Skip to main content

Posts

Farra sammuu ilma Namaa

  Al-risla-tube Dhibee fi Dawaa Sammuu kutaa 1ffaa Farra Sammuu Sammuun motora ilma namaati. Motorri kuni yoo hojiin ala ta’ee namni guutun suni hojiin ala ta’a. Motora kana yeroo hundaa boba’aa itti qicu (guutu), kunuunsu fi badii irraa eegu barbaachisa. Abbichi motora ofii kana yoo hin kunuunsin, miidhaf of saaxila. Wanti isin ajaa’ibsiisu sammuun ilma namaa motoras, jeneretaras. Garaagarummaan kanniin lamaani maalii? Jeneretarri anniisa makaanikaala gara annisaa elektrikitti jijjiruudha. Motorri immoo gosa annisaa tokko gara makaanikaalatti jijjiruudha. Fkn, jeneretaratti gaazi yoo itti qican tarbaayinii naannessun annisa elektrikii mana ibsu maddisiisa. Motorri konkolataa bobaa’a of keessatti gubuun konkolaatan akka adeemu taasisa.  Amma kanniin lamaan sammuu keenyan wal bira haa qabnu. Sammuun keenya wantoota kunniin lamaan hojjatan caala hojjata. Alhamdulillah. Sammuu kee jenerataran wal bira qabii. Akkuma jeneretarri ifa elektirikii maddisiisu, sammuun kees ifa beekumsa...

Dhibee fi Dawaa Nabsee/lubbuu kutaa 2ffaa

  Dhibee fi Dawaa Nabsee/lubbuu kutaa 2ffaa Fedhii Lubbuu Faallessu Akkuma torbaan darbee eerre fedhii lubbuu hordofuun miidhaa baay’ee fida. Namni tokko fedhii lubbuu hordofuu yookiin hordofuu dhiisu isaa akkamitti beekaa? Yeroo baay’ee namtichi fedhii lubbuu hordofuu, yommuu gocha fedhiin isaa itti ajajju raawwatu fedhii lubbuu hordofuu hin beeku. Kan inni beeku yommuu miidhaa wanta raawwate sanii arguudha. Mallatoolee fedhii lubbuu hordofuu agarsiisan maal fa’aa? Gosa dhibee beekuf mallatoolee arguun barbaachisa. Fedhii lubbuu hordofuunis dhibee waan ta’eef mallatoolee isaa beekun hin barbaachisu ree? Namtichi yommuu fedhii lubbuu hordofuu; 1.Lubbuun isaa wanta san raawwachuuf garmalee feeti, ni jarjarti- yommuu fedhii keenya hordofnu lubbuun teenya wanta san dafnee akka argannuu itti nu kakaasti. Wanta nu dura dhaabbatu hin jiru hanga wanta feenu san argannutti. Fakkeenyaf, fuudhaa heerumaf ta’uu danda’a, karaa haraamatin hariiroo uumuf ta’uu danda’a, lubbuuun nama tokko wanta ...

Dhukkubbii fi Dawaa Nabsee/lubbuu kutaa 1ffaa

  FEDHII LUBBUU HORDOFUU “Fedhii (hawaa) jechuun uumaman wanta lubbuu ta’utti dabuudha. Dabiinsi kuni ilma namaa keessatti kan uumameedha akka horteen isaa itti fufufi. Osoo nyaatatti, dhugaatittii fi fuudha heerumatti dabiinsi (fedhiin) jiraachu baate, silaa nyaanni, dhugaatinii fi fuudhaa heerumni hin jiru türe. Fedhiin guutumaan guututti wanta faarfamus miti akkasumas guutumaan guututti wanta balaalefatamus miti. Fedhiin ilma namaa kan balaalefatamu ykn jibbamuu yommuu daangaa darbeedha.” Keeyyanni armaan olitii fi kan itti deemaa jirru kitaaba ‘Rewdatul Muhibbiin” jedhamu irraa kan fudhatamiidha. Barreefamni hundii kitaabarraa kan fudhatamee osoo hin ta’in akka dubbistoota galuuf jechoota kiyyaan kan barreessedha. Barreessan kitaabicha Imaama beekkama Imaamu Ibn Al-Qayyimii. Kanaafu waa’ee fedhii lubbuu ilaalchise hanga dandeenyun mee walumaan haa ilaallu. Ilmii namaa yeroo baay’ee daangaa ofii waan hin beekneef daangaa darbuun ofii fi ilmoo namaa miidha. Jecha Arabiffaa “hawaa...

AMALOOTA GABROOTA AR-RAHMAAN- GUDUUNFAA

  Alhamdulillah, amaloota gaggaarii Gabroota Ar-Rahmaan osoo ilaallu kunoo dhumarra geenye jirra. Har’a kutaa dhumaati fi mindaa isaanii ilaalun amaloota isaanii ni guduunfina. Dhugumatti namoonni amaloota gaggaarii qabanii fi hojii gaggaarii iimaana irratti hundeessun hojjatan, mindaan isaanii Rabbii olta’aa biratti garmalee guddaadha. Yaa obboleessa/ yaa obboleetti koo! Nu keessaa eenyutu amaloota gaggaarii kanaan of faayun ganda lamaanitti sadarkaa fi kabaja ol’aanaa irra gahuu barbaadaa? In sha Allah amaloota kanniin gara dhumaarratti ni guduunfina. Amma amaloota hafan haa ilaallu: “ Isaan “Gooftaa keenya! Niitolii keenya fi sanyii keenya irraa gammachuu ijaa kan ta’an nuuf kenni. Warra Rabbiin sodaataniifis imaama (fakkeenya fi hogganaa) nu taasisi.” warra jedhaniidha.” Suuratu Al-Furqaan 25:74 Mufassiroonni (hayyoonni Qur’aana ibsan) “ gammachuu ijaa kan ta’an ” jedhu, “ [Yaa Rabbii] niitolii fi sanyii Siif ajajamanii ijji teenya itti gammaddu nuuf kenni. ” jechuun hiikan. [1...