeysummoota Madiinaa dhufan kheeysaa: 1- Gosa Baahilaa 2- Gosa Banii Tamiim 3- Gosa Banii Asad 4- Gosa Bajiilaa fii Ah’mas fii gosoota biraa hedduutu dhufe. *** Ji’a Rajab, bara Hijirii 9ffaa kheeysa Najjaashii As’hamaa mootichi Habashaa du’e. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Salaat Al- Ghaa’ib (salaata nama fagootti du’ee) irratti salaate. *** Jaabir bin Abdullaahi akki ja’u: Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam “Arra nama Saaliha (Gaariitu) du’e, ka’aa dh

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaatiif ta’uu fi nageenyaf g