Skip to main content

Posts

Injifannoo Shumburaa Kuree march 11/1529

  Injifannoo Shumburaa Kuree march 11/1529. A.M © Abbaas Ibni Barreffama kana waggaa 2 dura qopheesse Ammas irra deebiin maxxanse Dubbisa Waggaa 492 dura bara 1529 akka lakkoofsa Awurooppaatti Iddoo Shumburaa Kuree jedhamuutti Waraanni Islaamaa Imaamuu Ahmad Al Gaaziin hogganamu rorroo mootiin Kiristaanaa Libna Dingil muslimoota irran gahe dhabsiisuuf seyfii waliitti fudhatan. Lakkoofsi Loltoota Islaamaa Imaamu Ahmadiin hogganamu 12,560 ture, kan motii Kiristaanaa Libna Dingiliin hoogganamu immoo 216,000 ture. Dubbiin dubbii jajjabduu lakkoofsi Loltoota Kiristaana kun hedduu nama rifachiisa. Hayyuun seenaa Piroofeeser Laphiisoo Deliboo lakkoofsa Loltootaa ilaalchisee akkas jedha. "Lola kana irratti loltoonni Kiristaana hiriiran 16,000 Loltoota Fardatti, 200,000 immoo Loltoota lafooti walumaa galaatti loltoonni Kiristaana guutu biyyaatti irra Imaamuu Ahmad irratti duulan 21,6000 tahu, loltoonni Imaamuu Ahmad qabatee hiriire immoo 12,560" loltoonni gama lamaaniitu meeshaa waraa...

Qophii projektii ramadaanaa kutaa 2ffaa

  Join us| Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog Qophii Ramadaan “Akka lugaatti sooma jechuun wanta tokko irraa of qabuufi hidhuudha. Fakkeenyaf dubbii irraa, nyaata irraa fi kkf irraa of qabuu danda’a. Akka shari’aatti sooma jechuun fajrii (subii) irraa eegalee hanga aduun seentutti wantoota sooma balleessan irraa of qabuudha. Asitti wanta biraatif kan soomu osoo hin ta’in niyyaan isaa Rabbiin gabbaruuf ta’uu qaba. “ Qoodamiinsa soomaa Soomni bakka lamatti qoodama. Isaaniis; Sooma waajibaa (dirqamaa) fi Sooma taxawwu’a (sooma fedhii, dirqama kan hin taane) Sooma dirqamaa fi gosoota isaa: soomni dirqamaa bakka saditti qoodama. Isaaniis: Yeroo isaatin dirqama kan ta’e. Kuni sooma ji’a Ramadaanati. Sababa isaatin dirqama kan ta’e. Kuni sooma kaffaaraa. Fakkeenyaf, namni tokko guyyaa adiin ji’a Ramadaanaa keessa niiti isaa waliin yoo wal qunnamti saalaa raawwate, ji’a lama wal duraa duuban soomu qaba. Kuni kaffaraadha. Sooma namni tokko mata ofii irratti dirqama godhu. Kuni s...

Qophii Proojektii Ramadaanaatif Kutaa 1ffaa

  Qophii Proojektii Ramadaanaatif   Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Qophii ramadaaniif. Kutaa 1ffaa Sammubani.com Join us| Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog Ramadaan Ramadaanni akka lakkoofsa hijriitti ji’a saglaffaa irratti argama. Ramadaanni ji’a kabajamaa Qur’aanni itti bu’ee fi leylat-ul qadr (halkan ji’aa kuma caaltu) of keessaa kan qabudha. Jinni Ramadanaa ji’aa rahmataa, barakaa fi jaalalaati. Ji’a diinni ilma namaa kan ta’ee sheyxaanni itti hidhamuudha.  Sheyxaanni waan hidhamuuf namoonni ibaadatti ka’u, wanta gaariitti fiigu. 1.Kaayyoo fi Bu’aa soomanaa Kaayyoon soomanaa inni guddaan namoota beela dheebun miidhuf osoo hin ta’in, taqwaa (sodaa Rabbii) qalbii keessatti facaasu fi magarsuudha.  يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ كُتِبَ عَلَيۡكُمُ ٱلصِّيَامُ كَمَا كُتِبَ عَلَى ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِكُمۡ لَعَلَّكُمۡ تَتَّقُونَ  “ Yaa warra amantan! Akka isin Rabbiin sodaattaniif Soomni akkuma warra isin duraa irratti barreefametti (dirqama ta’etti) ...

Towbaa kutaa 7ffaa "B" fi isa xumuuraa.

    Toowbaa   Leenjii barnoota Amntii Waa'ee Toowbaa Kutaa 7ffaa "B" fi isa xumuuraa Sammubani.com irraa Join us| Al-risala-tube | Telegram | Facebook | blog Erga Tawbatanii Booda Badii irraa of qusachuuf-kutaa darbe irraa kan itti fufe. Kutaa darbe irraa itti fufuun namni erga tawbatee booda sababoota karaa qajeelaa irratti isa gargaaran ni ilaalla 5-Hiriyyoota babbadoo irraa fagaachu -tarii namni sababa hiriyyaatin badii adda addaa keessa raata’a. Hiriyyaan isaa wanta badaa san waan hojjatuuf innis duuka bu’uun baditti marqama. Abu Muusan (RA) akka gabaasetti Nabiyyiin (SAW) akkana jedhan “ Fakkeenyi hiriyyaa gaarii fi badaa akka nama miskii baadhatuu fi buufaa cimdii afuufu ti . Namni miskii baadhatu yookaa akka kennaatti shittoo siif kenna yookin isarraa bitta yookiin immoo foolii gaarii isarraa argatta. Garuu namni buufaa cimdii afuufu yookaa uffata kee guba yookin immoo fooli badaa isarraa argatta.” Sahih al-Bukhari 5534 Miskii jechuun wanta garmalee urgaa’aa shi...