Skip to main content

Posts

Showing posts from October, 2021

AMALOOTA GABROOTA AR-RAHMAAN- GUDUUNFAA

  Alhamdulillah, amaloota gaggaarii Gabroota Ar-Rahmaan osoo ilaallu kunoo dhumarra geenye jirra. Har’a kutaa dhumaati fi mindaa isaanii ilaalun amaloota isaanii ni guduunfina. Dhugumatti namoonni amaloota gaggaarii qabanii fi hojii gaggaarii iimaana irratti hundeessun hojjatan, mindaan isaanii Rabbii olta’aa biratti garmalee guddaadha. Yaa obboleessa/ yaa obboleetti koo! Nu keessaa eenyutu amaloota gaggaarii kanaan of faayun ganda lamaanitti sadarkaa fi kabaja ol’aanaa irra gahuu barbaadaa? In sha Allah amaloota kanniin gara dhumaarratti ni guduunfina. Amma amaloota hafan haa ilaallu: “ Isaan “Gooftaa keenya! Niitolii keenya fi sanyii keenya irraa gammachuu ijaa kan ta’an nuuf kenni. Warra Rabbiin sodaataniifis imaama (fakkeenya fi hogganaa) nu taasisi.” warra jedhaniidha.” Suuratu Al-Furqaan 25:74 Mufassiroonni (hayyoonni Qur’aana ibsan) “ gammachuu ijaa kan ta’an ” jedhu, “ [Yaa Rabbii] niitolii fi sanyii Siif ajajamanii ijji teenya itti gammaddu nuuf kenni. ” jechuun hiikan. [1...