Skip to main content

Posts

Showing posts from September, 2020

Walaloo obboleessa keenya irra

 ~ ifa baasaa haqaa Yaa irra caalaa khalqii Yaa ifa baasaa haqaa Yaa gara laafaa namaa Ergamaa khaaliqaa Lubbuukees nuuf laattee Jiruu kankee guutuu Utuu akka kiyyaatii Lubbuunkeelleen duutuu Nagaaf rahmanni rabbii Sirra naaf haabuutuu(saw) zulmiidhaaf baaxila Biyya keessaa kaaftee Waanjoo kufrummaa jalaa Nu muslimoota baaftee Nuuf hin qusanne lubbuukee Nuuf gidiraa meeqa seentee Haqa keenya falmuudhaaf Namootaanis jibbamtee Teessoos si dhorkanii Biyyaas ari'amtee miillikeellee dhiigee Dhagaan situmanii Nuuf taate kana cufaa Ergamaa rahmaanii Duuti naman dhiifne Dhuftee sigeessitee Nu'ii fi si'illee Walirraa fageessitee Yoo sin agines ijaan Seenaa kankee dhageenyee Kunoo Al-risala-tuben . Duula huneeyni Irraa geenye kunoo Galata Rabbii Kutaa 14ffaa  Seenaa Rasuulaa rabbii . Qopheessa fi qindeessaa Mattii Al-risala-tube Duniyaa fi akirraatti Nuf milkeessii  Yaa Rabbii . By Awwal Ahimad Jazaakallaah

Seenaa rasuulaa kutaa 15

  SEENAA RASUULAA KUTAA 15FFAA AMATA HIJRII 9FFAA IRRAA HANGA Duula TABUUK. Amata Hijrii 9ffaa Amatni Hijiraa 9ffaan ni dhufe. Warri Siiraa amata saniin amata Kheeysummaa (Aamu Al-Wufuud) ja’aniin. Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wasallam amata 9ffaa Hijirii guutuu Isaa Madiinaa taa’ee Kheeysummaa itti dhuftu qeebalaati ture. *** Kheeysummulleen –Jiilli Damiinoota Gosa adda addaa- Islaamummaa Isaanii labsuuf Madiinaa dhufan 60 oli, Barri Hijrii 9ffaan Jiila kheeysummaatiin guuttamaa ture. *** Amata 9ffaa hijiraa kheeysa Jiilli Kheeysummoota Madiinaa dhufan kheeysaa: 1- Gosa Baahilaa 2- Gosa Banii Tamiim 3- Gosa Banii Asad 4- Gosa Bajiilaa fii Ah’mas fii gosoota biraa hedduutu dhufe. *** Ji’a Rajab, bara Hijirii 9ffaa kheeysa Najjaashii As’hamaa mootichi Habashaa du’e. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Salaat Al- Ghaa’ib (salaata nama fagootti du’ee) irratti salaate. *** Jaabir bin Abdullaahi akki ja’u: Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam “Arra nama Saaliha (Gaariitu) du’e, ka’a...

Duula huneeynii

  KUTAA 14 ƒƒαα SEENAA RASUULAA IRRAA. ●KUTAA 14 ƒƒαα  Duula huneeynii  Duula Huneeyni irraa hanga Hijrii 9ffaa Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam eega Makkaah injifannoon seene guyyaa 19 Isii kheeysa taa’e. Guyyaa saftii Ji’a Shawwaal, bara Hijirii 8ffaa kheeysa Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam gama Huneeyn bahe. Huneeyn laga Xaa’ifitti dhihooti. *** Sababaan Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam gama Huneeyn Baheef, Osoo Makka Jiru Gosti Hawaazin warri Xaa’if tuuta guddoo Rasuulaan sallallaahu aleeyhi wasallam loluuf walitti qabaaakka jiran dhagaye. Saniif gama Isaanii bahe itti dhaqe. *** Warra Hawaaziniif loltuu kuma 20tu walitti qabameef, Dubartootaa fii ilmaan Isaanii akkasumas qabeenya Isaanii Gaalaa fii Re’ee hunda qabatanii lolaaf bahan. Hogganaan Isaanii Maalik bin Owf ja’ama. *** Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Makkaa irratti amiira akka tahuuf Attaab bin Useyd bakka buuse. Attaab bin Useyd Islaamummaa kheeysatti Amiira Makkaah kan jalqabaati. ***...