Skip to main content

Posts

Showing posts from August, 2020

Mootummaa Federaalaa ta’e, Kan Naannoo Oromiyaa ofii Isaaniif jecha tarkaanfii fudhatuun of haa quluqulleessan!!!

 ★★★★★★ Yeroo biyyattiin rakkoo siyaasaa hamaa keessa seente kanaatti, rakkoo kana daranuu hammeessuuf haleellaa fi ajjeechaan masjidoota, Imaamoota masjidaa fi ummata nagayaa irratti humnoota nageenyaa da'oo godhatuun raawwatamaa jiru kan salphaatti bira darbamu miti. Harargee Lixaatti Imaama Masjida Taqwaa magaalaa Baddeessaa kan tahan Sheikh Abdallah guyyaa kaleessaa ajjeefamaniiru.  Torban kana keessa qofa, kan kaleessaa  alatti iddoowwaan armaangadiitti tareeyfamaniitti Imaammoota fi masjidoota irratti haleellan raawwatamuu ni yaadatama. 1 ffaa:  Magaalaa Hasaasaa Waraanni Mootummaa Mana Sheek Umar irratti yakka ajjeechaa raawwatanii Haadha manaa isaanii dabalatee Sheek Umariin haala sukkaneessaa ta’een du’uu isaanii ibsanii jiru. Dabalataan Daa’imni ji’a sadihii harma dhabuudhaan guyyaa tokko booda du’uu isii ibsameera. 2ffaa Masjiida Qamar Kan Magaalaa Shashamanneetti Waraanni Mootummaa dallaa Masjiidaa Cabsee Rasaasa karaa foddaa Masjida Qamar jedhamurratti d...