KUTAA DARBE KEESSATTI AMALOOTA GABROOTA AR-RAHMAAN ILAALAA TURREERA. HAR’AS MEE AMALOOTA ISAANII BIROO HAA ILAALLU. TARII NUTIS ISAAN ILAALUN EESSA AKKA JIRRU OF QORANNEE JIJJIRAMAAF TARKAANFI JALQABU DANDEENYA. DHUGUMATTI, NAMOOTA GAGGAARRI FAKKEENYA GODHATANII ISAAN DUUKA BU’UUN WANTA MILKAA’INNATTI NAMA BAASUDHA. “Isaan aayaata Gooftaa isaanitiin yommuu yaadachiifaman, duudaa fi jaamaa ta’uun kanneen isaan irratti hin kufneedha.” Suuratu Al-Furqaan 25:73 Kana jechuun yommuu keeyyanni Qur’aanaa gabroota ar-Rahmaan irratti dubbifamu, “duudaa fi jaamaa ta’uun kanneen isaan irratti hin kufneedha.” Kana jechuun hanga duudaa hin dhageenye fi jaamaa hin argine ta’anitti gaflaa keessa hin ta’an.[1] Jecha biraatin, keeyyanni Qur’aanaa yommuu isaan irratti dubbifamu akka nama hin dhageenye duudaa hin ta’an, akka nama hin arginee jaamaa hin ta’an. Kana irra, aayata Qur’aanaatti xinxalluun itti fayyadamu. Akka kaafiraa, munaafiqaa fi nama gaafilaa duudaa fi jaamaa ta’uun irraa hin garagal...
بسم الله ﻭﺍﻟﺼﻼﺓ ﻭﺍﻟﺴﻼﻡ ﻋﻠﻰ ﺭﺳﻮﻝ ﺍﻟﻠﻪ ﷺ ............. ......................... Al-risala-tube ............................... Gaarommina Qalbii. . . 🎙 Gorsaalee fi ergaawwan miidiyaalee islaamaa argattu. Inshaa'allaah