Skip to main content

𝕃𝕖𝕖𝕟𝕛𝕚 𝕓𝕒𝕣𝕟𝕠𝕠𝕥𝕒 𝔸𝕢𝕚𝕚𝕕𝕒𝕒

Leenjii barnoota Amntii Waa'ee

Aqiidaa.

Kan Al-risala-tube qindeessun

dhiheesse.

Ibsa Aqiidatu Leenjii barnoota Amntii Waa'ee


Aqiidaa.


Kan Al-risala-tube qindeessun


dhiheesse.


Ibsa Aqiidatul-Waasixiyyaa


sheekhul-Islaam Ahmad Ibnu


Abdul-Haliim Ibnu


Abdus-Salaam Ibnu Teymiiyyaa


Hiikaan: Jaafar Bayaan l-Waasixiyyaa

sheekhul-Islaam Ahmad Ibnu

Abdul-Haliim Ibnu

Abdus-Salaam Ibnu Teymiiyyaa

Hiikaan: Jaafar Bayaan



بسم االله الرحمن الرحیم

Maqaa Allaahaatiin [eegala], akkaan nahaa, akkaan rifataa kan tahe.

IBSA.

Abbaan kitaabaa barruu Isaa maqaa Allaahaatin eegale, Qur’aanaa

fi Sunnaa jala deemuuf jecha. suraan Qur’aanaa hundi maqaa

Allaahaatiin eegaltti suraa Towbaa malee.

Akkuma kana Ergamaan Rabbii maqaa Rabbiitiin waan hunda

eegala maqaa Rabbiitiin barakaa (toltuu) barbaaduuf jecha.

Ar-Rahmaan: kan namaaf nahee Adunyaarratti nama qananiisu,

Muslimaa fi kaafiras akka isaan malutti kan nahuuf ykn rifatuuf jechuudha.

Ar-Rahiim: kan ganda irraa boodaatti ykn akhiiraatti warra amane qofaaf Rifatu ammallee kan akkaan Muslima qofaaf rifatee jannata isaan naqu jechuudha.

Cufti faaruu Allaahaaf sabattuudha. Isa Ergamaa isaa qajeelloodhaa fi

Amantii dhugaatiin erge, akka ol taasisuf jecha, Amantii hundarra. Allaahaan gahaadha ragaa tahuf.

IBSA.

Rabbiin faarfamuu haqa godhata, waan hedduu tola nutti olee jira, ammoo qananiin Isaa guddoon Ergamaa

Isaa Muhammad (s.a.w)amantii dhugaatiin nutti

erguudha, akka karaa qajeelaa addaan nu baasuuf.

Amantiin Islaamummaa malee jirtu hundi kijiba,

amantiin dhugaa Islaamummaa malee hin jirtu.

Rabbiin Ergamaa Isaa namaa fi jinnii hundaaf erge,

akka amantii hunda injifatuuf jecha. Tanaaf namni amantii Islaamaatiin malee jabeenya ykn injifannoo barbaadu, adunyaa fi akhiiraattis hin milkaawu.

Allaahaan gahaadha ragaa tahuuf akka nabiyyii isaa dhugaa fi qajeelloon erge. Ragaan baha, dhugaan gabbaramaan hin jiruu Allaaha malee, kophaa haala taheen, waahilli (qindiin) tokkolleen isaaf hin taane, Ragaa bahinsa [Arrabaa fi qalbii], tokkichomsuufjecha (qulqulleesuuf jecha Allaahaaf Ibaadaa ykn gabbarttii).

IBSA.

Ragaa bahuun: waan takka dhugaa tahuu isaa eega hubatan, sabachisuudhaan odeesudha.

Hiikaa jech𝑎 𝕃𝕒𝕒'𝕚𝕝𝕒𝕒𝕙𝕒 𝕚𝕝𝕝𝕒𝕝𝕝𝕒𝕒𝕙 :isiin jecha Towhiidaa tan Ergamtoonni hundi

ergamaniin, tan dura itti nama yaamanii fi namaaf ibsani.

Laa Ilaaha jechuun: haqaan gabbaramaan tokkolleen

akka hin jirre dhabamsisti.

Illa llaahu jechuun: Allaahaan haqaan gabbaramaa akka tahe sabachifti.

Kanaaf hiikkaan isii kan sirrii: haqaan gabbaramaan

tokkolleen hin jiru Allaaha malee jechuudha.

Ammas ragaan baha Muhammad [ s.a.w ] gabrichaa

isaatii fi Ergamaa Isaa tahuu, faaruun Allaahaa Isarratti,

Maatii isaarratti (aanaa isaarratti), Sahaaboota

isaarrattis haa jiraattu, Rabbiin isarratti Nagayallee haa

buusu akkaan turaa kan tahe.

IBSA.Namni tokko eega haqaan gabbaramaan Allaaha malee

akka hin jirre dhugoomsee ragaa bahe, dirqama akka

Nabi Muhammad Ergamaa Rabbii tahe dhugoomsee

ragaa bahuu qaba. Ergamaan Rabbii gabricha isaati,

Rabbiin maqaa gabricha kiyya jedhuun Qur’aanaa

keessatti isa yaame. Wanni sadarkaa gabricha Allaahaa

tahuu olitti sadarkaa qabu hin jiru. Kanaaf jecha

Ergamaan Rabbii -

hin gabbaramu, akka Sufiyyaatti jaalala keessa

daangaa dabruun hin barbaachisu.

Ergamaan Allaahaa 𝐬.𝐚.𝐰 akki ja’e :

“na faarsitanii daangaa na hin dabarsinaa, akka

Kirstaanni Iisaa

Ilma Maryam daangaa dabarsanitti. Garuu ani gabricha Rabbiiti

kanaaf isinis gabricha Allaahaa fi Ergamaa isaa naan ja’aa.”

Bukhaarii fi Muslimtu gabaase.

Duuba warri Ahlus-Sunnaa Ergamaa Rabbii ni jaalatan, waan inni dhorgerraa ni dhowwaman, waan itti ajaje ni dalagan, guutumaa guututti jala deeman jaalalaa wajjiin

kan isa hin gabbarre.Eega waan dabarsineetii: [kitaabni] kuni I’itiqaada

(Amantii) tuuta nagaya baatuu taatee fi

tumsamtuu taateeti, hanga qiyyaamaan dhaabbatutti. Isaan Ahlus-

sunnaa wal jamaa’aadha.

IBSA.

I’itiqaada jechuun: Amantii itti muratan kan qalbiin itti

hidhamtee Rabbi ittiin gabbaran jechuudha.

Aaqiidaa jechuun: amantii namni shakkiin malee

dhugoomsee jala deemu, kan qalbiin itti hidhamtu fi itti

quuftu jechuudha. Tuuta nagaya baatuu taate jechuun:

Ahlu-sunnaa wal-jamaa’aan

tuuta karaa Rasuulaa fi sahaaboota qabatte waan taateef nagaya

baatuudha, Adunyaati bida’aarraa, Akhiraatti

ibiddarraa.

Rasuuli (s.a.w) akki ja’e: ((“willii addaan qoodamti

ummani tun bakka torbaatamii sadihitti

[73], hundi isii ibadda keessa seenti, takka malee.”

saahaboonni ni ja’aniin “yaa ergamaa Allaahaa

takkittiin sun tami?” Rasuuli “Isii fakkaataa waan Anaa

fi sahaaboonni kiyya taanerratti taatu.” Jedheen.))

Tirmiizi: 2641Tumsamtuu kan taate jechuun: Tan Rabbiin tumsuuf

addawwii isaattii fi addawwii isaanirratti.

Akkuma Oromoon jattu “qallattullee dhugaan hin cittu”.

Kanaaf abbaan fedhe balleesuuf tattaafatus hin

dandahu. Allaahaan ni tumsaaf hanga qiyaamaan dhihaattutti.

Ahbaashaa fi mootummoonni Addunyaa cufti osoo

waliigalan balleessuu hin danda’an.

Ahlu sunnaa wal jamaa’aa jechuun : Warra karaa Rasuulaa

(sunnaa) qabatan, kan isii irratti walii galan (walitti qabaman) jechudha.[I’itiqaadni ykn Amantiin isaani]

sunis:

Allaahatti Amanuudha,Malaaykoota isaatti, kittaabban

isaatti, Ergamtoota isaatti, kaafamu du’a boodaatti,

ammas Murti Allaahaa mi’aawaa fi hadhaawaa isaatis

Amanuudha.

IBSA.

Iimaana jechuun: Qalbiin dhugoomsuu fi arrabaan

shahaadaa lamaan dubbatuu ammas qaamaan Ibaadaa dalaguudha.

Allaahaatti amanuun: waan afur of keessaa qaba:1. Allaahaan jiraatu isaa amanuudha. Ammoo Namni

Allaahaan hin jiru ja’u, Kaafira.

2. Rabbummaa Isaa, argamsiisaa waan hundaa tahuu

isaatti amanuudha. Ammoo namni Rabbummaa

Allaahaa didu, Kaafira.

3. Gabbaramaa dhugaa tokkicha tahuu isaa amanuudha.

Ammoo Namni Allaaha malee haqaan gabbaramaan

biraa ni jira ja’u, Kaafira.

4. sifaa fi maqaa Rabbiittii amanuudha. Ammoo namni

Rabbiin sifaa fi maqaa hin qabu ja’u, kaafira.

Namni haala dubbatame kanaan hin amanin muslima hin tahu.

Malaaykaatti amanuun: malaaykaan uumaa addaa tan

Rabbiin ifa irraa argamsiise.

Warri maqaan isaanii nuuf himame Jibriil, Mikaa’iili fi

Israafiil k.k.f itti amanuu fi dhugoomsuun dirqama.

Garuu Izraa’iil maqaan jedhamu Qur’aanaa fi Hadisaan

hin dhufne Malakul-Mowt jechudhaatu sirriidha.

Kitaabban isaatti amanuun: kitaaboota Allaahaan

Ergamtoota isaatiif buuse kan akka :

Zabuur kan NabiDaawud, Towraat KanNabi Muusaa, Injiil kan Nabi Iisaa, akkasumas Qur’aana

Kan Nabi Muhammad irratti buufame Rabbiitu buuse

ja’anii dhugoomsudha.

Garuu amma kan itti dalaguun dirqamaa Qur’aanaa

malee hin jiru. Kitaaba amma kiristaanaa fi yaahuudaan

harkaa qaban kun, Qur’aanaan shaaramee jira. .

Ergamtoota Rabbiitti amanuun: Ergamtoota hundatti

amanuudha. Kan duraa Nabi Nuuh yoo tahu kan

xumuraa Nabi Muhammad faaruu fi nagenyi isaan

hundarratti haa jiraatu.

Kaafamuu Du’a boodaatti amanuun: akkuma Qur’aanaa

fi Hadiisa keessatti dhufetti Ilmi namaa hundi eega du’ee

kaafamee fuula Rabbii dhaabbatta jechuun amanuudha.

Namni eega dhumnee hin kaafamnu ja’uu kaafira.

Qadaratti amanuun: Allaahaan waan hunda osoo hin

uumin dura hanga umrii isaanii, akkasumas waan isaan

qunnamuu fi isaan mudatu galmeesee jira jechuun

amanuudha. Wanni ilma namaa qunnamu hundi murtii

Rabbii tan dur murteefamteen argamti

dhugoomsuudha.

𝑎𝑙ℎ𝑎𝑚𝑑𝑢𝑙𝑖𝑙𝑙𝑎𝑎ℎ. 𝐾𝑢𝑡𝑎𝑎 𝑘𝑎𝑛𝑎, 𝑘𝑎𝑛𝑢𝑚𝑎𝑎𝑛 𝑔𝑜𝑜𝑙𝑏𝑛𝑎

Comments

Popular posts from this blog

BOQONNAA SAMMUU (PEACE OF MIND)

Al-risala-tube Sammuun qamoole ilmaa namaa keessaa akka motoraa ta’uun ilma nama sochoossa. Eessaa ka’ee garam akka deemu itti akeeka. Sammuun buqqee cimaan marfamuun miidhaa garagaraa irraa tikfama.  Osoo miidhan qaama kan akka rukutta gonkumaa isa dhaqabuyyu baate miidhaan garagaraa karaa adda addaatin ni dhaqqaba. Kana keessa dhiphinna,yaaddo,aarii,lola fi kkf dha. Miidhaa kanniinif akka hin saaxilamne sammuun kunuunsa addaa isa barbaachisa. Miidhaawwan kanaan takka miidhamnaan dawaa argachuun ni ulfaata. Akkuma qaamonni biroo hojii humnaa hojjatanii dadhaban sammuunis ni dadhaba,boqonna isa barbaachisa. Sammuun karaa adda addaatin boqonnaa ni dhaba,ni hadooda,gammachu dhaba. Namoonni baay’een yeroo ammaa dhukkuba qaamatiin kan miidhaman osoo hin taane dhukkuba sammuutin reebamaa jiru.  Dhiphinna sammuu kanarraa of baraaruuf dhagaan isaan hin fonqolchinee hin jiru. Furmaata yoo dhaban murtoon isaani inni dhumaa fi inni dhumaa of ajjeessudha jedhanii yaadu. Of ajjeessun dhuk...

BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

  Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti.  Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu.  Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu.  Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaat...
KUTAA JALQABAA SEENAA RASUULAA IRRAA. ● KUTAA 1FFAA. Dhalootarraa hanga Nabiyyummaa. Abdullaahi bin Abdu Al-Muxxalib Aaminaa bint Wahab fuudhe. Aaminaan Abdullahi irraa Ulfooyte. Aminaan ulfa Isii osoo hin dahin Abdullaahi du’e. *** Abdullahi bin Abdu Al-Muxxalib ilma Isaa garaa haadhaa jiruuf wanni dhiisee du’e: Gaala 5, Re’ee muraasa, gabrittii Habashaa maqaan Isii Barakaa ja’amtu, Isiin Ummu Eymani. ***Guyyaa Isniinaa 12, Rabi’ul Awwal bara Arbaa Aaminaan ilma Isii Adunyaaf ifaa fii Rahmata tahe Nabiyyii Sallallaahu aleeyhi Wasallaam deeyse. *** Dhalatee guyyaa 7ffaa hoggaa gahu Akaakoon Isaa Abdu Al- Muxxalib Absumaa irraa godhe (Isa kitaaane), Maqaadhas Muhammad jechuun Isa moggaase Sallallaahu Aleeyhi Wasallam. *** Haati Isaa Aaminaan guyyaa 3 Isa hoosiste, egas Suweeybaa gabrittii adeera isaa tan Abuu Lahabtu Isa hoosise. *** Suweeybaan Isa Sallallaahu Aleeyhi wasallam dura Hamza bin Abdulmuxxalib, Abuu Salamaa bin Abdu Al-Asad hoosiiste turte. *** ...