Leenjii barnoota Amntii Waa'ee
Aqiidaa.
Kan Al-risala-tube qindeessun
dhiheesse.
Ibsa Aqiidatu Leenjii barnoota Amntii Waa'ee
Aqiidaa.
Kan Al-risala-tube qindeessun
dhiheesse.
Ibsa Aqiidatul-Waasixiyyaa
sheekhul-Islaam Ahmad Ibnu
Abdul-Haliim Ibnu
Abdus-Salaam Ibnu Teymiiyyaa
Hiikaan: Jaafar Bayaan l-Waasixiyyaa
sheekhul-Islaam Ahmad Ibnu
Abdul-Haliim Ibnu
Abdus-Salaam Ibnu Teymiiyyaa
Hiikaan: Jaafar Bayaan
بسم االله الرحمن الرحیم
Maqaa Allaahaatiin [eegala], akkaan nahaa, akkaan rifataa kan tahe.
IBSA.
Abbaan kitaabaa barruu Isaa maqaa Allaahaatin eegale, Qur’aanaa
fi Sunnaa jala deemuuf jecha. suraan Qur’aanaa hundi maqaa
Allaahaatiin eegaltti suraa Towbaa malee.
Akkuma kana Ergamaan Rabbii maqaa Rabbiitiin waan hunda
eegala maqaa Rabbiitiin barakaa (toltuu) barbaaduuf jecha.
Ar-Rahmaan: kan namaaf nahee Adunyaarratti nama qananiisu,
Muslimaa fi kaafiras akka isaan malutti kan nahuuf ykn rifatuuf jechuudha.
Ar-Rahiim: kan ganda irraa boodaatti ykn akhiiraatti warra amane qofaaf Rifatu ammallee kan akkaan Muslima qofaaf rifatee jannata isaan naqu jechuudha.
Cufti faaruu Allaahaaf sabattuudha. Isa Ergamaa isaa qajeelloodhaa fi
Amantii dhugaatiin erge, akka ol taasisuf jecha, Amantii hundarra. Allaahaan gahaadha ragaa tahuf.
IBSA.
Rabbiin faarfamuu haqa godhata, waan hedduu tola nutti olee jira, ammoo qananiin Isaa guddoon Ergamaa
Isaa Muhammad (s.a.w)amantii dhugaatiin nutti
erguudha, akka karaa qajeelaa addaan nu baasuuf.
Amantiin Islaamummaa malee jirtu hundi kijiba,
amantiin dhugaa Islaamummaa malee hin jirtu.
Rabbiin Ergamaa Isaa namaa fi jinnii hundaaf erge,
akka amantii hunda injifatuuf jecha. Tanaaf namni amantii Islaamaatiin malee jabeenya ykn injifannoo barbaadu, adunyaa fi akhiiraattis hin milkaawu.
Allaahaan gahaadha ragaa tahuuf akka nabiyyii isaa dhugaa fi qajeelloon erge. Ragaan baha, dhugaan gabbaramaan hin jiruu Allaaha malee, kophaa haala taheen, waahilli (qindiin) tokkolleen isaaf hin taane, Ragaa bahinsa [Arrabaa fi qalbii], tokkichomsuufjecha (qulqulleesuuf jecha Allaahaaf Ibaadaa ykn gabbarttii).
IBSA.
Ragaa bahuun: waan takka dhugaa tahuu isaa eega hubatan, sabachisuudhaan odeesudha.
Hiikaa jech𝑎 𝕃𝕒𝕒'𝕚𝕝𝕒𝕒𝕙𝕒 𝕚𝕝𝕝𝕒𝕝𝕝𝕒𝕒𝕙 :isiin jecha Towhiidaa tan Ergamtoonni hundi
ergamaniin, tan dura itti nama yaamanii fi namaaf ibsani.
Laa Ilaaha jechuun: haqaan gabbaramaan tokkolleen
akka hin jirre dhabamsisti.
Illa llaahu jechuun: Allaahaan haqaan gabbaramaa akka tahe sabachifti.
Kanaaf hiikkaan isii kan sirrii: haqaan gabbaramaan
tokkolleen hin jiru Allaaha malee jechuudha.
Ammas ragaan baha Muhammad [ s.a.w ] gabrichaa
isaatii fi Ergamaa Isaa tahuu, faaruun Allaahaa Isarratti,
Maatii isaarratti (aanaa isaarratti), Sahaaboota
isaarrattis haa jiraattu, Rabbiin isarratti Nagayallee haa
buusu akkaan turaa kan tahe.
IBSA.Namni tokko eega haqaan gabbaramaan Allaaha malee
akka hin jirre dhugoomsee ragaa bahe, dirqama akka
Nabi Muhammad Ergamaa Rabbii tahe dhugoomsee
ragaa bahuu qaba. Ergamaan Rabbii gabricha isaati,
Rabbiin maqaa gabricha kiyya jedhuun Qur’aanaa
keessatti isa yaame. Wanni sadarkaa gabricha Allaahaa
tahuu olitti sadarkaa qabu hin jiru. Kanaaf jecha
Ergamaan Rabbii -
hin gabbaramu, akka Sufiyyaatti jaalala keessa
daangaa dabruun hin barbaachisu.
Ergamaan Allaahaa 𝐬.𝐚.𝐰 akki ja’e :
“na faarsitanii daangaa na hin dabarsinaa, akka
Kirstaanni Iisaa
Ilma Maryam daangaa dabarsanitti. Garuu ani gabricha Rabbiiti
kanaaf isinis gabricha Allaahaa fi Ergamaa isaa naan ja’aa.”
Bukhaarii fi Muslimtu gabaase.
Duuba warri Ahlus-Sunnaa Ergamaa Rabbii ni jaalatan, waan inni dhorgerraa ni dhowwaman, waan itti ajaje ni dalagan, guutumaa guututti jala deeman jaalalaa wajjiin
kan isa hin gabbarre.Eega waan dabarsineetii: [kitaabni] kuni I’itiqaada
(Amantii) tuuta nagaya baatuu taatee fi
tumsamtuu taateeti, hanga qiyyaamaan dhaabbatutti. Isaan Ahlus-
sunnaa wal jamaa’aadha.
IBSA.
I’itiqaada jechuun: Amantii itti muratan kan qalbiin itti
hidhamtee Rabbi ittiin gabbaran jechuudha.
Aaqiidaa jechuun: amantii namni shakkiin malee
dhugoomsee jala deemu, kan qalbiin itti hidhamtu fi itti
quuftu jechuudha. Tuuta nagaya baatuu taate jechuun:
Ahlu-sunnaa wal-jamaa’aan
tuuta karaa Rasuulaa fi sahaaboota qabatte waan taateef nagaya
baatuudha, Adunyaati bida’aarraa, Akhiraatti
ibiddarraa.
Rasuuli (s.a.w) akki ja’e: ((“willii addaan qoodamti
ummani tun bakka torbaatamii sadihitti
[73], hundi isii ibadda keessa seenti, takka malee.”
saahaboonni ni ja’aniin “yaa ergamaa Allaahaa
takkittiin sun tami?” Rasuuli “Isii fakkaataa waan Anaa
fi sahaaboonni kiyya taanerratti taatu.” Jedheen.))
Tirmiizi: 2641Tumsamtuu kan taate jechuun: Tan Rabbiin tumsuuf
addawwii isaattii fi addawwii isaanirratti.
Akkuma Oromoon jattu “qallattullee dhugaan hin cittu”.
Kanaaf abbaan fedhe balleesuuf tattaafatus hin
dandahu. Allaahaan ni tumsaaf hanga qiyaamaan dhihaattutti.
Ahbaashaa fi mootummoonni Addunyaa cufti osoo
waliigalan balleessuu hin danda’an.
Ahlu sunnaa wal jamaa’aa jechuun : Warra karaa Rasuulaa
(sunnaa) qabatan, kan isii irratti walii galan (walitti qabaman) jechudha.[I’itiqaadni ykn Amantiin isaani]
sunis:
Allaahatti Amanuudha,Malaaykoota isaatti, kittaabban
isaatti, Ergamtoota isaatti, kaafamu du’a boodaatti,
ammas Murti Allaahaa mi’aawaa fi hadhaawaa isaatis
Amanuudha.
IBSA.
Iimaana jechuun: Qalbiin dhugoomsuu fi arrabaan
shahaadaa lamaan dubbatuu ammas qaamaan Ibaadaa dalaguudha.
Allaahaatti amanuun: waan afur of keessaa qaba:1. Allaahaan jiraatu isaa amanuudha. Ammoo Namni
Allaahaan hin jiru ja’u, Kaafira.
2. Rabbummaa Isaa, argamsiisaa waan hundaa tahuu
isaatti amanuudha. Ammoo namni Rabbummaa
Allaahaa didu, Kaafira.
3. Gabbaramaa dhugaa tokkicha tahuu isaa amanuudha.
Ammoo Namni Allaaha malee haqaan gabbaramaan
biraa ni jira ja’u, Kaafira.
4. sifaa fi maqaa Rabbiittii amanuudha. Ammoo namni
Rabbiin sifaa fi maqaa hin qabu ja’u, kaafira.
Namni haala dubbatame kanaan hin amanin muslima hin tahu.
Malaaykaatti amanuun: malaaykaan uumaa addaa tan
Rabbiin ifa irraa argamsiise.
Warri maqaan isaanii nuuf himame Jibriil, Mikaa’iili fi
Israafiil k.k.f itti amanuu fi dhugoomsuun dirqama.
Garuu Izraa’iil maqaan jedhamu Qur’aanaa fi Hadisaan
hin dhufne Malakul-Mowt jechudhaatu sirriidha.
Kitaabban isaatti amanuun: kitaaboota Allaahaan
Ergamtoota isaatiif buuse kan akka :
Zabuur kan NabiDaawud, Towraat KanNabi Muusaa, Injiil kan Nabi Iisaa, akkasumas Qur’aana
Kan Nabi Muhammad irratti buufame Rabbiitu buuse
ja’anii dhugoomsudha.
Garuu amma kan itti dalaguun dirqamaa Qur’aanaa
malee hin jiru. Kitaaba amma kiristaanaa fi yaahuudaan
harkaa qaban kun, Qur’aanaan shaaramee jira. .
Ergamtoota Rabbiitti amanuun: Ergamtoota hundatti
amanuudha. Kan duraa Nabi Nuuh yoo tahu kan
xumuraa Nabi Muhammad faaruu fi nagenyi isaan
hundarratti haa jiraatu.
Kaafamuu Du’a boodaatti amanuun: akkuma Qur’aanaa
fi Hadiisa keessatti dhufetti Ilmi namaa hundi eega du’ee
kaafamee fuula Rabbii dhaabbatta jechuun amanuudha.
Namni eega dhumnee hin kaafamnu ja’uu kaafira.
Qadaratti amanuun: Allaahaan waan hunda osoo hin
uumin dura hanga umrii isaanii, akkasumas waan isaan
qunnamuu fi isaan mudatu galmeesee jira jechuun
amanuudha. Wanni ilma namaa qunnamu hundi murtii
Rabbii tan dur murteefamteen argamti
dhugoomsuudha.
𝑎𝑙ℎ𝑎𝑚𝑑𝑢𝑙𝑖𝑙𝑙𝑎𝑎ℎ. 𝐾𝑢𝑡𝑎𝑎 𝑘𝑎𝑛𝑎, 𝑘𝑎𝑛𝑢𝑚𝑎𝑎𝑛 𝑔𝑜𝑜𝑙𝑏𝑛𝑎
Comments
Post a Comment
Jazaakumullaahu keeyran