Skip to main content

Posts

Showing posts from November, 2022

Seena mooticha ka'abaa jigsuuf kakatee, Rabbiin simbira Ababiil itti kaase dhageessee?

  Rabbiin ashkara habasha'aa kan {arba} fe'atee ka'aba jiysuuf makkatti duule waan taasise dhageessee? Si Rabbiin kee mala isaanii hamaa san harkatti hin balleessinee? bakka gayuu hin hanqifnee ? malli badaan isaan deemaniin ka'abaa jiysuudhaa. Ashkara habasha'aa san shinbirroo tuuta tuutan itti ergee hoggaa isaan makkatti dhiyaatan. Tuuta shinbirro'oo tan dhagaa { si jiülin} Isaan darbattu itti ergmee {sıjl} bordoda ibidda jahannamin gubame yookaa bilcheeffame, dhagaa firii shumbura'arra xixiqqa' aa ,kan firii missirarra gurguda, kan maqaan nama itti darbamu hundaa irratti katabamee jiru, shinbirroon sun bahara keessaa duula dhufte, isii dhagaa sadii sadii, miila lamaanifii afaanittin deemtu, dhagaa yoo mataa ashkararra bu'e, sibiila inni matarraa qabu keessaan mataa seenee, jalaan bayu, kan {arba} isaan deemaniin hunda, keessan fufulla'u. Akkasitti Rabbiin duula habasha'aa, kan ka'abaa jiysuu deemu hunda fixe, kan nama oduu isaanii himu...