Skip to main content

Posts

Showing posts from August, 2021

AMALOOTA GABROOTA AR-RAHMAAN-KUTAA 5.1

  AMALOOTA GABROOTA AR-RAHMAAN-KUTAA 5.1 Amaloota gaggaarii gabroota Ar-Rahmaan waliin barachuuf baga nagahaan walitti deebine. Kutaa darbe keessatti hojii gaggaarii gabroonni Ar-Rahmaan hojjatan ilaalaa turreera. Har’a immoo hojii badaa isaan irraa fagaatan ni ilaalla. Itti haa fufnuu… وَٱلَّذِينَ لَا يَدۡعُونَ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَ وَلَا يَقۡتُلُونَ ٱلنَّفۡسَ ٱلَّتِى حَرَّمَ ٱللَّهُ إِلَّا بِٱلۡحَقِّ وَلَا يَزۡنُونَۚ وَمَن يَفۡعَلۡ ذَٰلِكَ يَلۡقَ أَثَامًا “Isaan Rabbiin waliin gabbaramaa biraa kanneen hin kadhanne, haqaan malee nafsee Rabbiin haraama godhe hin ajjeesnee fi zinaa (sagaagalummaa) hin raawwanneedha. Namni kana hojjate adabbii qunnama. Guyyaa Qiyaamaa adabbiin isaaf dachaa ta’a, kan salphifame ta’ee yeroo hundaa achi keessa jiraata. Nama tawbate, amanee fi hojii gaarii hojjate malee. Warra san Rabbiin hamtuu isaanii gaariitti jijjiraaf. Rabbiin Araaramaa, rahmata godhaa ta’eera. Namni tawbate fi hojii gaarii hojjate, dhugumatti inni gara Rabbii tawbaa dhugaa ...

Kutaa 3ffaa

  Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan-Kutaa 3ffaa Kutaa darbee keessatti amaloota Gabroota Ar-Rahmaan sadii ilaalle turre. Isaanis: (1)-yommuu dachii keessa deeman tasgabbii fi haala madaallamaan deemu. (2)-Yommuu wallaaltonni fi gowwoonni dubbii badaan isaan dubbisan, dubbii gaarii isaanitti deebisuun nagaha ta’u. (3)-Halkan irraa hanga danda’an salaataa bulu. Halkan isaanii tapha, badii fi wanta faaydi hin qabne irratti kan dabarsan osoo hin ta’in Gooftaa isaanii gabbaraa bulu. Badii fi hanqinna isaanitiif obboroo araarama kadhachuu baay’isu. Kuni hundi jireenya isaanii keessatti tasgabbii fi gammachuu dhangalaasa. Mee har’as itti fufuun amaloota isaanii haa ilaallu: وَٱلَّذِينَ يَقُولُونَ رَبَّنَا ٱصۡرِفۡ عَنَّا عَذَابَ جَهَنَّمَۖ إِنَّ عَذَابَهَا كَانَ غَرَامًا إِنَّهَا سَآءَتۡ مُسۡتَقَرًّا وَمُقَامًا “Ammas isaan,“Gooftaa keenya! Adabbi Jahannam nurraa deebisi. Dhugumatti adabbiin ishii namatti maxxanaa ta’eera. Dhugumatti ishiin iddoo qubannaa fi iddoo turtii ta’uun fokkatte!” kann...