Skip to main content

Posts

AMALOOTA GABROOTA AR-RAHMAAN- GUDUUNFAA

  Alhamdulillah, amaloota gaggaarii Gabroota Ar-Rahmaan osoo ilaallu kunoo dhumarra geenye jirra. Har’a kutaa dhumaati fi mindaa isaanii ilaalun amaloota isaanii ni guduunfina. Dhugumatti namoonni amaloota gaggaarii qabanii fi hojii gaggaarii iimaana irratti hundeessun hojjatan, mindaan isaanii Rabbii olta’aa biratti garmalee guddaadha. Yaa obboleessa/ yaa obboleetti koo! Nu keessaa eenyutu amaloota gaggaarii kanaan of faayun ganda lamaanitti sadarkaa fi kabaja ol’aanaa irra gahuu barbaadaa? In sha Allah amaloota kanniin gara dhumaarratti ni guduunfina. Amma amaloota hafan haa ilaallu: “ Isaan “Gooftaa keenya! Niitolii keenya fi sanyii keenya irraa gammachuu ijaa kan ta’an nuuf kenni. Warra Rabbiin sodaataniifis imaama (fakkeenya fi hogganaa) nu taasisi.” warra jedhaniidha.” Suuratu Al-Furqaan 25:74 Mufassiroonni (hayyoonni Qur’aana ibsan) “ gammachuu ijaa kan ta’an ” jedhu, “ [Yaa Rabbii] niitolii fi sanyii Siif ajajamanii ijji teenya itti gammaddu nuuf kenni. ” jechuun hiikan. [1...

Amaloota gabroota Arrahmaan kutaa 7ffaa

  KUTAA DARBE KEESSATTI AMALOOTA GABROOTA AR-RAHMAAN ILAALAA TURREERA. HAR’AS MEE AMALOOTA ISAANII BIROO HAA ILAALLU. TARII NUTIS ISAAN ILAALUN EESSA AKKA JIRRU OF QORANNEE JIJJIRAMAAF TARKAANFI JALQABU DANDEENYA. DHUGUMATTI, NAMOOTA GAGGAARRI FAKKEENYA GODHATANII ISAAN DUUKA BU’UUN WANTA MILKAA’INNATTI NAMA BAASUDHA. “Isaan aayaata Gooftaa isaanitiin yommuu yaadachiifaman, duudaa fi jaamaa ta’uun kanneen isaan irratti hin kufneedha.” Suuratu Al-Furqaan 25:73 Kana jechuun yommuu keeyyanni Qur’aanaa gabroota ar-Rahmaan irratti dubbifamu, “duudaa fi jaamaa ta’uun kanneen isaan irratti hin kufneedha.” Kana jechuun hanga duudaa hin dhageenye fi jaamaa hin argine ta’anitti gaflaa keessa hin ta’an.[1] Jecha biraatin, keeyyanni Qur’aanaa yommuu isaan irratti dubbifamu akka nama hin dhageenye duudaa hin ta’an, akka nama hin arginee jaamaa hin ta’an. Kana irra, aayata Qur’aanaatti xinxalluun itti fayyadamu. Akka kaafiraa, munaafiqaa fi nama gaafilaa duudaa fi jaamaa ta’uun irraa hin garagal...

Amaloota gabroota Rahmaan kutaa 7ffaa

  Kutaa darbe keessatti amaloota gabroota Ar-Rahmaan ilaalaa turreera. Har’as mee amaloota isaanii biroo haa ilaallu. Tarii nutis isaan ilaalun eessa akka jirru of qorannee jijjiramaaf tarkaanfi jalqabu dandeenya. Dhugumatti, namoota gaggaarri fakkeenya godhatanii isaan duuka bu’uun wanta milkaa’innatti nama baasudha. “ Isaan aayaata Gooftaa isaanitiin yommuu yaadachiifaman, duudaa fi jaamaa ta’uun kanneen isaan irratti hin kufneedha.”  Suuratu Al-Furqaan 25:73 Kana jechuun yommuu keeyyanni Qur’aanaa gabroota ar-Rahmaan irratti dubbifamu, “ duudaa fi jaamaa ta’uun kanneen isaan irratti hin kufneedha .” Kana jechuun hanga duudaa hin dhageenye fi jaamaa hin argine ta’anitti gaflaa keessa hin ta’an. [1]  Jecha biraatin, keeyyanni Qur’aanaa yommuu isaan irratti dubbifamu akka nama hin dhageenye duudaa hin ta’an, akka nama hin arginee jaamaa hin ta’an. Kana irra, aayata Qur’aanaatti xinxalluun itti fayyadamu. Akka kaafiraa, munaafiqaa fi nama gaafilaa duudaa fi jaamaa ta’uun i...