Kutaa darbe keessatti amaloota gaggaarii gabroota Ar-Rahmaan ilaalle jirra. Isaan warra amaloota hundarra baay’ee gaariin of faayaniidha. Amaloota kanniin keessaa lama ilaalle turre. Isaaniis, yeroo dachii irra deeman haala salphaa fi tasgabbiin kan deemaniidha. Yommuu wallaaltonni dubbii badaa isaanitti dubbatan, dubbii gaarii isaanitti deebisuun nagaha kan ta’aniidha. Of tuulu fi dubbii fokkuun isaan irraa hin mul’atu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warroota kana keessaa nu haa taasisu jechaa amaloota itti aanan haa ilaallu: وَٱلَّذِينَ يَبِيتُونَ لِرَبِّهِمۡ سُجَّدًا وَقِيَٰمًا “[Isaan] Gooftaa isaaniitiif sujuudaa fi dhaabbataa kanneen bulaniidha.” Suuratu Al-Furqaan 25:64 Amaloota zaahiraa (ifaa) gabroota Ar-Rahmaan keessaa tokko hojii hundarra guddaa qaaman hojjatamu kan ta’e salaata eegudha. Fardiis ta’e sunnah sirnaan salaatu. Keessummaayyu, salaata sunnaa keessaa salaata halkaniitti sirritti jabaatu. Akka lugaatti Sujuuda jechuun gadi of qabuudha. Salaata keessatti immoo sujuu...
بسم الله ﻭﺍﻟﺼﻼﺓ ﻭﺍﻟﺴﻼﻡ ﻋﻠﻰ ﺭﺳﻮﻝ ﺍﻟﻠﻪ ﷺ ............. ......................... Al-risala-tube ............................... Gaarommina Qalbii. . . 🎙 Gorsaalee fi ergaawwan miidiyaalee islaamaa argattu. Inshaa'allaah